👆
#Irreecha_2019: Gorsa #Jawar
#share
Irreechi baranaa keessattuu kan Finfinnee hiikaa guddaa qaba. Kanaaf milkiifi nageenyaan raaw’atamuu qaba. Milkaawuuf;
- Qophiin, Qindoominni, Walhubannaafi obsi qaamota Irreecha kana qopheesuuf dirqama qabanii murteessaadha. Qaamonni kunis
#Gumii_Abbootii_Gadaa
#Qeerroofi_Foollee
#Mootummaa_Naannoo_Oromiyaa
#Bulchiinsa_Finfinnee
#Mootummaa_federaalaa
Dursa karoora waloo baasuun, hubannaa waloo uumuun sirritti itti qophaayiu qabu. Ittis jiru jennee abdanna.
- Ummanni baay’inaan dhufuu qaba. Namni danda’u hundi irraa hafuu hin qabu. Lakkoofsi ( turnout) hiika qaba.
- Sabaafi sablammoonni hundi affeeramanii jiru. Akka sirriitti aadaa isaaniifi aantummaa nuuf qaban calaqqisiisaniif dursi kennameefii Abbootii Gadaa keenya cinaan muldhachuu qabu. Kunuunsifi kabajaan keessuummaa godhamuufi qaba.
- Nageenyifi tasgabbiin hedduu barbaachisaadha. Nageenya yennaa jennu
#Kan_hirmaattotaa
#Kan_jiraattota_magaalattii
#Qabeenyaa
Nageenya kana mirkaneessuuf qaamonni dhimmi ilaaatu taskforce waloo uumuun irritti qophaayuu qabu. Qaamonni itti gaafatama nageenyaa qaban kunis;
#Foollee
#Poolisii_Oromiyaa
#Poolisii_Finfinnee
#Poolisii_Federaalaa
#Raayyaa_Ittisa_Biyyaa
#Damee_Basaasaa
Qaamonni kun hojii ammumaan waliif qoodanii tooftaa qunnamtiifi qindoominaa tolfachuun rakkoo mudachuu malu hanqisuufi yoo mudates laaftutti too’achuuf isaan barbaachisa.
- Irreechi hambaa aadaa ta’uun ifa. Garuu Irreechi guyyaa Oromummaan miira ummanni keessa jiru hundaan muldhattuudha. Kanaafuu mallattoo ykn alaabaa kana fidaa kaan hin fidinaan sirrii miti. Morkii, atakaaroofi walitti bu’iinsa uumuu malee hambisuunis hin danda’amu. Kanaafu mootummaan qajeelfama alaabaa hin fidinaa jedhu haquu qaba. Ummanni keenya haala yeroo keessa jirruu hubachuun gochaafi jecha isaa ofumaa eeggatee akka deemu dhaammanna. Waan qara qabu hin fidinaa. Dhaadannoolee / mallattoolee nu keessattis ta’ee saba biraa biratti muftoo uumuu malan lagadhaa. Karaa irra deemtanitti jiraattota magaalattiif kabaja agarsiisaa. Naamusa cimsaa. Qajeelfama qaamota nageenyaa armaan olitti eeranii hordofaa. Qaamonni nageenyaas obsa, tasgabniifi nageenyaan hirmaattota tajaajilaa.
Kanuma.
Irreechi Irree Keenya !!
#share
@waanofikoo via,#Jawar