𝐍𝐮𝐮𝐟 𝐛𝐚'𝐚𝐚 𝐠𝐮𝐝𝐝𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚!
Bara duula Vetnaam, dargaggeessi yeroo dheeraaf duulee ture gara biyya isaatti galuuf maatii isaaf xalayaa barreesse. Yeroo sanatti miidiyaaleen hawaasaa akka har’aa waan hinturreef, xalayaan filatamaadha.
“Abbaafi haadha koo akkam jirtu? Dhuma irratti kunoo gara biyya kootti deebi’aan jira. Dhimmoota tokko tokko xumuradhee guyyoota muraasa booda manatti nan gala. Hanga ijaan wal agarrutti nagaan naaf jiraadhaa!” jedha.
Maatiin ilmi isaanii lubbuun jiraachuutti guddaa gammadan. Abjuu itti fakkaate. Fedhii guddaan akka isa eegan ibsanii deebisanii xalayaa barreessaniif. Guyyoota muraasa booda ilmi isaanii bilbileef. Sagalee isaa waan dhaga’aniif maatiin daran gammadan. “Guyyoota muraasa booda nan dhufa. Garuu rakkoo tokkotu jira…” ittiin jedhe.“Rakkoo maaliiti ilma koo?” jedhanii gaafatan haati isaa. “Maal seete? Adda waraanaa irratti waan hedduu kan waliin dabarsine hiriyyaa tokkon qaba. Dhihoo kana garuu balaa guddaa isa mudateen harkaafi miilla isaa tokko fanjiidhaan dhabe. Hiriyyaan koo kun addunyaa kana irraa hiriyyaa, firas ta’e maatii tokko illee hinqabu. Anaa ala namni inni kan kooti jedhu hinjiru. Ana qofa qaba. Kanaafuu isa fidee dhufuu yaadaan jira. Maal isinitti fakkaata?”
Abbaafi haati isaa deebisanii, “Kun illee hinta’u. Akkamitti ta’a? Namni harkaafi miilla hinqabne ba’aa guddaa akka nutti ta’u beekamaadha. Hundi keenya immoo jireenya mataa keenyaa jiraachuu qabna. Kun tasuma ta’uu hindanda’u!” jedhanii yaada ilma isaanii morman.
“Maal naaf wayyaree? Hiriyyaan koo bakka itti kufu kan biroo hinqabuu maal godhu? Eenyutti kenneen dhufa?” jedhee kadhate. “Isa dhiisi. Hiriyyaa koo kan jettu sana dhiisii qofaa kee kottu. Suma qofa barbaanna. Qofaa kee nuuf kottu!” jedhanii deebisaniif. Abdii kutatee bilbila isaa cufate. Achumaan bade. Gidduu kanan dhufa jedhee kan ture achi buuteen isaa dhabame.
Abbaafi haati isaa dhiphina guddaa keessa otoo jiranii bilbilli tokko isaaniif bilbilame. Poolisii irraa ture. Ilma isaanii balaan mudateera. Gamoo dheeraa irraa of darbatee du'e. Maatiin lapheen isaanii gaddaan miidhamee reeffa ilma isaanii fudhachuuf gara waajjira poolisii deeman. Waan iji isaanii arge haaraadha. Kan duraa caalaa gaddaan guutaman. Reeffi ilma isaanii harka tokkoofi miilla tokko hin qabu!
Edaa hiriyyaa koo jedhaa kan ture ofuma isaan ture. Maatii, “Namni harkaafi miilla tokko hinqabne nuuf ba’aa guddaadha!” jedhetti galuu irra of ajjeesuu filate.(𝐄𝐞𝐛𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐁𝐚𝐚𝐲𝐢𝐬𝐚𝐚)
Waa irraa bartu jedheen siniif qoode.
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
@Faana_milkaina