TGStat
TGStat
Type to search
Advanced channel search
  • flag English
    Site language
    flag Russian flag English flag Uzbek
  • Sign In
  • Catalog
    Channels and groups catalog Search for channels
    Add a channel/group
  • Ratings
    Rating of channels Rating of groups Posts rating
    Ratings of brands and people
  • Analytics
  • Search by posts
  • Telegram monitoring
Ibsa Abdi ? Official

15 Mar 2019, 10:41

Open in Telegram Share Report

​​Haleellaa Masjiida Al Nuur kan biyya Niwziiland Magaalaa Kraayistcharch keessatti raawwatameen muslimoonni heddu ajjeefaman



Guyyaa jimaataa, Namni qawwee qabate tokko Masjida Al Nuur, seenee dhukaasa baneen muslimoota heddu ajjeesuun isaa gabaafame. Namoonni ijaan argan akka himanitti muslimoonni heddu ajjeefamaniiru. Poolisiinis Namichi dhukaasa bane jedhame haga ammaa too’annaa jala waan hin oolleef, jiraattonni magaalaa Kraayistcharch manaa akka hin baane dhaame. Miidiyaan Niwziilaand tokko dhukaasni wal fakkaataan masjiida magaalaa South Island keessattis mudachuu isaa gabaaseera. Haa ta’u malee waa’een dhukaasa kanaa wanti barame hin jiru.

Poolisiin Niiwziilaand waa’ee hammeenya balaa mudatee ibsuus baatu, jiraattonni manuma isaanii keessa akka turan dhaamsa dabarseera. Waan danda’u hundaan rakkoo tana furuufis waadaa seeneera. Namni Len Peneha jedhamu waan ijaan arge akkanatti ibse, “namichi tokko uffata gurraacha uffatee, masjiida seenuun dhukaasa heddu bane. Namoonni masjiida keessa turanis dheessuuf carraaqqii godhanii turan. Kan balbala duratti ajjeefames ni jira. Anis gargaarsa gochuudhaaf gara masjiidaa imalee ture. Garuu wanti arge nama kukkufe qofa.”

Namoonni haga 50 ta’an masjiida keessa akka turan kan gabaafame yoo ta’u, lakkoofsi namoota ajjeefamanii garuu haga ammaa ifatti hin ibsamne. Ijoolleen Umriin xixiqqootis keessa jiraachuu akka hin oolletu gabaafame.

#Niiw_ziilaand

1.5k 0 0
Catalog
Channels and groups catalog Channels compilations Search for channels Add a channel/group
Ratings
Rating of Telegram channels Rating of Telegram groups Posts rating Ratings of brands and people
API
API statistics Search API of posts API Callback
Our channels
@TGStat @TGStat_Chat @telepulse @TGStatAPI
Read
Академия TGStat Telegram Research 2019 Telegram Research 2021 Telegram Research 2023
Contacts
Справочный центр Support Email Jobs
Miscellaneous
Terms and conditions Privacy policy Public offer
Our bots
@TGStat_Bot @SearcheeBot @TGAlertsBot @tg_analytics_bot @TGStatChatBot