ysatti rakkoon hawaasummaa uumamaati jira. Maatiin hedduun galii ittiin jiraatan waan dhabaniif jeequmsa keeysa seenanii jiran.
2️⃣ Hojidhabdummaan magaalaa Aawwadaayii fi magaalota daldala jimaa wajjiin walitti hidhata qaban kanneen akka Dirree Dhawaa, Malkaa raafuu fi magaalota aanaa hedduu keeysatti harka dhibbaan 100% babal'ateeti jira.
3️⃣ Sababa madda galii dhabaniin maatiin magaalaa Aawwadaayii fi magaalota daldala jimaatiin walitti hidhata qaban keeysa jiraachaa turan waan jiraataniin dhabanii gara baadiyyatti baqachaa jiran. Kun ammoo faffaca'insa maatii fiduun gara maatii diiguutti deemee jeequmsa hawaasaa fiduun isaa ni sodaatama.
4️⃣ Yeroo sababa Vaayirasii Koronaatiin sochiin bakka tokkorraa bakka biraatti godhamu akkaan ulfaataa tahe kanatti maatiin magaalaa jiraachuu dadhabee gara baadiyyaatti godaanuu fi kadhaaf saaxilamee kadhatee jiraachuuf mana namaarra deddeemu Vaayirasii Koronaa babal'isuu keeysatti gahee ol'aanaa taphachu danda'a. Kun ammoo dhumaatii hawaasaatiif karra guddoo tahu danda'a.
5️⃣ Miidhaan Hawaasummaa kun hariiroo ummatni somalilandii fi Itoophiyaa waliin qaban irratti dhiibbaa guddaa uumuun wal gaarriffannaa siyaasaa kan hanga wal diddaa siyaasaatti ceehuun dhiibbaa hariiroo diploomaasii ykn diplomatic relations biyya lamaanii irratti dhiibbaa hamaa fidu mala.
6️⃣ Qotee bultootni, daldaltootni, dafqaan bultootnii fi namootni daldala jimaarraa galii arkatan galii isaanii waan dhabaniif ilmaan isaanii barsiifachuus tahee dirqama hawaasummaa kan garagaraa kan maallaqatti haajaman gaggeeyfachuu hin danda'an. Kun ammoo hawaasaa fi biyyaafiis kufaatii hamaadha.
Miidhaan diinagdee fi Hawaasummaa kan jimaan somalilandi seenuu dhoorkamuun dhufee fi dhufuu malu akkaan ulfaataa fi dhiibbaa siyaasaa hamaaf waan nu saaxiluu hin oolle fakkaata.
Keeysaahuu ammoo, uggurri ykn dhoorkamuun jimaa kan guyyoota diiydamii oliif sababa Vaayirasii Koronaatiif mootummaa somalilandiitiin godhame/ Labsame ja'amee dubbatamu kun yoo kan itti fufu tahe kufaatii diinagdee fi Hawaasummaa tilmaamaan saffaramuu hin dandeenyeef nu saaxiluun isii waan hafa hin qabneedha. ⚠️
Miidhaa diinagdee fi Hawaasummaa kanaaf ammoo kallattiin kan saaxilamee fi saaxilamuu malu HAWAASA BAHA OROMIYAA(HAWAASA FUGUG) akka tahe hubachuun ulfaataa miti.
Kanaafuu hundi keenya dhimma kana qixa sirriitiin hubannee 'GAARA RAKKOO' kan fuuldura keenya jiru kan nutti as deemutti jiru kana akkamitti firraa diiynee akka itti diriirsinu mala walgaafannee malaa mariin itti deemuun dirqama hunda keenyaati. 🤝
Gama biraatiin, Miidhaan dhoorkaan jimaa kan somalilandii kun fidee fi fiduu malu hangam guddatuus dhimmootni armaan gadii kan bifa gaafiitiin tarreeyfaman kun ammoo gadi fageenyaan laalamanii xiinxalamanii dhimmoota deebisaa arkachuu qabaniidha.
👌Qabxiileen Xiyyeeffannoon xiinxalamuu qaban;
1. Dhoorkamuu jimaa kanaa fi Vaayirasiin Koronaa hariiroon waliin qabu maali?
2. Dhoorkamuu jimaa kan somaliland kana harka eenyuutu duuba jira? Mootummaa somalilandii, ummata somaali laandiiti, moo Aktiivistoota somalilandiiti ?
3. Mootummaan Itoophiyaa hoo dhimma kana irrati maal gumaache? Dhimma dhoorkamuu jimaa kana akkamitti ilaale?
4. Carraan qotee bultoota miliyoonotaa kan oomisha jimaatiin ifii isaanii, maatii isaaniitii fi biyya isaanii jiraachisaa turanii hoo maal taha?
5. Carraan daldaltoota kumaatamaa kan daldala jimaatiin jiraachaa turanii hoo maal taha?
6. Carraan dafqaan bultootaa kan sababa daldala jimaatiin magaalaa Aawwadaayii fi magaalota biroo keeysatti hojii arkatanii hojjatanii ifiifii maatii isaanii jiraachisaa turanii hoo maal taha?
7. Carraan magaalaa Aawwadaay tan akka addunyaatti daldala jimaatiin beekkamtuu taatee hoo maal taha?
Dhimma kanaafii kana fakkaatan irratti namni hubannoo, dandeeytii fi gahumsa qabdan osoo yaada keeysan nuuf qooddanii jechuun barbaada.
Walitti deebina.
Dhumarratti Ramadaana keenya kan bara 1441 shanan dabranii fi kanneen hafaniis nurraa haa qeebalu.
Waan dubbiftaniif Galatoomaa!!!
Waan hubattan ammoo nuuf qoodaa !!!
https://telegram.me/ademchannelhttps://telegra