Eegumsa gogaa daa’imman reefu dhalatanii
Gogaa daa'imman reefuu dhalatanii kunuunsuun fayyaa isaa eeguu fi dhimmoota gogaa barame irraa eeguuf barbaachisaa dha. Gorsa kunuunsa gogaa daa’imman reefuu dhalataniif gargaaran muraasni kunooti:
1. Qaama isaanii dhiquu (Bathing)
Torbanitti guyyaa 2-3 dhiquun akka waliigalaatti gahaadha. Bishaan xiqqoo ho’ee fi saamunaa daa’imaa ykn qulqulleessituu salphaa fi urgooftuu hin qabne fayyadamuu qabna. Yeroo hedduu dhiquu irraa of qusachuu qabna, sababni isaas gogaan daa'imaa jiidhinsa akka dhabuu (gogu) danda’a.
2. Kunuunsa Daayipparii (Diaper care)
Bakka daayipparii qulqulluu fi goggogaa taasisuun shiffee daayippariin wal qabatan ittisuuf gargaara. Daayippariin erga jiidhee ykn xuraa’ee booda hatattamaan jijjiiruu qabna. Qulqulleessuuf haxooftuu lallaafaa ykn bishaan ho’aa fi huccuu lallaafaa fayyadamuu dandeenya. .
3. Jiidhina gogaa isaanii eeguu
Erga dhiqnee booda, uffata lallaafaadhaan gogaa daa'imaa suuta gogsaa. Gogaan jiidhinsa gahaa akka qabaatuuf dibata daa’immanii kan urgooftuu hin qabne fayyadamuu qabna. Dibata gogaa namoota gurguddoof oomishame fayyadamuu hin qabnu.
4. Ifa aduu
Ifa aduu kan humnaa ol gubu irraa fageessuu qabna. Ifa aduutti baasuuf ganama sa’aatii 3-4 ykn sa’aatii boodaa sa’aatii 10-11 gidduu aduu hin gubne keessatti tahuu qaba. Innis daqiiqaa 20-30 gahaadha.
5. Filannoo Uffata
Uffata lallaafaa, qilleensa galchuu danda’u kan huccuu uumamaa kan jirbii irraa hojjetame filadhu. Uffata dhiphaa ykn uffata gogaa daa’imaa jajjabaataa ta’ee gogaa daa’imaa quncisuu danda’an uffisuu hin qabnu.
6. Kunuunsa qeensaa
Qeensa isaaniin akka gogaa isaanii hin quncifneef yeroo yerootti ciruu barbaachisa. Innis qortuu isaaniif hojjetameen osoo gogaa naannoo qeensa isaanii hin muriin tahuu qaba.
7. Finniisa Daa'imaa fi shiffeewwan gogaa
Daa’imman reefuu dhalatan finnisa ykn shiffee adda addaa qabaachuu danda’u, kunis yeroo baay’ee miidhaa kan hin qabnee fi ofuma isaaniitiin kan dhiisanidha. Oomishaalee garagaraa fayyadamuu ykn garmalee dhiquu irraa of qusachuu qabna, sababiin isaas haala kana hammeessuu danda’a. Yoo yaaddoo qabaattan ogeessa fayyaa daa’immanii mariisisaa.
Daa'imni hundi adda akka ta'e, gogaan isaaniis fedhii addaa qabaachuu akka danda'u yaadachuun barbaachisaadha. Waa’ee kunuunsa gogaa daa’ima reefuu dhalatanii ilaalchisee yaaddoo addaa ykn gaaffii yoo qabaattan, gorsa dhuunfaa keessaniif ogeessa daa’immanii ykn ogeessa eegumsa fayyaa mariisisuun gaariidha.
Fayyaan Daa'immaniif!
@barumsaafayyaa
@barumsaafayyaa
👆👆 join please 👆👆