Kello Media Official


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Kello media is an independent, nonpartisan and nonprofit news enterprise whose mission is to produce original and citizen-driven reporting on oromia.
#6900 WinnetkaCir Saint Paul Minnesota
Official Telegram channel of kello media!!
📡📡📡📡📡📡📡📡📡

Related channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter


Jaal Daawud Ibsaa humna mootummaatiin mana isaa keessatti hidhamuu haasawa amma OMN waliin godhe irraa hubachuun danda’amee jira. Manarraa bahuus tahee namni biraa itti dhufuun kan hin danda’amne tahuu himan.


@kelo_media
@kelo_media


Who will win? Eentu injifata?
Poll
  •   Oromoo
  •   Bilxiginnaa
  •   Qomcee
48 votes


Mootummaan Abiy kufee jira. Kana odeeffannoo gahaa waan qabuuf jechaa jira. Yoo 4kilo keessaa bahe takaa nan hidhama takkaa na ajjeesu sodaa jettuuf mataa isaa 4kilo keessatti of suuqee jira malee kufeera. Namni akkanaa haasawa siyaasaa fi karaa nagayaa hin dhagayu. Kanaafuu WBO jabeessaa. Hawaasni eeruu WBOf kennuu. Waan qabuun gargaaruu. Poolisoota Oromiyaa fi milishaan Oromiyaa akka WBO’tti makan firootni jaraa gorsuu. Tokkummaa jabeessuu. Kan kanarraa hafe keessoo PP laamshessuu. Caasaa isaanii keessa seenanii hamma jirtu diiguu. Yeroo gabaabaa keessatti akka bilisoomnu hin shskkinaa! Abdii guutuun qabsaa’aa! Filannoon isaan jechaa jiran hiika takkallee akka hin qabne addunyaanuu itti himaa jirti. Tahullee danquun barbaachisaadha.

Haqa qabna!
Ni bilisoomna
!
Maddi:- ferhan A/selam

@kelo_media
@kelo_media


Paartiilee Nafxanyaa kan akka EZEMA fi ABiN namoota isaan Oromiyaa keessatti Caffee seensisuuf filannoof dhiheessaniidha. Iccitii diinaa gadi yaasuun itti fufa. Telegram kiyya kanarraa iccitii hedduu argachuuf deemtu. Waliif dhaamaa Oromoonni akka join godhan.


@kelo_media
@kelo_media








Barattoota qabxii seensa Yunivarsiitii isin jalaa hanqateef! ⬆️

Barattoonni Kutaa 12ffaa Saayinsii Uummamaa (Natural Science) taatanii bara kana (2013) qorumsa seensa Yunivarsiitii fudhattanii qabxiin keessan isin hin dabarsine carraa barnoota tolaa kana yaalaa.

Dhaabbanni Menschen Für Menschen Foundation jedhamu

⚜ Barattoota qormaata biyyooleessaa 10ffaa irratti gosoota barnoota Ingiliffaa, Herreega, Baayoloojii, Fiziksii fi Keemistiriin "C" fi sanaa ol kan qabdan

⚜ Barattoota bara 2013 qorumsa seensa Yunivarsiitii fudhattanii qabxii akka itti aanuutti galmeessisan

—> Dhiiraaf 370 - 379
—> Dubaraaf 358 - 367

Barattoota naannolee guddattootaafi horsiisee bultootaaf

—> Dhiiraaf 358 - 367
—> Dubaraaf 348 - 357

Barattoota naannolee Tigraay fi Matakkaliif

—> Dhiiraaf 348 - 357
—> Dubaraaf 340 - 349

Gosa barnoota dippaartimeentii lamaan dorgomsiisee barsiisuu barbaada.

¤ Technology department
- Manufacturing
- Automotive
- Electrical and Electronics Technology (with two streams)

¤ Agro-ecology dep


“Gujiitti hardha nama 4(afuritti) ijjeefame.
1.B/saa Damisee Nageessaa Mokkonaa aanaa Gooroo Doolaatti mana hidhaatii baasanii ijjeesani.
2. Mallicha Gushee aanaa Gooroo Doolaatti mana hidhaatii baasanii ijjeesani.
3. Machallaa Guyyee aanaa Gumii Eldallootti ijjeeffame.
4. Kottoola Kureessaa aanaa Gumii Eldallootti ijjeefamani
.”

@kelo_media
@kelo_media


Wixata dabre Wallagga Lixaa, Aanaa Najjoo keessatti dhukaasa banameen namoonni 3 ajjeesaman!

Godina Wallagga Lixaa, Aanaa Najjoo keessatti, Wixata darbe, dhukaasa banameen namootni meeshaa waraanaa hin hidhatin sadii ajjeefaman jedhan, bulchaan Aanaa Najjoo.

Bulchaan Aanichaa Obbo Taliilaa Tarraffa, “Ajjeechaa kana ABO Shaneetu raawwate” jechuun himatan.

Namni bakka sana akka turan dubbatan ammoo, “Waan gamaafi gamanaa dhukaasamaa tureef qaama ajjeese adda hin baafanne” jechuun ibsan.

Kan mootummaan “ABO Shanee” ittiin jedhu, hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromootti, Dubbi-himaan Zoonii Lixaa Bilisummaa Guutaa, “nuti ajjeechaa kana hin raawwanne” jechuun haalanii jiru.

(VOA)
@kelo_media
@kelo_media


Sooma Ramadaanaa

#Wallo Salaata Magribaa Boodaan Akkanatti Iddoo Tokkotti Waliin Lulluuqqii Taasisan .

@kelo_media
@kelo_media


Itoophiyaan walabummaa Pireesiin sadarkaa bara darbeerraa gad buute!

Gareen dhaabbata Rippoortaroota Daangaa Maleeyyii (RSF) kan walabummaa Pireesii biyyoota addunyaa safaree sadarkaa baasuuf Itoophiyaan sadarkaa bara darbeerraa sadarkaa lama gadi buutee 101ffaarra kaahamte.

Dhaabbatni RSF MM Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufanii walabummaan Pireesii mul'atee ture balaa isatti aggaamameera jedha.

Gaazexessitootnii fi biloogaroonni gadhiifamuun tarkaanfii gaarii akka ta'e eeree, kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti walitti bu'iinsi dhalatu miidiyaaleen fiixee akka qabatan gochaa jira jedheera.

Itoophiyaan bara 2020 gaazexessitoota 19 ol sababa gahaa malee hiiteetti kan jedhu gabasichi, gaazexessitootni tokko tokko eessa akka jiranillee osoo hin beekamiiniifi abukaatoos osoo hin dhaabbatiin turaniiru jechuun komata.

Bakka walitti bu'iinsi jiru dhaqanii gabaasuun rakkisaa ta'aa dhufeera, adda ciccituun intarneetaas danqaa biraadha jedheera.

(BBC)
@kelo_media
@kelo_media


Preezdaantiin Chaad Idiriis Deebey filannoo injifachuu isaani ibsamee guyyaa tokko booda ajjeefaman!

Preezdaantiin Chaad Idiriis Deebey haleellaa irra ga’een lubbuun isaanii darbuu ibsameera.

Preezdaant Idiriis Deebey yeroo 6ffaaf biyyattii bulchuuf filannoo injifachu isaani guyyaa tokko dura kan ibsame yoo ta'u, lola finciltoota waliin gaggeeffameen haleellaa irra qaqqabeen har’a lubbuun isaanii darbuu ibsameera.

Filannoo Preezdaantummaa biyyattiitti gaggeeffameen %80 sagalee ummataa argachuun isaanii ifoomee ture.

Tibbana Imbaasiin Ameerikaa biyyatti keessatti argamu finciltoonni kan akka Bookoo Haraam haleellaa geessisu waan malaniif lammiileen Ameerikaa biyyatti gadhiisanii akka bahan hubachiise ture.

Maddi: Reuters
@kelo_media
@kelo_media


Thanks our heros for sacrifices that you made for oromo and oromia😔🙏🙏🙏!



@kelo_media
@kelo_media


Oduu Ammee:

Godina Shawaa kaabaa kan M/N/Amaaraa Magaalaa Haxaayyee Naannoo Jaarraa Waatatti Humni addaa naannichaa Mana dhalataa Oromoo tokko halkan sa’aatii 4:45 gube jedhu jiraattonni.
Bajaajonni 4 haleelamuu odeessi achii nu gahe ni mul'isa. Kana hordofee Oromoonni yaaddoo hamaa jala jirra jedhu. Halkan haleellaan jiraachuu waan danda'uuf of eeggannoo godhaa jechaa jiru.
Rakkoo kana tasgabbeessuuf Raayyan Ittisa Biyyaa garas socho'aa akka jiru Jiraataan OMN qunname himeera.
Hogganoonni hawaasaa fi amantii kallatti garaagaraatiin walii dirmachuu fi gocha seer-alummaa kamuu qaama nageenyaaf eeruu akka kennu waamicha gochaa jiru.


Maddi:- OMN

@kelo_media
@kelo_media


رامىزان مۇبارەك

‏بارلىق ئۇيغۇر قېرىنداشلىرىم، سىزلەرنىڭ خىتاي رىجىمى ئاستىدىكى شەرقىي تۈركىستاندا رامىزان تۇتۇشتىن چەكلەنگەن سۆيۈملۈك قېرىنداشلىرىڭلار ئۈچۈن دۇئا قىلىمىز، ھەمدە ئاللاھدىن سىزلەرنىڭ زالىملار ئۇستىدىن غالىپ كېلىشىڭلار ئۈچۈن دۇئا قىلىمىز.

Ramadan Mubarak to all our #Uyghur brothers and sisters! We pray for your loved ones who are banned from fasting in Occupied East Turkestan.

We pray Allah grants you victory over the oppressors!

#Uyghurs

Follow @kelo_media


#Nekamte?

Godina Wallaaggaa Bahaa magaalaa Naqamteetti xumura torban darbee haleellaa rawwatameen lubbuun darbuu Poolisiin hime.

Hoteela irratti boombii darbatameen lubbuun nama tokko yoo darbuu, lubbuu lammilee nagaa dabalatee namoota sagal irratti miidhaan dhaqqaabuu Hogganaan Humna Addaa Poolisii Oromiyaa Damee Naqamtee Komaander Girmaa Abdiisaa BBCtti himaniiru.

Poolisiin ajjeechaa kana qaama hidhatee socho'uutu rawwate jechuun himateera.

Kanneen miidhamaan keessa humnoonni nageenyaa afur keessa jiru.

Komaander Girmaa Abdiisaa maal himu?

Taateen kun Sanbata darbee galgala naannoo sa'aatii 2:00tti Hoteela Sookam jedhamutti qaamolee nageenyaa dabalaatee namoota hoteelicha keessatti fayyadamaa turan irratti boombiin darbaatamuu himan.

Humneen nageenyaa afur fi lammileen nagaa shan miidhaman akkasumas lubbuun dubartii tokko darbuu BBCtti himan.

Qaamni yakka kana rawwachuun shakkamee to'atamuu fi qorannaan irratti gaggeeffamaa jiraachuu komaander Girmaan himaniiru.

@kelo_media
@kelo_media


#Dhaddacha

Manni murtii Obbo Jawaar Mahaammadfaa irratti ragaan abbaa alangaa dhaddacha banaan akka dhagahamuuf murtoo laatame dhorke.

Dhorkicha kan kaahe dhaddacha dhageetti oli iyyannoo mana murtii waliigalaa federaalaati.

Wiixata darbe Manni Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataa gaaffiin Abbaan Alangaa obbo Jawaar Mahaammadfaarratti dhadhacha cufaa fi golga duubaan ragaa dhageessiisuuf gaafaate kufaa taasiise.

Haaluma kanaan Abbaan Alangaa beellama darbeen bu’uura labsii ragaa dhageessisuu abbaa alangaa lakkoofsa 699/2003, keewwata 4 muraa 1tiin ragaa baatoonni 146 dhaddacha cufaan ragaa akka dhageessiisan gaafateera.

haata’uutii abbaan Alangaa ragaa baatoonni kunneen golga duubaan ragaa akka dhageessiisan sababa wanta ta’u ragaa quubsaa kan hin dhiyaanne ta’uu isaan Manni Murtichaa ragaa baatoonni kunneen dhaddacha banaan ragaa akka laataan murteesse tureera.

Maddi: FBC
@kelo_media
@kelo_media


Mohaammad Deeksisoo eessa akka geeffame erga wallaallee torbee darbeera jedhan maatiin.

Dargaggoon kun erga guyyoota saddeetiin dura qaama nageenyaatiin fudhatamee hanga ammaa eessa akka jiru hin beeknu jedhan maatiin Mohaammad Deeksisoo.

Abukaatoon isaa Obsinaan gamasaatiin, dargaggoon kun buufataalee poolisii magaalaa Jimmaa keessa jiran lamaan keessa akka hin jirre mirkaneefanneerra jedhuun BBC'tti himan.

@kelo_media
@kelo_media


#MoSHE

Ministeerri Saayinsii fi Barnootaa Olaanoo qabxii darbiinsaa ykn seensa Yuunivarsiitii ifoomse.

Haaluma kanaan:

1. Saayinsii Uumamaa (Natural Science):

• Dhiiraaf qabxii 380
• Dubaraaf qabxii 368

- Qaama miidhamtootaf:
• Dhiiraaf qabxii 350
• Dubaraaf qabxii 345

2. Saayinsii hawaasaa (Social Science):

• Dhiiraaf qabxii 370
• Dubaraaf qabxii 358

- Qaama miidhamtootaf:
• Dhiiraaf qabxii 340
• Dubaraaf qabxii 335 #share

@kelo_media
@kelo_media

20 last posts shown.

1 732

subscribers
Channel statistics