Forward from: Jobs sites
Aaga dhagahaa!
Kitaaba yeroo jalqabaatiif waa'ee #FAYYAA_SAMMUU irratti Afaan Oromootiin barra'e qabannee isiniif dhufneerra!
Akkuma beekkamu kanaan dura Ogummaa baranneen midiyaa hawaasummaa gara garaa irratti waa'ee dhukkuboota sammuu fi fayyaa sammuu irratti hubannoo fi barumsa hawaasa keenyaaf laataa turuun keenya ni yaadatama! Ammas hubannoon gama kanaan jiruu xiqqaa ta'uu fi ilaachonni dogoggoraa dhukkuba sammuutiin wal qabatee jiran baayyachuun, namoonni baay'een yaala barbaachisu dhabanii dararraa dhukkubichaatiin waxalamaa akka jiraatan godheera.
Maarree nutis rakkoo hawaasa keenya irra gahaa jiruuf hanga tokko akka furmaatatti ni gargaara jennee waan yaadneef, ogeessota yaala sammuu kanneen gola Oromiyaa eddoo gara garaa jiran wajjiin taanee kitaaba kana barreessinee isiniif fidneerra!
Kitaabichi guyyaa muraasa keessatti isin bira ni gaha. Nuuf simadhaa!
Dhukkuba sammuu dhukkubsachuun yakkamaas, cubbamaas nama hin taasisu!
Fayyaan sammuu fayyaa qaamota birootiif bu'uura!
Fayyaa ta'aa!🙏