Note: ONNANNAA
Asoosama Gabaabaa
Barreessaa; Oftaanaa Tarreessaatiin.
"AARSAA JAALALAA"
Kutaa 3ffaa
"Urjii koo...." Jette. Soolaneen.
Urjiinis ija eshee keessaa ilaalaa "ookoo Sool Koo" jedheen.
"Waa yoon siif hime natti mufattaa?" Jetten sagalee sodaan.
"Lakkii Sool koo waanti na mufachiisuu takkallee hin jiru. Naaf himi" jedheen. Urjiin.
Waan jiruu kan maatii esheere eegalee hanga guyyaa sanaattii himteef. Ijji eshee imimmaaniin guutameera. Irra gadi yaa'aa maddii esheerra.
Urjiinis waan esheen himteef hundaa xiyyeeffannaan ilaalee yaadaa keessaa dhidhimee. Sa'aatiin fuuldurattii fiigicha eshee akkumma itti fufteen jirti. Saffisaa eshee osoo hin jijjiiriin seera uumaan esheef kenneen Abboomamti.
Urjii fii Soolaneen yaadaan walii galanii akka boruuf wal abdatan ta'anii, Urjiin Ambootti deebi'ee gale.
Barrisa bara fincilli uummanni Oromoo roorrisaa irratti fincilee Gabroomfataa ofirraa qolachuuf adeemsifamaa jirudha. Maarree kana keessaatti ga'een uummatta Amboo, Qeerroo fi Qarree hedduu Oromiyaa guutuutti Amboon dursituudha.
Urjiinis kutaa 12ffaa barachaa jira. Yeroon yeroo qorumsaa waan tureef, qorumsaaf qophiirraa kan jiru Urjiin, Waa baayyeen dhiphachaa jira. Kan Soolanee. Kan barnootaa..... Hedduudha. Soolaneenis cidhaaf maatiin eshee mariisisaa jiru. Esheen baayyee didaa jirti. Maatiin garuu humna guddaan dheekkamaa, akka esheen waa takka hin dubbanne itti murteessan. esheenis mucaa baadiyyaa waan taateef dubbattee baafachuurraa, boochee imimmaan esheetti haarii baati. Barnoota eshee waggaa tokkoo kan qophaa'ina xummurte gara itti aanutti imalte. Cidhis gannoo/Ayyaanaa Qillee barii torbee tokkoon boodaa/mayii qabame. Esheenis akkuma Urjiin jedhettii yeroo gaa'eelli ga'e akka esheen dhukkubsattu taasisee cimsee gorse.
Urjiin gara yuuniversiitii waan deemuuf carraa eeggachaa jira. Yuuniversiitii Dembi Dollo argate. Deemsaaf qophii tolfachaa jira. Innis nagaa dhaammatee Soolanee isaas abdachiisee Wallagga Dambiitti kute.
Gannoonis ga'ee cidhaaf qophiin hunduu taasifamaa jira. Soolaneen Heerumte.
Waadaa hiriyaa. Kakuu jaalallee. Imaanaa Jaalalaa. Addaan kukkuttee, jijjigsitee bira dabarte. Waan kan hundaa Urjiin hin beekus hin dhageenyes.
Waanti Urjiin esheen jedhe raawwachuufis humna dhabde. Sodaa Abbaa. Dheekkamsa Haadha. Osoo bilbilaan wal hin argiin Soolanee fi Urjiin waggaa tokko guutan.
Yeroo Urjiin boqonnaaf gara Maatii, Amboo galuu akka Soolaneen heerumte dhaga'e. Ni kufe. Of wallaalee. Gara mana yaalaa Deemsisan hiriyoonni isaa. Innis torbee lama boodaa dandamate. Sammuun isaa of to'achuu didee. Guyyaa guutuu Sool koo... sool koo...... Maaliif akkas gootee? Jedhee Ofitti odeessaa karaa gubbaa Awwaaroo kaasee hanga hospitaalaa rifeerala Ambootti jooraa oola. Maraatuu jedhee kan maqaa moggaaseef jiru warrii Ofiin ofhin tuffannee.
Soolaneenis Dhala malee waggaa tokko fi walakkaa geesseetti. Keessaa esheettii yaaddoo Urjiin waxalamtiii.
Sooressaan Dheekamsa itti fufe. Soolaneen maseena fakkaattee itti mul'atte. Garuu miti. Qorannoo akka ilaalaman yoo murteessan iyyuu Sooressaan dhala akka hin godhannee hubate. Hojii uumaati hin komatamu. Waggaa lama guutan.
Urjiin barnoota isaa addaan kute karaarraa godhateera oolmaa isaa.
Kun hunduu gochaa Soolaneen isa muudate.
Soolanee fi Sooressaan bultii isaanii diigani. Gargar ba'an. Sooressaan fedha qabaatuyyuu, Soolaneen fedha malee dirqii maatii esheen akkaa heerumtu taasifamte.
Erga wal hiikanii gargar ba'aniis....
Itti fufa.....
@jaalalaafwalaloo @Ofii_Tar