Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoona 5 caale
****************************
Turtii Baatii afurii fi walakkaa keessatti addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoona 5 caaluu ibsame.
📌Bara Faranjootaa Muddee 29, 2019 Chaayina Bulchiinsa Wuubee magaalaa Wuhaan keessaattin kan muul’ate vaayrasiin koroonaa yeroo ammaa biyyoota 216 keessatti muul’achuu isaa ibsameera.
📌Hanga guyyaa har’aatti namoota miiliyoona 5 fi kuma 11 fi 602 vaayrasichaan qabaman keessaa namoonni kumni dhibbi 3 fi kumni 25 fi 460 lubbuun darbaniiru.
📌Akka ragaan ‘Worldometer’ jedhamu agarsiisuutti namoonni miiliyoonni 1 fi kumni dhibbi 9 fi kumni 76 fi 488 ammoo dhibicharraa dandamataniru.
📌Bara Faranjootaa Bitootessa 11, 2020 Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhibee kana sadarkaa weerara addunyaatti labsuun isaa kan yaadatamuudha.
📌Ityoophiyaatti Baatii lamaa fi guyyaa 8 keessatti namoota 389 irratti muul’ateera.
📌Ityoophiyaatti vaayrasiin koroonaa Bitootteessa 4, 2012 magaalaa Finfinneetti lammii Jaappaan nama umrii waggaa 48 tokkorratti muul’achuun isaa kan yaadatamuudha.
📌Waliigala namoota biyyattiitti vaayrasiin koroonaa irratti argame keessaa 228 jiraattoota magaalaa Finfinnee ta’uu isaanii ibsameera.
https://telegram.me/ademchannel