Namni jireenya isaa keessatti haga qofaa isaan haasa'u eenyuma waliin, eessatiyyuu hin haasa'u. Sa'aatii 24 keessaatti yeroo yartuu jedhamteef illee utuu ofii isaa hin haasofsiisin hin turu. Waan kun keessa keetti gaaffii uumuu mala. Garuu, sirriidha. "Utuu roobduu karaa maasii koo Sanis" jedhe namichi, haasa'a tokkoon waan qabamaniif, hojiin waan itti heddummatuuf, haasa'uurraa waan hin boqonneef waa'ee ofii isaanii hin yaadanii jechuun dogogoraa dha. Namni sa'aatii qabu kamiyyuu keessatti mariin jalqaba waltajjii guddicha ofii isaa waliin edda taasisee booda gara adunyaa alaatti kan ce'u. Haasa'i cimaan namni taasisu ofii isaa waliini dha. Haala fi dhimma itti of haasofsiisaniin kan murtaa'u yoo ta'eyyuu of haasofsiisuun fayidaa hedduu qaba. Keessaa muraasa: eessaa akka kaate, eessa akka jirtu fi EESSA AKKA DEEMTU si akeeka. Kana jechuun of haasofsiisun:
£ koompasii ofii kee soqachuuf si gargaaru dha.
£ Daawwitii keessatti of argitu dha.
£ Waltajjii guddicha namni marti dhuunfaa isaatti qabu fi qabaachuu qabu dha.
£ yeroo qorannoo fi qo'annoon of baruu itti gaggeefamudha.
£ Namni kamuu utuu beekuu fi hin beekin of haasofsiisuu irra darbee saganteeffachuun yeroo of dhaggeeffannaa jedhamuun qoodameen dhiima itti bahus qabaachuun waa'ee ofii sirriitti akka baratuuf ni barbaachisa.
Of dhaggeefachuu keessa of haasofsiisuu isa sirriin ni guddata. Of haasofsiisuu keessatti immoo eenyummaa keenya isa dhugaa ni arganna. kanarra darbee, jireenya keenya guyya guyyaa mijeessuu, milkeessuu keessatti qoodi of haasofsiisuun qabu guddaa dha. Akkuma Cobni bishaanii dhagaa cabsu, of haasofsiisuu dhiisun sadarkaa nama dhuunfaatti ta'u dinagdee, hawaasummaa akkasuma siyaasa biyyaa nama dhuunfaa haga adunyaa tti jiru jeequu ni danda'a. Maarree, balaafama hamaa kana jalaa ofii keenya fi qaama biraas baasuuf yeroo ofii kenninee ofiin haa haasofnu! Of haa dhaggeefannu!