Vision Press


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


provide art🌺
•novel✅
•poem✅
•history✅
•films✅
•music✅
•drama✅
•movies✅
•graphic✅

Связанные каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


Akeekkachiisa. Of-eeggannoo

Qormaati hin hatamne jechuun Ministeerri barnootaa komii ka'aa ture haalus, kutaawwan biyyattii garagaraa keessatti qormaanni halkan hatamuun hojjatamaa akka bule mirkaneeffanneerra.

Haata’u malee qormaanni #CIVIC ba'eera jedhamee Miidiyaa hawaasaa irra deemaa kan jiru soba ta'uu hubattanii akka of eeggannoo gootan isin akeekkachiifna.

@orovision
@orovision


Kod 53
1D2B3D4A5C6D7B8B9A10B11B12A13A14B15C16A17D18D19B20A21B22B23C24C25B26D27A28C29B30B31B32C33B34B35B36D37B38C39D40A41B42D43D44B45A46D47A48A49C50C51D52B53B54C55D56B57B58B59C60D61B62B63C64D65A66A67C68B69D70C71D72C73C74D75D76D77C78A79D80C81A82A83C84A85D86B87D88D89A90D91D92B93D94A95C96A97A97A98B99D100A
Dabalataan argachuuf
@orovision join godhaa saba biran ga'aa
@orovision
@orovision
@orovision
@orovision
@orovision


Dabalataan argachuuf @orovision join godhaa
@orovision
@orovision
@orovision


Kodii 51
1C2D3C4C5B6C7B8A9A10A
11C12B13B14D15C16B17A18D19B20C
21A22A23D24C25B26B27A28D29C30B
31A32B33B34A35D3 up6B37D38A39C40B
41A42C43D44B45C46A47D48B49A50A
51C52A53C54B55D56C57D58B59C60D
61C62B63B64D65D66B67D68A69C70D
71C72A73C74B75D76B77C78A79A80B
81C82B83C84D85C86A87C88C89A90B
91A92A93A94B95A96A97A98B99D100A

@orovision


#Jaalala_online_irraa
Seenaa dhugaa
@Sool_dave'n

#Kutaa_1ffaa
~~~~~~~~~~~~

Maqaan ko Solomoon Gaarradoo'n jedhama. (Sool Dave kan jedhu ofiidhuma koon ofiif moggaase.) Godina lixa shawaa aanaa Calliyaa ganda qotee bulaa Walqixxummaa Tulluu maraa jedhamtu keessattan dhaladhee guddadhe.
Ani mucaa baadiyyati dhugaa dubbachuuf garuu muudiin ko kan ijoollee magaalaati olidha (friend of jajje naan jechuu dandeessa an garuu dhugaa qabatamaan sitti hime. Yoo siif liqimfamuu dide bishaanin liqimsi☺)
Ani maatii koof mucaa lammaffaadha Maatiin koo hedduu na jaalatu. ta'us jireenya mucaan baadiyyaa tokko dabarsu dabarseera,
Oyiruu deemee Horii tiksee...
laga bu'ee bishaan waraabee..
Yeroo harmeen Gabaa deemtu buna danfisee eege...
Goodaa deemee qoraan funaaneera (by z way.... gaafan qoraan funaanee galu waanan argadhu ana qofatu beeka '#ongocha' 👈 jecha kana kan beekutu beeka. namni hundi hin beeku. [maalumaafuu sinittan hima ongochaa jechuun kan yeroo buddeen tolchuuf jedhan Dursa tolchanidha, achuman akka eeleen ho'e ittiin ilaaluf ] ).
Egaa haala kana hunda keessa darbee umuriin koo waggaa 6 gaafa guutu gara dirree waranaan deeme rasaasa koo qalaman ykn 'biiriidhan' Diina koo isa jalqabaa Wallaalummaa waraanuuf (yoona siif hin gallem barnoota koo kutaa 1ffaan jalqabee siin jechuufani). Abeet tapha yeroo sanaa life'n bar elementaryti hafee man, ofumaa university jedhu malee.
Wal aariinee harcummeen wal cagadaa; wal kuffisnee awwaaraan wal dhiqaa.... kam sinitti himee kam dhiisu innoo heddudhati.
Yeroo sana Akka mana barumsaa keenyatti yeroo hiriirree alaabaa yaabsisnu fuuldura kan dhaabatu anadha. xiqqoon anaa gadii mana barnootaa sana keessa hin jiruka. maalan sitti hima atuu ni beektaati ilmi baadiyyaa tokko kan inni kutaa tokko galu eega 'waanta san biqilcheeti😋' (muu yaa si'ii qaata maalitti yaadde? An isa ati yaadde sana jechuu barbaadee miti😉) Ani garuu dhaladhee waggaa 6 tti waanan mana barnootaa galeef isaan keessa hin jiru. dhugaa hasa'uuf warri Dareedhaan (kutaa barnootaan) na caalan "harma guusaaf as si fidanii?" Jedhanii natti qoosu; dhugaadha ni fakkaatas.
haaluma kanaan barnoota koo haala bareedaa ta'een hordofun jalqabe (yeroon siniin jedhu guyyaatti wayitii 6 caalaa hin gubu ) sanuma keessaa garuu homaa hin jedhu egaa daree keenya keessaa cimaas yoon jedhamuu baadhe dadhabaa jedhamee hin hamatamu garuu osoon gaaf tokko daree kootii 1-3 ba'ee hin badhaafamiinan barnoota koo hanga kutaa 8ffattan xummure.
Amma kutaa 9 geenyeerra sichi daa'ima miti garuu ammas kanan sitti himu yoo jiraate xiqqoon anaa gadii class keenya hin jiru. yeroo hiriyyoonni koo 'chiikii xabbasan' an manatti galeen boqqoollooko 'xabbasa' sababni isaas chikonni daree keenya haadha naaf ta'u😁.
Barnoonni high schooli hanga elementaris yoo ga'uu baateyyuu namatti tola, garuu ni ulfaata. keessumaa gafa barsiisaan chemistry class galummoo dhugaa waanuman Biyya Engliz deeme natti fakkaata dogogoree illee Afaan oromoo hin dubbatum. Ecc calliseedhuman rafa deeksiitti hirkadhee.
Yeroo sanatti subject'in ani jaaladhu yoo jiraate Sport qofa isayyuu kan dareetti barannu osoo hin taane isa practicala Dirreetti yaanee wal ariinudha.
Egaa haaluma hunda keessa dabarree gara kutaa 10ffatti ceene; kutaa 10ffas eegallee jirra. (friend kan sidhibu an hanga amma bilbila dhuunfaa koo harka irraa hin qabum naman dhibuu?). Silaa Ijoolleen ammaa kutaa 4 yeroo geessu bilbila naaf bittan malee mana barnootaa hin deemu jettim.
An garuu barataa kutaa 10ffa ta'eeyyuu bilbila hin qabu....
.....Itti fufa
✍️ @orovision


Maaliin beekkamuu barbaaddaa?
Biyya Giriik keessa namicha tokkotu ture. Namichi kun ijoollummaa isaa irraa kaasee hawwiin isaa beekkamaa ta’uu ture. Akkuma guddachaa adeemuun fedhiin keessoo isaa, inni beekkamuuf qabu dabalaa deeme. Kana irraan kan ka’e gaaf tokko maaliin beekkamuu akka qabu murteesse. Innis mana amantaa guddicha kan Arxeems (artems) gubuun beekkamaa ta’uuf murteesse. Manni amantaa kun ijaarsawwaan ajaa’ibsiisoo torban addunyaa durii (seven wonders of ancient world) warra jedhaman keessaa tokko ture. Maarree akkuma karoora isaa guyyaa eeggatee mana amantaa kana gubuun barbadeesse. Kana booda mootummaafi uummanni biyya sanaa maqaan nama kanaa akka hogbarruuwwaan, afoolaafi iddoo hunda biyya sana keessatti hin waamamne dhorkame. Guyyaa mana amantaa sana gube irraa eegalee maqaan namicha kanaa guyya tokko illee biyya sana keessatti osoo hin waamamin hafe. Maqaan nama sanaa Herostiraates jedhama.

Dhalli namaa beekkamtii dheebochuun isaa ifadha. Waan ittiin hojjetee beekkamu barbaaduuf, hedduun dhama’aa oola. Kun waan wal nama gaafachiisu miti. Garuu gaaffii dhaloota bara keenyaa ta’uu kan qabu, maaliin beekkamuu akka qabnuufi maaliif beekkamuu akka qabnudha. Beekkamtiin nuti goonfannu kan ittiin dhaloota egeree faalluufi hambaa seenaa warra keenya kaleessaa barbadeessuu hin qabu. Beekkamtiin keenya waan kaleessa qabnu balleessuun, qaroofi qarooma biyyaa balleessuun ta’uu hin qabu. Beekkamuun dura beekuun barbaachisaadha. Beekkamaa ta’uun dursa beekaa yoo taane, waan ittiin beekamnuufi beekkamtii keenyaan maal akka hojjennu karaa nutti agarsiisa.

Join
@orovision


Lammiileen Itoophiyaa dorgommii
'Robotics' Chaayinaatti godhame
injifatan

Chaayinaa magaalaa Beejiingitti dorgommii 'Robotics' gaggeefameen
barattootni Yunivarsiitii Teknoolojiifi Barnootaa Teenzeen lammiilee
Itoophiyaa ta'an shan warqee Meetiifi Nahaasa injifatan.
Lammiileen Itoophiyaa dorgommii kanarratti hirmaatan Salaamuu
Yisihaaq, Abukaam Getaacheew, Tsaggaayee Alamuu, Yohaannis
Hayilamasqaliifi Heenook Seeyifuu jedhamu.
Damee lammiileen Itoophiyaa kun irratti dorgomaniin Salaamuu
Yisihaaq warqee, Abuukam Getacheew fi Tsaggaayee Alamuu
ammoo Meetii badhaafamaniiru.
Yohaannis Haayilamasqaliifi Henook Saayifuu ammoo meedaaliyaa
Nahaasaafi waancaa badhaafamaniiru.
Badhaasa warqee kan argate Salaamu Yisaaq gaaffiifi deebii BBC
waliin taasiseen lammiilee Itoophiyaa kun damee "Tri-Co" Robots
and Robot Application'' j edhuun akka dorgoman ibseera.
Maddi:-BBC Afaan Oromoo

Join
@orovision


Qormaata kutaa 12ffaa Onkololeessa 29 hanga Sadaasa 2 ni laatama!

Qormaata kutaa 12ffaa kan bara 2013 Onkololeessa 29 hanga Sadaasa 02 bara 2014 ALH akka laatamu Eejensiin Madaallii Barnoota fi Qormaata Biyyaaleessaa beeksise.

Daayirektarri Olaanaa Eejensicha Dr Dilaamoo Otoree ibsa kennaniin barattoota kuma 600 ol qormaata kana akka fudhatan beeksisaniiru.
Join
@orovision


#UPDATE

🔴 Hanga Ammaatti Waamicha Yunivarsiitii

▪️Gondar 👉Waxabajjii 23-24
▪️Samara 👉Waxabajjii 26-27
▪️Wolayita 👉Waxabajjii 26-30
▪️Wallo 👉Waxabajjii 28-29
▪️Debre Birhan 👉Waxabajjii 25
▪️Asosa 👉Waxabajjii 26-30
▪️ Addis Ababa 👉Waxabajjii 19-20
▪️Ambo 👉Waxabajjii 24-25
▪️Hawassa 👉Waxabajjii 21-22
▪️Mekele 👉Waxabajjii 21-26
▪️Bahirdar 👉Waxabajjii 22-23
▪️Debark 👉Waxabajjii 26-30
▪️Semera 👉Waxabajjii 26-27
▪️Wollega 👉Waxabajjii 28-30
▪️AASTU 👉Waxabajjii 24-25
▪️Wachemo 👉Waxabajjii 29-30
▪️Debra Tabor 👉Waxabajjii 28-29
▪️Salale 👉Waxabajjii 28-29
▪️Mekdela Amba 👉Waxabajjii 27-28
▪️Dilla 👉Waxabajjii 22-23
▪️Wolkite 👉Waxabajjii 28-29
▪️DireDawa 👉Waxabajjii 27-30
▪️Jimma 👉Waxabajjii 24-25
▪️Injibara 👉Waxabajjii 28-30

JOIN♥️

@orovision


#UPDATE

🔴 Hanga Ammaatti Waamicha Yunivarsiitii

▪️Gondar 👉Waxabajjii 23-24
▪️Samara 👉Waxabajjii 26-27
▪️Wolayita 👉Waxabajjii 26-30
▪️Wallo 👉Waxabajjii 28-29
▪️Debre Birhan 👉Waxabajjii 25
▪️Asosa 👉Waxabajjii 26-30
▪️ Addis Ababa 👉Waxabajjii 19-20
▪️Ambo 👉Waxabajjii 24-25
▪️Hawassa 👉Waxabajjii 21-22
▪️Mekele 👉Waxabajjii 21-26
▪️Bahirdar 👉Waxabajjii 22-23
▪️Debark 👉Waxabajjii 26-30
▪️Semera 👉Waxabajjii 26-27
▪️Wollega 👉Waxabajjii 28-30
▪️AASTU 👉Waxabajjii 24-25
▪️Wachemo 👉Waxabajjii 29-30
▪️Debra Tabor 👉Waxabajjii 28-29
▪️Salale 👉Waxabajjii 28-29
▪️Mekdela Amba 👉Waxabajjii 27-28
▪️Dilla 👉Waxabajjii 22-23
▪️Wolkite 👉Waxabajjii 28-29
▪️DireDawa 👉Waxabajjii 27-30
▪️Jimma 👉Waxabajjii 24-25
▪️Injibara 👉Waxabajjii 28-30


@Visionpress join


#Waamicha

Barattoonni Haaraan Yunivarsiitii Saayinsii fi Tekinooloojii Adaamaatti ramadamtan guyyaan galmee Waxabajjii 24-25/2013 ta'uu isin beeksifna.

Madda Odeeffannoo Haqaa Nuti Isiniif Jirra.
#ASTU_University

♻️Waliif Dabarsaa!

@Oro_lover join


🤭#Waamicha

Barattoonni Haaraan Yunivarsiitii Gaambeellaatti ramadamtan guyyaan galmee Waxabajjii 28-29/2013 ta'uu isin beeksifna.

Madda Odeeffannoo Haqaa Nuti Isiniif Jirra.
#GambellaUniversity

♻️Waliif Dabarsaa!

@Vision press join


Mul'atniifi kaayyoon kee
Gaafa ta'u gabaabaa
Utuma ati achi hin ga'iin
Jinniin mataa si yaaba.
Gaafa qalbiin si danqu
Abjuudhaan cooma waadda
Takka mar'achuu hawwita
Takka barooduu yaadda.
Gaafa gabaa ormaa deemtu
Baattee qalqalloofi 'kittaa'
Diyaamandiidha seetee
Buqqee tortoraa bitta!
~
Bara toles - bara ones
Kana beeki yaa tiruu
Lammii keef of kennuurra
Kabajni caalu hin jiru!

@Waloo_Leta
#share godhaa malee Artiin keessan yaa guddatu


Lubbuu Ko

Dhibbantaa dhibbarraa
Dhuunfatteem qalbiikoo
Yoomuu siin qajeela
Hooggansi jiruukoo
Ani sin jaalladha
Hanga du'a lubbuu
Atikoo yoon jedhe
Nattin ta'u cubbuu💞

Galaana jaalalaa
Siif jedheetan daakee
Bacaqii gannaasoo
Maqaakeefan laaqee
Sumaafan qal'adheem
Akka qara mutaa
Tkoo jaalallikee
Laphee nama butaa💖

Jaalalakeef jecha
Biyyis na hunkuree
Maqaakoo hadheessee
Bitee nagurguree
Ani garuu gaddus
hin kutne abdiikoo
Ijjikoo sumarra
Naaf sidha wabiinkoo🥰

Jaalalakeef jecha
Mormikoo hudhamee
Burruusa jaalalaan
Lapheenkoos tumamee
Na guba na hiddee
Akka ilkee kanniisaa
Hirribnis hin jiru
Toluman gad-ciisa💔

Ta'us hinaafameen
Hunduu nadoorsisee
Garuu jaalallikee
Dhibba najoorsisee
Akkakees nan dhabe
Qoradheera biyya
Safuu jaalallikee
Sammuu koorraa iyya💓

bareedakee
Yaa dhaabbata qaamaa
Lallabee wawwaatee
Iyyee nama waamaa
Lash goote lapheekoo
Yaa suuka goromsaa
Siifanoo wargamaa
Akkaman si obsaa?
Siin dhabnaan najeeqa
Na waraana ceekuu
Atikoo anikee
Kana kanan beeku👭

Waliinis tarreerra
Bu'aa ba'ii guddaa
Haalota jireenyaa
Nuffisiisaaf muddaa
Kan har'aan nugahes
Rabbiin ha galatuu
Namni nu hinaafu
Sichi haa marattu 🤗😊


💐💐💐 MILKAAHUN SIIF KARAA KAMIINI????????????
🔛🔛🔛🔛🔛🔛🔛🔛🔛🔛🔛🔛🔛🔛🔛🔛🔛🔛🔛🔛🔛🔛

KA┄┄┄┄┄❅☕️❅┄┄┄┄┄RAA MILKAA'INAA
(THE WAY TO SUCCESS)


👉 Addunyaa kanarratti namoonni jireenya isaanii keessatti milkaa'an jedhaman amaloota wal isaan fakkeessu hedduu qabu.

✍️ Amaloonni isaan wal fakkeessu kunneen iccitii milka'inaa akka ta'anis irratti walii galama.

ICCITII MILKAA'INAA:

1️⃣ Namoonni milkaa'an ofitti amanu:

✔️ Jireenya keessan keessatti waan abjoottan milkeessuu yoo barbaadan; abjuu keessan galmaan gahuu akka dandeessan onnee keessaniin amanuu qabdu.
👉 Ofitti amanuun kan wajjiin dhalanne osoo hin taane filannoo keenyaan kan dhufuudha.
👉 Namootni milkaa’an jedhaman iccitii milkaa'ina isaanii yommuu dubbatan yoo dhageessan ta'e milkaa'ina isaaniif sababni guddaan "wanti hunduu ni danda'ama!" Jedhanii waan amananiif malee kennaa addaa wajjiin waan dhalataniif akka hin taane himu. Jabaadhee waanan dubbiseef, hojjadheef....bakkan har'a jiru gahe siin jedhu.
Atis bakka yaadde gahuu akka dandeessu laphee keen amani.

2️⃣ Namoonni milkaa'aan kaayyoo qabu.

✔️ Hundi keenya uumamaan Sammuu waa kaayyessuu danda'u qabannee dhalanna.
👉 Yoo sammuu keetti waa kaayyeffatte bakka yaadde gahuuf halkaniif guyyaa carraaqxa.
👉 Kaayyoon sammuu kee kessatti jiru humna siif ta'a; bu'aa ba'ii jireenya keessatti gufuun yoo si mudate akka laayyooti akka hin kufne; yoo kuftes kuftee akka hin hafne; miixxattee akka kaatu; akka abdii hin kutanne humna sitti hora.

3️⃣ Namoonni milkaa'an tarkaanfi tokko fuul-duratti tarkaanfatu

✔️ Namoonni milkaa'an kan namootni eeganiin alatti dhimma bobba'an irratti cimsanii hojjatu.
👉 Barataa yoo ta'e haala gaariin qo'achuu;
👉 Daldalaa yoo ta'e ammoo maamiltoota Isaa haala kamiin qabuun akka irra jiraatu ni beeku.

4️⃣ Namoonni milkaa'an tarkaanfii fudhatu.

✔️ Namoonni milkaa'an iccitii tokko beeku
👉 "Addunyaa kanarratti tattaafii malee bu'aan argamu akka hin jirre; No gain without pain" jedhanii amanu.
👉 Bakka yaadan gahuuf sadarkaa garaagaraatti murtii dabarsu (tarkaanfii) fudhatu.
👉 Bakka yaadde gahuu yoo barbaadde afaaniin qofa haasa'uu hin qabdu; bakka yaadde kan si qaqqabsiisu tarkaanfii tokko tokko fudhachuu qabda.
✍️ Fakkeenyaaf barataa cimaa ta'uu akka barbaaddu odeessuu osoo hin taane hojiitti seenuu qabda. cimsitee qo'achuu !!

5️⃣ Namoonni milkaa'an kanneen biroo jajjabeessuu jaalatu.

✔️ Milkaa'ina jireenyaa yoo barbaadde iddoo oolmaa keetii namoota jiran kan siin oliis haa ta'an kan siin gadii waan gaarii isaan hojjatan hangam iyyuu xiqqaa haa ta'u dinqisiifadhuuf ykn jajjabeessi.
Namni dinqisiifatamuu jibbu hin jiru. Kana gochuu keetiif ammoo wanti si irraa hir’atu tokkoyyuu hin jiru; isaan jajjabeessuu keef sitti gammadu; ofii kees ni gammada.
➖ Nama wajjiin walitti dhufeenya gaarii horatta.
➖ Namoota wajjiin walitti dhufeenya gaarii yoo qabaatte jaalalaa fi kabajaa argatta. Kun ammoo karaa biraan ofitti amanamummaa kee siif dabala. Kanarra darbee ammoo namoonni waliin hojjattu kunneen kaayyoo kee hubachuun galma akka geessuu si cinaa dhaabbatu
(si tumsu).

✍️ Egaa amaloota namoota milkaa'anii kanneen jireenya Keenya keessatti shaakaluun milka'inaaf haa hojjannu.

maddi isaa kanan dubbiserra


Si Jaalachaa
~
Si Ibsuuf jechi hin jiru
kan kee bar addumaa
Uumamni si gitu
Hin jiru tasumaa
~
Ol gubbaadhaa kaasee
hanga miila keetti
waa'ee miidhaga kee
Addunyaan ni beekti
~
Hunduu siif ragaadha
martuu suma jedhaa
amman of jaaladhu
caalan si jaaladhaa
~
Hawwaan kee baayyatee
ati beekuu baattus
sin jaaladha ani
kalee har'as borus
~
Osoo kiyya taatee
jedheetinan hawwa
dhukkuba onnee koof
akka taatuuf daawwaa
~
Kan namaa taatullee
si jibbu ani yoomuu
otuun si jaaladhuu
umriin koo yaa dhumuu
~
✍️




🌺akkam jirtu?🌺
💖Asoosama gabaabaa💓
"QAANQEE JAALALAA"✅ jedhu isiniif qabadheen jira.💔 dubbisaa irraa baradhaa.✅
••••••••••••••••••••••••••••••
KUTAA 1FFAA
•••••••••••••••••••••••••••••
beekaan kan dhalate magaalaa Ambootti. abbaan beekaa hojii konkolaachisummaa hojjechuun galii argatuun maatiisaa jiraachisa ture. maatiin beekaa maatii gammadaafi jaalala ho'aan guuteedha.haa ta'u malee gammachuun kun itti fufuu hin dandeenye.guyyaa tokko garuu haala amanuun namatti ulfaatuun konkolaataan abbaa beekaa konkolaataa fe'umsaa waliin walitti buu'ee lubbuunsaanii akka tasaatti dabarte. yeroo sanatti beekaan mucaa waaggaa ja'aa ture. haatii beekaa aadde caaltuun galii ittiin beekaa guddiftu hin qabdu turte. kanuma keessaayyuu gadda abbaa warraashee irraa kan ka'e dhibee onneef saaxilamtee jirti. kanaan utuma jiranii umuriin beekaa barnootaaf waan ga'eef aadde caaltuun akka beekaan mana barnootaa seenu murteessan.beekaanis mana barnootaa seenee barnoota eegale.mana barnootaa keessattis barataa qaxalee ta'uun barsiisota isaa biratti jaalala horachuu eegale.dandeettiin beekaa kan dinqisiifatamu qofa osoo hin taane mana barnootaa sanaaf illee abdii kan kennu ture.haa ta'u malee dhibeen haadha beekaa kan duraanuu caalaa daran itti hammaachaa dhufe.beekaanis barnootasaa addaan kutuun kophee qulqulleessee jiraachuuf dirqame. haala kanaan galii inni argatu waan harra nyaatanii bulan hin darbu ture.kanumaan osoo jiranuu guyyaa tokko haati beekaa....itti fufa


Репост из: Walaloo Jaalalaa
Jaallatanii dhabuun fafaa
Jaallatee maaltu rafaa???

Walaloo jaalalaa Midhooftu argachuuf @walaloojaalalaa join godhaa.


Репост из: Oromo Entertainment
https://youtu.be/ZbY2k9ExCBU
Walaloo jaalalaa isin affeereera

Показано 20 последних публикаций.

171

подписчиков
Статистика канала