Asoosama Gaggabaaboo


Channel's geo and language: World, English
Category: not specified


If you want to promote or feedback on my Chanel please contact me by these link
https://t.me/*****
Sorry no link yet😏

Related channels

Channel's geo and language
World, English
Category
not specified
Statistics
Posts filter


Forward from: Jaalala dhugaa!
Reefuun Hubadhe

Yeroo ati anaaf jettee
Aarsaa guddaa kafalte
Homaa natti hin fakkaanne
Yaadattuu hin qabanne

Yeroo ati anaaf jettee
Hiriyyoota keen jibbamtu
Sammuunkoo hin xiinxallee
Natti hin dhaga'amne homtuu

Anoo gootuman of se'e
Yeroo ati na gabbartu
Yeroo ati anaaf jettee
Karoora kee haqxuu

Garuu........
dhugaan isaa kana miti
Kana ati hunda gootuuf
Ani adda taanan miti
Kan ati naaf yaaddus

Jaalalaaf dursa laatte
Ofiikee gad of qabdee
Waan narraa hawwitus
Hunda narraa dhabdee

Hedduu naaf obsite
Na dhaggefatteetta
Anatu sin qaqabne
Har'a fagatteetta
Yoomuu sin dagadhu
Onnee koo keessa jirta

#Miss_u_Siif😭
✍️ Solomon Garedew

4 any comment 👉@sool_dave

@jaalala_dhuga
@jaalala_dhuga
Join our new channel 👇
@OroArt_vs_artist

@OroArt_vs_artist


JAALALA ONLINE IRRAA
Seenaa dhugaa irratti kan hundaa'e
@Sool_dave'n
#Kutaa_5ffaa
Hubachiisa kutaa 1-4 hin dubbisne yoo ta'e @jaalala_dhuga keessa galuun dubbisi
~~~~~~~~~~~~~~~~

....Jaalalli keenyas guyyaati guyyatti dabalaatuma deema.
Guyyaa tokko Naaf bilbiltee akka na yaaddee fi na arguu akka barbaaddu natti himte anis tole jedhe. Guyyaa lammataaf bakkuma duraa magaalaa Ambootti wal arguuf murteessine.
Akkuma jenne wal agarre ammas akkuma gaaf duraa guyyaa bareedaa fi yeroo jaalalaa bareedaa waliin dabarsine jaalala dhugaa waliin dhamdhamanne..... Akkanaan guyyaa tokko guutuu waliin oollee gara mana mana keenyatti deebine.

Ammas jaalalli keenya haaluma bareedaa irra jira. hiriyyoni koo hariiroo keenya beekan Romio fi Juliyeta jedhanii nutti qoosu turan......egaa ammas akkuma barame bilbilaan wal argaa ji'a tokko lakkofsisne. Garuu ji'a tokkoon booda waan ani yaadee hin beekne tokko mu'late bilbilli siifan gaaf tokkoollee cufamee hin beekne cufaa ta'e. irra deedeebi'ee bilbilus cufaa ture hedduun dhiphadhe hedduun yaadda'es. Bilbila ishee irraa kan hafe kan maatii ishee yokan kan hiriyyoota ishee hin beeku. Kanuma isheeerattan dedeebisee bilbila. haaluma kanaan osuman bilbila ishee dedeebisee yaaluu secondin daqiiqaatti, daqiiqaan sa'aatiitti, sa'aatiin guyyaatti, guyyaan Torbeetti jijiiramuun Torban tokko lakkoofsise. dhugaa dubbachuuf bilbila ishee guyyatti yeroo 10 gadi yaalee hin beeku garuu waan haaraan hin jiru bilbilli ishee cufaadhuma. Finfinnee deemee ishee barbaaduuf mana isaanii hin beeku. hedduun dhiphadhe, hedduun of jibbe, waanan godhu hunduu na harkaa bade.
Guyyan natti dukkanaa'e yeroo sanatti waanan gochuudanda'u yoo jiraate imimaaniin fuula of dhiquu qofa ture, "ilmi dhiiraa imimaan hin buusu garaa isaatti boo'a" inni jedhan ana biratti soba ta'e imimaan of irra lolaaseen boo'e garuu waanan jijiire tokkollee hin qabu.
Haga ammaatti siifan waliin eega bilbilaan wal agarree ji'a 8 darbee jira. Kan na dhibu haga ammaa ishee dagachuu dhiisuu kooti. ammas taanaan torbeetti gaaf tokkollee ta'u bilbila ishee nan yaala. An waa biraan hafee Lubbuun jiraachuu ishee qofa osoon bekee Sammun koo boqonnaa argata.
Dhugaa dubbachuf Yeroo heddun ishee dagachuu yaale garuu hin dandeenye. Kanaafidha Guyyaan ishee waliin wal bare sana guyyaa #abaaramaadha kanan jedhef Dhukkuba daawwaa hin qabne natti tatee Onnee kootu madaa'e.
Kana hundaan kan na ga'e onnee koo guutuu isheef kennuu kooti. Jaalala dhugaa ishee jaalachuun koo Miidhaa hamaa kanaaf na saaxile.
Namoota Seenaa koo kana dubbisaa jirtaniif waanan Dhaamu yoo jiraate nama tokko gaafa jaalattan wal dhabuunis waan jiruuf of eeggannoo godhaa dursa ofiif kennaa
Galatoomaa!
Seenaan kun ammaaf asuma irratti xummurameera!

#Siifan yoon argadhe garuu itti fufa!

group keessa jirtan maratti share godhaa may be #Siifan bira ga'uu danda'aati.
#Sifan sirbi ati gara gadiitti argaa jirtu Afferra kooti "yoomuu sin dagadhu!" yeroo gaarii👐
yaada fi qeeqa yoo qabaattan @sool_dave quunnamaa
💎@Sool_dave
@SOOL_DAVE
Join👇
@jaalala_dhuga
@jaalala_dhuga
@jaalala_dhuga


JAALALA ONLINE IRRAA
Seenaa dhugaa irratti kan hundaa'e
@Sool_dave'n
#Kutaa_4ffaa
~~~~~~~~~~~~~~~~

Deebi'iin ishee garuu akkuma an hawwe naaf ta'e "hin qabu" naan jette.. anis akkan ishee jaaladhe battaluma sanan itti hime isheenis "akkamitti na jaallatte?" Jaalalli halaalaa nu miidhuu danda'a" jettee xiqqo akka diduu eega taatee booda "tole'' naan jette. Anis hedduun gammade hawwiin koos naaf milkaa'ee
Egaa guuyyaa gaaf sanaa kaasnee jaalala haalaalaa waliiin dhamdhamuutti kaane. An silaa kana dura bayy'ee 'sirezi' waanan tureef jaaladhees ta'e jaalatamee hin beeku jaalalli naaf haaraa ture. yeroo sanatti 'Namni wal jaalate tasa wal dhabuu danda'a' kan jedhus keessa kiyya hin dhufne akkasuma jaalalli sobaa akka jirus waantan beeku hin qabu. onnee koo guutuun kenneef isa dhugaan jaaladheen isheenis dhugaan akka na jaalattu natti himte. haaluma kanaan ji'a sadii guutuu telegram dhan akkasuma bilbilaan has'aa turre, hanga kana suuraa irraan kan hafe karaan nuti ittiin wal beeknu hin jiru. turtii booda garuu fedhiin qaamaan wal arguu nu keessatti uumame. anis osuman sodaadhuu qaaman ishee arguu akkan barbaadu itti hime isheenillee yaada akkasii akka qabdu natti himte.
Egaa guyyaa itti wal arginu beellamanne. bakki beellama keenyaa ykn itti wal arginu Magaalaa Amboo ture. akkuma beellamanne guyyaan beellama keenyas ga'e. yeroo jalqabaaf magaalaa Amboootti qaamaan wal agarre. Jaalalli anaaf haaraa waan tureef hedduun sodaadhen yeroo murtaa'eef arrabni kiyya ni hidhamee itti dubbachuu hin dandeenye ture. garuu turtii booda xiqqo walitti dubbanne laaqanas waliin nyaannee magaalaa amboo keessa asiifi achi walin deemuu eegalle. wow guyyaan sun anaaf guyyaa addaa ture jireenya koo keessatti waanan argee hin beeknen arge. Edaa jaalalli hanga kana gammachuu namaaf keennaa? Guyyaa sana waanan lammaffa dhaladhe natti fakkaate.
Osuma waliin oliif gad deemnee magaalaa Amboo daawwannuu aduun gara lixaatti naannofte osoo nuti hin fedhiin dirqamni mana mana keenyatti nu deebisuuf jetti. silaa hin ta'uuf malee osoo akka fedha keenya waluman osoo magaalaa Ambo bullee nutti tola ture garuu isheenis maatii waan qabduuf maatin itti dheekaamu kanaafu galuu waan qabduuf konkolaataa gara finfinnee deemu keessa seensisee nagaa itti dhaammadhee Adda ishe dhungadhee biraa deebi'e garuu kan ishee biraa deebi'e qaama kooti malee yaadnif onneen koo ishee biratti hafan.
anis konkolaataa gara magaalaa Geedoo deemu qabadhee gara mana kootti qajeele.
Akkanaan guyaa bareeda dabarsinee gara mana mana keenyaatti deebine.
Jaalalli keenya kan duraa caalaa ho'aa adeeme wal malee jiraachuu akka hin dandeenye walitti himne, Akka wal hin daganes waadaa waliif galle.
Eega yeroo jalqabaa wal agaree boda ammas ji'a lamaaf qaamaan osoo wal hin argiin bilbilumaan waliin taphachaa turre.
Jaalalli keenyas guyyaati guyyatti dabalaatuma deeme.....
..... itti fufa

✍️ @Sool_dave
Yaada keessan nuun ga'uuf @comment_4_Sol_bot fayyadamaa
Share godhii hiriyyoota kee channel kanatti affeeri
@jaalala_dhuga
@jaalala_dhuga
@jaalala_dhuga


JAALALA ONLINE IRRAA
Seenaa dhugaa irratti kan hundaa'e
@Sool_dave'n
#Kutaa_3ffaa
~~~~~~~~~~~~~~~~

Garuu barnoota barachuun waan narra jiruuf garaa jabaadhee fuula koo gara sana naannefadhee gara sana imalee barnoota koo eegale. Jireenya kophummaas dhamdhamuu eegalera dhugaa dubbachuuf jireenyi kophummaa hedduu ulfaata (isa kana namni arge naaf hubata), kan si dhibu dhaladhee umurii koo wagga 16 ttan jireenya kophummaa jiraachuu eegale.
Yeroo sana hiriyyaa ani qabu yoo jiraate mobayilii koo qofa. oolmaa koo irra caalaa Facebook irrattan dabarsa yeroon Facebook ilaalu yeroof kophummaa koo nan dagadha. kan si dhibu garuu an yeroo sana telegram maal akka inni fakkaatuyyuu hin beekun ture facebook koo qofan qaxaqaxa. Guyyaa tokko osoon mana bunaa tokko jala taa'uu mucaan cina koo taa'u tokko 'telegram" osoo inni fayyadamuun arge kun immoo maalidha laata jedheen hedduu dinqisiifadhe Facebook caalaa natti toles. Yeroo dhuma kana maal akka ta'e mucaa kana gaafachuu akkan qabun yaade. Anis suuta jedhee sagalee koo gad buuseen "maal fayyadamaa jirta?" jedheen
Innis Telegram fayyadamaa akka jiruufi telegram mal akka ta'e akkasuma maal akka fayyadu tokkoyyuu osoo hin hanbisiin waa'ee telegram natti hime. anis 'application' telegram akka naaf dabarsun gaafadheen innis tole jedhee naaf dabarse anis battaluma gara mana koo galeen accounti telegrami banadhe, hedduus natti tole. Dhugaa haasa'uuf Yeroon Facebook keessaa ba'ee telegram seenu waanuman baadiyyaa irraa ba'ee magaala seenu natti fakkaata. Egaa haaluma kanaan osoon fayyadamuu namoota hedduu waliin 'online' dhan wal baruu eegale kun immoo caalatti akkan qophummaa koo dagadhu na godhe.
Guyyaa tokko akkuma barame laaqana nyaadhee akkuman ka'een siree koo irra dugdaan ciisee data bilbila kiyyaa banee telegram keessa gulufuun eegale osuman group fi channel garagaraa keessa seenee barrefamoota garagaraa dubbisuu, group tokko keessatti mucaa haalaan bareedu tokkon arge akka tasaa mucaayyoon online irra jirti anis addatti ishee baasee karaa keessa 'hi" jedheen isheenis turtii xiqqo booda "hi" naan jette. Ergan nagaa gaafadheenii booda "wal haa barruka eenyu siin jedhu eessa irrayi?" Jedheeni isheenis "Siifan naan jedhan Finfinnee irraa" naan jette anis dabaree koo of barsiiseen. Dhugaa dubbachuuf, guyyaan ishee waliin wal bare osoon jireenya koo keessa 'select' godhe 'delete' taasisee natti tola.
Guyyaan sun anaaf guyyaa #abaaramaa ture. Garuu yeroo sanaaf guyyaa sana akka guyyaa koo ta'ettan fudhadhe. hedduun guyyaa sanatti gammade
Garuu maal godha... akkan yaade hin taane.
Siifan akkuma kiyya barattuu kutaa 11ffati kan nama dhibu immoo akkuma koo barattuu 'social' ti. akka tasaa eega wal barree booda hedduu waliin haasa'uu eegalle guyyoota dheeraafis waliin haasofne. Akkuma bekamu anis 'single' dha (jaalallee hin qabu💚).
siifan muca mudi bareedaa qabdudha hedduu na tolte', keessi koo hedduu ishee jaallate, koo akka taatuufis nan hawwe; hawwuu irra darbees koo godhachuuf maal gochuu akkan qabu yaaduun eegale.
guyyaa tokko osuma haasofnuu gaaffii tokkon gaafadheen gaaffin koos "jaalallee qabdaa?" kan jedhu ture. Deebi'iin ishee garuu.....
....Itti fufa
✍️ @Sool_dave
Yaada keessan nuun ga'uuf @comment_4_Sol_bot fayyadamaa
Share godhii hiriyyoota kee channel kanatti affeeri
@jaalala_dhuga
@jaalala_dhuga
@jaalala_dhuga


JAALALA ONLINE IRRAA

Seenaa dhugaa irratti kan hundaa'e
@Sool_dave'n
#Kutaa_2ffaa
~~~~~~~~~~~~~~~~

An garuu barataa kutaa 10ffa ta'eeyyuu bilbila hin qabu.
'Samoona' tokko bilbila hedduu na hawwisiise, yoon hiriyyoota koo harkaa fuudhe deebisi deebisi nan godhu osoo naaf danda'amee dhowwadhee nati tola ture.
Sadarkaa kanatti bilbila harka kiyya irraa dhabuun koo hedduu na gaddisiise.. akka naaf bitamuufis father kadhachuu akkan qabun murteesse. Guyyaa tokko father'in miila isaa osoo dhiqachuuf jedhuu argeen dafee dhaqeen "ende dad osoo ani Leenci kee jiru gadi jettee ofii keetii miila kee dhiqachuuf moo'' jedheen bishaan harkaa fuudhee miila isaa dhiquufii eegale. Garuu maal jedhee akkan dubbicha eegalu hin beeku na dhiphisaa jira (iinnis akkan waan tokko isa kadhachuuf ka'e narat bare nat fakkaata)
"Dur jecha akkasii sirraa dhaga'ee hin beeku har'a maaltu argame?" Naan jedhe dad eko Aradaadham😉. Anis carraa kanatti fayyadameen bilbilli naf bitamuu akka qabu haala kadhaan osoo hin taane akka akeekachiisattan itti hime (akka waanan kankoo itti kenneeruu😕). innis waanan jedhe hundumma eega dhaga'ee booda gaaffiin isaa jalqabaa "eenyutti bilbiluufi nuti si bira jirra mitii?" kan jedhu ture anis akka nahuu tokko ta'een sagalee lallaafaadhaan "eeyyee.. garuu ijoolleen dareetti qormaata bilbilaan hojjetu an immoo calliseen isaan laala"n jedheen innis "isaaniin ilaaluu dhiistee kankee hin hojjettuuree" naan jedhe anis miila isaa isan dhiqaa jiru dhiiseen ka'ee gara harmeen nyaata bilcheessaa jirtu deeme yeroo kana imimaan koo qabachuun hin dandeenyen ture sababni isaas Fatherin deebi'i an hin eegne naaf deebise.
Harmee bira eegan ga'ee booda akka father'iin 'bilbilli si hin barbaachisu' naan jedhe imimmaan koo maddii koo irra yaasaa isheetti himee. harmeenis ofittii na qabdee dhiisi anuu itti siif hima yoo didemmoo aniyyuu dhoksee siif bita dhoksitee fayyadamta naan jette (wayi haadha Haati bar waan hundadham, Addunyaa kana irraa kan akka harmee kee sitti aanu hin jiru. Umurii dheraa harmee keenyaf🙏).
Egaa maal akka jetteenii Beekuu baadhus Torbee tokko booda bilbilli Inni bakakkaa fakkatu naaf bitame seeran akkan itti fayyadamuf akeekkachiisa cimaa waliin naaf laatame anis tole jedhee fudhadhee barnoota koo itti fufe. Egaa Ergan bilbila bitadhee booda osoo hin jaalatiin mana addunyaa bakka tokkotti qabate jiru keessa anis dhiibbadhee seene (bro bakka biraan deeme miti at yoona waa meeqatti yaaddeetta facebook'in eegale siin jechuudhumaafi)
Facebook ergan eegalee waantota hedduun arge. Muraasni akkuma namatti tolan hedduun immoo nama jibbisiisa. Gariin dugdaan cisee, gariin mataan dhaabatee, gariin immoo fuula dhoksee daallee dhiibee, inni kaan uffata ciree qaama isaa mul'isee; seera uumaa cabsee safuu dagatee, bifa bareeda uumaan isaaf kenne 'kosmotiksiin' dhoksee bareeda Rabbi isa badhaase ofuman of irraa mulqee achirratti dhooba. Addunyaan kun buburree ta'uu ishee anis achirrattan hubadhe.

Egaa guyyoonni haaluma kanan daddarbanii torbeetti jijiiraman; Torbanoonis walitti kurfayani baatii ta'an baatiinis lakka'aman, anis barnoota koo kutaa 10ffas xumure qabxii na ga'us argadhe gara kutaa 11ffatti darbe. egaa akkuman sila sinitti hime ani ilma baadiyyaati nannoo keenya manni barnootaa yeroo sana Hanga kutaa 10ffa qofatti ture. Kanaafuu kutaa 11ffaa barachuuf gara magaalaa Geedoo bakka dhaloota koo irraa gara bahaatti KM 37 fagaattu deemee barnoota koo hordofuun dirqama filannoo hin qabne natti taate.
Egaa anas dabareen na geesse osoo hin jaalatiin maatii koo irraa fagaadhee jiraachuun dirqama nati taate. silaa akka fedhakoof osoon barnootittii dhiisee maatii koo waliim jiraadhee hedduu natti tola ture. Garuu barnoota barachuun waan narra jiruuf garaa jabaadhee fuula koo gara sana naannefadhee gara sana imalee barnoota koo..........
........itti fufa
✍️ @Sool_dave
Yaada keessan nuun ga'uuf @comment_4_Sol_bot fayyadamaa
Shar
e godhii hiriyyoota kee channel kanatti affeeri
@jaalala_dhuga
@jaalala_dhuga
@jaalala_dhuga


#Jaalala_online_irraa
Seenaa dhugaa
@Sool_dave'n

#Kutaa_1ffaa
~~~~~~~~~~~~~~~~

Maqaan ko Solomoon Gaarradoo'n jedhama. (Sool Dave kan jedhu ofiidhuma koon ofiif moggaase.) Godina lixa shawaa aanaa Calliyaa ganda qotee bulaa Walqixxummaa Tulluu maraa jedhamtu keessattan dhaladhee guddadhe.
Ani mucaa baadiyyati dhugaa dubbachuuf garuu muudiin ko kan ijoollee magaalaati olidha (friend of jajje naan jechuu dandeessa an garuu dhugaa qabatamaan sitti hime. Yoo siif liqimfamuu dide bishaanin liqimsi☺)
Ani maatii koof mucaa lammaffaadha Maatiin koo hedduu na jaalatu. ta'us jireenya mucaan baadiyyaa tokko dabarsu dabarseera,
Oyiruu deemee Horii tiksee...
laga bu'ee bishaan waraabee..
Yeroo harmeen Gabaa deemtu buna danfisee eege...
Goodaa deemee qoraan funaaneera (by z way.... gaafan qoraan funaanee galu waanan argadhu ana qofatu beeka '#ongocha' 👈 jecha kana kan beekutu beeka. namni hundi hin beeku. [maalumaafuu sinittan hima ongochaa jechuun kan yeroo buddeen tolchuuf jedhan Dursa tolchanidha, achuman akka eeleen ho'e ittiin ilaaluf ] ).
Egaa haala kana hunda keessa darbee umuriin koo waggaa 6 gaafa guutu gara dirree waranaan deeme rasaasa koo qalaman ykn 'biiriidhan' Diina koo isa jalqabaa Wallaalummaa waraanuuf (yoona siif hin gallem barnoota koo kutaa 1ffaan jalqabee siin jechuufani). Abeet tapha yeroo sanaa life'n bar elementaryti hafee man, ofumaa university jedhu malee.
Wal aariinee harcummeen wal cagadaa; wal kuffisnee awwaaraan wal dhiqaa.... kam sinitti himee kam dhiisu innoo heddudhati.
Yeroo sana Akka mana barumsaa keenyatti yeroo hiriirree alaabaa yaabsisnu fuuldura kan dhaabatu anadha. xiqqoon anaa gadii mana barnootaa sana keessa hin jiruka. maalan sitti hima atuu ni beektaati ilmi baadiyyaa tokko kan inni kutaa tokko galu eega 'waanta san biqilcheeti😋' (muu yaa si'ii qaata maalitti yaadde? An isa ati yaadde sana jechuu barbaadee miti😉) Ani garuu dhaladhee waggaa 6 tti waanan mana barnootaa galeef isaan keessa hin jiru. dhugaa hasa'uuf warri Dareedhaan (kutaa barnootaan) na caalan "harma guusaaf as si fidanii?" Jedhanii natti qoosu; dhugaadha ni fakkaatas.
haaluma kanaan barnoota koo haala bareedaa ta'een hordofun jalqabe (yeroon siniin jedhu guyyaatti wayitii 6 caalaa hin gubu ) sanuma keessaa garuu homaa hin jedhu egaa daree keenya keessaa cimaas yoon jedhamuu baadhe dadhabaa jedhamee hin hamatamu garuu osoon gaaf tokko daree kootii 1-3 ba'ee hin badhaafamiinan barnoota koo hanga kutaa 8ffattan xummure.
Amma kutaa 9 geenyeerra sichi daa'ima miti garuu ammas kanan sitti himu yoo jiraate xiqqoon anaa gadii class keenya hin jiru. yeroo hiriyyoonni koo 'chiikii xabbasan' an manatti galeen boqqoollooko 'xabbasa' sababni isaas chikonni daree keenya haadha naaf ta'u😁.
Barnoonni high schooli hanga elementaris yoo ga'uu baateyyuu namatti tola, garuu ni ulfaata. keessumaa gafa barsiisaan chemistry class galummoo dhugaa waanuman Biyya Engliz deeme natti fakkaata dogogoree illee Afaan oromoo hin dubbatum. Ecc calliseedhuman rafa deeksiitti hirkadhee.
Yeroo sanatti subject'in ani jaaladhu yoo jiraate Sport qofa isayyuu kan dareetti barannu osoo hin taane isa practicala Dirreetti yaanee wal ariinudha.
Egaa haaluma hunda keessa dabarree gara kutaa 10ffatti ceene; kutaa 10ffas eegallee jirra. (friend kan sidhibu an hanga amma bilbila dhuunfaa koo harka irraa hin qabum naman dhibuu?). Silaa Ijoolleen ammaa kutaa 4 yeroo geessu bilbila naaf bittan malee mana barnootaa hin deemu jettim.
An garuu barataa kutaa 10ffa ta'eeyyuu bilbila hin qabu....
.....Itti fufa
✍️ @Sool_dave
Yaada keessan nuun ga'uuf @comment_4_Sol_bot fayyadamaa.
Share godhii hiriyyoota kee channel kanatti affeeri
@jaalala_dhuga
@jaalala_dhuga
@jaalala_dhuga


Official Jawar Mohammed’s telegram channel!
Join it 👇👇👇👇👇

https://t.me/Jawarmd


Mimmiyoo Jaalalaa
=================
*Kutaa 4rreessoo


~> Falmataan poolisoota dhalootaan Oromoo ta’an keessa
hiriyyoota hedduu qaba. Isaan keessaa isa tokkoon xalayaa
kana barattuu seenaa jedhamtutti naaf geessi jedheen!
Xalayichi akkas jedha:
[Seenaa koo sihaa gahu nageenyikoo,
akkami nagaadhaa?. Baay’ee siyaade seenaakoo. Onneen koo
jaalala sabaaf jaalala keetiin iddoo lamatti qoodamtee
gubachaa jira. Miidhaafi dararaan narra gahes kanuma Oromoo
jaarraa tokkoof irra gahaa ture sana. Hanga bilisummaa
argannee biyya dhalannerratti; akka namaatti jiraannutti, jaalala
keenya galmaan gahuun ni’ulfaata.
Ammaaf mana murtiitti nadhiyeessanii waggaa saddeet (8)
natti murteessaniiru. Seenaakoo ani jaalala ijoollummaa keetti
taphachuu hinfedhu. Hanga ani hidhaa kana keessaa bahutti
obsitee yoo na’eegde hawwii kooti. Yoo taa’uu baattes wanti
gaariin akka siqunnamu Rabbiin siif kadha halkaniif guyyaa.
Sirba Dr. Kabajaa aartisti Alii Birraa “Sila osoo beekee,
waasillee hindararu” jedhu jedhu si’affeereera. Seenaakoo
baay’ee sijaaladha. Mana hidhaa maayikalaawii irraa
nagayatti…” jedhe.]
Erga dubbistee booda; seenaan naasuudhaan lafatti kuftee,
yeroo muraasaaf hafuurrishee dhokate. Poolisichi hatattamaan
gara mana yaalaa geessee sa’aa lama booda ofi barte. Erga
ofi bartee “adaraa Oromummaa xalayaa kana barreessee sitti
kennaa na’eegi” jetteen. Xalayaa akkas jedhu barreessiteef…
[Falmeekoo sihaa gahu nageenyikoo kan onnee irraa madde
jaalaalaafi kabanyi ani siif qabu yoomiyyuu daangaa hinqabu.
Kaayyoon keenya akka galma gahuuf halkaniifi guyyaa hinrafu.
Falmeekoo jabaadhu irree jabeeffadhu. Anaaf waggaan
saddeetii (8) boru ganamaadha. Waan baay’ee seenaa
harmeekoo irraa baradheera. Lubbuun inuma jirtaa garuu?.
Kana yerooma si’arge kan amanu. Rifeensikee odaa fakkaatu
suni jiraa laata?. Falmeekoo onneenkoo jaalala keetiin
hidhamteetti. Anis jaalala keetiin hidhamee namni biroo nama
natti hinfakkaatu. Falmeekoo yoomiyyuu sinjaaladha. Fayyaa
naaf tayi, nagayatti. Jaalalleetee Seenaa Yuunivarsitii
Haroomayaa irraa”…] jedha barreeffamichi.
Seenaan barattee eebbifamtus ragaa miseensa OPDO
(woyyaanee) fiddu malee, hinqacaramtu waan jedhamteef hojii
argachuu hindandeenye. Baadiyaa isheetti deebitee akkooshee
wajjiin jiraachuu jalqabde. Akkoonishee seenaa isheefi
Falmataa dhageessee ganamaaf galgala seenaa cinaa
dhaabbattee gorsiti.
Gaafa inni mana hidhaatii bahu lakkooftee seenaan balbala
mana hidhaa maayikalaalwii dhaabbatte. Ijji isaanii
imimmaaniin dukkanaaye. Falmataan akkas bareeddu yeroo
waggaa saddeet xumuree mana hidhaatii bahu, akka bosona
Baaleefi Booranaa guggubatee dhumeera.. Seenaan fi
Falmataan wal arganii halkaniif guyyaa wallaalan
gammachuudhaan.
Ergasii baadiyaa deemanii akka Oromoo duriitti iyyanii
iyyisiisanii cidha nama ajaa’ibu tokko gaggeessan.
Manguddoonni bahanii eebbisan. Ji’a tokko booda DV
Ameerikaa seenaan waggaa tokko dura, ani heerumeera jettee
guutte tokko dhufe. Gaafa isaan baadiyaadhaa barbaadanii
xalayaa itti geessan DV’n baheeraaf. Falmataafi seenaan
tasuma amanuu hindandeenye. Oromiyaa gadi dhiisuun
kaayyoo isaanii ta’uu baatus; Falmataan ammas poolisootaan
hordofamuu eegaleera waan ta’eef, lubbuu isaanii hambisuuf,
miila isaanii gara Ameerikaatti qajeelchan.
Kutaan 5ssoon itti fufa..


@lammiif


taa: Innis ishee ofitti qabee, “seenaakoo anis baay’ee
sijaaladha. Erga si’argee jalqabee hirriba hinqabu. Garuu gumaa
abbaa keetii, haadha teetiifi abbaa kootiis walumaagalatti
gumaa jaalleewwan wareegamanii kan baasu numa seenaakoo
jedheen, imimmaan gadi roobsaa. Sirba kadiir Martuu
“Fedhiikoo hintaane, siganuun jedhu” naaf dhageefadhu yoo
yeroo qabaatte” jedheen.
Guyyaa muraasa booda; halkan keessa sa’aa saddeet yeroo
ta’u, doormii barattootaa sakatta’uuf poolisiin Federaalaa
dirree waraanaa fakkeesse. Falmataa, hiriyyaasaa Tokkummaa
dabalatee barattoota hedduu achi buutee isaanii
dhabamsiisan. Ganama barattootni hiriira bahanii; isaan
hidhaman haahiikkamanii jedhanis, isa gaafates gara mana
hidhaatti guuran.
Seenaan halkaniif guyyaa wallaalte. Hiriyyoota isaa kanisheen
itti bilbiltu hunda achi buutee isaanii dhabamsiisaniiru.
Dhiironni duraan jaalala isaanitti hinaafaa turan abdii
kutachiisuuf yaalaa turan. Barattootni Oromoo hedduun garuu
baay’ee gaddanii yaadaanishee cinaa dhaabbatan. Yeroo
nyaattu, yeroo mana kitaabaa deemtu, yeroo hundaa kophaa
yaadaan ciinca’aa deemuu jalqabde. Osoma deemtu gaafii
tokko ofuma gaafatte seenaan.
“Harmeen koo, gaafa abbaan koo deemee wereegame sana
maaliif inni hindeebi’u jettee, abdii kutattee hinheerumne ture
ykn nama biraa jaalachuu maaliif dhiiste? jettee ofgaafatte.
Anis kaayyoo Abbaafi haadhakoo, kan jaalalleekoo
walumaagalatti dirqama oromummaa bahuu qaba jettee
ofi’amansiiste. Itti dabaltee onneen koo Falmataan
wareegameera, kana booda eenyuunis tasuma hinwareegamu”
jette.
Falmataan poolisoota dhalootaan Oromoo ta’an keessaa
hiriyyoota hedduu qaba. Isaan keessaa isa tokkoon xalayaa
kana barattuu seenaa jedhamtutti naaf geessi jedheen!
Xalayichi akkas jedha: ....(...)
Kutaan 4reessoon itti fufa...


@lammiif


Mimmiyoo Jaalalaa
================
*Kutaa 3ssoo


~> Harmeen koo nadeessee ji’a lama gaafa geessu isheenis
baqattee gara Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)tti
makamte. Amma nijirtiifi niwareegamtee, wanti ani beeku
hinjiru. Ani erga dhaladhee kaasee Akkayoo koottu naguddise.
Maqaa koos akkoo koottu “Seenaa” jedhee naaf moggaase..
Atihoo jireenyi kee maali fakkaata” jetteen.
Falmataa: “Ajaa’iba seenaan Oromoo” erga jedhee akkas jedhe
innis. “Abbaan koo baay’ee nama cimaafi nama oromoof
dhiigu ture. Yeroo baay’ee fardaa, eeboofi gaachana isaatiin
adda hinbahu. Yeroo sirna dargii sana akka ta’es ta’u, darbee
bara sirna wayyaanee kana bira gahe. Manni keenya
poolisiidhaan marfamee bula. Ganama yeroo baay’ee
dhukaasatu dhagahama. Garuu Oromoon naannoo sanaa isa
deeggaranii poolisoota ofirraa faccisaa turan. Harmee koos
akka isheen rasaasatti fayyadamuu dandeessu leenjisee ture.
Fardi abbaa koo maqaan isaa Bulloo jedhama.
Gaafa abbaan koo Bulloo bulloo jedhee waamu nifiigaaf
nibalali’aan isaa osoo hinbeekamin bira gahee diina jalaa
miliqaanii ture. Guyyaa tokko osoo inni quba hinqabne lafa
bari’uu geessee keessa ajjeesan. Kana booda Oromoon
naannoo keenyaa Eeboofi fardaan itti yaa’us isaan dhukaasaa
walirraa hincinneen gara magaalaa naannoo sanaatti qajeelan.
Namoonni lama ollaa keenyaa dafanii furmaata tokko uuman.
Oromoonni amma duukaa deemaa jirtan dhaabbadhaa
jedhanii; Fardaafi meeshaa isaanii fudhatanii karaa biraatiin
isaan fuuldura qaxxaamuranii bosona tokko keessatti eegan.
Yeroo poolisiin afaan oromoo haasayus Amaariffa akka warra
tigiree tokko haasaayaa akkas jedhaa dhufan. “Sawuyyee
baxaam adaganyaa naw, Oromoochi maxifo nachew dagimo
faras yiwoddaallu” jedhaa ofduuba ilaalaa osoo deemtu
bosona bira yeroo isaan gahan; dhukaasa walirraa hincinneen
sadan isaanii ajjeesanii baay’ee isaanii madeessanii biraa
deeman.. Dhiiga dhiigaan baasan, inni Oromoo tokko yoo du’e
kan nafxanyaa sadiin madaalama jedhanii geerraran” jedheen.
Seenaafi Falmataan boo’ichaan morma waliqabatan. Waadaa
Oromummaa waliif seenanii; akka yeeroo dubbisani,
bashannanaa, nyaataafi kkf’irratti yoomiyyuu addaan hinbaane
waliif galan. Kana booda bosona Addunyaa, Danbal, daarfur,
love street dabalatee iddoo hundatti seenaan mudhii isaa
qabattee wajjiin yuunivarsitii Haroomayaa keessa adeemuu
jalqaban. Jaalala isaanii irraa Oromoon Jimmaa, Arsii Baalee
Wallaggaa, Shawaa, Booranaa, Gujii, Karrayyuu, Iluu, Harargeefi
Kamisee akka jiruuf isaan hundi sanyii tokko akka ta’aniifi
namoota ‘kanuma naannoo kiyyaa jaaladhee wajjiin jiraadha’
jedhuuf deebii gahaa kenneeraaf.
Yeroo tokko yuunivarsiitii Amaaraa keessaa tokko keessatti,
“barataan Oromoo tokko ajjeefame” jedhamee odeeffame.
Falmataafi hiriyyoonnisaa kaayyoo “dhiiga dhiigaan baasan”
jedhu qaban. Guyyaa tokko galgala keessa sa’aa sadi yeroo
ta’u, barattoonni kumaatamaan lakkaawan mana kitaabaa
keessatti dubbisaa jiran. Irra caalaan barattoota dhiiraa yeroo
dubbisan akka nama Injiree rifeensa keessaa guuruu rifeensa
isaanii qaqqabu.
Falmataafi hiriyyoonnisaa dhagaa lamaan tokko gara foddaa
mana kitaabaatti yeroo gadi lakkisan; barataan inni kaan
balbalaan, inni kaan foddaan ofgadi darbataa, isa kuferra
deemaa baqatan. Inni waggaa tokkoffaa amaara keessaa
dhufe tokko akkas jedhe. “Yaa waaqi tsalootii koo naaf
dhagahuu diddee yuunivarsitii Oromoo nageessitee” jedhee
jennaan barattoonni Oromoo koflaan doormii oowwisan.
Ergasii kaasee yeroo doormii, mana kitaabaa, mana nyaataa,
daree barnootaa deemanis akkuma keellaa Awaash poolisiin
federaalaa sakatta’uu eegale.
Seenaan baay’ee gaddaa bulte. “Hojiin kuni kan Falmataa faa
ta’uu hin’oolu” jettee lubbuunishee dhawatte. Bilbilasaa irratti
bilbilaa bultus, bilbilli isaa ka’uu dide. Guyyaa lammaffaa
danbali akka dhufu itti himtee, yeroo inni bira gahee “beenu
ciree nyaannaa” jedhuun, seenaan immimmaan mormashee
irraan dhangala’aa “koottu mee waan tokko si gaafadhaa”
jetteen..
Seenaa: “Falmeekoo ani baay’ee sijaaladha. onneenkoo erga
si’argee jalqabee jaalala keetiin booji’amte. Garuu akkuma
abbaa koof haadha koo dhabe, sillee waan dhabu natti
fakkaata” jetteen.
Falma


animmoo isaan ilaalu. Isaanimmoo onneen
isaanii jaalalaan liqimfameera.
Falmataan gaafa isheen gaafii gaafattu akkuma isheen har’a
eebbifamtutti ibsaaf. Garuu yaadnishee gaaficha osoo
hintaane, Falmataa irra. Erga xinnooshee dubbisanii booda
boqonnaa fudhachuuf bahan. Ergasii haasaya isaanii tokko
lama jedhaa jalqaban. Isaan akka Oromoo ammaa cal jedhanii
waa’ee jaalalaa odeessuu osoo hintaane, sanyiifi seenaa
isaanii akka Oromoo duriitti wal gaafatan. Lachanuu
mudaammuddii qaban.
Seenaan “gaafii na’ajaa’ibu tokko sigaafadhuu” jetteen. Innis
‘tole’ jedheen: “Ati garuu maaliif barattoota saba biroo akka
daree kee hinseenne dhoowwita? gaafa barsiisaa yunibarsitii
taates akkasuma goota moo” jetteen.
Falmataa: “Nuti yooxinnaate ummata miliyoona afurtamaa
taana, garuu afaan keenyaan magaalaa deemnee limmee
bitachuu hindandeenye. Hedduun keenya afaanuma keenya
dubbachutti qaanofna. Namoonni hedduun yoo afaan amaaraa
kuni jalaa cabe ishee fooyyessuuf halkan guutuu hirriba dhabu.
Kanaaf barattoota keenyaaf akka isaanii galutti afaan
Oromootiin hiikaaf. Anis dirqama koo bahuu qaba” jedheen.
“Amma ani sigaafadhuu” jedheen gaafiisii deebisee.
Seenaan “Eeeyyen nagaafadhu” jetteen.
Falmataa: “Ati maqaa kana maaliif sitti moggaasan?…” jedhe.
Seenaa: Seenaan xinnoo erga gadditee booda, akkas jette.
“Abbaan koo yeroo mootummaan woyyaanee seenu sana
roorroon nutti hammaattee jennaan gara woraana Adda
Bilisummaa Oromoo (ABO)tti deemee achitti wareegame.
Yeroo san harmee koo wajjiin walfuudhanii ji’a shan akka
ta’een kan deeme. Harmeen koos ana garaatti nabaattee mana
hidhaa turtee, gaafa isheen ulfa ji’a saddeetii taatu erga
deessee deebisnee sihiina jedhanii gadi dhiisan.
Harmeen koo nadeessee ji’a lama gaafa geessu isheenis
baqattee gara Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)tti
makamte. Amma nijirtiifi niwareegamtee, wanti ani beeku
hinjiru. Ani erga dhaladhee kaasee Akkayoo koottu naguddise.
Maqaa koos akkoo koottu “Seenaa” jedhee naaf moggaase..
Atihoo jireenyi kee maali fakkaata” jetteen.
Falmataa: ...
Kutaan 3ssoon itti fufa...


@lammiif
@lammiif


Mimmiyoo Jaalalaa
==================
*Kutaa 2ssoo


Seenaan barattuu waggaa 3ffaa waan taateef barnootasaa
kana barachuuf dirqamte. Isaan lameenuu jaalala sabaa,
guddinna afaaniifi jireenya isaanii yaaduu malee, guyyaa
tokkos waa’ee jaalalaa dubbatanii waan beekan hinfakkatan.
Haata’uu malee, guyyaan nidhufe osoo isaaniin hinmari’atin;
innis osoo barsiisu, isheenis osoo barattu wal ajaa’ibuu
jalqaban..
Akkas waliin jedhan:
Falmataa: “Maal bareedduun akkanaa, maal uumaan intala
Oromoo kuni” jedhe.
Seenaa: “Maali osoo inni kuni kiyya ta’ee jiraatee, nan
eebbifame ture…” jette.
Falmataa: “Silaa isheen tole naaf hinjettu maaliif afaan koo
xureessa?. Isaan babbareedan kuni yoona akka dachee
magaalaa finfinnee qabamanii dhumaniiruu…” jedhe.
Seenaa: “Barataa cimaa boonuma isaanii dadhabe, jaalala
hinbeekan.! Yeroo hundaa cimina isaaniitti malee jaalala
hinhubatan” jette.
Falmataa: “Kana naballeessuuf natti fide barana, maal
godhaa?. Baruumsa koofi qabxii galmeessaa ture sanatti
dhoqqee laaquuf…” jedhe.
Seenaa: “Maal ija jaalalaan jalaan na’ilaala? baruumsa malee,
waan jaalala beeku hinfakkaatu inni. Maal godhaa?. Kuni
Aljebra malee, jaalala beekaa laata?…” jette.
Falmataa: “Gaafa ishee daree keessatti ilaalu waan jedhu
dhabee lafti naan mara. Dafqatu narraan dhangala’a. Sababa
isheef gabatee gurraacha ilaalaa oola. Achi garagaluu
sodaadhee, gaafadhus waan tole jettu hinfakkaattu. Maali
godhaa? jedha.
Seenaa: “Gaaafii kanatu nadhibe jedhee bira geessee ilaala.
Garuu bira dhaabbadhee ija keessa ilaaluu danda’aa laata?…”
jettee gaaficha qabattee ijaan lafa ilaalaa tokko lama jedhaa
gara isaa adeemuu jalqabde.
Yeroo seenaan gaaficha gaafachuuf kophaa bira deemtu;
dubartootni maaliif kophaa bira deemte? bareedaa kana
jaalachuu barbaadde moo? jedhanii miila lafatti rigan. Warri
dhiiraas jalaan wal ilaalaa ishee ani gaafadhuu jedhaaru maal
abba isaa kophaa itti haasayaara jedhanii yaadaan wal qeeqan.
Seenaan dhiirota hedduun jaalatamti. Garuu baay’een isaanii
gaafachuu sodaatanii doormii keessatti ciinca’u. Yeroo isheen
ija jaalalan isa ilaaltu; “maaloo seenaa akkanatti na hin’ilaalin”
jedhaa gaaficha hojjateef. Galatoomi sabboonaa jetteen
sagalee humna hinqabne tokkoon. Doormiitti yeroo isheen
galtu, “dubartoonni maal irraa siqabee” jedhanii kolfaan
doormii oowwisan.
Osoma isaan lameenuu yaadaan waxaalaman baatii tokko ta’e.
Guyyaa tokko seenaan kaafteeriyaa tokko keessa teessee,
yeeroon qormaataa gaheera waan ta’eef gara mana kitaabaa
deemuuf buna dhugaa osoo jirtu, Falmataan gara mana
kitaabaa deemaa jiru ilaaltee argite. Seenaan daftee lafaa oli
kaatee “Sabboonaa” jettee sagalee olkaastee waamte.
Barattootni naannoo sana turan, ‘maali intalti maali taate?..’
jedhanii wal’ilaalan. Yeroo Falmataan ishee bira gahu, “koottuu
buna Oromoo dhugi” jetteen. Innis xinnooshee akka kolfuu
ta’ee; “maali buna Amaaraa ykn Tigiree jedhamutu jiraa?…”
jedheen. Seenaan xinnoo ishee cal’istee; “bunni kanuma
Oromooti, garuu kan gurguratee duroomaaruu (sooromaaru)
warruma sana” jetteen.
Buna dhugaa baruumsi akkami jedhanii wali gaafatan.
Falmataan akkas jedhe “barachuun nama hindhibu, baratanis
akka namaatti jiraachuun garuu nama dhiba. Haata’uu malee,
gaafa baratte ati eenyuun akka taate nihubatta. Atihoo akkami
baruumsi?…” jedhee gaafateen…
Seenaanis akkas jette. “Barachuun salphaadha. Garuu kaayyoo
feete qabaattus, jaalalaafi Atileetota Oromoo moo’achuun
ni’ulfaata” jetteen. Falmataan suuta jedhee yeroo ilaalu,
Seenaan akka aduu bishaan Awaash gubbatti baatee ijji irra
nama hindhaabbattu. “Hundaafuu eessa deemaa jirta” jettee
gaafatteen Seenaan. “Gara mana kitaabaa deemaara” jedheen.
Anis siwajjiin haadubbiisuu?…” jetteen. “Eeyyen garuu” jedhe.
“Garuu maali” gaafasheen jettuun akkas jedhe “mucaa
tokkummaa jedhamu tokkotu wajjiin dubbisna naan jedheera”
jedheen.
Seenaan baay’ee kolfitee: “maali tokkummaan keessan
dubartoota Oromoo hindabalatu moo?…” jetteen dubbii isaa
jijjiirtee. Falmataan baay’ee rifatee “tole haadeemnuu”
jedheen. Yeroo isaan mana kitaabaa seenanii kaasanii;
barattoonni hedduun sekondii kudhan kitaaba isaanii dubbisaa,
daqiiqaa kudh


Mimmiyoo jalalaa
1


Mimmiyoo Jaalalaa
==============
*Kutaa 1ssoo
''Eegaa hundi keenyaa gaafa teenyee, dhaabbannee, hidhamnee, hiikkamnee, deemnee, fiignee, callisnee, gaddinee, gammannee, xumurre; waa’ee jireenyaa, waa’ee jaalalaa yaaduun keenya hin’oolu. Jaalalaan duuba maaltu jira kan jedhus deebii biroo qaba. Gaafa kana xiinxaltu gocha seenaa dhugaa tokko argitee irra hindarbitu.
Barattoota lama turan. Barattuu Seenaafi barataa Falmataa turan.(Falmataa jennaan Falmata Liban Taro sitti hin fakkaatin).
Barattoonnii Isaan lamaanuu Yunivarsitii Haroomayaa keessatti damee barnoota Injinariingii baratan. Seenaan waggaa 3ffaa yoo taatu, Falmataan waggaa 4ffaa dha.! Inni Oromiyaa jiddugaleessaatti dhalatee guddate. Isheen Oromiyaa lixaa yoo taatu, lameen isaanii ijoollee Oromiyaa baadiyaatti dhalatanii guddataniidha.
Seenaan akkaataan uumama ishee baay’ee nama ajaa’iba. Icciitiishee beekuun ulfaatus; kennaan beekumsasheefi bareedinnishee dhiirota hedduu akka bubbee arfaasaa asiif achi raasa. Rifeensiishee dugda irraan hanga’a. Yeroo adeemtu akka bishaan gibee deemuu malee, sagalee hindhageesistu. Ijjishee akka urjii birraa calanqisti. Seeqni ilkaanishee akka tirika dukkana keessaatti ifa. Konkonni funyaanishee akka waan ogeessi bobbocaa boce fakkaata. Guntutnishee akka tulluuwwan Oromiyaa keessaa uumamaan kan dhaabbateedha. Seenaan yeroo kolfitu sagalee onnee namaa raasu tokko osoo hindaangessin olbaasti. Haalli uffannaashee akka bineensota baddaa baalee daawwattanii xumuuruun ni’ulfaata.
Falmataan baay’ee boonuudhaan beekkama. Gaafa namni baay’ee haasayu baay’ee dhaggeeffata. Rifeensisaa boca odaa Oromoo fakkaatee akka bosona Oromiyaa durii daawwattee hinquuftu. Kennaan bareedinasaa akka soomaya leemmaanii olqajeelaadha. Kan nama dhibu Falmataan barnoota isaatiin baay’ee cimaadha yoon jedhe, isa hinmadaalu. Gaafa barsiisaan gaafii isa gaafatu, akka leenci yeroo gaaraa bookkisu bineensonni isaan kuuni asiif achi shokoksan, barattoonni cal jedhanii isa inni deebisu kana baranneerraa laata? jedhanii dabtara isaanii asiif achi garagalchu. Isaan lameenuu gumii aadaafi hogbarruu afaan Oromoo keessatti hirmaannaa cimaa qabu.
Kan Falmataan nama ajaa’ibuun tokko yoo jiraate, guyyaa ayyaanaa keessumaayyuu guyyaa ayyaana sabaaf sab-lammootaa huccuu (T-shirt) dhiiga dhiigaan baasan jedhu uffachuun beekama. Sababa kanaaf baay’ee dararama. Haata’uu malee, osoma baratu barattoota damee barnootaa isaa baratan, kan waggaa 1ffaa hanga 3ffaaf barataniif barnoota dabalataa (tutorial) barsiisa yeroo boqqonnaa isaatti.!
Falmataan afaan Amaaraa osoo miliyoona tokko kenniteefii waan dubbatu hinfakkaatu. Barnoota dabalataa kana yeroo barsiisu barattoota saba biroo daree seenuu dhoowwee barattoota Oromoo qofa isa barbaaduuf afaan Oromoon hiikee akka fedhetti barsiisa. Kanaaf sabaaf sab-lammoota biroo biratti baay’ee jibbamuu hin’oolle!
Seenaan barattuu waggaa 3ffaa waan taateef barnootasaa kana barachuuf dirqamte. Isaan lameenuu jaalala sabaa, guddinna afaaniifi jireenya isaanii yaaduu malee, guyyaa tokkos waa’ee jaalalaa dubbatanii waan beekan hinfakkatan. Haata’uu malee, guyyaan nidhufe osoo isaaniin hinmari’atin; innis osoo barsiisu, isheenis osoo barattuu wal ajaa’ibuu jalqaban..
Kutaan 2ssoon itti fufa....


@lammiif
@lammiif
@lammiif


Situ fide dhibee
Kan dawaansa dhibe
An maalan balleesse?
Sitoo na madeesse.

Jaalala ijoollummaa
Mi'ooftu akka dammaa
Summii itti naqxe
Karaarras ni maqxe.

Dhibeekeen wallaale
Maaltu akka si dhaane
Si tuqanii laata?
Moo suma maraata?

Qarshiidha hawwiinke?
Safuu! yaa qalbiike!
Utuun akkas beeke
Rakkina keessake
Waarsha birriin bana
Maaliifan siin dhabaa?

Naaf hin galle malee
Ati aramanee
Kan anaan doomsite
Jechaan gowwoomsite
Sin jaal'a siin du'a
Boollayyu siin bu'a
Jecha natti kuulte
Hallayyaa na buufte.

Anoo sin abdadhe
Yaaddookoo dagadhee
Akka dhala dhabaa
Harkarran si qaba
Naaf taatan si sa'e
Waan fedhes yoo ta'e
Ati silaa akkasi?
Murtuu akka maqasii.

Waan hundaa itti dhiise
Kaayyookoo gadhiisee
Biqiltuu jaalala
Kan onnee koo jalaa
Kunuunsuudhaf jedhee
Cabeen gadi jedhe
Hiriyaakoo biraa
Naafadheetan jira

Carraa baruumsakoo
Jireenya boruukoo
Siif jedheen gadhiise
Siin of abdachiisee
Akkas yooman se'e
Oduukee dhaga'e
Ergamaa fakkaatta
Silaa hirmii baatta.

Maatiin na barsiisu
Warri na guddisu
Boriikoo abdatu
Obsaan na eeggatu
Anoo kiyyoon lixee
Ergamakoos fixee
Daliilaa na nyaate
Garraamii fakkaate.
Imaana lammiikoo
Kan eegan firiikoo
Karaatti doomsite
Sammuukoos onsite.

Qoree dhoqqee keessa
Gantuu baakkoo keessa
Kan akkakee hin jiru
Kan na nyaatte tiruu
Quullaa na hambiste
Sammuu na dhiphiste
Waan gochaan wallaale
Maaltu akka na dhaane.

MAAL JETTE YAADATTA?

Waadaakee yaadatta?
Maal jeette hubatta?
"Haalli yoo jabaate
Dhabdes yoo qabaatte
Rawwadhe sin buusuu
Hamminas hin kuusu
Yoomiyyu sin ganu
Dubbiif adda hin baanu
Dhugaa sin jaalladha
Yoomu sin abdadha
Ati abbaakooti
Michuu lubbuukooti
Eenyuun sin qixxeessu
Dhugaadha sin dhiisu"

Jette waada galte
Kanafaa dagatte
Naafoo homaa miti
Kankoo harka rabbiiti
Naan hiyyeessa goote
Qoqqobbii nat goote?
Badhaadhummaaf jette
Waadakee dagatte.
Maqaa waaqa waamte
Inni ati kakatte
In naaf hafa seete?
Waaqan nama seetee?
Inni akkatti hin dhiisu
Nama itti ga'isu.

SILAAYYU NAA MALTU.

Silaayyu naan maltu
Namni waada haaltu
Bishaan gabateerra
Kan hin beekne seena
Birri faana dhoofti
Dubbii battee dhoofti
Dhaabbanna hin qabdu
Waan yaaddus hin qabdu
Garaamaaf jiraatti
Bakkee namaa laalti
Waan hin banneesete
Qabeenyi ati feete?
Innoo baayyee hin turu
Kan inni tortoru

Si jala qabanii
waan ati jaallattu
Isa kuftee kaate
ati iyyaafattu
Baga ittin si ga'e
waan fedha garaake
Eessan baatee badda
fakkattu abbaake
Kiyyoo qabeenyaatiin
bitintirtee kufte
Jaalala naaf qabdu
huute boolla buufte

Rabbi nama qaba
kan seerasa eegdu
Ulaaga jaalala
nama eegu beektu
Akka niiti looxii
kan hin laalle duuba
Kan jallisuu feene
yoomu seera uuma
Jaalalaf kan laattu
bakka olaanaasa
Dhagahuu hin feetuu
kan diina asaasa

Kan akkasitika
kanan fedhee hawwu
Gooftaan na gargaarran
an hammake hin dhabu
Guddaama of seete
ofimmo hin bokoksiin
Dhugaa jajalliste
dhukkamsite hin dhoksiin
Eenyuyyu hin hafu
hiyyummaa jalatti
Yeroo eega malee bor
akka harra miti.

Gantuu gantuun olii
kan bakkeen miidhagde
Keessan summii baatta
dammuma afaanke
Ishee akkakeeti
kan lammii gurguru
Nama wal nyaachise
dhiiga dhugaa oolu
Anaan ni ashoofta,
isa tokko hin shoomta
Akka ani hin barreef
ofiin fala dhoofta.

Akkuma daa'ima
afaaniin na sobde
Damma fakkeessite
dhoqqee natti dhoobde
Naan hiite na keesse
ofii bakkee oolta
Akkan kufee hafuuf
boolla meeqa qotta
Yaaliin ati goote
akkan maraadhuufii
Anaaf waaqni jira
ofumaa hin gugguufiin.

NAGAATTI.

Jedhi nagaan taa'i
yaa jaalallee duri
Chidhakoo osoon argiin hadaraammo hin du'iin
Garuummoo waan shakke
akkuma diingata
Hammattoo jaarsikee
du'innayyu laata?
Abbakeemo isa
eenyutu hangafaa?
#Koroonaan yoo qabe
danda'ee irra hafaa?
Dafii itti heerumi
si jalaa dadhaba
Waan qabu hundumaa
innuu siif farrama.


Gaaddisaaf hin ta'u
yoomu mukti laafto
Nagaatti naaf taa'i
Haannaa intala Daamxo.
Haadha fira birrii
kan hin beekne seena
Hundi akkakee hin ta'iin
dhaloonni si'anaa
Kankee nama miti
seexannuu hin odeessa
An homaa sin goone
kankeeti balleessaan.

By: YONAS NEME. Haannaf
Finfinneerra.
@jaalala_dhuga
@jaalala_dhuga


Via @lammiif


Roobaa Buttaa, 1880
Leenjisoo Diigaa hogganaa waraana Arsii kan bara weerara minilik akka tahe namoonni seenaa dubbisan heddu ni beeku, garu Arsiin bara weerara minilik Leenjisoo Diigaa dabalatee hoggantoota ciccimoo biroos ni qaba.
-Leenjisoo Diigaa
-Roobaa Buttaa
-Suufaa Kuso
-Waaqo Bororo
Roobaa Buttaa fi Waaqoo Bororoo hoggatoota Arsii, Baaletti yoo ta'u, Waaqoo Bororoo hogganaa waraana gosa Raayitu ture, Roobaa Buttaa ammoo kibba Baale irraa kaasee haga Goobbatti gosoota jiran walitti qindeesuun waraana minilikiin wal lolaa ture, hoggantoota afran kanniin keessaa Roobaa Buttaa waan adda isa godhutu jira, innis yeroo garagaraatti waraanni Roobaa Buttaa loltoota minilikiin wayta wal rukutaa turetti, loltoonni minlik qawwee hidhatanii waan turanif loltoota Roobaa Buttaa irraa miidhaa guddaa geesisaa turan, minilik qawwee kana faranjoota Awurooppaa irraa akka argate Rooban waan hubateef lammiile Awuroopa wayta san gara Arsii dhufan wajjiin hariiroo dipilomaasi hundeesee akkaata qawwee argachu danda'u irratti dalagaa ture akka fakkenyaattti Lammii biyya Faransay ka tahe namicha ,maqaan isaa Du Bourg de Bozas kan Arba adamsuuf Baale dhufe wajjiin hariiroo umuun akkaata qawwee mootummaa Faransay irraa itti argachu dandahu yaalaa ture, garu faranjoonni yeroo san ardi Afrika abuuraa turan kayyoo ufii qabatanii deeman waan taheef Roobaan milkaahu hin dandeenne.
Leenjisoo Diigaa osoo araraan harka hin kennatin dura, jarsonni Arsii walitti bahanii mari'atan, iccitiin jabina waraana minilik qawwee tahuu irrati walii galuun akkana jechuun murtii dabarsan
..."haga gaafa ijoolle teenna meeshaa waraanaa kana bakka irraa bitan argatutti harka kennanee teenna"
Roobaa Buttaa waan gaafas jarsonni irratti mari'atteef fala barbaadaa turus hin milkoofne, garu akkuma haqti ka abbaa mirgaati jedhan, Waaqoo Guutuufaati bara 1960 keessa biyya Sumaaliya dhaqanii marii jarsonni Arsii waggaa 80 dura godhan dhugomsuun qawwee soqanii itti bahan......


@lammiif




Sooviyet, Hangaarii fi Yugoslaaviyaa keessa jiraatan hammata. Gareen kun Afaan Oromoo afaan barreeffamaa akka ta'uf qorannoo bal'aa godhe. Haaluma kanaan, gareen kun bara 1972 barruu qorannoosaa kana kan Languages in Ethiopia: Latin or Geez for Writing Afan Oromo, Tatek, 1972 maxxanse. Barruun kunis Afaan Oromoo qubee Laatiniitin barreessun filatamaa akka ta'ee seera ittiin Afaan Oromoo Laatiniidhan barreeffamu bu'uura kan kaa'e ture. Qorannoo kanarratti Dr Hayileen gumaacha guddaa qaba.

Dr Hayileen, itti fuufdhan qubee Afaan Oromoo haara kanatti fayyadamuun kitaabota lama walitti aansuun maxxanse. Kitaabni inni jalqabaa Hirmaata Dubbi Afaan Oromoo kan jedhamu yoo ta'u qorannoo caasluga Afaan Oromooti. Kitaabni kun kan maxxanfame bara 1973, magaalaa Paarisitti. Kitaabni inni lammataa ammoo Barra Birraan Barihe jedhama.

Barruulee Maxxanse

Languages in Ethiopia: Latin or Geez for Writing Afan Oromo, Tatek, 1972Hirmaata Dubbi Afaan Oromoo. Paris, 1973Barra Birraan Barihe. Paris

@lammiif


Hayle Fidaa


baadiyyaatti irratti ramadaman dhiisanii gara magaalaatti deebi'anii wajjin mormitoonni Dhaabaa Warraaqsaa Ummattoota Itophiyaa (kan Ingiliffaan EPRP jedhamu) deeggaran; kunis lakkoofsa miseensotasa fi dhiibbaa inni uumu dabale. MEISON Dargii yoo deeggaru, EPRPn Dargiin sochii uummataa humna waraanatin akka ukkaamse dubbachuun balaaleffate. Karaan sooshaalistii inni qajeelton mootummaa uummataa kan dhugaa hundeessuf qabsaawuu itti fufuu malee Dargii isa nama hacuucu akka hin fudhanne ifoomsan.

Shoora Dargiin Warraaqsa Itoophiyaa too'achuu keessatti tabachuu qabu irratti garaagarummaa hadhaawaa qabaataniyyuu, MEISON fi EPRP "sagantaa walfakkaatu baasan". Akka Ottaways, kan mormii kana ijaan arge jedhutti, "Itoophiyaanonni hedduun, warrumti baratanillee hubachuu hin dandeenye".

Ottaways akka jedhanitti:

Beektonni Itoophiyaa hunduu Maarkisizim-Leeninizimii keessa of galchuuf dirqaman. Barreessitoonni kun pirofeesaroota yuunivarsiitii kan mormii siyaasaa kanaan baayyee jaanja'anii fi hubachuuf jecha kitaabota duriii hedduu dubbisani arganiiru. Barattoonni yuunivarsiitii waggaa sadaffaa fi afraffaa barruu Addis Zamanirra jiranii fi paamfiletii dhoksaan maxxanfaman hiikanii nuu kennan garuu mormiin dhaabota siyaasaa adda addaa gidduu jiru maal akka ta'e hubachuu akka hin dandeenye dubbatu. Hoggantoonni hojii hiikaa Ejensii Oduu Itoophiyaa keessatti hojjatan hiikaa dhaamsota mootummaa kan tiyoorin guuttaman kan Biiroo Siyaasaarraa dhufan akka hin hubanne dubbatu.

Haala kana keessatti, Hayilee Fidaa walitti hidhata Dargii wajjin qabu cimse. Hagayya 1975, Hayileen Sisaay Haptee kan Koree Dhimma Siyaasaa Dargii ture wajjiin rakkoo Eertiraa keessa jirurratti biyyoota Arabaa ja'a wajjin mari'achuuf bobba'e.

Jechaan kan wal moo'uu dadhaban mormitoonni kun gara tarkaanfii humnaatti ce'an. Namni jalqaba tarkaanfin irratti fudhatame Tiyoodor Baqqalaa yoo ta'u gaafa Gurraandhala 25 1977 ajjeefame. Tiyoodor Baqqalaa miseensa MEISON fi hogganaa Tokkummaa Hojjattoota Guutuu-Itoophiyaa ture. Kun jalqaba Goolii Diimaa ture, yeroo kanas namoonni dhibbatamatti lakkaawwaman yoo du'an moo'amuu EPRPtin xumurame. Namoonni goolii kana jalaa ba'an Finfinneedhaa gara Tulluu Asiimbatti baqatan.

EPRP baqatuyyuu, haalli jiru Hayilee Fidaafis ta'ee MEISONf hin fooyyofne. Adoolessa 10 1976, fonqolchi Mangistuu aangorraa buusuf godhame fashale, Sisaay Haptee guyyaa sadi'i booda gargaartotasaa 17 wajjin ajjeefame. Kana booda dhuma bara 1976 keessa, mormiin Mangistuu fi MEISON gidduutti uummame. Kana booda Mangistuun miseensota MEISON kan mootummaa keessa jiran aangoorraa kaasuu jalqabe. Filannoo ministerotaa Bitootessa 11 1977 godhamerratti MEISON aangoo tokkoyyuu odoo hin argatin waan hafeef haalli jiru ittuu hammaate. Waxabajjii 14 hoggansi POMOA MEISONirraa fudhatame. Hayilee Fidaa fi miseensonni MEISON tarkaanfin itti aanu hamaa akka ta'u waan baraniif dafanii tarkaanfii fudhatan: Hagayya 19 hoggantoonni MEISON 19 fi kaadiroonni 500 ta'an ifatti socho'uu dhiisanii lafa jala socho'uutti geeddaran; Finfinneedhaa baqatanii gara baadiyyaatti baqatan. Mangistuun haasaa guyyaa shan booda godherratti MEISON balaleffate. Hagayya 26 Hayilee Fidaa fi hoggantoonni MEISON kaan naannoo Finfinneetti qabamanii Gibbii durii kan biiroon Dargii keessa jiru keessatti hidhaman. Hoggantoonni MEISON baayyen dhukaasa humnoota Dargii fi isaan gidduutti godhameen du'an. Nagadee Goobazee qofatu gara Yamanitti baqatee lubbuun hafe.

Hayilee Fidaa mana hidhaa keessatti yeroo dheeraaf hanga dhumarratti ajjeefamutti haala hamaa keessa jiraachaa ture. Haalii ajjeechaasaa ifa miti, garuu Andaargachoo Xurunash Hayileen erga hidhamee waggaa lama booda, bara 1979tti ajjeefame jedhe.

Hayileen dura ta'aa Tokkummaa Barattoota Itoophiyaa kan Yuurooppi ture.

Qorannoo Afaan Oromoo

Dr Hayileen qubee Afaan Oroomoo uumuu keessatti ga'ee guddaa qaba. Yeroo Yuurooppi jiru, Hayileen miseensa garee barattoota Oromoo kan qorannoorratti xiyyeeffatu fi kan Garee Qorannoo Barattoota Oromoo jedhamuu ture. Gareen qorannoo kun barattoota Oromoo biyyoota akka Firaansi, Jarmanii, Iswiidin, Tokkummaa

20 last posts shown.

16 807

subscribers
Channel statistics