Milkaa'ina jireenyaa✍


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


YAALII DADHABI MALEE YAALUU HIN DADHABIN!
✓gorsaa xiin-sammuu
✓seenaa jireenyaa
✓jechoota dinqisiisoo
✓jechoota hayyootaa
✓ discussion group * @milkiijireenya *
✓yaadaaf @MilkiiMilkaainaa_bot
✓channel dabalataa: Kaayyoo kaayyeffatame(@Kaayyoo_kootiif )

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Statistics
Posts filter


Forward from: @KIRKIRA _JIREENYAA
1) Jireenya keessatti itti gaafatamummaa
fudhachuu hin sodaatiin.Tarii yoo milkoofte
gaggeesaa/hogganaa taata. Yoo dadhabde
immoo irraa baratta.

2) Namni waan dubbatuun/jedhuun utuu hin
taane waan hojjetuun ibsama. Kanaaf nama
gocha isaatiin malee jecha isaatiin hin madaaliin.

3) Namni tokko yoo si miidhe baay'ee itti hin
gaddiin/mufatiin. Sababni isaa muka ija/firii
mi'aawaa qabutti dhagaa fi furguggeen baay'atti. (ija muka sanaa cirachuuf)

4) Addunyaa kana irratti namoonni yeroo
mara daandii milkaa'ina kee irratti dhagaa/
dhakaa darbatu. Wanti murteessaan garuu
akkaataa ati dhagaa sana itti ilaaltudha; ittiin
riqicha hojjetachuu ykn ittiin cufaa ofitti ijaaruu filadhu.

5) Bu'aa bahiin/ce'iin jireenya nama
dhamdhamsiisa. Injifachuun immoo hiika
jireenyaa nama hubachiisa.

6) Bilisummaan yoo rakkina qabsoo keessatti
nama mudatu jala dhaabatan malee namatti hin mi'ooftu.

7) Daandiin gufannaa hin qabne galma itti
geessu hin qabu.

8) Waan darbe yaadachuun godambaa
(museum) daawwannaaf namatti toludha.
Keessa turuun garuu kufaatiif nama saaxila.

9) Yeroo hunda/hoggayyuu waan darbe
yaaduun/ dhundhumuun kufaatiif daandii
barbaaduu/ soquudha.

10) Wanti kaleessa hojjette waan guddaa
ta'ee yoo sitti argame har'a waan sana caalu hin dalagne jechuudha.

11) Abjuu kee dhugoomffachuuf hin
dhamaatu taanaan nama kan biraatu abjuu isaa akka dhugoomsituuf si qacarata.

12) Gaara/tulluu dheeraatti ol bahan malee
lafa dakee/diriiraa hin argan.

13) Sammuu gaarii qabdu lafa onaa hin
taasisiin misoomsii waan gaariif oolchi.

14) Sammuu kee ati maallaqaan hin
bitanne;waan gaarii akka ittiin hojjettuf tola
badhaafamte.

15) Namni kan milkaa'uu dhabu waa of
harkaa dhabee utuu hin taane utuu qabuu itti
fayyadama wallaaluudhaani.

16) Nama sitti dhiyaatu tokko hattee/
gowwomsitee yoo milkoofte, namicha akka
gowwaatti hin yaadiin. Hamma ati isa miite
caalaa si amana waan ta'eef si dhiise.

17) Amanamummaan kennaa mi'aawaa/
qaala'aadha. Kanaaf nama bushaa'aa/rakasa
harkaa naaf kennama jettee hin eeggatiin.

Galatooma wani dubbiftanif🌹🌹


❇️ Iftoomina❇️

AS Wr Wb

Gamna Namaa anafi sille
Rabbi Nuhaa godhu......

Akkuma durarratti siif xuqu yaaletti
ofitti Amantumma
wajji laalla.
▪️Iftoomina jechun Lubbu keetif
ejjanno jabaa qabaachudha
Ejjanno karaa kaayyo kebItti mirkaneffattu Eeyyama Rabbiitin.

🔸 Iftoomina Qabaachun Dirqama.
yo ati iftoomina Hinqabaanne
Eenyu dhufe Siif qabaata.

Sammuuke Xabachiisu keessattif Qaama Kanke Keessatti Tahes yo dandeesse Lubbu keetin
Jechudha::
Kana mirkanessu Nandandaha kana Hojjachu Nan dandaha Jechuudha.

*⃣ Namni Soda Naman Ofirra
Kaasa Jedhe Carraaqe Sodaata Tahe Hafa Namni Iftoominaaf
Carraaqe Jijjiirama Nifida .

🔼 Of ta'uun Rabbii keetitti ikachuuf
Sigargaara .
🔽if ta'uun Sodaa Rabbitiifis sigargaara.

❇️ Namni Of ta'eFaaru ilma Namaa
Hojjatu irratti Faaru Hin barbaadu, Namni Faaruu Barbaade Sadarkaa of ta'uLakkiseera .

♦️Namni Tarkaanfi Keessatti Of ta'e Mo'ata Tahe argama.
➡️of ta'i of ta'uun Tarkaanfi
kee duraati.
⏺of ta'un Ruuhi/qalbii
Jagnummaati.
🆗 Nama Hindandeessu Siin jedhu
Jaalladhu
Maalif Waan Hin dandeessu jedhe
san Dafte Waan Hojjattuufi.
*⃣ yeroo if shakkite ardii kana irratti Nama dhaabbate Sochoohu
taata .

Dhiira kiyya
na wajji jirtaa mii maa na faana bu'i kaa

🔺Namni of ta'e
Akkana ofin jedha:
cimaadha, Garu nimijata, ni danda'ama....
Namni ofin taane immoAmri Namaaf mijatu deddebise
Osoo laalu Itti Jabaate Hafa .

🔻Qaxarri YknRakkon guddaan
Nama mudatu dandahu Lubbu ofiitti niyyaa baduudha..

Horaa bula deebana.
waan dubbistaniif galatooma.
Waan dubbiseefi Dhagahe irra.

Rabbiin Gamna
Namaa Nuhaa godhu.

From: @AllHashimslamicstudent @AllHashimslamicstudent

@milkaainajireenyaa


Forward from: @KIRKIRA _JIREENYAA
KUNOOTII BIYYEEN JENNATA


Gurbaa baay'ee hiyyeessaa tokkotu mucaatti takka argee jaalatte.Abbaan mucaatti baay'ee soreessadha. Gurbaan mucaatti kaadhimachuu barbaadee,abbaa mucaatti bira deeme gaafate.Abbaan mucaatis gurbaadhaan biyyee Jennata na fidii mucaatti koo siif kennaa.waan an qabu hundaa isiitu naaf caala.jedheeni ''namoonni achi naannawa isaanii turan Dubbiin raajii itti ta'ee biyyee Jennata !! biyyee Jennata eessa fuudhee fida ? jedhan, gurbaan immoo tolee,jaaladhe,jecha kee fudhadhe jedhe deeme.torbee tokko dabarsee haadha isaa bira deemee.haatis ''Namtichi kuni heedduu soreessa maaltu namticha kana bira si fide yaa ilma koo? jettenii.gurbaanis haadhaan mee takka gad-taa'ii harmee too jedheenii.bakka isiin millaan ijaatee milla isii ol kaase biyyee hammaree namticha bira deemee.namtichati dhaqee biyyee keessa biyyee Jennata akka si fidu na ajaje mii, kunooti biyyeen Jennata.jennanii milla haadha jalaa jirti jedhanimii.kunoo milla haadha kootii jala si fidee jedheeni.
namtichiis toluma fudhadhu jechu eegale.

HAADHAA jechuun waan guddaadha. Waan guddaa nuti gatii isaa kafaluu hin dendeenyedha.haatii isii tolaan nu jaalatuudha, isii nuuf miidhamtee, nuuf beeloftee, baleessa keenya tokko nuuf dhoksitee, tokko nuuf obsitee, tokko irraa nu gorsitee, waan hundaa nuuf dandeessuudha.haatii lamuu namaaf hin dhalatuu, Haatii takkumaa lama hin jirtu, haatii biddeen haadhaa namaaf hin taatu.

DHIFAMA NAAF GODHAA🙏
Namni haatii teessan addunyaa qilleensaa tanarraa hin jiree bareeffama koo kana kan dubbistanii yoo jiraatani.
Haadha teessan Muslimaa yoo taate RABBIIN jennatul-firdoosiin isii haa qubsiisuu🤲 taa amata biraas hordofuutu yoo taate biyyeen itti haa salphaatu.

Namni osoo haadha qabdu itti saftuu osoo yeroon hin darbine dhaqqabaadhu Boruu gaabbite hin dhaqqabdu.namni haadha tee mufachiifte araarfadhu.

Anaaf isiniifis Rabbiin nuuf haa laafisuu. Nama haadha Abbaatti tola oolu nuu haa taasisu.


RAAKKOWWAN KEENYAA FURAACHU DAANDA'UN GARA JIREENYA BARBAANNUTTI AKKA IMALLUUF DAANDII NUUF SAAQA.
@WameranTolera


Jireenyaa keenya yeroo jiraannu kamittu ni raakkanna, rakkinota keenya waaqayyoos nu gargaree ofii keenyas jabaanne raakkowwan keenya ni furaanna, sana booda ni jiraanna. Jireenya barbaannu kamu dhugumaan argaachuf raakkowwaan keenya furuu danda'un dirqaama keenyaadha.
Jireenyii irrii caalaa isa raakkoo furuu danda'uuf raakkoo keenya furuu dadhaabu keenyan kan nutti murteeffamuu danda'udha.

Jireenyii nutti raakkowwaan keenya furuun keessa darbinee jiraannu kamtu immoo jireenyummaa feenuuf utuu argannee jennes duraan haawwa turreedha. Eenyu iyyu hangaa raakkowwan isa furachuu danda'utti kallatti Barbadee keessa bahe bakka gahuuf fedhu gahee argamuu ni danda'a. Jireenya jiraannu sadaarka barbaannuf fedhii keenyan geenye akka hin jiraannef warreen nu danqaan keessa rakkinii humna qabeessaf isa cimaadha. kanaafu raakkinoota keenyaa sadaarkan furaa yoo adeemnu tarkaanfii keenyas utuu hin jaalatiin gara jireenyiicha barbaannuti ni adeemsiisa.
Waaqayyoo yoomiyyuu raakkinoota irra gorree osoo hin taane rakkinatti gallee akka waa irra baraanne keessa darbinuu barbaada. Raakkinni barnoota namni yaaliin sitti hin agaarsifne waa'ee jireenyaa ofii isaatti sii barsiisa. sitti agaarsiisa.

hin dogooggoriin, waaqni eenyunuu kan inni qoree ilaaluu rakkinaa keessati. kan inni leenjisuus achumaa keessati.

Namni kamus hangaa bakka amma jiruutii waantoota jiraan furuu fi sissiireese qajeelchu hin dandenyeeti tarkaanfii asirra gartokkotilleen taasiisu hin danda'uu. Hangii tarkaanfii jireenyaa keenya hamummaa nutti itti bakka amma jiruutti waantoota fi rakkinaa furuuf qindeessu dandeenyu gaha.

waaqni yoomuu yoo ta'ee raakkina keenya amma keessatti waantoota jireenyaa keenya eegere keessatti nu barbaachiisan baay'ee isaani nu hubaachiisa. nu baarsiisas.

kanaafu, yeroo hundumaa raakko koo keessa naa baasii utuu hin taane tooftaan ittin raakko kana furmaatan moo'adhee waanta na barbaachiisu keessatii argaachu danda'uu hubaannaf ogummaa naaf kenni! adeemsan itti raakko kana furaachuf jedhee keessattis ati na gargaaris na qajeelchii jedhiiti kadhaadhu malee waaqayyoon raakko kana keessa maaf na galchitee dafii keessa na baasi jedhani kadhaachun yoo dhumaa akkasumaani yeroo ofi gubuu ta'ee malee kadhaata dhagaahamu miti. Ergaa keessa sii baasee maaliif raakkochumaayyun wal argunu siif barbaachiiseree? caaluma jedheet siin eebbisuu. Kaayyyoon waaqayyoo raakkoo keessatti nama ilaalu fi namatti fiduu inni guddanuu itti qabee achii keessatti sii barsiisuuf sii leenjisuufi. Waaqayyoo hanga waanta raakkoo sana gara kee waan fideef ergaa isa xumursiisutti raakko dhumaa sana keessatti yoo ati dadhaabdu sii jabeessaa, abdii kutaattu abdii sitti horaa, yoo ati kophaa kooti jette wowaattu sii gargaraa dhuma keessa sii tursa malee hangaa leenjiif barumsaa raakko sanan qabee ittin sii hubaachisuuf fidee xumurutti raakkocha ittumman sii raakkisa malee eessattu hin geessu!

kanaafuu, raakkowwan keenya nu quunnaman carrawwaanif bu'aalee gurguddoo of keessatti qabatani akka jiran hubannee raakkowwan sana furree/furmaata itti gochuun kayo mataa keenyaaf oolfachu qabna.

#Raakkowwan keenya yoo numan furaamun bu'aa mataa keenyaf oolu hin dandeenye numan miidhaaf saaxiluu.

#Namoonni kan isaan rakkoolee isaani ka'umsaaf Sabaaba godhachuun gara waan biraa isaan hin ilaalaanetti tarkaanfii taasiisun yoo isaan itti miidhaaman arginuu humnaa fi akkaata raakkowwan isaani furuu irraatti dadhaaboo waan ta'aniifi. Kana malees, haaloota keessa jiraanif bakka jiraanis ka'umsaa godhaachun hanqinaa waantoota tokko tokko qabanin of ceepha'un yaaddoonis of sodaachisun Abdii kutaannan raakko isaanif dafaani harkaa waan kennanifii.

Kanaafu, miidhaama namoonni raakko isaanitiin waan moo'amaniif irra gahee of oolchuf jabaanne raakkowwan keenya kallaatti garagaraatiin waantoota garagara bu'uuraa fi ka'umsaa godhaachun nu quunnaman hundumaa haa furaannu.

✍wameran Toleeraa Banti

SHARE
@milkaainajireenyaa
@gorsa_jireenya


➥ Yeroo Hojjechuu qabdutti yoo hin hojjanne, yeroo kolfuu qabdutti boossa jechuudha. Kanaaf tattafadhu!

■ Nama si sobu maalif akka si sobu hin gaafatin. Sababni isaas gaafii kee deebisuuf soba biraa soba waan ta'eef.

■ Oduu Kuntaala 1 odeessaa oolu irra Hojii kilo 1 hojjattee yoo agarsiiste siif wayya. Kanaaf Xiqqoo haasa'i baay'ee hojjadhuu agarsiisi!

■ Gaarummaan ati har'a hojjattu Galaa kee borii siif ta'a. Kanaaf Jal'ina lafa kaa'ii waan gaggaarii qofa facaafadhu!

■ Gaafa ol baatu warra sii gadii hin dagatin! Sababani isaas gaafa gadi buutu isaanuma deebitee argatta waan ta'eef.

■ Lubbuu kee waan hin taanen hin dhiphisin! Sababni isaas akka si darbuuf kan siif barreeffame sin argatu. Akka si argatuuf immoo kan siif barreeffame sin dhabuuti.

■ Namoonni tokko tokko akka axxiffannaati. Jireenya kee keessaa gaafa ba'an galata jedhi malee of hin goolin!

■ Callisuu kee keessatti wantoonni ati hin dubbanne baay'een akkuma jiran kolfuu kee keessa dhukkubni ati dhokfattu baay'eetu jiru.

■ Waan hunduma amanuu dhaaf hin ariifatin! Sababni isaas sobni dhugaa irraa ariifatee gurra si lixaati.

■ Nama balbala onnee kee rurrukutu hundumaaf ariifattee hin banin! Sababni isaas namni tokko tokko akka ijoollee balbala rurrukutee fiiguu jaallata waan ta'eef!

■ Namni kan sitti hin hinaafne gaafa ati rakkatte qofa dha. Gaafa milkaa'inni kee baay'atu hinaaftonni kees lakkoofsan danuu dha. kanaaf si hin dinqin!

■ Nama tokko yeroo jaallattu amma argattutti utuu hin taane amma dhumaatti jaaladhu! Isa har'a akka salbaajii uffatanii boru baafatan dhiisi!

■ Gaafa qabeenya argattu Uumaa kee yaadadhu! Qabeenyi hiyyummaa irraa malee du'a irraa si hin oolchu waan ta'eef.

■ Dandeetti kee kan agarsiisuu qabdu warra si dinqisifatanitti utuu hin taane warra si tuffatanitti haa ta'u!

■ Saree yoo si ciniinte deebitee hin ciniintu. Akkuma kana namoota jal'ina si irratti yaadanis tuffadhuutii bira darbi! Isaan irra wayyaa'uu kee itti agarsiisi!

■ Nama gaarii yaaduuf gaarii hojjatu yoo taate namni ati dhabdu hin jiru. Garuu namni si dhabu immoo jira.

■ Jireenya mataa kee oofuu yoo hin dandeenye jireenya namaa irratti imalaa taata. kanaaf kan ormaa dhiisi kan kee gaggeeffadhu!

■ Maaliif sitti fakkaata Daawwitiin konkolaataa inni duuba agarsiisu xiqqaatee inni fuuldura agarsiisu kan guddaa ta'eef... Isa dudduubaa irra inni fuulduraa waan caalufi dha.

■ Atis Boriin kee har'aaf kaleessa kee caala wan ta'eef kaleessa kee xiqqoo xiqqoo yaadachaa borii kee fageessii ilaali!

■ Kufuu kee caalaa shakkuu keetu Abjuu kee borii dukkaneessa. Kanaaf abdii horadhuu tiradhu ka'i karaa kee itti fufi!

■ Dhalli namaa kan inni hin dabarre guyyaa du'a isaa qofa dha. Guyyaan kun Rabbiin wajjin ni darbama jabaadhu!

■ Amma hin dhaabbannetti tirachaa deemaa jirta taanan iddoo yaadde inuma geessa. Kanaaf dhaabbachuu irra tirachuun ni caala.

■ Xiyya gaafa darbatan akka inni fagoo deemuf sirriitti duubatti harkisaniitu gadi dhiisu. Atis akkuma kana haalli keessa jirtu gaafa duubatti si harkisu fageessee fuulduratti si darbachuufi waan ta'eef jabaadhu kaayyoo kee irratti xiyyeeffadhu!

▷ Obboleessa koo, jireenyi Guyyaa 3 dha. Isaanis: Kaleessa, Har'aa fi bori jedhamu. Kanaaf:-
➛ Kaleessa kee irraa baradhu!
➛ Har'a kee jiraadhu!
➛ Borii kee karoorsi!
#channel @milkaainajireenyaa share godhaa.👇👇
@milkaainajireenyaa
@kaayyoo_kootiif


namoonnii karaa facebook dhaan nu hordofuu barbaaddan.
search godhuun nu argachuu dandeessu.

Facebook page: Milkaa'ina jireenyaa
Fb: Abdi Abiyo Edao


Don't lose Hope...
maintain your Focus. Move at your own pace and with determination and your eyes on the ball, success will be yours. Never bother about how fast people are moving. Remember it's not how fast you build your house but it's how firm and strong the house will be when the storms come... You have the seal of Greatness on you so don't settle for less.

Have a Fabulous Day 💕 🤗 ❤ 👍

@Motivational channel 💕hchannel 💕


Jiruun an jiraadhutti kan murteessituùf ati eenyu waan taatefi?
Sirrii akkan hin ta'in ifin beeka, ta'uufis hin jiraadhu.
Garuu quba kee natti qabuun duratti harki kee qulqulluu ta'uu mirkaneeffadhu.
✍ Bob Marley


… ANATU BALLEESSE …!
.
Naannoo bara 1740-1786 Dh. K . B biyya peerushiyaa kan bulchaa ture mootii humnaan bulchuuf garuu amala addaa qabu Fireedirik jedhamutu ture. Namichi kun humnaan haa bulchu iyyuu malee amala abbaa irrummaasaa kana faayidaa uummataaf oolcha.
Guyyaa tokko mana adabaa biyyasaa jiru tokko eegdotaan marfamee utuu daawwatuu waan ajaa’ibsiisaa tokko arge. Akkuma inni mana adabaa daawwachuuf dhufa jedhamee odeeffameen hidhamtoonni dhaga’aanii qophaa’anii eeggachuu eegalan. Namni kun amala humnaan bulchuu waan qabuuf ofumasaa waan barbaade akka murteessu nii beeku. Tarii garasaa ilaalanii yookaan iyya isaanii dhaga’ee gaddeefii battaluma sanatti hiikuuf akka inni aboo qabu nii beeku. Fireedirik akkuma mana adabaa sana seeneen hidhamtoonni hundinuu iyyuu eegalan. Inni tokko asiin “ Yaa mootii utuun waan tokko hin balleessinan hidhame . maaloo nahiiki. “ jedha. Inni kaan immoo asiin “ Yaa mootii ani nama qulqulluudha, ani nama tasuma yakka hin qabneedha” jedha. Hundumtuu dabaanin hidhame jedhee iyya.
Mootichis namni hammi kun akkamitti haqa dhabuudhaan hidhame jedhee utuu yaaduu kallattii tokkoon gara suuqaa yemmuu ilaalu nama matasaa gadi cabsee suuqa taa’u arge. Mootichis gara namichaatti dhiyaatee “ Hidhamaan kun hundumtuu qulqulluu akka ta’e iyyee dubbata; ati maaf calliste ? haallikee akkami? “ jedhee gaafate.
Hidhamaan sunis oljedhee “ Waanan hojjedhe natu beeka, ani badiin qaba, anatu balleesse, hidhamuunkoos waanuma naaf malun argadhe “ jedhee deebi’ee boquu cabsee taa’uu itti fufe. Fireedirik erga kana dhaga’ee gara eegdota mana hidhaatti garagalee qajeelfama tokko dabarse. “ Hidhamtoonni kun hundinuu nuti qulqulluudha jedhaniiru, namni kun garuu yakkamaa akka ta’e amaneera. Namichi yakkamaan kun qulqulloota gidduu taa’ee amala isaanii akka hin balleessineef amma haa hiikamu! “ jedhe. Daqiiqaa muuraasa boodas namichi bilisaan gad dhiifame.
Dogoggoruun badii tokko yoo ta’u, akka hin dogoggoretti yaaduun immoo badii lammataati. Yeroo hundumaa dogoggora amanuu mannaa haaluu filatta yoo ta’e miidhama hedduuf of saaxilta. Dogoggora amanuu diduu mannaa daandii gaariin itti gaafatamummaa fudhachuudhaan dhiifama gaafatanii gara fuulduraatti adeemuudha!!



Page kanatti yoo hiriyyaakee dabalte natti tola!

Hiriyyaakeef share…share…yoo goote akkumakee irraa barata!
@mikaainajirenyaa


Namni jireenya isaa keessatti haga qofaa isaan haasa'u eenyuma waliin, eessatiyyuu hin haasa'u. Sa'aatii 24 keessaatti yeroo yartuu jedhamteef illee utuu ofii isaa hin haasofsiisin hin turu. Waan kun keessa keetti gaaffii uumuu mala. Garuu, sirriidha. "Utuu roobduu karaa maasii koo Sanis" jedhe namichi, haasa'a tokkoon waan qabamaniif, hojiin waan itti heddummatuuf, haasa'uurraa waan hin boqonneef waa'ee ofii isaanii hin yaadanii jechuun dogogoraa dha. Namni sa'aatii qabu kamiyyuu keessatti mariin jalqaba waltajjii guddicha ofii isaa waliin edda taasisee booda gara adunyaa alaatti kan ce'u. Haasa'i cimaan namni taasisu ofii isaa waliini dha. Haala fi dhimma itti of haasofsiisaniin kan murtaa'u yoo ta'eyyuu of haasofsiisuun fayidaa hedduu qaba. Keessaa muraasa: eessaa akka kaate, eessa akka jirtu fi EESSA AKKA DEEMTU si akeeka. Kana jechuun of haasofsiisun:
£ koompasii ofii kee soqachuuf si gargaaru dha.
£ Daawwitii keessatti of argitu dha.
£ Waltajjii guddicha namni marti dhuunfaa isaatti qabu fi qabaachuu qabu dha.
£ yeroo qorannoo fi qo'annoon of baruu itti gaggeefamudha.
£ Namni kamuu utuu beekuu fi hin beekin of haasofsiisuu irra darbee saganteeffachuun yeroo of dhaggeeffannaa jedhamuun qoodameen dhiima itti bahus qabaachuun waa'ee ofii sirriitti akka baratuuf ni barbaachisa.
Of dhaggeefachuu keessa of haasofsiisuu isa sirriin ni guddata. Of haasofsiisuu keessatti immoo eenyummaa keenya isa dhugaa ni arganna. kanarra darbee, jireenya keenya guyya guyyaa mijeessuu, milkeessuu keessatti qoodi of haasofsiisuun qabu guddaa dha. Akkuma Cobni bishaanii dhagaa cabsu, of haasofsiisuu dhiisun sadarkaa nama dhuunfaatti ta'u dinagdee, hawaasummaa akkasuma siyaasa biyyaa nama dhuunfaa haga adunyaa tti jiru jeequu ni danda'a. Maarree, balaafama hamaa kana jalaa ofii keenya fi qaama biraas baasuuf yeroo ofii kenninee ofiin haa haasofnu! Of haa dhaggeefannu!


Maybe it is time for the new beginning you have wanted to start. So close the chapters to how life was because better days are what lie ahead.

When you believe a brighter future is on the horizon, you will see the storm will subside, and the sun will be shining on the path you are now walking.

Remember, if you believe it, you will achieve it!

💕 🤗 ❤ 👍

@milkaainajireenyaa channel 💕


Forward from: 👫Gorsa Jireenya✈️
NAMICHAA AFUUFFEE GURGURUU SAN!

Namticha afuuffee gurguruun jiraatu tokkotu ture. Afuuffeeleen inni gurguruu sunniin halluu diimaa, keelloo, cuquliisaa fit magariisa qabu turan. Namtichii kun wayita gabaan dhaabamu, afuuffee tokko afuufee qilleensa keessa gadhiisa. Ijoolleenis wayita afuuffee kana qilleensa irratti argan, dharraan afuuffee tokko bitachuu keessa isaaniitti waan uumamuuf, namticha bira deemanii bitatu. Tooftaa kanatti fayyaadamuudhan namtichi kun afuuffeelee baay'ee gurgurachuun Galii isa guddiifata ture.

Gaaf tokko mucaan xiqqaan tokko namticha afuuffee gurguru kana bira deemee karaa duubaan jaakkeetti isaa tuqnaan garagaralee ilaaleen mucaa kana. Mucichis, "utuu afuuffee gurraacha qilleensa irra gadhiiste bololiyuu ni danda'aa? Jedhee namicha gaafate. Namtichiis akkas jedheen "ilmako! Waan keessa jirutu affuufficha qilleensa keessa bololiisa malee, halluu afuuffichatu afuuffichi qilleensa keessa akka bololi'uu godha miti jechuun deebiseef.

Ergaa seenessa olii kana keessa tokko waantootni kamu sochoo'uf humna sochii isaanirra barbaachisuuf akka sochoo'aanif isaan gargaaru barbaadu. Warreen sochiirra jiraanis humna mataa isaani itti sochiicha godha jiraan ni qabu jechuudha. Yeroo hundumaa waantoota sosochii godha oolan keessa ilmi nama isaa tokko. Ilmi nama kunis kan akkaata fi humnaa sosochii jireenyaa isaa uumammaan waaqayyoon bira kennameefidha. Nama taanee addunyaa kanarra kan jirruu hundii keenya iyyuun humnaaf dandeetti gudda of harkaa qabna. Humna fi dandeetti guddaa of harkaa qabnu kanas akkaata maluti ykn ta'utti itti fayyadamuuf hangaa ykn haama humnii fi dandeetti keenya kun gahu sirritti hubaachu nu barbaachiisa. Yoo hangaa humniif dandeetti keessa keenya jiruu sun gahu hubannerras ta'ee gahee nurra barbaachiisu kallatti hundumaan akkaata nurrati barbaachiisutti ni bahaana jechuudha.
Gahee mataa keenya isaa guddaa addunyaa kana keessatti qabnus guutummaa guutuutti bahaachu yoo dandeenye milkaaini keenya dhugaanis achii keessa Waan jiruuf milkaaina mataa keenyaf barbaannus ni gonfaanna.

Kanaafuu, nuttis beekamti fi bakka guddina barbaannu sana geenye argaamuf humnaa guddaa uumammaan of keessaa qabnu sirritti yoo fayyaadamuu dandeenyedha.

@Gorsa_jireenyaa
@Milkaqinajireenyaa


SAFFISAAN GARA DURAATTI
DURSITEE DORGOMUUF JALQABI

Jalqabuuf dursii
"UF ARGADHU"
marsaa ykn kennaa ganamaa kan uumaan siif kennee ittiin si uume san argatuuf yaali

wanta yeroo baay'ee osoo hin beekin dalayduu fii wanta dalaguu jaalattu sun kennaa ganamaati gara kennaa sanaatti bobba'i

kennaa addaa kee saniin yoo hojjatte eennuyyuu siin hin dorgomu
ati yeroo san INJIFATAA dha
saffisa ykn hurrisa guddaadhaan addunyaa gara duraatti ceesis

#FAST FORWARD
#JAL-QABI👍


@kaayyoo_kootiif
@milkaainajireenyaa


Tulluun gamattii laalan yoo itti deeman hurriidha
Wanti damma fakkaatu yoo dhandhaman furriidha

Kan hamma dhagatti eegamu hin ulfaatu hamma baalaa
Kan shittoo Wal dibetu deebi'ee dhoqqee Wal faala

Hammin lakkuu dhalee yoo guutes xoo foon jibbaa
Eessayyuu gahu jette
Of hin laaffisin jilbaa

Gobaaf qoraatti jidduu
Kiyyoo xaxamaa keessa,
Yoo kutannoo qabaatte bakka yaadde ni geessa

Yaaltee yaaltee dadhabdee
abdii hin kutin jiruurraa
bulchaanii bubbulchaanii
lafee uumu tiruurraa
Harkifaadhuma deemi
yoo si takaales gaadiin
Kanniisa sodaatta taanaan
Damma nyaachuuf hin yaadin

Dafqa hedduu si gaafataa
galma gahiinsi kamuu
Malee akka dinnichaa
qalqalloofi pestaaliidhaan
gabaa keessa hin bitamuu

Wanti firii gaarii qabu
dadhabbi Baayye qabaa
caluma jedhii deemi
hin dhageeffatin ati
Waa'ee kufaatiif cabaa
Gaafa dhageeffachuu jalqabdu
oduuf baaltii alagaa
Chaw buli jedhii galma gahumsa keetiin walitti dhaami nagaa

Muka oomii yaabanii ija waddeessaa ciruu
Waa'ee namaa hasaasa,
Waa'ee namaa odeessaa
Galma gahumsi hin jiruu
✍via leta kenei Aga
@milkaainajireenyaa
@milkaainajireenyaa
@kaayyoo_kootiif


Forward from: XAUUSD FOREX SIGNALS
GADDI HAA GADDU
----------------------------------------------

Abdii kutuun dawaa hinqabu
Onnee cabsee sammuu onsa
Burqaa yaadaaf abjuu guddaa
Keessa namaa haree gogsa!

Kophaa baasee garaa hammeessa
Itti hasaasee rakkoo itti hima
"Mudannookee kana caala
Maaltu ulfaata, maaltu cima?"

"Maali kan kee hiikni jiruu
Erga dhabdee falaaf hiikoo
Jireenya kee kan yaadatu
Firumallee qabdaa siikoo?"

"Milkooma keef kan gammadu
Dhukkuba keef darbee aadee
Kan bilbilee si dubbisu
Jireenya kee ofiin yaadee?"

Hin qabdu...!

"Maalifiree dadhabbiin kee
Eenyuuf jettee tabba dhiibda
Eessa geessee eenyu arguuf
Yeroo hundaa kaatee fiigda?"

"Kee asuma lafa gaddaa
Boquu buusii kana yaadi
Akka nama dhukkubsatuu
Fayyaa ta'ii eela aadi!"

Yoo siin jedhee sitti asaase
Abdii kutuun akka malee
Dubbiin sobaa harka hin laatiin
Didii darbi yaa qaxalee!

Fuuldurakee waatu jiraa
Burqaa guddaa lafa akka
Suuta hindeemiin darbi fiigii
Furtuunsaayyuu suma harkaa!

Namni kaayyoo rakkattullee
Tasa kuftee tasa hin badduu
Maaf gaddita yaa qaxalee
Ofiisaatii gaddi haa gadduu!
------------------------------------------------
Ifargan Guddataa.

@milkaainajireenyaa
@milkaainajireenyaa
👉@kaayyoo_kootiif


Yoon gaafatame...
Gatiin namummaaf baafamu kabajaafi jaalala namummaa qofa.

Namummaan kun meeshaa rakasa wantoota mumuldhataniin sharafamu miti. Namummaan qodaa lafa salphoo kaawwamu miti. Namummaan gabaa kamisaa ykn dilbataatii bitamee kan gurguramu miti. Namummaan akka kafana keenyaatti takka uffannee takkammoo kan baafannu miti. 👉 Namummaan qaaliidha. Namummaan siyaasaa fi wantoota itti jirru maraa oli. Namummaan kabajaafi ulfina uumaan dhala namaaf laatedha. Namummaan hunda dursa.
Haata'u malee yeroo tokko tokko namoonni gatii namummaa wallaalaanii namummaa isaanii waan hin malletti sharafuun ofiisaaniis ta'ee nama biroo lafa salphinaa dhaabu. Maqaa salphinaa walittis ofittis moggaasu. Wanta namummaa isaanii hin madaalleen ofis walis jijjiiru. Ilaalcha badaafi babbadaa ofiifis nama biroofis qabu. Namoonni akkasii gariin nama biroof ergamuufi tajaajiluuf waan uumaman ofse'u. Kaan immoo nama biroo ergachuufi itti fayyadamuuf akka dhalatanitti yaadu. Sammuun isaanii gooftaa fi giiftii, ajajaafi ashkara isa jedhamaa tureen duudeera.

👉 Namana, namummaa keessaa olaantummaafi gadaantummaan hin jiru. Namummaan walqixxummaa fi ilaalcha qajeelaan ibsama. Maarree namummaan yoo durse waan si miidhu qabaa? Tokkollee. Namummaaf dursa kenni! Gatiin namummaaf baafamu kabajaafi jaalala namummaa qofa.
... jedheen haasa'a.

Galatoomaa ❤


GAARII HOJJEDHU!
GAARII TA 'I!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
✧ Aristootil dubbii umurii dheeraa lakkoofsise tokko qaba: "Gaarii hojjedhuu gaarii ta'i!" Jireenya keenya keessatti yeroo hundumaa waan gaarii
hojjechuu haa amaleeffannu!

✧ Hojiin gaariin gaafa irra deddeebi'ee hojjetamu ni
amaleeffatama. Amala nuuf ta'a. Wanti amaleeffanne immoo qaama jireenya keenyaa
ta'a. Otuma waan gaarii hojjennuu, namoota gaggaarii taana. Hojii gaariin nama gaarii nu taasisa jechuudha. Kanaaf akka ilmaan namootaatti yeroo hundumaa waan gaarii waliif
haa yaadnu, waan gaarii waliif haa hojjennu. Ija gaariin wal haa ilaallu, ilaalcha gaarii waliif haa qabaannu.

✧ Ganama yeroo hirriiba keenya irraa dammaqnu mara,
"har'a wanti gaariin ani hojjechuu danda'u maali?" jennee of haa gaafannu. Wanta gaarii hojjechuu dandeenyu hunda immoo haa hojjennu!!!

✧ Gaarummaan qajeeltoo jireenya keenya hoogganu nuuf haa ta'u!

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
halkan Gααʀιι

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@milkaainajireenyaa


Forward from: @KIRKIRA _JIREENYAA
➧ Jireenya kee keessatti nama si dhiisee deemee, booda irratti yoo sitti deebi'uf yaadee hin dhaga'innif, sababnni isaa, Namnni duraa sidhisee deeme kan lamatta sitti deebi'u... gaafa nama sirra caala jedhee yaade sanatti mufate yookiin akka fedhu irraa dhabe booda gama keetti as deebi'ee dhufa.

Kanafuu........
Ati isaaniif carraa 2ffaadha jechuudha.

HIN DHAGA'IN !!!


.....Mee ilaalaa! Gammachuu maalii argachuuf lubbu qabeeyyii mancaasuun kuni? Gammachuu akkamii namaaf laata fedha ishee malee obboleettii ofii dararuun? Boqonnaa maalii namaaf laata karaa ofduratti dhiisanii karaa irra ciisuun? Rabbiin keenya dhaloota keenya baay‟eef hubannaa nuuf haalaatu. Ati garuu, nama bu'aa mataa ofii irratti hundaa'ee waa ijaaru inta'iin; sababumaan waa diigdaa. Nama bu'aa ofii irratti hundaa'ee waa dhaabu inta'iin; bu'aa gaafa dhabde waan dhaabde buqqistee gattaa. Sababa malee nama jaaladhu. Waan namni waa siif godhuuf nama injaalatiin, waan namaaf gootu ilaalii nama jaalladhu. “Maal kennu?” jedhi malee, “Maal fudhadhu?” jettee nama injaalatiin. Namaaf malan godha?” jedhi malee, “namni maal naaf godha?” injedhiin.

Nama irraa bu'aa eeguun, jiruu nama hiiksisee nama kuffisa. Nama bu‟aa isaatiin injaalatiin, namni namummaa isaati. Namummaa dhiistee bu'aa irratti xiyyeeffattee jiraatta taanaan, namichis bu'aanis kan kee inta'u. Yoo nama jala miliqxee baatellee Waaqatu si tufsiisa. Intalli nama caala bu’aa jaalattu abbaan manaa ishee sagaltama. Bu'aan barbaachisaaa miti jechuu koo miti. Bu'aan sababa nama ittiin jaalattu inta'iin jechuu kooti.
maddi:Kitaaba faana of dhahuu irraa.
channel keenya hordofaa ergaa guyyaan argachuuf.
@milkaainajireenyaa


SABABA MALEE JAALADHU!Sababa jechi jettu kun boolla guddaa dhalli namaa inarginedha. Garuu, dhaloota baay'ee lafa irraa duguugaa, arraabaa, nyaataa kan jirtudha. Sababni kun ijaa kanaa/waan kana ta'eef/ kana waan gootuuf/kana waan naaf taatuuf kan jedhudha. Sammuu bu'aati. Bukoo isaatis. Bukootu dura qophaa'a sana booda biddeen yookaan bixxillee/qixxaa, daabboo yookaanimmoo cumboo ta'a.

Sababiitu du'a fida. Du'a seexaas, du'a seenaas. Wayyaaneen bara dheeraa Oromoo nyaachuun ishee sababa wayiiti. Ollaan manaafi biyya osoo qabuu qe'eetti nu galuun sababa wayiitiifi. Wanti ati namarraa feetu yookaan wanti namni sirraa fedhu sababa wayiiti. Sababa sanaaf nama feeta yookaan namni si fedha jechuudha.

Namni sababaa waanuma sirraa barbaadu sirraa eeggata. Waan sababeeffatee si hiriyoomfate, si firoomfate, ittiin sitti hirkate, waan sirraa buufachuu fedhe yoo sirraa dhabee mataa isaa hamma gaanii/okkotee sitti geessifata. Aarii yoon jedhe sun naaf inibsu waan ta'eefi. Mee miiltoowwan kee sakatta'i. Waan yeroo dheeraaf barsiifte, waan si irratti jaallatan, waan godhaafii turte addaan kutiitii altakkaaf ilaalimee. Yoo si wajjin hafan isaan miiltoo gaariidha. Kanaa achi garuu, nama tokko ofbiratti inargitu. Kanaafi Oromoon, Yaa orma gaafa kolfaa, yaa fira gaafa golfaa" kan jedhuuf. Barsiisaan tokko guyyaa hunda barsiisee erga goolabee xumura barannoo irratti barattoota isaa gaaffilee akka baacoo gaafata. Guyyaa tokko “barattoota koo waa isin gaafadhuu” jedhaan. Isaanis gammadoo akka itti ta‟an himuuf. Innis deebisee „simbirroota 100tu muka tokkorra jira, 1 keessaa rukuttanii yoo ajjeestan meeqatu isiniif hafa?" ittiin jedha. Isaan keessaa tokko harka baasee, barsiisaa warra rukutan gaafadhaa malee, ani harka keessaa inqabu" jedha. Barsiisaan sunis maal jechuu akka barbaade wallaaleetu, maal jechuu keeti?" jedhaan. Ani simbirrootas ta'ee uumama biroo nan kunuunsa malee inajjeesu. Kanas barnoota saayinsii isin na barsiiftan irraan bare. Warri bu'aa mataa isaaniif jedhanii simbirroo ajjeesanii dhiphina isheetiin boqotanimmoo asuma daree kana keessa waan jiraniif isaan gaafadhaa" jechuu kooti jedhaan. Ammas dubbiin mucaa sanaa yoo barsiisicha garaa raaseyyuu, eenyutu ajjeesa? Bu'aa maal argachuuf?‟ jennaan. Baratichi akka kophaatti barsiisaa isaa haasofsiisuu danda'u eeyyama gaafata. Barsiisaanis baacoo sanaan guyyaa biraa akka walitti deebi'an barattootatti himee mucaa sana fudhatee dareedhaa baha. Eenyutu bu'aaf jedhee simbirrota ajjeesa? Naaf himimee" jedhaan hafuura jaalalaatiin.

Mucichis amma waa beeku hundumaa tokko lamaan akkas jedhee itti hima. Zinnaan simbira cirrii jedhamtu adamsee ajjeeseetu, aduu keessatti ishee goggogsee, moonyeetti galee erga tumee daakuu ishee daakeetu yeroo ijoolleen durbaa fincaan fincaa‟an hordofee geessee, fincaan isaaniirra kaa‟a. Sana booda isatu durba gaafata osoo intaane, durbatu isa gaafata. Ilaalaamee barsiisaa tokkoffaa simbirroo lafarraa mancaasuudha. Lammaffaammoo waan Oromoon inqabne nutti fiduudha. Sadaffaammoo fedhii isaanii malee shamarran karaatti cabsuudha. Arfaffaanimmoo kaayyoo isaa borii karaa gubbaatti hambisuudha" jedhaan. Hammanumaan miirri barsiisaa sanaa tuqamee, inni hojii akkasii eessaa bare?" jedhaan. Obboleessi gurbaa sanaa yuunvarsiitii gara kaabaa kanaatti waan barateef, michuu ijoollee achiis waan qabuuf, ogummaa baay'ee isaanirraa baree akka gale mucaan kunimmoo obboleessa isaarraa akka bare gaafa himamuuf barsiisichi imimmaan qal'oo tokko buusee achii deeme. Kuni seenaa kalaqaa wayii fakkaata mitii? Lakki seenaa dhugaati. Oromoon falfalas, moras inbeeku. Warruma baretu achii as itti fide malee, Oromoon sagaagalummaas inbeeku. Haasaa isaa yoo himullee, Waaqaafi lafaa isinii margaa" jedha. Margi! jedhamee ka'eetu dubbii isaa itti fufa. Sababii mataa isaaf jedhee waa balleessaa inturre. Sababii dhalootaatiif jiraataa ture malee.

20 last posts shown.

6 307

subscribers
Channel statistics