#Nekamte?
Godina Wallaaggaa Bahaa magaalaa Naqamteetti xumura torban darbee haleellaa rawwatameen lubbuun darbuu Poolisiin hime.
Hoteela irratti boombii darbatameen lubbuun nama tokko yoo darbuu, lubbuu lammilee nagaa dabalatee namoota sagal irratti miidhaan dhaqqaabuu Hogganaan Humna Addaa Poolisii Oromiyaa Damee Naqamtee Komaander Girmaa Abdiisaa BBCtti himaniiru.
Poolisiin ajjeechaa kana qaama hidhatee socho'uutu rawwate jechuun himateera.
Kanneen miidhamaan keessa humnoonni nageenyaa afur keessa jiru.
Komaander Girmaa Abdiisaa maal himu?
Taateen kun Sanbata darbee galgala naannoo sa'aatii 2:00tti Hoteela Sookam jedhamutti qaamolee nageenyaa dabalaatee namoota hoteelicha keessatti fayyadamaa turan irratti boombiin darbaatamuu himan.
Humneen nageenyaa afur fi lammileen nagaa shan miidhaman akkasumas lubbuun dubartii tokko darbuu BBCtti himan.
Qaamni yakka kana rawwachuun shakkamee to'atamuu fi qorannaan irratti gaggeeffamaa jiraachuu komaander Girmaan himaniiru.
@kelo_media