Abduu


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Abjuun qaba

Related channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter


Forward from: Tg@chavanii emotions
9.Jaalalaan qabamuun mimoorii sammuu namaa ni fooyyeessa.

10.Ija keessa wal-ilaaluun namoota walhinbeekne jaalala walirraa qabsiisuu danda'a.

11.Yeroo namni tokko gaaffiikee guutuutti siif hindeebisin yookin gonkumaa hinjalqabin, yeroo inni haasa'e xumure callistee turuudhaaf yaali.

12. Hariiroo nama tokko waliin qabdu cimsuu yoo barbaadde iccitii tokko nama sanitti himi.

13. Namoota biratti yaadatamuu yoo barbaadde nama jalqabaa yookin isadhumaa ta'i . Ilmi namaa waanta jalqabaa fi isa dhumaa baay'ee yaadata.

14.Nama tokko osoo jaalatanii guyyoota sadii caalaa itti mufatanii turuun hindanda'amu.Yoo ati yookin namni ati jaalattu tokko guyyoota sadii caalaa mufatee ture jaalalti dhumatte jechuudha.

15.Dhungoon umrii dheeressa . Saayinsiin namni haadha/abbaa -manaa isaa/ishee ganamuu dhungatu/ttu umurii waggoota 5 dabalataa jiraachuu akka danda'u/dandeesu mirkaneessitee jirti.

16.Nyaanni yeroo namni biraa qopheesse namatti mi'aawa.

17.Sooshaal miidiyaan saaykoolojiidhaan akka suusii nama qabsiisutti qophaa'a.

18.Aangoon akka namni waa'ee nama biraa dhimma hin qabaanne nama taasisa.

19. Nama hargansuun isaa jeeqame tokko itti dhiyaattee sagalee olfuudhuudhaan hargantee hargansuu isaa sirreessuu ni dandeessa. Kana jechuun nama tokko itti dhiyaattee hargansuu isaa to'achuu nidandeessa jechuudha.

20.Jaalalleenkee/tee yoo yeroo ati miidhamtu yookin dhukkubdu siwaliin boo'e/boosse , gonkumaa sidhiisee hin deemu/


For more psychological advice please join us👇
 
@oro_inspire @oro_inspire
@oro_inspire @oro_inspire
@oro_inspire @oro_inspire


Forward from: Galmo Show
Dhalatanii guddachuuf
Adeemsi hedduudha,
Hireedhaan wal caaluun
Kennaa mit carraadha,
Gariif qoodni hanqu
Kan biraaf guddaadha,
Onneen tiyya guutuu
Sabaafiin rakkadhaa,
Bal'attee, dhiphattuus
Rakkoon too sadoodha.

Odoon tiyyaaf fiigee
Filadhee jiraachuu,
Shiraan dhugaa dhoyse
Dabaan daldalachuu,
Yaada kankoo dhiisee
Ergamee dubbachuu,
Hiyyeessa gad qabee
Haqa lammiin duuchuu,
Hin fedhu qananii
Rakkoon too balachuu




Du'uuf kharoora qabdaa?
Yoo du'uuf kharoora qabaatte namoota miidhuu, hammeenya itti yaaduu dhiisu. Horii qabdu ofii keef nyaachuy osoo hin taane tulluu seenaa tan hin diigamneen jaari, lubbuu namaatiin baraari, akka si boodaa gatii hin dhabne arruma tajaajila bar jiruu ilma namaa guutuu lafa kaayiin.

Beekumsa qabdu dhalootaaf dabarsi. Ati wallaalaadha haa jennu, kan rakkoo meeqa bahuu dadhabe. Gufataa gufuuwwan hedduu, kan hogguu haalotarraa miidhame tahi, ati yooniis beekaa tahuu barbaadde beekhaa addaati. Akkamitti yoo jette; akkamitti rakkoo san dabruu dadhabde dhalootaaf himi, gufuuwwan si mudate dhalootaaf himi, karaa dogoggoraa deemte dhalootaaf dhaami. Gaafa san ati beekumsa hangana hin ja'amne dhalootaaf lafa keesse.

Karoorri du'aa kanin ja'u khana. Ati gaafa kana goote qoricha du'aa ni qabda jechuudha. Du'a sitti dhufuuf deemtuuf karoorri lafa kaatte maali? Qoricha isaa hoo maal lafa kaatte? Dafii itti yaadi.


Forward from: Milkaa'ina jireenyaa✍
🌎🌍🌏#Uumama namaa ilaalchisee waantota na ajaa'ibsiisan muraasa isiniif eeruu laata!.

🏄🏄*Umrii ijoollummaatti miira nuuffii argisiisuu isaanii fi nama guddaa ta'uuf tattaafachuu isaanii... !!! Erga guddatanii booda immoo mucaa fakkkaatanii argamuuf tattaafachuun isaanii na ajaa'ibsiisa...!!!. 🏤🏠🏠⬆️⬆️⬆️ Mallaqa kuufachuuf jedhaanii fayyaa isaanii dhabuu ...!!! Fayyaa isaanii deebisanii argachuuf immoo mallaqicha deebisanii baasii gochuun isaanii na ajaa'ibsiisa!!!. 🔐🔐🔐🔼🔼 Guyyaa boriif dhiphachuuf jecha har'a jiraachuu dadhabuu isaanii fi guyyaa har'aafis ta'e guyyaa boriitiif utuu hin mijaatin akkasumaan dhiphaachuu isaanii na ajaa'ibsiisa!!!. 🔑🔑🔑🔸🔸🔸Akka nama hin duuneetti jiraachuu isaanii fi akka nama jiraatee hin beekneetti dhiibbaa tokkollee utuu hin uumin du'uun isaanii na ajaa'ibsiisa!!!.

Egaa hordoftoota keenya qophii biraa hamma qabaannee dhufnuutti nu waaliin tura. Kobbeetu dhuma malee qubeen hin dhumu!.

🍏Join& share🍎👇👇
📢JOIN & 🔗SHARE
╔══════════════════╗
📚JOIN: @milkaainajireenyaa
📚JOIN: @milkaainajireenyaa
📚JOIN: @milkaainajireenyaa
╚══════════════════╝

5 last posts shown.

86

subscribers
Channel statistics