Mimmiyoo Jaalalaa
==============
*Kutaa 1ssoo
''Eegaa hundi keenyaa gaafa teenyee, dhaabbannee, hidhamnee, hiikkamnee, deemnee, fiignee, callisnee, gaddinee, gammannee, xumurre; waa’ee jireenyaa, waa’ee jaalalaa yaaduun keenya hin’oolu. Jaalalaan duuba maaltu jira kan jedhus deebii biroo qaba. Gaafa kana xiinxaltu gocha seenaa dhugaa tokko argitee irra hindarbitu.
Barattoota lama turan. Barattuu Seenaafi barataa Falmataa turan.(Falmataa jennaan Falmata Liban Taro sitti hin fakkaatin).
Barattoonnii Isaan lamaanuu Yunivarsitii Haroomayaa keessatti damee barnoota Injinariingii baratan. Seenaan waggaa 3ffaa yoo taatu, Falmataan waggaa 4ffaa dha.! Inni Oromiyaa jiddugaleessaatti dhalatee guddate. Isheen Oromiyaa lixaa yoo taatu, lameen isaanii ijoollee Oromiyaa baadiyaatti dhalatanii guddataniidha.
Seenaan akkaataan uumama ishee baay’ee nama ajaa’iba. Icciitiishee beekuun ulfaatus; kennaan beekumsasheefi bareedinnishee dhiirota hedduu akka bubbee arfaasaa asiif achi raasa. Rifeensiishee dugda irraan hanga’a. Yeroo adeemtu akka bishaan gibee deemuu malee, sagalee hindhageesistu. Ijjishee akka urjii birraa calanqisti. Seeqni ilkaanishee akka tirika dukkana keessaatti ifa. Konkonni funyaanishee akka waan ogeessi bobbocaa boce fakkaata. Guntutnishee akka tulluuwwan Oromiyaa keessaa uumamaan kan dhaabbateedha. Seenaan yeroo kolfitu sagalee onnee namaa raasu tokko osoo hindaangessin olbaasti. Haalli uffannaashee akka bineensota baddaa baalee daawwattanii xumuuruun ni’ulfaata.
Falmataan baay’ee boonuudhaan beekkama. Gaafa namni baay’ee haasayu baay’ee dhaggeeffata. Rifeensisaa boca odaa Oromoo fakkaatee akka bosona Oromiyaa durii daawwattee hinquuftu. Kennaan bareedinasaa akka soomaya leemmaanii olqajeelaadha. Kan nama dhibu Falmataan barnoota isaatiin baay’ee cimaadha yoon jedhe, isa hinmadaalu. Gaafa barsiisaan gaafii isa gaafatu, akka leenci yeroo gaaraa bookkisu bineensonni isaan kuuni asiif achi shokoksan, barattoonni cal jedhanii isa inni deebisu kana baranneerraa laata? jedhanii dabtara isaanii asiif achi garagalchu. Isaan lameenuu gumii aadaafi hogbarruu afaan Oromoo keessatti hirmaannaa cimaa qabu.
Kan Falmataan nama ajaa’ibuun tokko yoo jiraate, guyyaa ayyaanaa keessumaayyuu guyyaa ayyaana sabaaf sab-lammootaa huccuu (T-shirt) dhiiga dhiigaan baasan jedhu uffachuun beekama. Sababa kanaaf baay’ee dararama. Haata’uu malee, osoma baratu barattoota damee barnootaa isaa baratan, kan waggaa 1ffaa hanga 3ffaaf barataniif barnoota dabalataa (tutorial) barsiisa yeroo boqqonnaa isaatti.!
Falmataan afaan Amaaraa osoo miliyoona tokko kenniteefii waan dubbatu hinfakkaatu. Barnoota dabalataa kana yeroo barsiisu barattoota saba biroo daree seenuu dhoowwee barattoota Oromoo qofa isa barbaaduuf afaan Oromoon hiikee akka fedhetti barsiisa. Kanaaf sabaaf sab-lammoota biroo biratti baay’ee jibbamuu hin’oolle!
Seenaan barattuu waggaa 3ffaa waan taateef barnootasaa kana barachuuf dirqamte. Isaan lameenuu jaalala sabaa, guddinna afaaniifi jireenya isaanii yaaduu malee, guyyaa tokkos waa’ee jaalalaa dubbatanii waan beekan hinfakkatan. Haata’uu malee, guyyaan nidhufe osoo isaaniin hinmari’atin; innis osoo barsiisu, isheenis osoo barattuu wal ajaa’ibuu jalqaban..
Kutaan 2ssoon itti fufa....
@lammiif