๐—ฆ๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐—ฎ๐—ฎ ๐— ๐—ฎ๐—ป๐—ฐ๐—ต๐—ฒ๐˜€๐˜๐—ฒ๐—ฟ ๐—จ๐—ป๐—ถ๐˜๐—ฒ๐—ฑ


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Kaayyoon keenya ๐Ÿ‘‰ Deeggertoota Yuunaayitid hunda bakka tokkotti walitti fiduu, odeeffannoo qulqulluu fi saffisaa dhiyeessuu.

Related channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter


๐ŸŒŸ ๐€๐ฆ๐š๐ ๐ƒ๐ข๐ฒ๐š๐š๐ฅ๐จ๐จ: ๐Š๐ฎ๐ญ๐š๐š ๐—๐ฎ๐ฆ๐ฎ๐ซ๐š
Sekondiiwwan muraasa qofa hafeโ€ฆ taphiin gara penalty deemuu qofa hafe. Dirreen Old Trafford guutuun callisee jiraโ€”namni hundi hafuura qabatee eegaa jira.
Yeroo kana, Scott McTominay kubbaa sana dura qabateโ€”garuu yeroo hin fixne. Saffisaan gara fuulduraatti dabarsee kenneโ€ฆ
Kubbaa sana Alejandro Garnacho qabate!
Garnacho saffisaan gara mirgaatti fiigeโ€”taphattoota Liverpool lama darbe! Dirreen ni kaโ€™e!
๐Ÿ‘‰ Inni mataa ol kaasee ilaaleโ€ฆ bakka sirrii irratti nama tokko argeโ€ฆ
๐ŸŒŸ Amad Diallo!
๐Ÿ‘‰ Garnacho kubbaa sana sirriitti gara Amad dabarsee kenne.
Amad kubbaa sana toโ€™ateโ€ฆ
๐Ÿ‘‰ Tokko tuqeโ€”defender darbe
๐Ÿ‘‰ Lamaa tuqeโ€”bakka banaa uume
Yeroo sanaโ€ฆ lapheen isaa saffisaan rukutaโ€ฆ
sammuun isaa gorsa haadha isaa yaadata:
โ€œYoo jabaatte ni milkooftaโ€ฆโ€
๐Ÿ‘‰ Amad hin turreโ€ฆ miila isaa ol kaasee jabinaan rukuteโ€”
โšฝ GOOOOOOL!!!
Dirreen ni dhoโ€™e! Old Trafford akka malee raafame!
๐Ÿ”ด Deeggartoonni Manchester United:
Gammachuun isaanii daangaa darbe! Namni hundi iyyaa, wal hammachaa, gammachuu keessa booโ€™aa ture! Guyyaan isaaniiโ€”guyyaa seenaa taโ€™e!
๐Ÿ”ต Deeggartoonni Liverpool:
Callisni isaan liqimseโ€ฆ abdii isaanii sekondii tokko keessatti diigame. Gammachuun isaanii gara gaddaa jijjiirame.
Amad garuuโ€ฆ
uffata isaa baasee fiigeโ€ฆ
gammachuu isaa toโ€™achuu hin dandeenye!




๐ŸŒŸ ๐€๐ฆ๐š๐ ๐ƒ๐ข๐ฒ๐š๐š๐ฅ๐จ๐จ: ๐Š๐ฎ๐ญ๐š๐š 6๐Ÿ๐Ÿ๐š๐š
Seenaa Bitootessa 17, 2024โ€ฆ guyyaa seenaa hin dagatamne
Taphiin Manchester United fi Liverpool gidduutti, Old Trafford keessatti gaggeeffamaa ture

Jalqaba irratti Scott McTominay goolii jalqabaa galcheโ€”dirreen ni raafame, deeggartoonni United gammachuun guutamanii

Garuu yeroo gabaabaa keessatti, Alexis Mac Allister fi Mohamed Salah goolii lama galchuun Liverpool 2-1 akka dursu godhanโ€ฆ gammachuun deeggartoota maanchester united gara sodaatti jijjiirame

๐Ÿ‘‰ Daqiiqaa 87ffaaโ€”Antony gara dirreetti jijjiiramee seenee..
โšฝ GOOL! Tapha 2-2 taasise!
Dirreen raafamuu jalqabe

Taphichi gara yeroo dabalataatti seeneโ€ฆ
๐Ÿ‘‰ Daqiiqaa 105ffaaโ€”Harvey Elliott goolii galcheโ€ฆ Liverpool 3-2 dursu eegale!

Deeggartoonni United callisanโ€ฆ deeggartoonni Liverpool gammadan
Garuu seenaa hin xumuramneโ€ฆ
๐Ÿ‘‰ Daqiiqaa 112ffaaโ€”Marcus Rashford โšฝ GOOL!
3-3! Old Trafford ni raafame!
Ammaโ€ฆ sekondiiwwan muraasa qofatu hafeโ€ฆ
Daqiiqaa 120+1โ€ฆ
Taphiin gara penalty deemuu qofatu hafeโ€ฆ
๐Ÿ‘‰ Garuuโ€ฆ yeroo sanaโ€ฆ๐ŸŒŸ Amadโ€ฆ


๐ŸŒŸ Amad Diyaaloo Kutaa 5ffaa

Seenaan Amad Diyaaloo godaantota kumaatamaan lakkaawaman waliin qarqara galaana Xaaliyaanii (Italy) irraa eegala. Mucaa waggaa 10 hin guunneef, kophummaan biyya ambaa akkuma dambalii galaanaa isatti ulfaatus, abjuu isaa garuu dambaliin nyaachuu hin dandeenye

Amajjii 2021, abjuun isaa inni guddaan dhugaa ta'ee Manchester United doolaara miiliyoona 37 ol kaffalee isa fudhate. Garuu, Manchester United keessatti bakka argachuun qorumsa biraa ture

Yeroo kanatti United taphattoota muuxannoo qabanii kanneen akka Marcus Rashford fi Anthony Martial waliin dorgomuun yeroo sana isaaf ulfaataa waan tureef Amad dandeettii isaa akka cimsatuuf gara Rangers fi Sunderland ergisaan kenname

Sunderland keessatti taphataa cimaa kilabichaa Waggaa ta'uun filatame yeroo kanatti Gooliiwwan 14 galchuun addunyaa raajeffachiise Kunis Amad Manchester United keessatti akka deebi'uu isaa taasise


๐ŸŒŸ Amad Diyaaloo Kutaa 4ffaa

Amad erga kilaba Boca Barco keessatti dandeettii isaa addunyaatti agarsiisuu jalqabeen booda carraa gurguddoon isaaf banamuu eegalan Ija kilaboota gurguddoo Xaaliyaanii keessa jiran hunda keessa galuuf yeroo isatti hin fudhanne

Amad kilaba xiqqoo keessatti taphachaa jirus, dandeettiin isaa akka waan taphataa waggaa dheeraa muuxannoo qabuu ture
Kanuma irraa ka'uun

Kilabni beekamaan Atalantaa jedhamu dandeettii mucaa kanaan dinqisiifachuun waggaa 13ttis gara mana barumsaa (academy) isaaniitti isa fudhatan

Amad waggaa 17 qofatti tapha Serie A irratti taphachuun galchii galchuudhaan, taphataa umrii xiqqaadhaan galchii galche isa jalqabaa ta'uun seenaa hojjete

Gorsi maatii isaa yeroo hunda sammuu isaa keessa jira ture Hiyyummaa keessaa ba'uuf kubbaa miilaa akka meeshaatti itti fayyadamee amantii isaas cimsee qabatee tarkaanfii isaa itti fufe

Amad rakkoo fi qormaata amma kana keessa darbee abdii fi hawwii isaa gadi hin dhiisnee Gorsa maatii fi dandeettii isaa fayyadamuun, milkaaโ€™ina argamsiisuu dandaโ€™e Kunis, jireenya keessatti rakkoo fi qormaata yoo mudatan, ofitti amanuun, jabaachuu fi gorsa gaarii fudhachuun milkaaโ€™ina akka argamsiisan nu barsiisa

Amad Atalantaa keessatti xiyyeeffannoo kilaboota gurguddaa argachuu jalqabe kilabni guddaan biyya Ingilaandi Manchester United ija isaanii irra buufatan yeroo kana kun Amad fi oduu gammachiisaa ture




๐ŸŒŸ ๐€๐ฆ๐š๐ ๐ƒ๐ข๐ฒ๐š๐š๐ฅ๐จ๐จ: ๐Š๐ฎ๐ญ๐š๐š 3๐Ÿ๐Ÿ๐š๐š

Amad erga qarqara galaana Xaaliyaanii (Italy) gahee booda jireenyi haaraa inni eegalee qorumsa cimaa itti ta'ee Mucaa waggaa 10 hin guunneef, afaan haaraa fi kophummaan gaara itti ta'e ๐Ÿ‡ฎ๐Ÿ‡น

Haaluma kanaan utuu jiru Rakkoon waraqaa eenyummaa (legal issues) isaan mudatee Poolisiin eenyummaa isaa irratti qorannoo waggaa dheeraa gaggeessuun dhiibbaa xiinsammuu guddaa irratti uumee ture Garuu Amad abdii hin kutanne

Afaan biyya sanaa barachuuf rakkatus, kubbaa miilaatiin dandeettii isaa mul'isee namoota hunda dinqisiisuu jalqabe

Yeroo kophummaan isatti dhaga'amu gorsa maatii isaa lamatu itti yaadatama ture

Abbaan isaa Ati furtuu hiyyummaa keenyaati jabaadhu kan jedhuuf gorsa haadha isaatii yoo jabaatte ni milkoofta amanti kees gadi hin dhiisin kan jedhu yaadata ture

Amad gorsa kana keessaa isatti qabatee, kilaba xiqqoo Boca Barco jedhamtutti makamee dandeettii isaa agarsiisuu jalqabe


๐ŸŒŸ ๐€๐ฆ๐š๐ ๐ƒ๐ข๐ฒ๐š๐š๐ฅ๐จ๐จ ๐Š๐ฎ๐ญ๐š๐š 2ffaa

Maatiin Amad Diallo Traorรฉ jireenya hiyyummaa fi rakkina hamaa keessa turan Garuu abdii hin kutanne Murtoo jabaa tokko murteessan ijoolleen isaanii carraa gaarii akka argatan galaana ceโ€™anii gara Awurooppaa akka deeman gochuun ๐ŸŒŠโœˆ๏ธ

Amad waggaa 10 gadiitti biyya isaa fi maatii isaa dhiisee galaana sodaachisaa sana ceโ€™ee biyya Italy gahe

Biyyaa haaraa fi aadaa haaraa keessatti of argachuun isaaf salphaa miti ture Garuu kutannoo fi dandeettii isaa waliin Amad dargaggeessa abdii guddaa taโ€™e

Yeroo kana abjuu isaa addunyaa irratti taphataa kubbaa miilla beekamaa ta'u ture mul'achuu eegale


๐ŸŒŸ ๐€๐ฆ๐š๐ ๐ƒ๐ข๐ฒ๐š๐š๐ฅ๐จ๐จ โ€“ ๐Š๐ฎ๐ญ๐š๐š 1ffaa

Amad Diallo Traorรฉ bara 2002, magaalaa Abidjan, biyya Ivory Coast keessatti dhalate

Amad ijoollummaa isaa keessatti, lafa dhoqqee fi dhagaa gidduutti kubbaa miila duwwaa dhiitaa taphachaa guddate. Jireenyi isaa hiyyummaan kan marfame taโ€™us, dandeettii fi kutannoo isaatiin addunyaa raajeffachiisuu isa hin dhoorkine

Guyyaa tokko, lafa dhoqqee kana irraa kaโ€™ee gara dirree guddaa addunyaa irratti akka mulโ€™atu ofitti amanamummaa cimaa qaba ture
Kutaa 2ffaa itti fufaa.....


Forward from: ORO MAN UNITED โ„ข
SEENAA KAASAMIROO KUTAA 2FFAA

Kaasamiroon garee Saayo Paawuloo keessatti dandeettii isaa erga mirkaneessee booda, ija daawwattoota Awurooppaa keessa galuuf yeroo itti hin fudhanne. Bara 2013 keessa abjuun isaa inni guddaan dhufe; kunis kiliaba addunyaa irratti beekamaa ta'e Ree'aal Maadrid irraa carraan waamichaa isa ga'e

Jalqaba irratti, Ree'aal Maadrid taphataa kana bifa liqaatiin kiliaba Saayo Paawuloo irraa fidee gara garee lammaffaa kiliabichaa, Ree'aal Maadrid Kaastiyaatti isa erge

Kaasamiroon namoota baay'ee biratti akka taphataa biyya Biraaziil irraa dhufe tokkootti qofa dubbatamaa ture malee, namni abdii guddaa irratti gate baay'ee hin turre

Haa ta'u malee, inni kallattii kuffaatii osoo hin taane kallattii carraa argatetti fayyadamuu filate Garee lammaffaa keessatti tapha gaarii agarsiisuu isaatiin, kallattiin gara garee guddaa Ree'aal Maadriditti ol guddatee kontiraata dhaabbataa mallatteesse

Boqonnaan kun Kaasamiroof akka abjuu ture; garuu dirreen Maadrid salphaa hin turre. Sarara gidduu kiliabichaa keessatti taphattoota dandeettii guddaa qaban waliin dorgomuun dirqama isaatti dhufe. Kanaaf dandeettii dabalataa akka argatuuf kiliabichi bara 2014 keessa gara kiliaba Poortoortuugaal, FD Poortootti bifa liqaatiin isa erge

Poortoo keessattis ga'umsa dinqii argisiisuudhaan taphoota gurguddoo irratti ga'umsa ajaa'ibaa mul'isuudhaan addunyaa raajeffachiise Kunis kallattiin gara Ree'aal Maadriditti akka deebiuuf sababa guddaa ta'e. Kaasamiroon gara Ree'aal Maadriditti yeroo deebiu, leenjisaan kiliabichaa Ziinediin Zidaan dandeettii isaa irratti amantaa guddaa qabaachuun itti fayyadamuu jalqabe
Haaluma kanaan Kaasamiroon Luukaa Moodiriich fi Toonii Kiroos waliin ta'uun sarara gidduu addunyaa irratti sodaataman uumuu danda'an. Zidaan yeroo hunda Kaasamiroo akka utubaa ittisaatti fayyadamaa ture

Gareen kun walitti aansuun waancaa Chaampiyoons Liigii sadii yeroo injifatu, Kaasamiroon utubaa sarara gidduu kilabichaa ture Inni taphataa dandeettii ittisaa qofa qabu osoo hin taane yeroo murteessaa keessattis goolii murteessaa galchuun kiliaba isaa baraaruun beekama ture
๐Ÿ“… ๐Š๐ฎ๐ญ๐š๐š 3๐Ÿ๐Ÿ๐š๐š ๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐Ÿ๐ฎ๐Ÿ๐šโ€ฆ




Forward from: ORO MAN UNITED โ„ข
SEENAA KAASAMIROO KUTAA 1FFAA

Kaasamiroon har'a addunyaa irratti utubaa gidduu galeessaa jedhamee yoo beekamu jireenyi isaa garuu akkas salphaatti hin jalqabne. Seenaan isaa kan eegalu rakkina hammaataa keessaa gara gubbeetti ol ba'uudhani. Kaasamiroon Guraandhala 23 bara 1992 Biraaziil magaalaa Sรฃo Josรฉ dos Campos keessatti dhalate. Maqaan isaa guutuun Carlos Henrique Casimiro jedhama



Kaasamiroon yeroo umrii waggaa sadii qofa ture abbaan isaa maatii isaa gatee ba'e. Haati isaa Magda de Faria Casemiro qofaa ishee ijoollee sadii rakkina hamaa keessatti guddisuuf dirqamte. Manni isaan keessa jiraatan baay'ee dhiphoo fi hir'ina waan hundaa kan qabu ture. Kaasamiroon yeroo dubbatu manni isaanii baay'ee dhiphoo akka turee fi al tokko tokko hiyyummaa irraan kan ka'e fira isaanii bira deemanii buluuf dirqamaa akka turan ni yaadata Guyyaa tokko tokko immoo nyaata gahaa dhabuun halkan beelaan hirriba dhabuun jireenya isaa guyyaa guyyaa ture



Rakkina jireenyaa sana hunda keessatti kallaattiin inni ittiin of garsiisuu danda'u tokko qofa ture kunis kubbaa miilaati. Umrii waggaa 11tti dandeettii isaa kan arguun akadaamii kilaba beekamaa Sรฃo Paulo FC keessatti qoramuu jalqabe. Akadaamii sana keessatti ijoollee 400 ol ta'an keessaa Kaasamiroon dandeettii fi hoggansa isaatiin battalumatti adda ba'ee mul'ate



Kaasamiroon umrii waggaa 11 irraa jalqabee akadaamii keessatti kaappiteena garee ta'uun filatamaa ture. Kunis dandeettii taphaa qofa osoo hin taane amala hoggansaa fi kutannoo inni qabu agarsiisa. Kaasamiroon ijoollummaa isaatti taphattoota kaan irra humnaan jabaa baay'ee jabaa ture

Haa ta'u malee jireenyi isaa qormaata fayyaas ni qaba ture. Kaasamiroon yeroo dargaggummaa isaa dhibee tiruutiin qabamee yeroo muraasaaf kubbaa miilaa irraa fagaatee ture. Garuu kallaattii abdii kutachuu osoo hin taane kallaattii jabaatee deebi'uu filate. Inni rakkina kanaan hin jilbeenfanne caalaatti jabaatee deebi'uun garee Sรฃo Paulo isa guddaatti waggaa 18tti ol guddate. Seenaan Kaasamiroo hiyyummaan gufuu abjuu akka hin taanee fi abbaa malee gudachuun milkaa'ina akka hin dhorkine nu barsiisa. Inni mana dhiphoo keessatti nyaata dhabuun guddatus abjuu isaa garuu dhiphisee hin laalle

Abbaan isaa isaan gatus inni garuu haala sana akka sababaatti osoo hin fayyadamin haadha isaa gargaaruuf jabaatee hojjate
Itti fufaa......

12 last posts shown.

638

subscribers
Channel statistics