#Shimalis_Diina!
==============
Bilxiginnaan kasaara siyaasaa keesa gallaan haasa'a Shimalis Abdiisaa bubbule tokko gadi baastee, "nuyi fedhii uummataa hin gannee; dhimmoota Oromoon qabsaa'uf irratti hojjataat jirraa; mirga abbaa biyyummaa mirkaneessuf Oromoon bilxiginnaa keessatti akka aangeeffamu hojimaatan itti bobbaaneerraa; gaaffii Afaan Oromoo deebisneerraa, afaan federaalaa godhuu dhaafis wixinee labsii kaabinee federalaatti dhiyeessuf qophoofneerraa; Dhimma Finfinnees toftaa adda ta'een irratti hojjachaa jirra; kanas kan goonuu: 1ffaa, Oromoo baay'innaan itti galchuu dhan; 2ffaa, teessoo motummaa federaalaa bakka sadiitti qooduu dhaan; 3ffaa, carraa diinagdee bakka biraatti uumuu dhaan; magaalattii guutumaa guututti irrelevant gochuu dhaan ofitti deebisnaa; nuyi bilxiginnaan ijaarsa motummaa (state building) irra jirra; ijaarsa biyyaa irra jirraa; afaan hojii federaalaa afaan shan--Afaan Afar, Amaaraa, Oromoo, Somali, fi Tigray--goonaa;" maal maal jedha.
Kuni hundi utuu dhugaa ta'eeyyuu motummaan Abiy fedhii ummataatin ala hojiitti hiikuudhaan raawwachisuu hin danda'u. Kana hunda seera fi heera Oromiyaa fi kan biyyattii utuu hin kabajin hojiitti jijjiiruu hin danda'an. Ummata Oromoo irraa angoo ittin gaggeessaniin haala dimokraatawa ta'een utuu hin argatiin kana hojiitti hiikuu hin danda'an. Qabatamaan ammoo kana dhiisaati qabalee tokkoo tasgabeessanii nagaa dhan bulchuu hin dandeenye. Guyyaa guyyatti Oromoo fixaa, Oromoo akka diinatitti ofirraa haleelaa jiru.
Garuu kuni hundi dhuga miti. Hundi isaa soba. Miseensota isaanii amansiisuf gaaffii uummatni isaan gaafatuf deebii dhabuu dhaan warra irriba dhaban ittin sossobuuf ta'a malee dhugaa tokko of keessaa hin qabu.
Akka toftaa siyaasaatis yoo laalle, jara kaan sobanii sossobanii biyya bulchuun furmaata akkamii fida jedhanii yaadu? (Afaanota afaan federaalaa akka ta'an kan filatanis ulaagaa maal irraa ka'aaniiti? Ummatotni Naannoo kibbaa kan akja Sidaama, Walaayittaa, Hadiyyaa, Kambaataa, Gaamoo, Silxee, Guraagee, kkf hundi isaanii lakkofsaan ummata Naannoo afaar irra guddaa dha. Garuu maaliif kan isaanii dagatame? Haqa sabaaf sablammootaa irratti maaf hin xiyyeeffatin?)
Shimalis, "siyaasni tonkolii dhaa, siyaasni qumaaraa'" jedha. Hasaan inni godhe kunis 'tonkolii' fi 'qumaara akka hin taane akkamitti beekna ree? 'Tonkoliin' isaan dugda Oromoo irra dhaabbatanii angoo irra of tursiisuuf dalagaa jiran akka hin taane akkamitti beekna? Hasaan kunis qumaara haraa isaan Oromoo diiguf ittin taphachaa jiran akka hin taane maalin beekkamaa? Sobanii, sossobanii, kijiba akka toiftaa siyaasaatitti ittin faytadamanii jiraachuu isaanii silaa innuu sirritti ibsate. Ergamtuu ta'uu isaanitis, innumtuu "ergamuu kan nu caalaa beeku hin jiruu," jedhe.
Ammas ergamtoota nafxanyaa akka ta'an hasaa fi gocha isaanii lafarratti qabtamaan arginu caalaa ragaan maali?
Oromoon haqa qaba. Qabsoon Oromoo qabsoo dhugaa fi haqa irratti hundaayee dha. Gaaffiin mirgaa Oromoon gaafate gaaffii itti qaanofnee, sagalee gadi qabannee haasaasan dubbannuun miti. Gaaffiin Oromoo gaaffii seeraan ala ta'e mitii. Gaaffin ofin of bulchuu, gaaffin hiree ofii ofiif murteessun, gaaffiin walqixxummaa, gaaffin dimokraasii, gaaffiin abbaa biyyummaa, gaaffii siyaasaa isa haqaa ta'uu bira darbee, gaaffii seera heera motummaa keessatti fudhatama argatee, sirnaan hojiitti hikkamuuf ammo haala dimokraatawa ta'en murtoo ummataa eeggachaa jiru dha. Mirgi Oromoo kan dhoksaa dhan, 'tonkolii' dhan, gara siyaasa biyyattitti 'smuggle' goote fiddu miti.
Mirga sabaa seeraan ifaa ifatti mirkanaa'ee jiru kana hojitti hiikuu dhiisanii, guyyaa guyyatti ummata ajjeessaa, hidhaa, dararaa, jiraasaa gubaa utuu oolanuu, kijiba isaanii kan akka tooftaa, akka abshaalummaatti itti fayyadamuu dhaaf ofii isaanitii ummataniin ummata Oromoo burjaajessuf yaalun salphina. Fafa.
Hasaan Shimalis kun yeroo ammaa kanatti kan gadi baafameef waanuma tokkofi. Mormii uummanni Oromoo ajjechaa Haacaaluu fi hidhamuu hogganootaa booda kaasee jiru kana qabbaneesuf. Xiyyeeffannoon usaas kaka'insa ummataa gadi buusufi. Toftaa ajandaa jijjiruu dhaaf ga