Forward from: Aboma Ejara
Maatiin waaldaa kanaa hundi keessanuu akkam jirtu? Hundama keessaniifuu bakka jirtanitti nagaa siniif dhaamaa, yaada namuu itti yaaduu qabuu fi mariin bilchaachuu qabu isa Naggeen kaase kanarrattin waa jechuu barbaada. Dhugaa dubbachuuf yeroon itti dhaamsa kana barreessu miira akkamii keessa akkan jiru siniif ibsuu hin danda'u! Abboomsaan akkuma hudeeffama waldaa kanaatiif sababa guddaa ta'e, waldaan kun guddatee akka galmasaa gahuufis abdii guddaa nama ta'e ture! Waldaa kana gaafa hundeessinu waa tokko qabaannee osoo hin taanee, walqabanneeti; Wal qabnaafi. Waljajjabeessineetu bakka gahuu qabnu geenyee waan manaa baaneef galmaan geenyee waliin miidhagna jennetu harka duwwaa walqabannee galma namuu akka salphaatti hin milkoofne, isa fageenya 'km' hin himamnerra jiru, kan deemsi isaa mogolee nama buusu, kan itti qoramnee qoraafamuun bira geenyu,galaa tokko malee osoo hoomaa harkaa hin qabaatin wal galaasachuun wal waan qabnuuf qofa dhaadhachaatii hundeessine. Kichuu taanetu sammuu bilchaaten galmicha iddoo fagoo sanatti argine! Bilchina, waldhageettii, tokkummaa, jaalalaa, waliif owwaachuu keenyaa fi walbira jiraachuu keenya ilaalletu akka iddoo fagoo sana geenyee galma keenya harkaan qaqqabannus amannee waliin dhaadachaa deemsa dadhabsiisaa sana onnee guutuun eegalle! Osoo achi hin hiiqin galma gahiinsa keenyaaf kan gahee guddaa taphata jennee yaadnu, kan itti amannu Abboomsaan akka hin eegamneen of biraa dhabne. Hunda keenya nama akkasii, kan si gorsuufi si jajjabeessuu malee haamilee kee buusuun isa bira hin jirre,nama bilchaataaf hubataa akkasii of biraa dhabuu keenyatti hedduu gaddine; Haamilee keenyatti cabe! Ni rifanne! Dhugaa qabna maaf hin rifanne? Eenyutu Abboomsaa haala kanaan ni dhabnaatti secondii tokkoof yaadee beeka? Guddaa rifanne. Haata'u garuu, akkuma dura osoo hoomaa harkaa hin qabaatin wal waan qabnuuf qofa abdiin kaane,ammas walqabannee, ittiin isa yaadachaa kaayyoo manaa baaneef, kan isa waliin gadi teenyee wixineessinee kaane sana galmaan geenyee maqaasaa ol qabna. Isaafis ta'ee maatiisaaf wanti gumaachuu dandeenyu yoo jiraate wal mariin gumaachina.