➥ Yeroo Hojjechuu qabdutti yoo hin hojjanne, yeroo kolfuu qabdutti boossa jechuudha. Kanaaf tattafadhu!
■ Nama si sobu maalif akka si sobu hin gaafatin. Sababni isaas gaafii kee deebisuuf soba biraa soba waan ta'eef.
■ Oduu Kuntaala 1 odeessaa oolu irra Hojii kilo 1 hojjattee yoo agarsiiste siif wayya. Kanaaf Xiqqoo haasa'i baay'ee hojjadhuu agarsiisi!
■ Gaarummaan ati har'a hojjattu Galaa kee borii siif ta'a. Kanaaf Jal'ina lafa kaa'ii waan gaggaarii qofa facaafadhu!
■ Gaafa ol baatu warra sii gadii hin dagatin! Sababani isaas gaafa gadi buutu isaanuma deebitee argatta waan ta'eef.
■ Lubbuu kee waan hin taanen hin dhiphisin! Sababni isaas akka si darbuuf kan siif barreeffame sin argatu. Akka si argatuuf immoo kan siif barreeffame sin dhabuuti.
■ Namoonni tokko tokko akka axxiffannaati. Jireenya kee keessaa gaafa ba'an galata jedhi malee of hin goolin!
■ Callisuu kee keessatti wantoonni ati hin dubbanne baay'een akkuma jiran kolfuu kee keessa dhukkubni ati dhokfattu baay'eetu jiru.
■ Waan hunduma amanuu dhaaf hin ariifatin! Sababni isaas sobni dhugaa irraa ariifatee gurra si lixaati.
■ Nama balbala onnee kee rurrukutu hundumaaf ariifattee hin banin! Sababni isaas namni tokko tokko akka ijoollee balbala rurrukutee fiiguu jaallata waan ta'eef!
■ Namni kan sitti hin hinaafne gaafa ati rakkatte qofa dha. Gaafa milkaa'inni kee baay'atu hinaaftonni kees lakkoofsan danuu dha. kanaaf si hin dinqin!
■ Nama tokko yeroo jaallattu amma argattutti utuu hin taane amma dhumaatti jaaladhu! Isa har'a akka salbaajii uffatanii boru baafatan dhiisi!
■ Gaafa qabeenya argattu Uumaa kee yaadadhu! Qabeenyi hiyyummaa irraa malee du'a irraa si hin oolchu waan ta'eef.
■ Dandeetti kee kan agarsiisuu qabdu warra si dinqisifatanitti utuu hin taane warra si tuffatanitti haa ta'u!
■ Saree yoo si ciniinte deebitee hin ciniintu. Akkuma kana namoota jal'ina si irratti yaadanis tuffadhuutii bira darbi! Isaan irra wayyaa'uu kee itti agarsiisi!
■ Nama gaarii yaaduuf gaarii hojjatu yoo taate namni ati dhabdu hin jiru. Garuu namni si dhabu immoo jira.
■ Jireenya mataa kee oofuu yoo hin dandeenye jireenya namaa irratti imalaa taata. kanaaf kan ormaa dhiisi kan kee gaggeeffadhu!
■ Maaliif sitti fakkaata Daawwitiin konkolaataa inni duuba agarsiisu xiqqaatee inni fuuldura agarsiisu kan guddaa ta'eef... Isa dudduubaa irra inni fuulduraa waan caalufi dha.
■ Atis Boriin kee har'aaf kaleessa kee caala wan ta'eef kaleessa kee xiqqoo xiqqoo yaadachaa borii kee fageessii ilaali!
■ Kufuu kee caalaa shakkuu keetu Abjuu kee borii dukkaneessa. Kanaaf abdii horadhuu tiradhu ka'i karaa kee itti fufi!
■ Dhalli namaa kan inni hin dabarre guyyaa du'a isaa qofa dha. Guyyaan kun Rabbiin wajjin ni darbama jabaadhu!
■ Amma hin dhaabbannetti tirachaa deemaa jirta taanan iddoo yaadde inuma geessa. Kanaaf dhaabbachuu irra tirachuun ni caala.
■ Xiyya gaafa darbatan akka inni fagoo deemuf sirriitti duubatti harkisaniitu gadi dhiisu. Atis akkuma kana haalli keessa jirtu gaafa duubatti si harkisu fageessee fuulduratti si darbachuufi waan ta'eef jabaadhu kaayyoo kee irratti xiyyeeffadhu!
▷ Obboleessa koo, jireenyi Guyyaa 3 dha. Isaanis: Kaleessa, Har'aa fi bori jedhamu. Kanaaf:-
➛ Kaleessa kee irraa baradhu!
➛ Har'a kee jiraadhu!
➛ Borii kee karoorsi!
#channel @milkaainajireenyaa share godhaa.👇👇
@milkaainajireenyaa
@kaayyoo_kootiif