Репост из: FAANA MILKAA'INA
➥ "Daa'ima waggaa saddeetii ta'een of ajjeesuun anarra jira jedheen yaade. Sababiin isaa abdii hin qabun ture. Kanaaf harka kennuun yaale, abdii kutachuu. Yennaa umuriin koo waggaa kudhanii, bishaan mana keessa jiruun of ukkaamsee of ajjeesuuf yaaliin godhe. Abbaa kootti, "bashannanuu barbaadeenii"n jedheenii. Garuu dhugaa dhaan jiraachuu dhaabuun barbaade. Na gaheera ture. Namoonni waan gadi na qabaniif baay'ee natti ulfaate. Ani nama guutuu fi gahaa akkan hin taane amanuun eegale. Nama dadhabaa fi nama kufe akkan ta'e amanuun eegale. Nama namoonni jaalatan yookiin sifeeffatan tasa ta'uu akkan hin dandeenyen amanuu eegale. Haalan keessa ture jijjiiruu hin dandeenye, guyyaa tokko ganama ka'ee, 'harkaaf lukan barbaada, harkaaf luka naa kenni!' jechuu hin dandeenye. Gaaffiiwwan qaba ture, garuu deebii hin qabu ture. Abbaa koof haadha koo "maalif kun ta'e?" Jedheen gaafadhe. Ogeeyyii fayyaadhaan "maalif kun ta'e?" Jedheen gaafadhe. Hin beekani.
@Faana_milkaina
➢ Jireenya keessatti wantoonni to'annoo kee ala ta'anii ati jijjiiruu hin dandeenye, kan waliin jiraachuuf dirqamtu jiru. Filannoon nu qabnu lama:
➀. Harka laachuu (abdii kutachuu) yookiin
➁. Deemsa keenya itti fufuu.
➢ Kanaaf yennaa kuftu maal goota? Deebitee kaata. Kana namni hundi beeka. Sababiin isaas yoon deemuu eegale bakka fedhe nan gaha. Garuu sittan hima, jireenya keessatti yeroon tokko tokko jira, yeroon ati kuftee deebitee ka'uuf garuu jabina itti dhabdu. Ani gajjallaa kanan jira, lafatti galagalee. Harkaaf luka hin qabu. Deebisee ka'uu dhaaf waan hin danda'amne ta'uu qaba, garuu miti. Argitee, deebisee ka'uu dhaaf si'a dhibba deddeebisee nan yaala, yennaa dhibba yoo naaf milkaa'uu baate, abdii yoon kute deebisee nan ka'a jettee yaaddaa? Lakki, garuu yoo naa milkaa'uu baate, irra deebi'ee yoon yaale, ammas ammas irra deddeebi'ee yoon yaale hamman yaaluu koo itti fufetti yennaa hunda carraa deebisee ka'uu nan qaba.
@Faana_milkaina
➢ Hamma abdii kuttee harka laattutti kun dhuma miti, ammallee abdii qabda. Arrabsamuun, mana caccabaa qabaachuun akkam akka ulfaatu hin beeku, garuu laphee cabe qabaachuun akkam akka ta'e beeka. Kophaa ta'uun maal akka ta'e beeka. Garuu kun dhuma akka hin taane akka beektun barbaada. Haalli ati itti xumurtu murteessaadha. Ciminaan xumurtaa? Yoos cimina itti deebitee kaatu argatta,.... akka ani ka'e kana."
Haasaa 'Nick Vujicic' walgajjii irratti taasise.
Akkan irraa baradhe, irraa baratta jedhee abdiin qaba.
Aniif ati ciminaan xumurraa laata?
#Maddi:- kanan dubbiserraati.
🙏♥️°°°ʏᴇʀᴏᴏ ɢᴀᴀʀɪɪ°°°♥️🙏
👇📲𝐒𝐇𝐀𝐑𝐀📲𝐒𝐇𝐀𝐑𝐄📲👇
☞︎︎︎ @Faana_milkaina ☜︎︎︎