Asoosama gabaabaa Ililliifi Sabboonaa
Kutaa 4ffaa
Sabboonaan yeroo rurrukutamuu balbalaa dhagahu of eeggannoof jecha dafee muka furdaa, qaban harka nama guutu, kan shoggoraa karraatiif itti fayyadaman tokko harkatti qabatee gad-itti bahe. Yeroo ilaalu waasillisaa, abbaan Hurrumee, Obbo Buttaan nama hin fakkaatu. Miila lamaan dhaabbachuuf gargaarsa barbaada.
Akkana ta’uun Obbo Buttaa sabboonaa baay’ee hin ajaa’imne. Sababnisaa, akkas ta’uunsaa har’a qofaa miti; Kan har’aa adda yoo ta’ellee, yeroo mara machaa’ee gala. Kaan hojii malaamaltummaa hojechuun dhuga; Kaan ammoo yeroo yakkamaadha jedhee nama qabuun gara waajjira ‘poolisii’geessu, poolisoonni osoo hin argiin waan namni sun ‘kiisha’ keessaa qabu duursee kan guuruun dhuga. Darbee darbee yeroo duubee dhugee galus hin dhabamu.
Sabboonaan akkuma ta’eetti bakka ciisee jiruu ol isa qabee gara mana isaatti isa geessuuf yaale. Obbo Buttaan “ Yee mu..mu..mu..mucattii? la…laa….laa…laa..lammata mucayyoo sana bira gee..geenyaan, har’an duursee siif boo’a.” jedheen sagaleee machiin guutameen.
Sabboonaan hanga manaan isa gahutti jecha inni jedhuuniif gurra hin laanne ture. “ Amma machooftee jirta waan ta’eef galii rafi..” ittin jedha ture.
Erga manaan isa gahee deebi’ee, jechi Obbo Buttaa Sabboonaa onnee tuqxe. “Guyyaas akkas naan jedhe, ammaas akkana jedhe.. maaliif ? .. waa malee miti. Jaalateeti. … maaf hin jaalatin? Abaabootana. Miidhagni ishee silaa nama macheessaa.” jechaa qo’annaa dhiisee ofiin haasa’uu eegale. Itti fufee “ akkam daa’ima isaa moo ? akkam!.... osoo ta’eeyyuu anarratti moo! … hinta’u … ta’uummaa hin qabu.. bor ganama akkan ishee jaaladhu itti himuun qaba.” Jedhe miira aaritiin.
Lafti bariinaan, sabboonaan waan kamiiyyuu dura Ilillii argachuun karoora isaa, isa jalqaba godhate. Bariitee akkuma durii yemmuu isheen da’ima aduu caama ganamaa qaqqaammachiiftu arginaan, bira dhaqee nagaha gaafatee ishee fuuldura ofirra quphane. Osoo hin turiin sagalee Obbo Buttaa gara mana warra Sabboonaattiti dhufaa jiru dhagahe.
Obbo Buttaan, gara mana Obbo Tulluutti ol seenee; Haadha Sabboonaa Aadde Naatolii nagaa gaafachuu eegale. Aadde Naatooliin man-duuba waan turteef Obbo Buttaanis gara mana duubaatti darbuun Naatolii waliin haasa’uu eegale.
Yeroo kana Sabboonaan shakkii waan qabuuf dhimma Ilillii bira dhaqeef dhiisee maal akka haasa’an dhaggeeffachuuf gara manaatti deebi’e. Ililliitti, Sabboonaan osoo hoomaa hin jedhin deebi’uun isaa itti dhagahameera. Yaata’u malee Sabboonaan biraa deemuu hin dhiisne.
Yeroo Sabboonaan Haasa’a waasila isaa Obbo Buttaafi Harmeesaa Aadde Naatolii dhagahu amanuu hin dandeenye. Iccitii abbaan Hurrumee, Obbo Buttaanifi haati Gammadaa woggoota baay’eef dhoofkatanii taa’aa turan dhagahe. Iccittii ajaa’ibaa! Kan Sabboonaan yaadee hin turre. Kan abbaan Gammadaa, Obbo Tolasaan dhagahee hin beekne dhagahe.
Haati gammadaa, Aadde Kibboodha; Harmee Ilillii. Gammadaan ammoo mucaa Obbo Tolasaati;Hangafa Ilillii. Obbo Tolasaan Kaadiroota Mootummaa yeroo sanaa, kan Obbo Buttaa waliin walitti dhufeenya cimaa qaba jedhamee hamatamu keessaa isa tokko.
Yeroo baay’ee Obbo Buttaan mana Obbo Tolasaa, dhimma oolmaa guyyaa gabaasuufi karoora guyyaa itti aanuu, irraa fudhachuuf ni deddeebi’a. Adeemsa kana keessa kan Obbo Buttaan, haadha Gammadaa, Aadde Kibboo waliin walquunnamtii eegaluun Ilillii godhatan.
Obbo Tolasaaan dubbii kana yoo dhagahe, Obbo Buttaas, Aadde Kibboos jireenya isaanii waan gabaabsuuf, dhoofkatanii woggoota 18tiif tursiifatan. Har’a garuu abbaan Hurrumee, Obbo Buttaan dubbiin irra caalaa akka hin banneef jedhee harmee Sabboonaa, Aadde Naatoliitti baasee hime. Ajaa’iba!
Sabboonaan ajaa’iba kana dhagahe. Osoo hin beekiin intala waasila isaa haadha warra godhachuuf karoora baasee ture. Jaalala intala waasila isaatiin daandee deemee ture.
Sabboonaaf, Ilillii dhiisuun akka du’aatti lakkaa’ama ture. Garuu, kun waan addaa ta’ee itti dhufe. Hojii waaqaa geeddaruun waan hin danda’amneef, Sabboonaaf waan dhagahe amanee fudhachuun dirqama itti ta’e.