FAANA MILKAA'INA


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


Abjuu qabadhu galma kadhuu karoora bafadhu irratti hojedhu bodatti hin debiin dhumaa irratii ni Mo'ata !!! 👉Na qunamuu kan barbadan @LAMIMR
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


Репост из: Qualitybuttonbot
➡️CHANEELOTA AKAAMI BARBADA?

➡️CHANELA HAARAA KAANA
IRRA FAAYADAMA JIRTA?

➡️BEKKUMSA ADDA ADDA IRRA ARGATTU.

➡️KIITABOTA AFAAN OROMO BAAYEE IRRA DUUBISU DANDESA.

➡️GOORSA PIROFESAROTA.

➡️GOORSA HAAYOOTA YUNIVESITY.

➡️RESEARCH JIREENYA.

➡️YEERO GABABA KEESATI NAAMA BEEKA TAATA.
📙📘📕📒📔🗂📘📗📒📕
📂📁📘📗📕📒📕📗📕📙📔📘📘📗📕📒📒📘📙📘📗📕📒📗📘📙📗 🌎🌎🌎🌎🌎🌍


➡️WAANTA BAAY'EE IRAA BARATUU KOOTU JOIN GODHI!
💫goorsa jireenya
💫jechoota kakaa'umsaa
💫jechota hayyoota adunyaa
➡️KITABOOTA GARA GARAF

👇👇KEESA FILADHU:👇👇👇


♦️𝗴𝘂𝘂𝘆𝗮 𝗵𝘂𝗻𝗱𝗮 𝗴𝗮𝗺𝗺𝗮𝗰𝗵𝘂𝗻 𝗼𝗹𝘂𝗱𝗵𝗮𝗳 𝗴𝗮𝗻𝗮𝗺𝗮 𝘆𝗲𝗲𝗿𝗼 𝗵𝗶𝗿𝗿𝗶𝗶𝗯𝗮𝗿𝗮 𝗸𝗮𝘁𝘂𝘂 ♦️♦️
𝗨𝘂𝗺𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗲 𝗴𝗮𝗹𝗮𝘁𝗼𝗺𝗳𝗮𝗱𝗵𝘂,
𝗞𝗮𝗱𝗵𝗮𝗱𝗵𝘂 𝘄𝗮𝗻𝘁𝗮 𝗴𝗮𝗮𝗿𝗶𝗶 𝗸𝗮𝗿𝗼𝗿𝗳𝗮𝗱𝗵𝘂.♦️♦️
𝗚𝘂𝘂𝘆𝗮 𝗸𝗲𝗲 𝗺𝗮𝗾𝗮𝗮 𝘂𝘂𝗺𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘁𝗶𝗻 𝗷𝗮𝗹𝗾𝗮𝗯𝗶𝗶, 𝘆𝗼𝘀 𝗴𝗮𝗺𝗺𝗮𝗰𝗵𝘂 𝗵𝗮𝗺𝗮𝗻𝗮 𝗵𝗶𝗻 𝗷𝗲𝗱𝗵𝗮𝗺𝗻𝗲 𝗮𝗿𝗴𝗮𝘁𝗮.
𝗴𝗮𝗯𝗮𝗯𝘂𝘂𝗺𝗮𝘁𝗶 𝘂𝘂𝗺𝗺𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘁𝗶 𝘄𝗮𝗷𝗷𝗶𝗻 𝘄𝗮𝗹-𝗹𝗼𝗹𝘁𝗲𝗲 𝗴𝗮𝗺𝗮𝗰𝗵𝘂 𝗵𝗶𝗻 𝗲𝗴𝗮𝗮𝘁𝗶𝗻!
🔷 𝗷𝗼𝗶𝗻 𝗴𝗼𝗱𝗵𝗶🔷

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
@Faana_milkaina
@Faana_milkaina


Репост из: Qualitybuttonbot
🇼 🇴 🇼  🇧 🇦 🇬 🇦  🇬 🇦 🇲 🇲 🇦 🇩 🇩 🇦 🇳 

CHAANAALII BOHAARSAAFII BARSIISAA TA'E KAN OROMOOTA HUNDA FAYYADU KEEESSATTUU KAN BARATAA HAALA GAARIIN GARGAARU KANA JOIN GODHAA IRRAA FAYYADAMAA

SHARE GOCHUUS HIN DAGATINAA
👇👇👇👇👇👇👇👇👇


Репост из: Qualitybuttonbot
YEROON GA'E
PASTOR BEFIKADU BEKELE


Gadhifameera
Argachuuf Ammuma Nutti Dabalama


EEYYEN! ANIS ABJUUN QABA!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Wanti ati kun "hin danda'amu baay'ee ulfaataadha" jettu caaladhumattiyyuu sitti ulfaata. Faallaa kanaa wanta ulfaatu kamuu kutannoodhaan itti deemnaan baay'ee salphaadha.

➨ Injifannoon kee harka kee keessa jira. Abjuun kees hiika qaba. Waan abjootte immoo hiika itti kennuuf ammuma irraa dhama'i! Dhamaatii fi milkaa'inni kee hiika abjuu keeti.

➨ Abjuu kee of keessatti awwaaltee hafta taanaan ati ofiifuu hin taatu. Osoo ofiif hin taane namaaf ta'uun hin jiru waan ta'eef. Ofiif yoo taate kaaniif taata.

➨ Jalqabni Milkaa'ina kee garuu anaa miti, isaa miti, ishee miti, isaan miti, nu'is miti, si'uma si'i mataa keeti. SITU SIIF HIIKA QABA. Hiika ofiif kenni namaa gaditti of hin ilaalin, namni ati ofii ol gootu hundinuu akkuma kee ji'a 9 tti dhalatee yeroo sana Maaliin si caala ture mee? Nuti hundinuu yeroo dirra lafaa kanatti dhufnu homaanuu wal hin caallu. Eegas booda namni akkaataa tattaaffii isaatiiniif akkaataa ilaalcha isaatiin wal caaluu jalqaba malee.

➨ Kanaaf gabaabamatti wanti jechuu barbaadu, ilma namaa kana hundaaf yeroon wal qixa kenname. Siifi diina keetiifis wal qixa kenname, akkasumas atiif nama ati ofii olitti ilaaltuufis waluma qixa kenname.

➨ Diina ofiitii gadi ta'anii diina ofiitti hajamuu caala wanti nama jibbisiisuu fi hamilee nama buusu hin jiru.
Kanaaf teessee diina keetii gaditti ofi hin yaadiniitii yeroo walqixa siif kennamte kana isaa olitti fayyadamuuf yaali yoos caaluu dandeessaati.

yeroo Gaarii Qabaadhaa 🙏

✍️ @Lammii_koof

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
@Faana_milkaina
@Faana_milkaina


Репост из: Qualitybuttonbot
🇼 🇴 🇼  🇧 🇦 🇬 🇦  🇬 🇦 🇲 🇲 🇦 🇩 🇩 🇦 🇳 

CHAANAALII BOHAARSAAFII BARSIISAA TA'E KAN OROMOOTA HUNDA FAYYADU KEEESSATTUU KAN BARATAA HAALA GAARIIN GARGAARU KANA JOIN GODHAA IRRAA FAYYADAMAA

SHARE GOCHUUS HIN DAGATINAA
👇👇👇👇👇👇👇👇👇


~Jireenya jiraattuu fi waan biraa gahuuf dhamaatu/ dadhabdu tokko fiixaan baafachuuf akkamiin itti adeemaa jirta?.

~Eeyye, ati akkuma namaa kamiyyuu jiraattee guyyaa har'a fi haala amma irraa jirtu irra geesse jirta. Kun wanuma ati qabdudha.
~Amma boodahoo akkamiin adeemuf tirachaa jirta?.
Waan fedheyyuu ta'i, waan feetes yaadi, haala kam keessayyu jiraadhu.
Garuu deemsa keef ergaan ani siif qabu lamuu

~Kaleessii kee jiruu kee har'a irratti dhibbaa fiduu kan danda'uu har'a osoo hin taane turti ati guyyaa kaleessa keessa dabarsite irraatti. Kanaa jechuun kaleessa kee yaaduun borii keef homa bu'aa hin buusuu garuu har'a irraa dhabbatte boruu keef tiraachuun galaa jireenya siif ka'aa deema.
~Kanaaf obboleessa Koo akkuma daa'ima har'a dhalattee,
~seenaa kaleessa tokkoyyuu hin qabneettii atis osoo of duubaan mil'atin boruu keef kaadhu.

~Atumti imala jireenya kee keessatti waantoota akka dogongora hedduu hojjecha turuu kee,
~kufaatiwwan irraa deddebbiin si muudatan, tasumaa irra deebitee hin yaadiin.
~Isaan kun boruu keef homaa siif hin buusan garuu, gufuu taa'ani abdi kee sakaluu.

~Kanaaf yoomiyyuu of duubaa laaltee jireenya kee boruu of jalaa hin balleessin.
~Abdi fi amantii dhan boruu kee har'aaf ifaaji.

~ Injifɑchuu ni bɑrbɑɑddɑ gɑruu immoo ɑkkɑ wɑɑn injifɑchuu hin dɑndeenyeetti yɑɑddɑ tɑɑnɑɑn hin injifɑtɑmtɑ.

~ɑkkɑ wɑɑn kufɑɑtiif sɑɑxilɑmtuutti yɑɑddɑ tɑɑnɑɑn ni kuftɑ,

~Jireenyi nɑmootɑ ɑddunyɑɑ kɑnɑ irrɑtti milkɑɑ'inɑ Olɑɑnɑɑ goonfɑtɑnii ɑkkɑ mirkɑneessutti Milkɑɑ'inni Dhɑrrɑɑ irrɑɑ eegɑlɑ.

~Sɑdɑrkɑɑ guddɑɑ irrɑ ɑkkɑ geessu ni ɑmɑntɑ tɑɑnɑɑn, ɑmɑntiin kee kunimmoo sɑdɑrkɑɑ ol ɑɑnɑɑ irrɑ gɑ'uuf ɑkkɑ hojjɑttuuf Si Onnɑchiisɑ.

~ injifɑnnoo goonfɑttee bɑdhɑɑsɑ ɑrgɑchuudhɑɑf jɑlqɑbɑ injifɑchuu ɑkkɑ dɑndeessu mɑtɑɑ kee irrɑtti ɑmɑntii qɑbɑɑchuu qɑbdɑ,

D‌u‌b‌b‌i‌s‌u‌u‌ k‌e‌e‌s‌s‌ɑ‌n‌i‌i‌f‌ g‌ɑ‌l‌ɑ‌t‌o‌o‌m‌ɑ‌ɑ‌ G‌o‌r‌s‌i‌ i‌t‌t‌i‌ f‌u‌f‌ɑ‌ ♡✍ @Lammii_koof

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
@Faana_milkaina
@Faana_milkaina


HIRIYYUMMAA

☞︎︎︎"Hiriyoota lamatuu wal faana imalaa ture. Inni tokko garmalee aara inni tokko ammoo qoosaa baay'isa. Guyyaa tokko otuma deemanii inni qoosu hiriyaa isaa arsinaan kaballaadhan rukute. yeroo kana inni rukutame fiigee deemee galaana maddiitti cirracha irratti " hiriyaan koo na kabale " jedhee barreesse. Achi booda galaana maddii otuu taphatuu galaanicha gidduu seena. Daakaa hin beeku waan ta'eef bishaanicha keessaa yeroo watwaatu hiriyaan isaa seenee isa baase. Yeroo kana inni Du'a irraa oole dhagaa guddaa barbaadee "HIRIYAAN KOO DU'A NA OOLCHE" jedhee bocee barreesse. Yeroo kana hiriyaan isaa "maaliif yeroon si kabalu cirracha irratti barreessitee yeroo bishaan keessaa si baasu ammoo dhagaa irratti bocce?" jedhee gaafannaan, innis deebisee akkas jedheen "jibbi kan garaati, jaalalli ammoo kan lapheeti. Yaraa darbe kaasnee wal jibbuu irra gaariin wal jaalachuu wayya. Jibbi nu balleessa, jaalalli garuu nu milkeessaa".


✍️ Lammii koof🙏🙏

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
@Faana_milkaina
@Faana_milkaina


Репост из: Ali Abdo
🔴➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖🔴
CHANELA HAARAA KAANA
IRRA FAAYADAMA JIRTA
🟢➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖🟢
➡️BEKKUMSA ADDA ADDA IRRA ARGATTU.
➡️KIITABOTA AFAAN OROMO BAAYEE IRRA DUUBISU DANDESA.
➡️GOORSA PIROFESAROTA.
➡️GOORSA HAAYOOTA YUNIVESITY.
➡️RESEARCH JIREENYA.
➡️YEERO GABABA KEESATI NAAMA BEEKA TAATA.
🔹𝗝𝗼𝗶𝗻 𝗴𝗼𝗰𝗵𝘂𝗱𝗵𝗮🔹
👇👇👇👇👇👇👇👇


#KANA_Bektuu
_-_-_‐_-_-_-_-_-_-_-_-_
~Eessa akka jirtu beekuu caalaa,eenyu akka taate beekuutu si fayyada.

~Kijibni dhugaan akka hin mul'anne osoo hin taane akka harkifattu godhuu dandaya.

~Hanga feete of eeggannoo gootullee arraba namaa jalaa hin baatu.Kanaaf,maal naan ja'aniif dhiphachuu caalaa kaayyoo keetiif dhiphadhu.

~Nama jaallattu of bira tursuuf jattee dadhabina kee dhoksuuf hin rakkatin, Mudaa kee osoo beekuu kan sin baqannetu dhugaan si jaallata.

~Osoo tuulaan liqii sirra jirtuu furdachuun, Liqeessaa tuffachuudha.

~Wanni dubbattu hundi dhugaa tahuu qabdi.Garuu, wanni hundi ammoo dhugaa tahuu hin dandahu.
Jechoota mimmiidhagoo

~Osoo of hin gargaariin eenyumaaniyyuu gargaaruu hin dandeessu

~Bishaantu afaan na jiraaf malee waanin jedhu baay'eetu afaan na jira.jette Qurxummiin

~Sammuun keenya qaamota keenyatti amanuu dhiisuuf aangoo qabu

~Gammachuu argachuuf muddamaa fi sodaa humna keenyaa olii nutti dhufan jalaa miliquudha

~Jireenyi Keenya waan yaadni keenya uumu

~Amma rakkinni si rakkisutti ati hin rakkatin.

~Sammuun kee fooddaa ati addunyaa ittiin ilaaltu waan ta'eef yeroo hundumaa banaa taasisi.




𝐍𝐮𝐮𝐟 𝐛𝐚'𝐚𝐚 𝐠𝐮𝐝𝐝𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚!
Bara duula Vetnaam, dargaggeessi yeroo dheeraaf duulee ture gara biyya isaatti galuuf maatii isaaf xalayaa barreesse. Yeroo sanatti miidiyaaleen hawaasaa akka har’aa waan hinturreef, xalayaan filatamaadha.
“Abbaafi haadha koo akkam jirtu? Dhuma irratti kunoo gara biyya kootti deebi’aan jira. Dhimmoota tokko tokko xumuradhee guyyoota muraasa booda manatti nan gala. Hanga ijaan wal agarrutti nagaan naaf jiraadhaa!” jedha.
Maatiin ilmi isaanii lubbuun jiraachuutti guddaa gammadan. Abjuu itti fakkaate. Fedhii guddaan akka isa eegan ibsanii deebisanii xalayaa barreessaniif. Guyyoota muraasa booda ilmi isaanii bilbileef. Sagalee isaa waan dhaga’aniif maatiin daran gammadan. “Guyyoota muraasa booda nan dhufa. Garuu rakkoo tokkotu jira…” ittiin jedhe.“Rakkoo maaliiti ilma koo?” jedhanii gaafatan haati isaa. “Maal seete? Adda waraanaa irratti waan hedduu kan waliin dabarsine hiriyyaa tokkon qaba. Dhihoo kana garuu balaa guddaa isa mudateen harkaafi miilla isaa tokko fanjiidhaan dhabe. Hiriyyaan koo kun addunyaa kana irraa hiriyyaa, firas ta’e maatii tokko illee hinqabu. Anaa ala namni inni kan kooti jedhu hinjiru. Ana qofa qaba. Kanaafuu isa fidee dhufuu yaadaan jira. Maal isinitti fakkaata?”
Abbaafi haati isaa deebisanii, “Kun illee hinta’u. Akkamitti ta’a? Namni harkaafi miilla hinqabne ba’aa guddaa akka nutti ta’u beekamaadha. Hundi keenya immoo jireenya mataa keenyaa jiraachuu qabna. Kun tasuma ta’uu hindanda’u!” jedhanii yaada ilma isaanii morman.
“Maal naaf wayyaree? Hiriyyaan koo bakka itti kufu kan biroo hinqabuu maal godhu? Eenyutti kenneen dhufa?” jedhee kadhate. “Isa dhiisi. Hiriyyaa koo kan jettu sana dhiisii qofaa kee kottu. Suma qofa barbaanna. Qofaa kee nuuf kottu!” jedhanii deebisaniif. Abdii kutatee bilbila isaa cufate. Achumaan bade. Gidduu kanan dhufa jedhee kan ture achi buuteen isaa dhabame.

Abbaafi haati isaa dhiphina guddaa keessa otoo jiranii bilbilli tokko isaaniif bilbilame. Poolisii irraa ture. Ilma isaanii balaan mudateera. Gamoo dheeraa irraa of darbatee du'e. Maatiin lapheen isaanii gaddaan miidhamee reeffa ilma isaanii fudhachuuf gara waajjira poolisii deeman. Waan iji isaanii arge haaraadha. Kan duraa caalaa gaddaan guutaman. Reeffi ilma isaanii harka tokkoofi miilla tokko hin qabu!

Edaa hiriyyaa koo jedhaa kan ture ofuma isaan ture. Maatii, “Namni harkaafi miilla tokko hinqabne nuuf ba’aa guddaadha!” jedhetti galuu irra of ajjeesuu filate.(𝐄𝐞𝐛𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐁𝐚𝐚𝐲𝐢𝐬𝐚𝐚)
Waa irraa bartu jedheen siniif qoode.

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
@Faana_milkaina
@Faana_milkaina


IHIIM!! ANUMAANUU GINGILCHAA JIRTI!!

"'''''''''''"
• Milkaa'uuf dhamaatii guddaa yoo si gaafate iyyuu dhamaatii kee balleessuuf garuu yeroo muraasa qofa sitti fudhata.

• Amalli gadheen yeroo nama jal qabu akka qoosaatti. Keessaa ba'uun garuu gatii nama baasisa!

• Hojiin dogoggaraa kee har'aa sirrii fakkaatee yoo sitti mul'ate bor garuu dogoggora ta'uun isaa siif gala.

• Sanyii gaariitu deebi'ee sanyii ta'uu dhaaf keessaa fo'ama malee midhaan hundumtuu midhaan ta'eef sanyii ta'ee deebi'ee hin faca'u. Faca'us hin margu.

• Jireenya keessaa jireenyi maraan martoos jira. Maraan martoon jireenyaa lafaan martoo ta'ee bakka jal qabaatti nama deebisa.

• Namni hojii ati hojjettu hundumaattu harka walitti siif rukutu si kuffisuuf jiraa beeki. Sababni isaa hanqina kee si dhookseera waan ta'eef.

• Namni si'awwaale isa eerga ati lubbuun dabartee reeffa keetti biyyee deebise hin se'iin, inni si kafane malee si awwaale miti. Kan si awwaale garuu nama hanqina kee fi dogoggora kee sitti himuu dhiisetu jiraatti utuu ati lubbuun jirtuu si awwaale.

• Addunyaa haaraan ati waan haaraa irratti hojjettu hin jiru. Wanti haaraan ati addunyaa irratti hojjettu garuu sammuu kee keessa jira.

• Utuu lubbuun qabeenyaan ni bitama ta'ee duuti kan hiyyeessaa qofa ture.

Ergaa hedduu lammii isheetiif baadhattee jirti. Kitaaba" maraatummaa aduu gadii" keessati. Anumaanuu na keessaa baatee jireenya koo baay'ee naaf gingilchite.

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
@Faana_milkaina
@Faana_milkaina


𝐁𝐞𝐞𝐤𝐚𝐦𝐚𝐚𝐭𝐮 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐚𝐚 𝐜𝐚𝐚𝐥𝐞!
Beekaan wallaalaa beeka, wallaalaa ta'ee waan darbeef. Beekaas beeka, beekaadha waan ta'eef. Wallaalaan wallaalummaa isaa beekus hintuffatamu. Barachuuf carraa waan qabuuf. Garuu beekumsi xiqqoon rakkoodha. Sammuu beekumsa dhorkee of tuulummaan waan guutuuf.
Hunda ta'uu baatus namoonni fuula miidiyaa hawwaasaa kana irraa sirbaa oolan baay'een beekumsa hamma huubaa sammuutti baatanii warra beekamtii argataniidha. "Beekumsi xiqqoon balaadha" jedhu warri adii! Baay'ee beekaafan jedha miti, garuu hubannoon hedduu keenyaa baay'ee jooraadha.
Ani nama namattin beeka. Ol kaasee nama lama fakkeessee, gad buusee namaan gadi godhees ilma namaa hinilaalu. Ani nama, atis. Sin caalaafi na caaltaa wanti jedhamu hinjiru. Wal caalla wanta jedhamu malee. Kanaafan dhugaa irratti eenyuufuu looguu hinbarbaadu.
Ilaali! Fuula midiyaa kana irraa hundumtuu ana malee jechuu barbaada. Dhaga'uu irra dubbachuutu baay'ate. Osoo hinilaalin argeera jenna. Utuu nuun galin nama galeef of fakkeessina. Wal qoqqooddaa, wal abaarsa, wal tuffachuu, wal qeequu, ana malee jechuutu danate. Kan namni irraa waa baru gad deebi'ee dhoqqee/laaqii bukeessa. Sanuu osoo hinbarin beekaa of godha. Sammu isaa of tuulummaan guutee beekumsatti karra cufa. Yoo itti himte si abaaru, waa'ee koo keessa maaltu si galche jedhu. Of tuulu! Osoo sammuun aannan dhuguu, gaheessa beekumsi sammuu coomsetti of ilaalu. Beekumsa xiqqoo irra wallaallummaa wayya!
Dhalli namaa dandeettiiwwan hedduu qaba. Garuu sana hundumaa gochuu hindanda'u. Xiyyeeffannoo kee maal irra akka gootu beekuu qabda. Hundumaan ta'a jettee sirbuun hinbareedu. Siyaasi, amantiin, daldalli, fayyaan, qonni...hojiin hundumtuu ogummaa mataa isaanii qabu. Kanaaf Dokteerri ogummaa fayyaa malee waa'ee siyaasaa hinbeekne, siyaasa borcuu hinqabu. Tapha kubbaa miillaan taphataan beekamaa ta'ee kubbaa harkaanis cimaadha jechuudhaa? Rukkutuu iyyuu hinbeeku ta'a. Maaliif gaheen isaa sana miti.
Obbolee! akkas yoo goote hoo...
✔️Sammuu kee of tuulummaan hinguutin beekumsaaf bakka dhabdaa.
✔️ Eenyu iyyuu waan si barsiisu qaba, barachuuf fedha qabaadhu.
✔️ Beekamtii caalaa beekumsatti amani
✔️ Yaada kee mormeef nama hinabaarin
✔️ Nama irratti dubbachuu irra yaada irratti dubbadhu
✔️ Waan hundumaa keessa hingalin. Kan kee kan hintaane keessaa gali.
✔️ Afaan ballachuu caalaa gurra guddadhu.
✔️ Nama caalaa, namaa gadittis of hinilaalin.

Dogongora yoon qabaadhe na sirreessaa!🙏🙏

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
@Faana_milkaina
@Faana_milkaina


Qajeelfamoota galma baafachuu fi milkeessuu nu dandeessisan salgan(9'n):-
‼️‼️‼️‼️‼️‼️‼️‼️‼️‼️
⚠️ Qajeelfamoota Kanatti fayyadamuun akka milkooftaniifan Waanan dubbisnerraa isiniif qooduufan jaalladhe, mee itti dhiyaadhaa❗
📚📚📚📚📚📚📚📚📚📚
1. Jireenya kee keessatti bakka galuu barbaaddu yaadi,
2. Kaayyoo jireenya kee kana murteeffadhu; ejjennoos irratti qabaadhu,
3. Galma kee hima salphaatti hubachuu dandeessuun barreeffadhu,
4. Galma kee ilaalchisee waan dandeessu hundumaa qorannoon baruuf dhama'i,
5. Yeroo itti galma kee milkeessitu
murteeffadhu,
6. Murtiin kee sirrii ta'uusaa adda baafachuuf Waaqayyoon kadhadhu; Murtiin kee dogoggora
yoo ta'e waan bu'uurumaan dogoggora ta'e sirrii gochuun waan hin danda'amneef dhiisi,
7. Galma kee milkeessuuf kutannoon hojjedhu,
8. Wanti gaarii akka ta'u yaadi, fi
9. Galma tokkoon yeroo milkoofte milkaa'een jira jettee hin yaadiin; kan biraa milkeessuuf galma biraa qopheessi malee!

🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻

👉Join & Share

@Faana_milkaina
@Faana_milkaina


JIREENYA FAYYAA QABU JIRAADHU.

Jireenya fayyaa qabu kan jiraatu nama fayyaa qabuudha.Namni tokko fayyaa qaba kan jedhamu immoo: Qaama fayya qabeessa,
xiinsammuu fayya qabeessa fi hariiroo hawaasummaa fayya qabeessa yoo qabaate qofaadha.
Dhugaa dubbachuuf addunyaa har'aa keessatti,anaa fi si dabalatee namoota hedduu kan dhukkubu hariiroo hawaasummaa isaati. Dhukkuba akkanaa fayyanii jireenya fayyaa qabu jiraachuuf immoo jecha keenyaa fi gochaa keenya sirreessuun ala qorichi hospitaala irraa ogeessa fayyaatiin siif kennamee liqimfamu hin jiru,hin jiraatus.
Kanaaf mee anis nin yaalaa atis kan armaan gadii kana yaalii dhukkubbii hariiroo hawaasummaa kee wal'aannadhuu fayyuu gammaduu jiraadhu.
Nama si cinaa jiru, kan sii fi isa jidduu hariiroon gaariin hin jirre tokko cimina isaa irra deddeebi'uun qoradhu,baradhu,hubadhu.
Erga kana gootee booda namoota waa'ee isaa si haasofsiisan ykn si biratti haasawanitti hanga fedhe haa xiqqaatuu gaarummaa isaa himii dhugaa bahiif.Hammeenya guddaate xiqqeessitee himuun dhoksiif.Inni hanga barbaade hamaa haa tahu ati eessattis, eenyuttis ciminaa fi gaarummaa isaa qofa dubbadhu darbi arraba irraa kiraa hin kafaltuu.Yoo carraa argatte immoo jibba daangaa darbes yoo qabaatte hadhaa jibbaa liqimsii sin jaaladha,sin kabaja jedhiin,
Kolfii taphadhuun,haasawa babbareedaa itti haasawi,yoo isaa rakkate agarte osoo inni gargaarsa sin gaafanne kan dandeessu godhiif,goonkuma callistee bira hin darbin.ilaalcha gaarii isaaf qabdu mul'sii itti agarsiisi. Na'amani namni sun xumura irratti fira kee isa dhugaatii fi guyyaa rakkoo tahee argama.
Madda:Barruu koo dhukkubbii hawaasummaa jedhu keessaa kan fudhatameedha

Galatoomaa 🙏🙏


@Faana_milkaina
@Faana_milkaina


34.👉 Namni hiriyaa isaatiif gammachuu hin yaadne rakkinaaf saaxilamaadha. Namni akkasii ofiisaa qofa osoo hin taane,namoota biroos ni madeessa.Kufaatiin namaas eenyummaa akkasii irraa dhufa. (Alfred Adiler) 35.👉 Haala si mudatu waliin jireenya kee walfudhachiisuuf yaalii godhi malee ‘akkan barbaadu ta’uu qaba’ hin jedhiin.(Abraham Liinkan)

36.👉 Otuu of hin gargaariin eenyumaaniyyuu gargaaruu hin dandeessu.(Gris Mori)
37.👉 Galaanni yeroo hundumaa waan yaa’uuf Namni tokko yeroo lama cehuu hin danda’u.(Hirik Litas)
38.👉 Balaa namatti dhufe injifachuuf tarkaanfiin jalqabaa waanta raawwate galataan fudhachuudha.Rakkoo si mudate akkuma jirutti fudhachuuf eeyyamamaa ta’i.(William James) 39.👉 Jireenyi Kenya waanta yaadni keenya uumudha.(Mark Awurias)
40.👉 Sammuu Keenya keesaatti Jannataa fi Gaanamiin uumuu ni dandeenya.(Milten)

41.👉 Amma rakkinni si rakkisutti ati hin rakkatiin.(Jecha Ameerikaanotaa)
42.👉 Jireenya keessatti waanti nuti akka karooraatti qabannu waanta lamatu jira.Inni jalqabaa waanta barbaannu argachuu yoo ta’u,Inni lammaffaan immoo waanta argannetti gammaduudha.Namoonni karoora isa lammaffaatti gammadan garuu beektota qofa.

Madda:Kitaaba saayikooloojii(ICCITII MILKAA’INAA) kan Norman V.Pill barreesse. Qannoo Addisuu Afaan Oromootti hiikee Hinseenee Makuriyaa akka gulaaletti.
Fuula 224-229 tti kan jirurraa.
Namoonni kitaabicha hundasaa dubbiftan carroomtaniittu.
~



Galatoomaa!!🙏

📲sнαяє📲ѕнαяє📲
  ▽ ▽▽▽▽▽▽▽
@Faana_milkaina
@Faana_milkaina


Jechoota Hayyoota Addunyaa
*******👇
1.👉 Namoonni hedduu gorsa yoo fudhataniyyuu,kanneen itti fayyadaman beektota qofa.(Thomas Takias)
2.👉 sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti fakkaatu. Kanaafuu ka’i. (Jecha warra Ingilizii)
3.👉 Ifa arguuf dukkana halkanii dabarsuun dirqama.(wiiliyaam sheekispir)
4. 👉Kaleessaaf gaabbuu fi boruuf dhiphachuun guyyaa har’aa balleessuudha. (Maaksim Troobey)
5. 👉Cabbii caalaa yoo addaatteyyuu, urjii caalaa yoo qulloofteyyuu ceephoo jalaa bahuu hin dandeessu.(William shekispir)

6.👉 Addunyaa kana jechi ibsu hin jiru.(Jecha warra Morookoo)
7. 👉Nama carraa qabu galaanatti yoo darbatteyyuu qurxummii afaanitti qabatee baha.(Jecha warra Arabaa)
8.👉 Namni suuta deemu dafee bakka yaade gaha.(jecha warra chaayinaa)
9.👉 Daandii bakka yaadde si geessitu osuu hin beekiin adeemsa hin jalqabiin.(Jecha warra Ingilizii)
10.👉 Namni waan hundumaa hawwu nama guddaadha.Namni waan argachuu danda’u qofaa hawwummoo nama ogeessadha.(Jecha warra Aayilaandii)

11.👉 Namni dogoggorsasaa mul’isee himatu akka nama kosii manaa haruuti.(Maataammaa Gaandii)
12.👉 Nama tokko dogoggorasaarraa deebisuun hojii guddaadha.(Abirahaan Liinkan)
13.👉 Namoonni hammuma gammachuuf of qopheessan gammadu.(Abirahaam Liinkan) 14.👉 Namoota biroodhaaf hin yaadnu yoo taane,waanta namaaf gochuufii dandeenyu yoo dhiifne burqaa gammachuu tokko Akka gogsine beekuu qabna.(Rey Liiman Wiilber)
15.👉 Gammachuu fi shittoon walfakkaatu.Osuu namootaaf biifanii ofiis urgeeffatu.(Maaliif Waaltoo Imarsan)

16.👉 √ Maalaqni nyaata malee fedhii nyaataa hin bitu. √ Maalaqni qoricha malee fayyaa hin bitu. √ Maalaqni hordoftoota malee hiriyaa hin bitu. √ Maalaqni Hojjettoota malee Amanamtoota hin bitu. (Heenriik Ibsan)
17.👉 Namoonni hedduun abdii fuula duraa qaban abjootanii yeroo gammachuu abdiidhaan eeggatu. Garuu guyyaan har’aa guyyaa hundumaarra guyyaa addaati. Sababnisaa guyyaan har’aa harka kee keessa seentee jirti.(Charles Koltan)
18.👉 Har’i akka ta’etti yoo qabaatti siif galte malee Boris hin amanamtu. (Toomaas Diiriyes) 19) Waanti nuti sodaachuu qabnu sodaa qaofadha.(Franklin Ruzvelt)
20.👉 Baay’inni rifeensaa,baay’inni copha bokkaas, akkuma beekamuu hin dandeenye baay’inni rakkinaas sammuu nama mul’ataa xureessuu hin danda’u. Namni akkasii madaala jireenyasaatii ni eega.(Seeneka)

21.👉 Akkuma sibiilli yoo qarame malee hin calaqqifne akkasuma namnis yoo rakkinaan qoramee bahe malee addunyaatti mul’achuu hin danda’u.(Konfiishiyees)
22.👉 Sodaa kee of keessa dhokfadhu. Dhimma biraa garuu hiriyoota keetiin mari’adhu.(Robert Luis Stevens)
23.👉 Sammuun keenya qaamota keenyatti amanuu dhiisuuf aangoo qaba.(Andire Morwa) 24.👉 Namni namoota injifatu nama cimaadha. Namni ofiisaa injifatummoo nama hundumaa caala.(Laawoo 8ffaa)
25.👉 Dadhabinni jireenya keessatti nama quunnamu tokko qofa.Innis waan beekuu qaban beekuu dhabuudha.(Kanan Frederik Furar)

26.👉 Miirri injifannoo kan madaalamu injifachuu qofaan osuu hin taane,yommuu kufanis tattaaffii gochuudhaan ni madaalama.(Oliver Gold Smiz)
27.👉 Irra deddeebi’anii yaaluun salphina miti.Carraa gaarii ta’uusaatu ittiin safarama.(Joorjii maatiyaas)
28.👉 Waanti nama beekamaa si taasisu waanta ta’uu barbaaddu taatee argamuudha.(Sokirates)
29.👉 Sammuun kee foddaa ati ittiin addunyaa kana ilaaltu waan ta’eef yeroo hundumaa banaa taasisi.(George Barnaad show)
30.👉 Namoonni dhukkubaan hin du’an, dhiphina keessa isaaniitiin malee… (wiiliyaam Muuldan)

31.👉 Yeroo hundumaa tarkaanfii tokko tarkaanfachuu yommuu yaaddu,gufuu tarkaanfii tokko si ittisuu danda’utu si dura dhaabbata.(Antuwan Tekov)
32.👉 Karaan ittiin gammachuu argatan tokkicha.Innis muddamaa fi sodaa human keenyaa olitti nutti dhufan jalaa miliquudha.(Monten)
33.👉 Namni tokko amaloota sadii(3) qaba. isaanis: √ Amala inni agarsiisu √ Amala inni qabuu fi √ Amala inni qaba jedhee yaadu. (Alfans Kar)


~ Barachuun beekuu hin ibsu. Beekuun garuu barachuu ni ibsa. Barachuun osoo of beekuudha ta'ee, namoonni baratan hundumtuu beekaa ta'u turan!

~ Of beekuun beekumsa beekumsa caaluudha. Of beekuu wanti bakka bu'u hin jiru. Albuudni ilmi namaa itti fayyadamee fixuu hin dandeenye of beekuudha!

~ Addunyaa kan irratti namoonni baay'een osoo of hin beekin beekaa fakkaatanii taa'u! Beekaa waan fakkaatteef waan beekte sitti hin fakkaatin!

~ Of beekuuf murtoo hin qabdu taanaan, yoo of beektees murtoo hin murteessitu! Of beekuun foormulaa hin qabu, jechuun of wallaaluun foormulaa qaba," jechuudha!

~ Foormulaan isaas, => Gad-aantummaa × hirkattummaa × of-awwaaluu = of wallaaluu !!!!

=> Maddi: kitaaba📖 #Siif_Galeeraa!

@Dandiijireenyaa
@Dandiijireenyaa
    


Siidaa koo irratti maal naaf barreessituu ⁉️
~~
Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti siidaa awwaala namootaa daw’achuuf warra isa daw’achiisan waliin mooraa awwaalaa tokko keessa seene. Mooraan sun baay’ee bareeda. Siidaawwan halluu miidhagaan kuulaman hedduutu keessa jiru. Barreeffamoonni siidaawwan sana irratti barreeffamanii turan garuu namichatti bitaa galan. Wantota dubbise amanuu hin dandeenye. Kanneen armaan gadii barreeffamoota sana keessaa fudhataman:“Piroofeeser Joon Henerii, dhalatanii waggaa tokkoo fi ji’a ja’atti du’an.”“Dokter Deev Waaysong, dhalatanii waggaa afuritti du’an.”“Kaappiteen Ruut Toomaas, dhalatanii ji’a saddeetitti du’aan addunyaa kanattii addaan ba’an.”Barreeffamoota kanaa fi kanneen kana fakkaatan hedduu erga dubbisee booda ajaa’ibsiifachaa gara daw’achiisaa isaa deemuun gaaffii gaafate. “Ani kanan jedhu! Biyya kanatti namoonni gadameessa harmee isaanii keessatti baratanii eebbifamanii ba’umoo? Akkamitti namni waggaa tokkoo fi ji’a ja’atti piroofeesara ta’aa? Waggaa afuritti doktera ta’aa?” Yeroo kana daw’achiisichi, “Maal sitti fakkaatee? Biyyi kun akka biyya keessanii miti.

Biyya keessanitti umriin nama tokkoo lakkaa’amuu kan eegalu guyyaa namichi gadameessa harmee isaa keessaa ba’e irraa eegaleeti. Asitti garuu akkana miti. Nuti lakkoofsa umrii kan eegallu guyyaa itti namichi seenaa qabatamaa tokko biyya isaatiif hojjete irraati. Aboo nuti gadameessatti hin amannu!” Yeroo kana namichi na’ee akkana jechuun gaaffii biraa gaafate, “Amma utuu ani biyya kanatti du’ee maal jettanii siidaa awwaala koo irratti naaf barreessituree?” Daw’achiisaanis, “Seenaa ittiin yaadatamtu kan dhaloota dhufuuf darbu kan hojjette qabdaa?” jedhee gaaffii isaa gaaffiin deebiseef. Daw’atichi xiqqoo erga itti yaadee booda, “Dhugaa dubbachuudhaaf hamma ammaatti hin qabu!” jedhee deebiseef. “Yoos” jedhe daw’achiisaan; “Yoos siif siidaan hin barbaachisu. Yoo akka tasaa siif ijaarame immoo ‘Obbo eenyu eenyuu, akkuma dhalataniin du’an!’ jedhamee siif barreeffama!” jedhe.

Argitee, seenaa ati waa irraa barachuu dandeessu kana kanan kaaseef akkanumaan miti. Dhimma namichaatu kan koo kana waliin wal fakkaate. “Dhugaa dubbachuudhaaf hamma ammaatti homaa hin qabu!” Kun anaafis dhugaa dha. Siif garuu hin beeku.Kanas ta’u sana amma murtoo tokko irra ga’een jira. Seenaan ittiin yaadatamu tokko hojjedhee dirqama eenyummaa koo ba’achuu. Akkamitti? Mataa koo kan gurra koo lamaan gidduu jiru sirriitti hojjechiisuun!Umrii kamirrayyuu haa jiraannu, anii fi ati walii gallee jennaan wanti jijjiirama hin finneef tokko hin jiru. Atis akkuma koo yoo murteessite guyyaa kitaaba kanaan wal argine kana irraa eegallee milkaa’ina kaleessa hin turre galmeessuu ni dandeenya.
📚 Madda:- kitaaba Miiltoo
✍️ Barreessaan:- Eebbisaa Baayisaa

▽ ▽▽▽▽▽▽▽
@Dandiijireenyaa
@Dandiijireenyaa
    

Показано 20 последних публикаций.

485

подписчиков
Статистика канала