eshee dhiqattee rifeensa eshee tottolfattee of miidhaksitee itti qajeelte. Fayyiseen wal arganii Sooressaa bira ga'an. Nagaa ho'aa wal gaafatanii teessuma qabatanii taa'aan. Waan fayyadamtan ajajadhaa natu isinirraa kaffala jedha Sooressaan harkkatti bilbila Sumsung Galaxy Guddaa fi furtuu konkolaata baatee. Lameenu Lallaafa ajajatan. Hin kanfaluu jedheen. Kanaafuu?... Kan biroo ajajadha. Fayyiseen Jaamboo singilii, Soolaneen ammoo Soofii Ajajatanii. inni ammoo Supperment Alchoolii ajajate. Hasaa'an itti fufe. Lafti galgalaa'eera. Fayyiseen walitti dhiiste nama mana fincaanii dhaqu fakkaattee biraa galte. Sooressaa fi Soolaneen walitti hafan. gaaffi isaa kan bilbilaan haasa'uu fi Fayyisee adaree itti kaasee haasofsiise. Soolaneen yeroo kanatti baayyee gadda keessaa jirti. " Soolanee eshee biyyatti waliin dabarsine maaf hin yaadduu? Ani ikkoo eshee yaadeen malee lelaa assab yellanyim kanaafuu ani jaalalaa keef malee kan biroo waa takkallee hin barbaadu" jedhaan afaan Habashaas keessa makaa. Sooressaan.
Anis yaaduu hin dhiifne kunoo ammas yaadnaniin si maddi dhufee mitii Sooressaa?"jette akkaata gaaffin keesseef.
Soolaneen. Lameenuu osoo murtii dhumaarraa hin ga'iin gara mana jetteen Soolaneen kaate lafaa.
Innis sin gaggeessa jedhee Gatii dhugaatii kaffalee gara asfaaltiitti qajeelan Makiina keessa kaa'ee gara kutaa eshee galchee. Nagaa itti dhaamee ofiif ammoo gara finfinneetti kute.
Haalaa fi amala eshee hunda addaan baafatee Waraqaa ergate.
Yeroo waraqaan qe'ee maatii Soolanee fa'a ga'uu ni naate. Waan dubbattu wallaalte. Maatiin akka eerumtu murtii itti kennuun ejjennoo isaani cimsan. Akka jaarsoliin dhufanis beellama qabatan. Esheen waan kana hunda Urjii dhoksitee jirti. Urjiin akkuma durii san jaalalaan eshee bohaarsaa jira. Bilbilaan. Maatiin eshees Guyyaa cidhaa qabuuf jaarsolii waliin mari'atan. Guyyaas ni qaban. Akkuma abbaan eshee Obboo Kabaan jedhanitti yeroo esheen barnoota eshee xummurte haata'u sirni cidhaa jedhanii nagaa walitti dhaamanii jaarsolii waliin adda ba'an.
Sooressaan abdii guddaa horate. Ni gammadee. Waan ijoollummaa isaatti hawwu guuttachuuf fiixe ga'e.
Ni gadditee. Ni wareerte. Abbaa eshee jibbite. Aayyoo isheetti mufatte. Soolaneen.
Akkuma yeroo calqaba baratanii sagaalee jaalalaan dhugaa jirtu labsa. Urjiin
Qorumsa eshees firii gaarii fiduun kutaa 11ffaa darbite. Gammachuu gaddaan guutamee. Gadda gammachuun guute. Kamtuu irra caalaa? Esheemaafan dhiisa. Gammaachuu guddaan Abaaboo jaalalaa kennaa waliin qabatee Bilbila isaa bilbilaa Magaalaa Giinciitti kute. Urjiin. Akkuma ga'een Soolanee isaan wal arganii gammade. Gara manaa kutan. Manas ga'an. Kennas laattef. Fudhatte. Gammadan.
Gidduma kanatti bilbillii soolanee iyyite. Sooressaadha. Jaalaa kaasuuf ni sodaatte. Dhiisuuf maatiitu dheekkama. Sodaachadhuma hel...l...oo jette sagalee ciccitaan. "Soolanee nagaa keedha? Fayyaa jirtaa? Har'a wal arguu dandeenyaa?" Gaaffii itti baayise. Sooressaan. "Nagaa kooti. Fayyaadha. Naaf hin tole osoo yeroo biraa ta'ee wayya" jetteen. Soolaneen.
Sooressaan akka dheekkamuu ta'ee sagalee jabaan dirqama wal arguu qabna jedheen.
Esheenis akka na'uu taatee tole erga jette. Garuu natti hin dheekkamiin yoon...... Jetten.
Hamma kana hunda callisaan dhaggeeffata. Urjiin.
Waan deemaa jiru kana hundaa waanti beeku hin jiru. Yaadaan galaana yaadaa kan daaktu Soolaneen gaddaa yaadan dabalameen guutamteetti.
"Urjii koo"..... Jette. Soolaneen.
Urjiinis......
Itti fufa......
@jaalalaafwalaloo
@Ofii_Tar