SEEROTA JIREENYAA
……………………………………………
1) Abjuu fi mul'ata guddaa qabaachuu qofa utuu hin taane, sadarkaan qulqullina mul'ata keenyaa (quality of our vision) dhaabbata barnootaa Waaqayyoo keessa darbuun miira keenya to'achuu fi mul'ata keenya hoogganuu (to manage our dream and vision) danda'uu qabna.
2) Si ta'uu kan danda'u si'uma duwwaa dha. Gumaacha kee isa adda ta'e namootaaf hin gumaachitu yoo ta'e, inni ni hafa; kanaafuu itti dammaqi!
3) Addunyaa kana irratti hojii guddaan akka Sagalee Waaqayyootti sammuu dhalootaa ijaaruu waan ta'eef dhimma kana cimsii itti hojjedhu!
4) Qabeenyi ilmaan namaa hundumaaf wal qixa kenname 'yeroo' waan ta'eef yeroon yerootti hojjedhu!
5) Karaawwan qaxxaamuraa ga'umsa dhokataa kee qisaasessu waan ta'eef qaxxaamuraan duroomuuf yaaluu dhaabi!
6) Yesus jirma isa dhugaa dha. Nuyi immoo damoota isaa ti. Kristos nu keessa yoo jiraatee fi yoo nuyi Kristos keessa jiraanne qofa ija irraa hafaa naqanna waan ta'eef madda keenyatti qabamnee haa jiraannu!
7) Duuti xumura jireenya kee utuu hin taane, riqicha yeroo bara baraatti si ceesisuu dha; kanaaf wantoota har'a lafa irratti hojjetaa jirtu shaakala yeroo bara baraaf akka oolutti akeekkadhuu hojjedhu!
8) Sammuu moofaa fi mul'ata dulloomaa of irraa awwaaluun sammuu haaraa, mul'ata ilkee qabuu fi dhaqna qabaa hafuuraa argachuun of jijjiirree dirree lolaatti ba'uu qabna. Sababni isaa sammuun keenya jijjiiramu malee homtuu hin jijjiiramu.
9) Adeemsa tajaajila kee keessatti yeroo baay'ee Macaafa Qulqulluu qo'adhu; akkasumas yeroo baay'ee kadhadhuutii, garuu yeroo xiqqoo tajaajili!!
10) Ilmi gowwaa fi gatanoo dheeraan abbichuma galaafataatii, ogeessaa fi hubataa ta'i!
11) Namni tokko nama sitti hamachuu yommuu jalqabu ija jabaadhuutii, "Maaloo dhaabi!" jedhiin. Sababni isaa uummata waraana addunyaa 1ffaa fi waraana addunyaa 2ffaan dhuman caalaa, warra waraana hameetiin dhumantu caala waan ta'eef.
12) Dandeettii ofiitti amanuuf furtuun inni jalqabaa of simachuu dha; kanaaf Waaqayyo akka si uume mataa kee simadhu!
13) Waaqayyo namoota dhugaa akka jaallannu barbaada malee, namoota yaadaa (nama 100% guutuu ta'e) akka jaallannu miti. Kanaafuu sababa malee namoota jaallachuu shaakali!
14) Jijjiiramni lubbuu (the soul change) baay'ee murteessaa waan ta'eef xiyyeeffannoon keenya jireenya hafuuraa keenya irra ta'uu qaba.
15) Kisaaraa guddaa keessa illee yoo si galche, wanta abjuu fi mul'ata kee dhugoomsu hojjechuuf duubatti hin deebi'in! Sababni isaa siif sooromni kee dhugoomuu abjuu fi mul'ata keetii waan ta'eef.
16) Birmadummaa dhugaan jireenya lafa onaa keessaa kan kalaqamu waan ta'eef maashina Waaqayyootiin miidhekfamnee hojjetamuutti guutummaa guututti walii galuu qabna.
17) Waaqayyoon waaqessuun sagantaa sanbata qofa yookiin torban keessaa guyyaa murtoofte hirmaannu utuu hin taane, hojii itti fufiinsaan yeroo hundumaa hojjennu ta'uu isaa beeknee Waaqeffannaa sa'a 24:00 fi torban guutuu (24/7) shaakaluu qabna.
18) Maddi dandeettii, ogummaa, beekumsaa fi ilaalcha sirrii hundumaa humna lammaffaa dhalachuu keessaa isa argame malee, dandeettii sammuu umamaa waan hin taaneef maddi jabinawwan mo’attootaa jijjiiramaa dha. Namni tokko dandeettii uumamaa hammam namootni ajaa'ibsiifatan baay'ee qabaatee, garuu dandeettii sana humna fannoo Kristos keessa utuu hin galchiin ittiin fiixa-bahuu hin danda’u; kanaafu harka Isa aango-qabeessaa jala of galchuun mirga utuu hin taane dirqama keenya dha.
19) Ati addunyaa kanaaf nama tokkicha. Wanti bara baraan waamamu tokko si keessa jira; kanaaf wanticha of keessaa futtaasi!
20) Karaa keenya irra danqaa guddaan jiraachuun sadarkaa guddinaa guddaaf nu qopheessuu isaa beeknee sodaa malee itti adeemuu qabna.
@Forgiveness123@GuddinaWaaqayyoolabsuu@Jirraamallee