Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Ka'i Qeerroo

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter




Yuuniversitiin Mattuu Barattoota Oromoo nyaata dhowwate.

(SQ- Mudde 26/2019)


Barattoonni yuuniversiitii mattuu nyaata dhowwatamanii beelaaf saaxilamaa jiru.
Iddoo hundatti rakkoo barataa furuu dhiisanii barataa irraan miidhaa geessisaa jiru.
Barataa Oromoo miidhuun kaayyeffatamee hojjetamaa akka jiru namatti agarsiisa.
Barattoota University naannoo Amaaraa irraa dhufaniif furmaata kennuu akkuma dide mootummaan kun ammas barattoota Oromoo Yuuniversiitii Oromiyaa keessa kan jiran immoo kallattii jijjiiruun miidhaa jira.

Qeerroon Magaalaa Mattuu fi naannoo ishee immoo barattoota beelaan rakkachaa jiraniif waan qabaniin yeroo ummata irraa gargaarsa daabboo funaananii geessaniif poolisiin namoota barattoota oromoo yuuniversitii Mattuuf daabboo kenne walitti qabuun hidhee jira.
Kanaaf qeerroon Oromoo waliif ha dhaabannu barattoota keenyaaf haa falminu.
Sagalee haa taanuuf.
#Share_waliif_godhaa


Barattootni Oromoo yuunivarsiitii Mattuu rakkoo hamaaf saaxilaman.

(SQ- Mudde 26/2019)

Barattootni Oromoo yuunivarsiitii Mattuu baratan myaata dhorkamuun rakkoo guddaa keessa galanii akka jiran barattootni yaada isaanii sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoof dhaaman.

Yeroo darbe Habashoonni hin barannu,nyaata hin nyaannu jedhanii mooraa yuunversiitii Mattuu keessatti Abbootii Gadaa fi jiraattota Magaalaa Mattuu tiin akka isaan nyaata nyaataniif kadhatamaa turan.

Faallaa kanaatiin immoo Mudde 25/2019 irraa eegalee barattoonni Oromoo yuunversiitii Mattuu irraa baratan nyaata dhorkamanii beelaa fi dheebuun dararamaa jiru.

Yeroo Habashootaan nyaata akka nyaataniif Abbootiin Gadaa jilbeeffatanii kadhatanitti Barattoota Oromoo garuu nyaata dhorkachuun alagaa garaa gahaa akka jiru bulchinsi yuuniversitii Mattuu barattoota oromoo ni dubbatu.

Kanaafuu rakkoon yoo jiraate rakkoo rakkoodhaan furuun waan hin dandaa'amneef qaamni dhimmi ilaalu dhibee kanaaf ykn rakkoo uumame yuunivarsiitii keessatti nyaata dhorkachuun furmaata akka hin taane ilaaluun hatattamaan furmaata haaraa akka kennu ni gaafanna.

Rakkoo rakkoon hin furu!










Barattoota oromoo Yuunvarsiitii Dirree Dhawaa irraa Mudde 21/2019 humna Waraana mootummaan qabamanii naannoo #Kaaziratti hidhamanii argaman .

1. Qaassim Husseen computer science 2nd year
2. Morkataa Aanolee Law 2 year
3. Abdiisaa Aanolee Law 2 year
4. Dooyu waariyoo injiner 2nd year
5. Waaqoo Huka law 3rd year
6. Naasradin Shaame textile enginering 2nd year
7. Qaasim Huseen Computer science 2nd year
8. Duroomsa Ziyaad Biology 2nd year
9. Naatifera margaa 2nd year
10. Jaafar polotical science 2nd year
11. Mika'eel Asfawu Industrial enginering 4th year

Barattonni 14 kan maqaan isaanii nun qaqqabinis mana hiraarsaa kaziraatti argamu keessatti dararamaa jiru.


Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo


"Mana uummataa gubuun hojii idilee mootummaa ta'eera" jedhu jiraattonni Godina Gujii

[SQ Mudde 23/2019]

Kibba Oromiyaa Godina Gujii
Aanaa Surroo Barguddaa ganda Hurruba jedhamu keessatti waraanni mootummaa Mana qote bulaa torba, midhaanii fi qabeenya dabalatee ibiddaan barbadeessan.

Uummata nagaan mana ofii jiraatu "Adda Bilisuummaa Oromoo deeggartani" jechuun itti duulanii reebuun hidhaa fi miidhaan qaamallee uummatarra dhaqqabeera.

Abbootiin manni jalaa gubate:

1) Belaa Gujoo
2) Uturaa Belaa (Mana lama)
3) Woddeessaa Belaaa
4) Jaarsoo Belaa
5) Badhaasoo Odaa (miidhaan gotoraa shanii fi meeshaalee Mana keessaa hedduu waliin gubaniiru.

"Mootummaan mana uummataa gubuu hojii idilee tolfatee waan jiruuf uummati Oromoo fi miidiyaan jiru hundi akka sagalee nuuf taatan" jechuun dhaammatu jiraattonni godina Gujii


Forward from: Qalbeessaa Dhangi'aa


Forward from: Qalbeessaa Dhangi'aa


Forward from: Qalbeessaa Dhangi'aa


Forward from: Qalbeessaa Dhangi'aa


Forward from: Qalbeessaa Dhangi'aa


Forward from: Qalbeessaa Dhangi'aa


Forward from: Qalbeessaa Dhangi'aa


Waajjirri ABO Oromiyaa bakkoota hedduutti banamuu gabaafame

[SQ, Mudde 22,2019] Waajjirri Adda Bilisummaa Oromoo ABO, Oromiyaa bakka garaagaraatti guyyaa har'aa Mudde 22,2019 banamee jira jechuun gabaasan.

Haaluma kanaan Kaaba Shaggar Fiichee Salaaleetti guyyaa har'aa bakka hogganni ABO Miseensotni Shanee Gumii Gumii Sabaa ABO kan ta'an Jaal Ibsaa Nagawoo fi Jaal Jabeessa Gabbisaa bakka argamanitti sirna ho'aan eebbaan banamee jiraachuu nuuf himan.

Akkasuma magaalaa Sandaafaatti waajjirri ABO guyyaa har'aa kan baname yoo ta'u, uummatni Oromoo naannichaa sagantaa sana irraa qooda kan fudhatan ta'uu gabaasaniiru.

Kibba Lixa Oromiyaa Iluu Abbaa Booraa Aanaa Haluu keessattis waajjirri ABO guyyaa har'aa banamee jiraachuu gabaasan.

Kana malees Shaggar Lixaa Aanaa Calliyaa magaalaa Geedootti addi Bilisummaa Oromoo ABO'n waltjajjii marii bal'aa uummata waliin taasisuu nuu gabaasan. Sagantaa sana irraas jaal Amaan Filee miseensi Gumii sabaa ABO qooda kan fudhatan ta'uu gabaasaniiru.

Waajjirri ABO Oromiyaa bakkoota hedduu keessatti banamaa ture akkas itti fufee jiraachuutu gabaafame. Fuuldura kanattis Oromiyaa bakkoota garaagaraatti banamuu akka qabu irratti hojjetaa jiraachuutu himame.


Godina shaggar lixaa Aanaa calliyaatti Miseensonni fi deeggartootni ABO waltajjii marii hoggantoota ABO waliin gaggeessan.

(SQ- Mudde 22/2019)

Waltajjii marii kana irratti Miseensi Gumii Sabaa ABO jaal Amaan Filee fi Qondaalli ABO gameessi Getaachoo Zallaqaa irratti argamaniiru.

Akka jaal Amaan Filee Ummata waltajjii irratti argameef haasaa godhanitti Gaaffiin ABOn qabatee kahe deebi'eera jennee gara biyyaatti deebine miti kan kaleessa Qeerroon wareegama qaqqaalii kaffale sana hanga deebii argatutti yeroo kamuu caalaa ummata keenya waliin qabsoo biyya keessatti gaggeessina jedhanii dhufan Hoggantootni ABO gara biyyaa malee kaayyoo fi Akeeka qabsaa'otaa gatanii hin dhufne jedhan.


Itti fufuun Jaal Amaan ABOn akkuma gara biyyaa dhufeen fedhii ummata oromoo bal'aa guutuuf Godinootaa fi Aanota Oromiyaa bakkoota waajjira isaa banatee sochii gochuu eegaletti akka inni ummata isaa waliin hin hojjenneef waraanni mootummaa waajjiroota ABO cabsanii saamuu fi hoggantoota dhaabaa kanneen waajjira sanarra hojjetan mana hidhaatti guuran jedhan
Fakkeenyaaf Godina wallaggaa lixaa Magaalaa Gimbiitti waajjira ABO caccabsuun qabeenyaa isaa saamaniiru, wallaggaa Bahaa magaalaa Naqamteetti kan ani iyyuu keessa ture anaan hidhuun erga ani hidhamees waajjira ABO magaalaa Naqamtee caccabsuun document jiruu fudhatanii qabeenyaa hunda saamaniiru jedhan.
Kuni kan taheef Hoggantootni ABO ammas akkuma bara chaarteraa akka biyya irraa baqatuuf ture garuu hoggantootni dhaabaa kan gara biyyaa dhufan wareegama kamuu ummata isaa keessatti kaffaluuf gara biyyaa gale malee kan gaafa haalli mijatuuf gara biyyaa dhufee kan yeroo hammaatu baqatee bahu miti.

Kanaaf Miseensonni ABO kan yeroo kamuu caalaa kutataa fi murataa tahuu namuu beekuu qaba.
Hoggantoota ABO kanneen karaa nagaa waajjira ummatni Oromoo banee keessatti Akeekaa fi kaayyoo Dhaabaa barsiisaa fi ummata tajaajilaa jiranii hidhaman kanneen akka Jaal Kaayyoo Fufaa MGS-ABO fi Miseensa gameessaa fi Qondaala ABO jaal Milkeessaa IrKoo waajjira ABO Godina shaggar lixaa Magaalaa Amboo irraa qabamanii hidhaman akka ummatni Waajjira ABO baqatuu fi dhaaba kana balleessina jedhanii yaadaniiti malee badii qabaatanii miti.
Akkasumas miseensa gameessaa fi Qondaala ABO jaal Gammachuu Ayyaanaa dabalatee kanneen mana hidhaatti dararamaa jiran badii qabaatanii osoon taane dabballoota ABO biroo wareersanii hojii ala gochuuf yaadanii tahus qabsoon Qeerroo Bilisummaa oromoo gaggeessaa jiru kanaaf miti rasaasaa fi taankii wayyaanee illee hin sodaanne jedhan.

Filannoo dhufu irratti kan fuulaa fi hojii isaa beeknu kan filannu malee kan xalayaan maqaan isaa isinitti ergamee filattan tahuun qabu.

ABO aangoo qabachuuf hin qabsaa'u ykn na filadhaa isiniin hin jedhu gaaffii ummata Oromoo waggaa dheeraa deebisuuf hidhaa fi ajjeechaa barattoota Oromoo fi ummata Oromoo bal'aa irraa hanbisuuf qabsoo gaggeessa.

Namootni isin filattan yoo sirnaan isin hin tajaajille yeroo barbaaddanitti kan aangoorraa kaastan malee kan barcuma isaa afaan qawween tikfatu miti.

Maayii irratti jaal Amaan Filee ummata Aanaa calliyaaf waraqaa eenyummaa baafadhaa filannoof of qopheessaa akkasumas yeroo qabsoo kana gaggeessitan hidhaan hin jiru ajjeefamuun hin jiru jettanii hin yaadiinaa sababni isaa biyya kana keessa qabsoo karaa nagaa keessas hidhaa fi ajjeechaan jiraachuu mala waan taheef of qopheessaa qabsootti galaa jedhan.



20 last posts shown.

4 748

subscribers
Channel statistics