Forward from: Aboma Ejara
Asoosama gabaabaa ililliifi sabboonaa
Kutaa 2ffaa
Yoo Sabboonaan addunyaa yaadaa keessee as bahu, hidhiin Ilillii inni amartee fakkaatu hidhii isaa bira gahuuf ‘seentimeetira’ muraasatu hafe. Ijji Ilillii inni ‘biyyii’ yeroo ijoolluummaa ittiin taphachaa guddanne fakkaatu sun duumessaa’ee roobuf jira. Yeroo kana kan sabboonaan sagalee obbo Buttaa dhagahe.
Obbo Buttaan Obboleessa abbaa Sabboonaa, Obbo Tulluuti. Buttaan akka jiraattota naannoo sanaatti‘Milishaa Kaadiroota’ mootummaa waliin walitti dhufeenya cimaa qabuudha jedhameetu komatama. Ijaa kanaaf jecha waan sammuun isaa isa ajaje kamuu gochuuf harkatu isa gaha. Obbo Buttaan, aangoo dawoo godhachuun jiraattota naannoo sanaa nama ijibbaachiseedha. Abbaa mana jala deebi’uun haadha manaa naannoo sanaa waliin kan hin ciisne muraasa; baay’eesaanii waliin gaheera. Hojii saa kanarraa ka’aniitu ‘Buttaa’ jedhaniin malee maqaan isaa inni ganamaa Raggaasaadha.
Sabboonaan waasila isaa Obbo Buttaa waan sodaatuuf, yogguu sagaleesaa dhagahu ni rifate. Obbo Buttaanis, haalli waliin dhaabbii Sabboonaafi Ilillii gaaffii guddaa keessa isaatti waan uumeef “ Sabboonaa!.... Sabboonaa!.. Ijoolle !.....” jechaa gara isaaniitti qajeele. Sabboonaanis “ ookoo!……ookoo!..” jechaa tarkaanfii tokko Ililliirraa gara booddeetti deebi’i. booddeetti yaa deebi’u malee Ililliirraa siiquu hin jaalannee. Ililliinis akka waan hoomtuu hin uumamnee harka ishee deeffatte fakkeessuuf “ kitaaabicha galgala naaf kennitaa deemi” jechuun kokolfaa gara ergaasheetti kutte.
Sabboonaan keessa isaatti “ Maal kuni xinnoo turee yoo dhufe maal qaba? ….” Jechaa “ Na waamtanii ?” jedheen . Obbo Buttaanis “ Eeyyee , sin barbaadee; maal gochaa turtanii ?” jechuun seseeqaa gaaffiin sabboonaa muddee qabe. “ Um..um… homaa hin goone . Kitaaba tokko na gaafachaa turtee ” jechuun miira kabajaatiin deebiseef.
Obbo Buttaa “ Jaalallee qabdaayii?”
Sabboonaa “ Haa ..haa..haa. jaalallee hin qabu. Amma garuu yoo waaqni jedhe itti yaadan jira.”
Obbo buttaa “ Yoo jaalatte nama si gitu jaaladhu na boonsi. Intala abbaa barbaaddee filadhuu jaaladhu. Garuu, intala Ilillii jedhamtu tana ofirraa fageess.” Jechuun ergaa akka abiddaa nama gubu Sabboonaaf dhaame.
Obbo Buttaan maaliif walitti dhufeenya Sabboonaafi Ilillii hin jaalanne ? Kutaa 3ffaatti eegaa ❤️❤️❤️❤️🍓🍓
© Abboomaa ijaaraatiin
Oromiyaa, Harargee lafa jaalalaarraa🍅🍅