بسم الله الرحمن الرحيم
🔷waan hunda layilatal qadrii irraa beekuu barbaaddu gabaabbinaan
⚡️Kutaa 1 ffaa⚡️
👇👇👇👇👇
1⃣ Rabbii kitaaba isaa keessatti layilatal qadriin ji.a 1000 irraa caala jedheera
2⃣ ji'i 1000 waggaa 83 fii ji'a 3 dha
3⃣ Ergamaaan rabbii alayhi assalaam yeroo kurnaan booda العشر الأواخر seenu haalaan marxoo isaanii nii jabeessu turan maatii isaanii irribaa kaasu turan halkan isaan hayyii godhu turan
4⃣ tattaafiin rasuula rabbii alayihi asselam kurnan boodaa keessaa godhan waan addaa ture tattaafii yeroo kami waliin wal hin fakkaatu
5⃣ Namni layilatal qadrii iimaanii fii ajrii barabaachuuf jecha dhaabbatte wanjala isaa isa darbee hundatu maaramaaafi
6⃣ halkan kana keessa dhaabbachuu jechuun salaatuu jechuu dha ( ibnu rajab)
7⃣ Haadhi keenya ayishaan رضي الله عنها rasuula rabbii dhaan عليه السلام akkan jechuudhaan gaafatte : laylatal qadrii kana yoon argadhe maal jedhee du'aa'ii godhu ?
ergamaan rabbi عليه السلام akkana jedhi jedhaniin (اللهم إنك عفو تحب العفو فاعف عنا)
وزيادة " كريم " لا تصح ( الألباني )
8⃣ halkan kana keessa qaama dhiqachuu fi shittoo addaa addaa dhaan of qulqulleesuun jaallatamaadha (ibnu rajab)
Itti fufa...
@dawwaa