Oro Art Gallery!


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Deemsa yoo eegaltu, filannoo 3 qabda: 1. Bakka jirtuu mucucaattee of duuba deebi'uu, 2. Iddoo jirtu dhaabbachuu fi 3. Fuulduratti tarkaanfachuudha. Mucucaachuu kootu qaxxisa tirachuu na barsiise! Koottaa waliin tirannaa! @Oroath24

Related channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter


AARSAA.pdf
694.7Kb
Aarsaan gumaata barattoota wareegamaniiti. Dubbisaatii waliif dabarsaa @sabonart join godhaa! Maatii keenya ta’uudhaan barruulee garaagaraa, walaloofi fakkiiwwan harkaan bocamanitti dhiyaadhaa!


#AARSAA! Coming soon! Bakkatti ormaaf harkuun gurrisu
Oromiyaa dhaaf ameessi gu’ee
Dhiiga ilmaanshee dhugdi
Kitilli aarsaa ta’ee
👉@sabonart


#ArtOfSabona! #pencilSketch!
If I could express my feeling in words, there would be no reason to sketch. A’aa!😢
#AARSAA, gumaata yaadannoo barattoota wareegamanii, Barruu haaraa bifa #pdf’n yeroo dhiyootti, Sabboonaa Tolasaatiin. #Coming_soon!
#Telegram_Channel https://t.me/sabonart f miseensa ta’uun na eegadhaa! Waliif dabarsuu (share gochuu) hin dagatinaa! 👉 @sabonart


Forward from: FAYYAA SAMMUU
fayyaa sammuu.pdf
1.1Mb
Akkuma dubbiftaniin waliif dabarsaa
@sammuukoof join godhaa!
Maatii fayyaa sammuu ta'uudhaan gorsa waliirra hin citne qooddadhaa!
@sammuukoof


Forward from: Guduunfaa📚❤
Eebba Kitaabaa!


Forward from: Kitaaboota-books
Kudhaama Jaalalaa.pdf
3.0Mb
✈️✈️✈️#share✈️✈️✈️
👇👇👇#join👇👇👇
@kitaabotaGaraagara


Forward from: Guduunfaa📚❤
Video is unavailable for watching
Show in Telegram
Kan barreesse, Gammachuu Tsaggaayee ti. Sagaleen Siifan!

Turtii gaarii!❤ @Guduunfaakoo !




Forward from: Booka Beekumsaa
Sammuun gaggeessaa qaama maraati.
Burqaa yaa'insa yaadaa kan ilaalcha eenyummaakee qajeelchu, dandeettin yaaduu, karoorsuu, xiinxaluu, murtee dhiheessuufi furmaata qopheessuuf Uumaan dhala namaa badhaasedha.
Qaama xiqqoo jijjiirraa hin qabne fayyummaakee lallabuuf raagaa qabatamaa si ibsutu sammuukeeti. Sammuukee eeggadhu.

Kitaabichi yeroo dhiyootti sin qaqqaba.
Waliif dabarsaa! Dubbisaa Itti fayyadamaa.

@sammuukoof


Forward from: Jobs sites
Aaga dhagahaa!

Kitaaba yeroo jalqabaatiif waa'ee #FAYYAA_SAMMUU irratti Afaan Oromootiin barra'e qabannee isiniif dhufneerra!
Akkuma beekkamu kanaan dura Ogummaa baranneen midiyaa hawaasummaa gara garaa irratti waa'ee dhukkuboota sammuu fi fayyaa sammuu irratti hubannoo fi barumsa hawaasa keenyaaf laataa turuun keenya ni yaadatama! Ammas hubannoon gama kanaan jiruu xiqqaa ta'uu fi ilaachonni dogoggoraa dhukkuba sammuutiin wal qabatee jiran baayyachuun, namoonni baay'een yaala barbaachisu dhabanii dararraa dhukkubichaatiin waxalamaa akka jiraatan godheera.

Maarree nutis rakkoo hawaasa keenya irra gahaa jiruuf hanga tokko akka furmaatatti ni gargaara jennee waan yaadneef, ogeessota yaala sammuu kanneen gola Oromiyaa eddoo gara garaa jiran wajjiin taanee kitaaba kana barreessinee isiniif fidneerra!
Kitaabichi guyyaa muraasa keessatti isin bira ni gaha. Nuuf simadhaa!

Dhukkuba sammuu dhukkubsachuun yakkamaas, cubbamaas nama hin taasisu!
Fayyaan sammuu fayyaa qaamota birootiif bu'uura!

Fayyaa ta'aa!🙏


Forward from: Booka Beekumsaa
#Kufinsa_Kuffisi_Malee!

Gaafa galmaaf baatu, gufuu hedduun si mudachuu mala. Yeroo kana egaa, gufuu kufinsaa kana gara daandii ce'umsaatti jijjiiruu qabda. Nama callisee eeggatus osoo hintaane, kan galmaaf tattaafatu ta'uutu sirra jiraata. Wanti sireerraa sireetti tola siif dhufu hirriba malee hinjiru. Abjuunis kan galmaa osoo hintaane, kan hirriba keessaatu tola argama. Kanaaf, kufinsa baqachuu osoo hintaane, hambisuu danda'uu yookaan moo'achuu, akkanuma akka carraa ce'umsaatti fayyadamuutu furmaata.

Tooftaa hori! Dhagaa rukuttaaf sitti darbamu kallattii isa si miidhu qofaa hin ilaaliin; dhagaa sana walitti qabattee diinakee ittiin ofirraa daangessuunis nijira. Gimbii jabaa eenyuu cabsee hinseenne ykn irra qaari'uu hindandeenye ittiin ijaarrachuu nidandeessa. Kun immoo, tooftaa gaafata. Eeyyeen beekumsa nama irraa fedha. Beekumsa ittiin isa nama daangessuu gara kan nama deeggarutti jijjiirratan, beekumsa waan nama arii'u isa namaaf arii'uu godhan.
Wanti har'a si dhaabe muuxanno yoo si ta'e, boru sin daangessu. Akka salphaatti irra gulufta.  Gufuu si gufachiisu of jalaa buqqisuudhas malee, yeroo biraas si gufachiisa. Yoo buqqistee irbaata ibiddaa gootu, si gufachiisuuf humna dhabuurra darbee, ifa siif ta'a. Anniisaan ho'a achirraa argamuu gara fuulduraatti si buta.
Yeroo ati mudhiikee hidhattee kufinsa gara carraa ce'umsaatti jijjiiirrattu, garaagarummaa guddaatu jira. Si dhaaburraa gara siif dhaabachuutti tarkaanfata. Keessikee durarra jabaataa ta'a. Eeyyeen, muuxannoon hundeen si dhaaba. Kan si kuffisu irratti haaboo qabaachuuf of qopheessuun isa hangafaati beeki. Hin sodaatiinis!
Fakkeenyaaf- riqicha baay'ee dheeraa bishaan ciisaarra diriireeru tokko irra deemuuf kaate haajennu. Riqicha gabaabaa nuyi beeknu osoo hintaane, riqichi dheeraa, yoo irra ejjetan hundee lamaan irraa namaan raafamu, ol kan nama darbatu sanadha. Baay'ee nama sodaachisa. 'Ce'iifi hince'iin!' dabaree naqatanii sitti odeessuu malu. Yeroo kanatti sagalee huursa bishaanii yookan bishaanicha ciishee jiru gadi fageenya isaa dhaabattee tilmaamuurra, waan ta'uu qabu yaaduutu si oolcha. Waan ijoo lamatus jira; ce'uu yookaan keessatti kufuu! Keessatti kufuun filaannoo sodaakee gargaaruuf kaa'ame osoo hintaane, filannooma ati sammuukee keessaa qabdu sanadha. Osoo kun hinjiru ta'ee, ce'uu iyyuu hinsodaattu ture. Kana baattee riqichaa yaabdeemmoo, yoo akka tasaa bishaan seente, jireenyi nagaa sitti dhaammachuu danda'a.
Humnikee kufa akka si oolchu edda beektee sodaa malee imaluun kufa si oolchuu danda'a. Kun hir'annaan immoo, bishaan seenuun dirqama. Yoo ta'eef immoo waan tokkoof of qopheessuu qabda. Waan kamiif? Bishaan daakuu beekuu sirra jiraata. Bishaan kana daaktee akka keessaa baatuuf of qopheessuun sirraa eegama. Dursitee qophaa'aa ta'uun du'a si oolcha. Akkanaan keessa kuttee gamaan ceeta.

Galmaaf kufuun waanuma jiru. Garuu kufanii hafuun bu'aan ala nama taasisa. Moo'amuudhas! Yoo achii ka'an, yoo akka muuxannootti fayyadaman kufinsi jabina gara fuulduraa ta'a. Nama humneessuu keessatti gahee guddaa qaba. Ati itti fayyadamnaan daandiikee fuulduraa sii bareecha. Akkuma fiixaan ba'insi xumura hintaane, kufinsis isa dhumaa miti. Kan kufee iddooma kufetti dhumateefii miti. Kufinsi ta'ii yeroo muraasaati malee, harka nama hinkennisiisu. Barataan kutaa irraa gara kutaatti darbuuf qabxiin isa hir'ate tokko, "Nan kufe!" jedhee harka maratee taa'uurra, yoo dareema keessatti kufe keessa deebi'ee bilcheeffate jijjiirama addaa uumuu danda'a. Garuu achumaan addunyaa barnootaa keessaa baanaan, isa qabxiin guutuufii dhabe osoo hintaane, isa deemsa dhaabe kanadha kufinsi isaa. Kufinsi deemsa irratti gufachuu miti; sababa gufachiisa tokkoon walitti dhufaniin dorgee jireenyaa keessaa bahuudha.
Kufinsa qofaas osoo hintaane, kufanii hafuus balaaleffachuu qabna. Yoos, kufinsatu kufa. Kufinsi haa kufu!


Kufinsa Kuffisi Malee!

©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2021

@Orobook


👉👉👉Ashamaa harka fuune👈👈👈
WEELLISAA RABBIRRAA HAYILUU
Sirba warraaqsaa Viidiyoo fi Sagaleen isaa namatti tolu mata dureen isaa "KUN HIN MALU" Jedhu yeroo dhiyootti isiniif fidee dhufaat jira.....Nagaan koottu jedhaanii


Forward from: Booka Beekumsaa
#Gaddii!
(Fiilmii)
Dilbata dhufu (Onkoloolessa 28, 2014) Gidduu Gala Aadaa Oromootti eebbifamuuf jira. Fiilmichi seenaa gooticha Gaaddisaa Hirphasaa irratti kan hundaa'edha. Haa eebbifannu!

Aartiin Oromoo oluma!

@BookaBeekumsaa


#Namummaan_maali¿¿¿

#Abboomsaa_Warkuu jedhama. Yuunibarsiitii Wallaggaatti barataa 'pharmacy' waggaa 2ffaa ture. Onkololeessa 29, 2021 guyyaa Jimaataa dhabame jedhanii himan. Guyyaa 2 booda Onkololeessa 31, 2021 reeffi isaa Burraayyuudhaa mul'ate.

Abboomsaa nama biyyattiif furmaata ta'uu danda'utu kichuutti cite. Imala jireenyaa, akkasumas kan barnootaa kutaa 1ffaa_12ffaatti waliin dabarsineen gorsaakoo, hiriyaa koo, waa hundumakoo ture. Akka salphaatti gargar baana jennee abjootnee hinbeeknu. Maal godha😢akka yaadne ta'uu dhabee qormaanni seensa Yuunibarsiitii (University Entrance Exam) bara 2019 qoramne garagartoo ta'ee argame. Baay'een keessan akkuma beektan gosti barnootaa 4 dogoggoratee ture. Inni kiyya guyyaa lama keessatti gosti barnootaa 3 naaf sirratee ture. Itti aansuun torbeedhuma sana keessa gosti barnoota '#Aptitude' illeen naaf sirrate. Kan Abboomsaa osoo hin sirreeffamin dhadhaa abidda bu'e ta'ee hafe. Kanumaan Ani Yuunibarsiitii Finfinnee (AAU), Abboomsaa n Yuunibarsiitii Wallaggaatti ramadamnaan gargar baane. Cimina Abboomsaa namu kamiinu ol cimseen beeka. Abboomsaa n barataa sadarkaa 1ffaa ta'ee nama qormaata biyooleessaa dalagaa tureedha. Namoonni isaaf dhiyoo turan dhugaa bahu.

Biyyeen tun nama jabaaf garaalaaftee hinbeektu. Sanaaf nafakkaata kan Abboomsaatti jarjarte. Hanga ammaatti waa'ee ajjeefamuu Abboomsaan walqabatee Yuunibarsiitii Wallaggaas ta'ee qaamni mootummaadha ofiin jedhu ibsa kennuurraa of qusataniiru. Ajjeechaan barattoota keenyarraa yoomuma dhaabata? Maal qaba laata otoo itti siqanii garalaafummaa mucaa kanaa hubatan ta'ee, maal qaba laata otoo... Isa ajjeesaniif qooda isaa darbanii hin jiraatan hoo, maal argatu?

Wanti garaakoo nyaatu otoo guyyaa tokko yeroo qabaatee ba'ee taphatee. Kansaa yeroo hundumaa boqannaanis, taphnis barruu waliin ture. Yogguun maqaa siyaasatiin nama dararu. Innoo dubbatee hamaa hin baasuti. Takkaammoo shororkeessaa moggaasu. Kan Abboomsaa hoo maali? Innoo qalama qabatee mana bahehoo.

Godaannisa hin dagatamne naaf dhiisanii darban. Ajjeesanii karaaratti gatuun Kun maali? Nu'iin maalin bineensa irra adda taana? Maali madaalli namummaa? Kaleessa qormaata jireenyaa tanaaf osoo hin jilbiiffanne obsee har'a gahuunkoo nama jabaa tokkon of duubaa qabaafani. Abboomsaa! "Abshir! Nibariiti" naan jedha ture. Har'a guyyaatu naaf dukkanaa'e😢. Homaa gochuu hindanda'u, injifatameera😢

Dhugaadha! 'Barnoonni rakkoo biyya takkaatif furmaata' jechuun Ejjennoo koo kaleessaa ture. Kanumarraa ka'een barnootan cinaatti gaman danda'uun ogummaa aartii irratti hirmaachaa, ijoollees jajjabeessaa turuun koo. Har'a garuu homaayyuu furuu akkan hin dandeenyen hubadhe. Barnootan osoo ta'ee Abboomsaatu...😢 Inni garuu anaanis dhiisee akka hin deebinetti fagaatera. Haadha Isa deesserraas garaa fageeffateera. Abboomsaa yyuu nan awwaale. Ammaan booda hin boo'u; haqa jirtu dubbadheen isa bira deema. Kan dhugaa isaan natti dhufe har'a naan haa nyaatu.
Abboomsaakoo bool'akee daadhiin haaguutu. Yoon lubbuun jiraadhe waa'eekee dubbachurraa homtuu nan dhorku. Yoon du'e immoo sibiran dhufa.

Muramte!

Obsiifi jajjabinni Ummata Oromoof haata'u!






Forward from: Dirree Xiinsammuu
#Humna_Waadaa
(Kitaaba Sansakkaa Saakalame keessaa kan fudhatame)

Halkan qorraa tokko, duuressa biliyoonera tokkotu jaarsa hiyyeessa ta'e waliin manaan alatti wal argee ture. Jaarsichaan, “Qorra akkasii keessa manaan ala taa'uun sitti hinqorruu, maaliif golga qorra ittisu hin uffannee? ittiin jedhe. Jaarsi harki qalleessi kunis, “Uffata ati jettu kana amma hinqabu; garuu, itti bareera.” Biliyoonerichis, “Na eeggadhu! Ammuma kana manakoo seeneen siif fidee dhufa.” ittiin jedhe. Jaarsi harki qalleessi kun gammadaa akka isa eeggatu namichatti hime. Namichis mana isaa edda galee booda, muddamuun, waan harka qalleessa kanaan jedhe dagate. Ganama edda barii'ee jaarsa harka qalleessa kana yaadachuun, isa barbaachaaf garasaa deeme; garuu, jaarsichi qorrarraan kan ka'e du'eera. Ta'us, barreeffama (yaadachiisa) tokko lafa kaa'ee ture. Barreefamichi akkas jedha, “Yeroo uffata ho'aa tokkoollee hinqabaanne humna ittiin qorra ofirraa ittisun qaba: sababni isaas, itti bareera waan ta'eefi. Garuu, na gargaaruuf yeroo waadaa naaf galtetti, waada keettan hirkadhe. Kunis dandeetti ittiin qorra ofirra ittisuu danda'u narraa fudhate.”

Seexaa/ Moral: Waadaan haala salphaan namichi gale hanga lubbuu baasutti deeme!
Waadaa galtu fiixaan baasuu hin dandeessu taanaan, waadaa kamiyyuu hingaliin.
....
Kitaaba Asoosama, Xinsammuu fi Seenaa namoota kumaan lakkaa'aman biratti fudhatamummaa kan argate, harka galfadhaa, caalatti beekumsa irraa unadhaa!


Forward from: Kitaabbilee Afaan Oromoo
OF ILAALLEE.pdf
392.5Kb
Kun Of Ilaallee keeti. Ittiin of ilaali! Namootaanis ga'i! Na'amani!, kitaaba kana keessatti of ilaaltee of hin argitu taanaan kuni kitaaba miti. Maalumaafuu Of ilaallee kana keessatti akka Of ilaaltuuf jecha Of ilaalleen siif gumaachame. AMAANU'EEL OLJIRRAATU siif gumaache.


Itti dhiyaadhamee!


Forward from: Guduunfaa📚❤
Yaada koo wajjiin gaafa wal argannu, Aniif qalamni koo fageenya keenya dhiyeessinee, gidduu keenyatti araara buufanna. Waliin dubbii keenya keessatti bu'aa hedduu arganna.

Yeroo hedduu, yaadni si keessaa maddu waan ofii kee waliin walitti sin buufne, yaada sammuu kee boqonnaa dhorku akka hin taane qofa of eeggadhu. Inni sammuu keef boqonnaa hin kennin isa si cinaa jiruufillee boqonnaa miti.

Of dandeessee addunyaa mataa kee bocachuuf, wacni gama kamii maddu si booji'uu hin qabu. Imalli fuuldura keetii xiyyeeffannaa kee keessa ta'uu qaba. Jireenya ilaalcha qaama biraa ykn sammuu nama biraa keessatti too'atamuun jiraachuun, gahumsa kee isa dhokataa bakka isaa si dhabsiisa. Isa gochuu dandeessu, isa raawwachuuf cimina guutuu qabdu sirraa fudhata.

Hogganaan yaada keetii inni hangafaa sammuu kee ta'uu qaba. Sammuun kee hunda too'atee si deemsisuuf gahumsa qaba. Waca, maal naan jedhuu saalfiifii, tuffii namni siif qabuuf osoo hin taane, ejjannoof kutannoo keetiin of hogganuu danda'u qabda.

Kanaaf immoo wanti keessi kee hawwuuf fedhu sun bahuu qaba. Hojiitti hiikamuu qaba. Keessa keetti hacuucamuu hin qabu. Mirgi fedhii keessa keetti wacuu sarbamuu hin qabu.

Keessa keef sammuu keef bilisummaa kenniif, haga kun hin taanetti kolonii mataa keetiitiin kolonii qaama biraatiin dhuunfatamuu, gabroomuu , fi ergamtuu ta'uun waan hin oolle.

Sammuu kee haguuggii yaada keetii jalaa baasi, hojii isaa haa hojjetu. Gahumsa kee isa guddaa hacuuccee, isa gahumsa isaa sirratti mul'isuuf qofa bitamaa hin ta'in. Atis gahumsa qabda. Ni dandeessa.

Jennee turtii waliin keenyaa gabaabsine!🖤

@Guduunfaakoo

20 last posts shown.

240

subscribers
Channel statistics