Galma waaqoo guutuu


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


Qabsoon keenya hanga imaanaa gootota kalee bakkaan geennutti itti fufa💪
Chanaala kana #join godhaa
@dhoombirii♥️
@dhoombirii♥️

Связанные каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


Oduu injifannoo

WBO baha oromiyaa Irree fi Gaachanni Uummata Oromoo WBO baha Oromiyaa tarkaanfii Waraana Gabroonfataa pp irratti harargee lixaa Aanaa mi'eesso aradda ittisa roorrooti fulbana 3/2021 fudhateen loltuu pp irraa Nama 3 Ajjeesee 2 madeessuun Qawwee 5 irraa booji'uun galii qabsoo bilisummaa Oromoo taasiisee jira.

Carraa kanaan Ummanni Oromoo kan baha Oromiyaa WBO baha Oromiyaa cinaa dhaabbachun Jabeessuun dirqama Oromummaa akka baatan waamicha Dhaammana!

Adaraa Waliif~Share
👇👇👇
@dhoombirii
@dhoombirii


Fooliin bilisummaa urgaahaa jira.
barri haaraan dhufaa jiru kuni bara bilisummaa fakkaata.
WBO jabeessi oromoo.
Qabsoon keenya hanga imaanaa gootota kalee bakkaan geennutti itti fufa💪
Chanaala kana #join godhaa
@dhoombirii♥️
@dhoombirii♥️


Magaalonni Oromiyaa Hedduun Foolii WBO Dhandhamachaa Jiru
injifannoon dachaadhaan itti haa Fufu.....❤🌳❤
@dhoombirii♥️
@dhoombirii♥️


Warri @dhoobirii jechuun maali naan jedhaa jirtan karaa keessootiin @dhoombirii n moggaasa seena qabeessadha.
kunoo hin hifatinaa guutuu isaa dubbisaa.
👇👇👇👇👇
@dhoombirii♥️

Seenaa jeniraal waaqoo guutuu irraa kan fudhatameedha.
👉Qawwee Dhoombir afurtama, matirayyeesii Toomaas lama fi Boombii sadi'i fudhatanii, Waaqoon nama sadi'ii, qawwee afurtamii-lamaa fi boombii sadi'iin fe'atanii galuuf ,otoo jedhanii, Camarrii Guutuu woraana nama afurtama qabatee dib-jedheef. Gammachuu guddaan qawwee walii hiratanii, itti gaafatamtoota waraana kaanii wajjiin taa'anii mari'atan. Sochii isaaniifillee maqaa baafatan. "HIZBII" ofiin jedhan. Namuu gama biyya isaatti socho'e, waraanni Waaqoollee gara Oromiyaa-Baaletti qajeele.

Humni Waaqoo Guutuu Oromiyaa seene, maqaa isaa kama qawwee isaa baafate, "dhoombir" ofiin jedhe. Bara 1963 malkaa Annaatti seensa ji'a Caamsaa irratti waraana Amaara kan isaan gaadaa jiru, lakkoofsan dhibba ja'a ta'u, shaalaqaa Buzunaan durfamuun waliin walsiman. Lola ganama saa'aa 10:00 irraa jalqabee saafaya booda 2:30tti adeemsifameen, humna diinaa irraa namni afurtamii sadi'i yoo ajjeefamu dhibbaa ol kan ta'ummoo madaa'e. Yeroo duraatiif qawween Oromoo akka Amaara ajjeeftu hojiin mul'dhatee, deeraa fi ijoolleen daaw'atte. Guyyaa kana qawwee M1 ykn Furgoo saddeet, kan akaakuun isaa hinbeekamin kudha sadi'i booji'an. Shaalaqaa Buzunaan dursa waraana ofii baqatee Bidiretti gale. Gootota Diddaa-Gabrummaatiif bayan keessaa lola kana irratti gootonni lama wareeggaman.

Falmiin bifa kanaan jalqabee bal'dhinaan itti fufee kutaa Baalee walakkaa ol akkasumas Sidaamoo koonyaa muraasa gabrummaa Habashaa jalaa bilisoomsee waggaa saddeetif bulcha'aa ture. Haaloo baafannaan Hayila Sillaasee birmachuu meeshaa fi beektota faranjiitin gargaaramee gara-jabinaan hamma bara 1969 ummata Oromoo beeraa fi ijoollee dhibba sadii'ii fi kudha shan qilee keessatti fixuun diniina ummatatti kenne. Kunis "Waaqoon fidaa, yookan ammoo ummata harka boojuu jiru keessaa dhiira umurii kudha shanii olii jiran fixuu" jedhee maanguddoota waamuun itti hima. Dhiibba kana irraa kan ka'e "anaaf jecha lubbuun ummata kiyyaa hindhabaminii." jedhe Onkololeessa 1970 motummaatti harka kennatan. Haaluma kanaan, gootichi Waaqo qoratamanii mooticha waliinillee dubbatan. Badii biyyaa irratti raawwatameef balleessan gutumaa-guututti kan mootummaa ta'uun itti walii galamee, "ammaa booda biyya waliin bulchina" jedhan. Aanga'oo fi bulchaalee mirkaneessanii fii Jeneraal Waaqollee biyyatti deebi'an. Haga dhuma 1975 biyyuma keessa turanii 1976 humna Waraana Soowraa ykn Jaanaddee ijaaramee ol bobba'e Magaalaa Bidiree keessaa ba'uun isaaniitti makaman. 1976-1983, itti-gaafatama adda-addaa irratti humna Soowraa hoogganaa turan: ajajaa woraanaa ta'uun, itti gaafatamaa dantaa haajaa alaa ta'uun, itti aanumma'aan gaggeessa'aa turan.

Akeekni Jeneraal Waaqoo bilisummaa uummata Oromooti. Kunis kan mirkanaa'u tokkummaan uummata Oromoo yoo eegame jechuun Dhaaba Adda Tokkummaa Bilisummaa Ummata Oromoo (ATBUO) bara 1989 hundeessun dura bu'ummaan hooganaa turan. Bara 1991 Motummaan Dargii jige,"rakkinna Ummata Oromoo karaa nagayaatiin haafuramuu" jechuudhaan Mootummaa Ce'umsaatti dhaabbilee dabalaman keessaa jaarmayaan Waaqoo Guutuu isa tokkoo ture. Diinni qoosaa hinbeekuu, murtii nagayaa diignaan isaanis bara 1992 chaartera keessaa bahanii qabsootti deebi'an.👇👇👇seenaan isaanii bal'aadha. ammaaf maqama @dhoombirii jedhuun wal isin barsiisuuf hagana isinii kaase.
Maatiiwwan chaanaalii keennaa uf dura itti yaannee seenaa gooticha kanaa guutuma isinii kan dhiyyeessinu ta'a. ammaaf horaa bulaa.
#join #share gochuun waliifis qoodaa
👇👇👇👇
@dhoombirii♥️
@dhoombirii♥️


Репост из: Sololo media network ✅
Dhalota Qubee:
#Shira_Gola_PP_Saaxiluun_itti_fufaa! Sep,4/2021


Akkuma kanaan dura gochaa turteef ammas itti jirtutti OPDOn(PPn) Qabsoo Bilisummaa Oromoo danquuf,Gufachiisuuf,Turtii yeroof Angoo Abba irrummaa dheereffachuuf, Uummata Oromoo Gabrummaa jalatti cabsitee bara baraan dhiittee bulchuuf jecha Shirri ishiin hin xaxneefi Wanti isheen hin raawwannes hin jiruu.kun akkuma jirutti ta'ee Qaamoleen Uummata Oromootiif karaale gargaraatiin Qabsoo taasisaa jiran Shira OPDO kana akkuma isheen karaa gargaraatiin hojjattu karaa gargaraatiin hordofanii Saaxiluun Fashaleessaa turuun Qabsoo Bilisummaa Oromoo dandamachiisuun Sadarkaa hardhaa kanaan gahuun danda'ameeraa.Qaamonni Kunis Sabboontota,Miidiyootaa,Waraana Bilisummaa Oromoo fi Hayyoota Oromoo dabalatee Uummanni Oromoo Hundii kaayoo "Qabsoo Bilisummaa Oromoo" irratti kallattii Gargaraa irraa Walitti dhufuun Shoora dirqama Oromummaa isaani irratti Kan tokkummaan qabsaawaniidhaa.haaluma kanaan walqabatee Mootummaan Gabroomfataan Itoophiyaa #Koloneel_Abiy_Ahmediin durfamu duula Oromoof Oromiyaa irratti akkasuma Oromummaa dhabamsiisuuf duulama jiru itti fufuun ammas Milishoota Dheengadda Tigraayiitti duuluuf bobbaase lolicha Baqatanii Naannoo Amaaraa keesa faffaca'an Milishoota Naannoo Amaaraatiin walitti fuffunaanee ofduuba deebisuun Moora leenjii Sanqalleetti naqxee #Shira_Addaa qopheessitee xummurattee jirtii.
Shirri Bilxiginnaan godha jirtu Kunis akkuma Kaadiroonni Olaanoon PP kanneen Akka #Taayyee_Dandahaa_Hayiluu_Addunyaa faati fuula miidiyaa irratti Akka Waan Waldhabdeefi Wal Waraansi Waraana Bilisummaa Oromoo keesa jiruutti holola Moora Qabsoo irratti hoofa jirtuun Kan walqabate yo ta'u holola jaraa kana dhugoomfachuuf Akka Uummannis Gowwoomuuf Waraana Bilisummaa Oromoo fakkeesitee Wirtuu leenjii Sanqalleetti Waraana 4357 Leenjisaa jirtii. Warri amma leenji'aa jiran kun magaalaattis ta'ee namattis Kan hin muldhanneefi Areedaaf Rifeensa mataa Dheereffatanii akkasuma #waan_akka_Wiigii itti godhatanii Waan hundaan WBO fakkaachuun Yeroo leenjii isaanii Fixanii ammaa Gara bobbaafamuutti deemaa jiraachuu Qaama Leenjii kana Fudhachaa jirurraa qulqulleeffanneerraa.qaamni Waan kana leenjisuun Muuxanno Waraana Bilisummaa Oromoo fakkaachuu kana Jaraaf kennaa jirus Warroota Kanaan dura Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo irraa ganuun Bakkoota Gargaraa irraa Walitti funaaname fi Harkii Caalaan Gantoota Zooni Kibbaa irraa gananii Godina Booranaa irraa guuraman ta'uus gadi fageenyaan maddeen keenya ifoomsanii jiruu. Wanti Taayyee Danda'aa Miidiyaa irratti Akka waan keessoo waraanaatti Walitti bu'iinsi Uumamee godhee odeessaa tureefis #Shira_kana dura deemee Daandii Hololaa Saaquufi Gaafa Qaamni Kun bobbaafame Waraanni Bilisummaa Oromoo Tarkaanfi irratti fudhate ammoo Akka Waan Waraanni Bilisummaa Oromoo Wal waraanaa jiruutti ittiin Hololuufi Oduu Jaraa kanas ittiin Dhugoomsachuuf kana shiramaa jiruudhaa.kaayoon #Duula_Shira_kanaas

1,Gaafa Waraanni Bilisummaa Oromoo Tarkaanfi qaama kana irratti fudhate "Ijoolleen fayyaaleyyiin Wayyaaneef hin ajejamnu jette Rashanamaa jiru" jechuun #Waldhabdeen Waraana Bilisummaa Oromoo keesa Akka Waan jiruu fakkeessuuf.

2,Uummanni Oromoo Ajandaa Shira kanaan Gowwoomsamee Qabsoo Bilisummaa Oromoo cinaa dhaabbachuu irraa Akka duubatti deebi'uuf.

3, Uummanni Oromoo Waraana Bilisummaa Oromootiif Waraana Kana Addaan Wallaaluudhaan burjaaja'ee Akka Waraana Bilisummaa Oromoo irraa fagaatuuf

4,Ajjeechaawwaniif Gochaawwan Suukaneessoo Gargaraa Uummata Oromoo irratti Raawwachuun Akka Waan Waraanni Bilisummaa Oromoo hojjateetti ittiin hololuufi.fknf Gochaale akka kanaan dura #Godina_Boorana Aanaa Areeroo #Mataa_Gafarsaatti Daa'ima Umrii 13 irratti Waraanni Mootummaa gochaa Suukaneessa irratti raawwatee "Shaneetti Raawwate" jedhee sana kaasuun ni danda'ama.

Kanaaf Waan Shira kanaa Uummatni keenya baldhisee Hubachuu qabaa! Jenne kanaan duras barreeffama gabaabaan isaniif maxxansine akkuma turre ammas Shira kana Saaxillee Fashaleessuuf Qaamni Qabsoo Bilisummaa Oromoo tarkaanfachiisuuf qabsaawa jiru kamuu.... itti fufa 👇 https://t.me/KelloMediaOfficial/1287


Hidhattonni Adda Biliisa Baasaa Beenishaangul Gumuz Kamashii Dhunfate!
--
GWG-Fulbaana, 4/2021
--
Naannoo Beniishaangul Gumuz Godina Kamashiitti Hidhattoonni Adda Bilisa Baasaa Beenishaangul Gumuuz sochii isaa itti fufuudhan sa'a ammaa magaalaa godinaa Kamashii to'achuuf meeshaa gurguddaadhaan magaala Kamashii marsee jiraachuu odeessi arganne ni ifoomsa.

Haaluma kanaan humni guddaan gartokkee magaalichaa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Injiner Tigiree Dheeressaa, Buufata "Action Aid" fi Mana Amantaa Kaatolikii gara bahaatti ol dhufuun dirree kubbaa miillaa magaalichaa bira darbuun hanga Mana Murtii Godinichaatti fulla'aa jiraachuunis beekameera.

Hidhatoota Adda Biliisa Baasaa Gumuziif mootummaa Itoophiyaa jidduutti yeroo garaa garaa lolli adeemaa turuun ni yaadatama.

Oduma wal fakkaatuun Waraanni Biliisummaa Oromoo fi Hidhattoota Biliisa Baasaa Gumuz jidduutti wal ta'iinsi waraanaa eegalamuunis dhagaa'amaa jira.

Bal'ina oduu akkuma arganneen isin biraan geenya.
👇👇
@dhoombirii♥️
@dhoombirii♥️


Gufuun karaa dharaa irra jirtu hin buqqaatu, haga karaa sana balleessitutti.
Garuu gufuun karaa sirrii irra jirtu turtii yeroo muraasa booda ni buqqaati. Daandichi immoo qulqullaa'ee karaa hawataafi bareedaa ta'a. Warri qara daandii dharaa irra turellee daandiin sun waan badeef filannoo biraa hin qabu. karuma daandii hawataa kanaatti makamuuf carraaqqii godha. kana waan ta'eef dursitanii daandii qajeelaa filachuufi daftanii daandii dharaa irraa deebi'uun isinitti haa baratu.
Dogongora darberraa barachuun hayyummaadha.
Garuu dogongora kalee raawwatte irraa yoo hin barre kufaatii isa dhumaa kuftee jirtaa beeki👈
👇👇
@dhoombirii♥️
@dhoombirii♥️


Nimoonaa Sabaa:
Nuti warrumaa kalee sani isiniin jechaa jira ummanni warri kaabinee pp ta'uun ajaja mootummaan laate ummata irratti fe'uu bira darbitanii dantaa keessaniifis dafqa uummataa nyaataa jirtan. Sabni oromoo kama kalee gabrummaa wayyaanee jalaa isin baasee waadaa isinitti kenne sanaadha. har'a garuu isin akka waan wayyaaneen qabsoo keessaniin kuftee gootanii haasa'aa jirtu. kufaatii sirna wayyaanee keessatti gumaachi isin gootan ummata oromoo hidhuufi ajjeesuudha.
Kana oromoon sirritti beekee jira. Kanaafuu qabsoo oromoo fuuldura dhaabachuun isin hin barbaachisu. Yoo dandeettan qabsootti makamaa. Yoo hin danda'mne yaalii qabsoo oromoo gufachiisuu irraa uf qusadhaa. Mootummaan hin kufa, ummanni itti fufa. kanuma yoo isinii gale dhaamsa yeroo dhumaaf.
👇👇
@dhoombirii♥️
@dhoombirii♥️
#join godhaa warri isinitti tole


Репост из: Bontu Bekele
"Magaalaa Adaamatti konkolaatan ISUZU (Qixqixii Geejjiba Ummataaf oolu) kanneen magaalicha jiran hunda eddoo buufata konkolaatatti walitti qabuun lakkoofsa gabatee fuulduraa irraa guuraati oolan.Kunis maalif jedhamee gaafatamnaan warroota haaraa eebbifaman gara dirree waraanaa geessitu, lakkofsa Gabatee keessanis guyyaa geessitanii achirraa as deebitan fudhattu jedhan. Kanaaf warri leenji'uuf jedhee lafarra harkifamaa ture fi fedha duuluu hin qabne akka jara kana jalaa dhokatan itti naaf himi adaraa"


Dhalli namaa tokko tokko fedhii isaa guuttachuuf jecha isa biraa miidhee jiraata.
inni kaan immoo ufii isaatii miidhamee isa biraatiif jecha yeroon lubbuu qaalii isaa dhabus jira.
fakkeenyaaf akka biyya keennaatti yoo fudhanne warri maqaaf biyya bulchaa jirra jedhu kun, warra waggaa 27 ol dhiiga ilmaan oromoo dhugaa tureefii ammas dhugaa jiruudha.
akkasuma inni kuun miidhuu yoo jaalatu inni kaan ufiii miidhamuuu barbaada quuqama dhala namaaf qaburraa kan ka'e. Fknf Hacee yaadachuun ni danda'ama. inni oromummaa isaa qofaaaf lubbuu isaa dhabe. Biyyoo itti haaa salphisu rabbii
👇👇👇
@dhoombirii♥️
@dhoombirii♥️
@dhoobirii♥️


Репост из: Bontu Bekele
Ummanni Oromoo miliyoonni 50 ol yaadaafi ilaalcha siyaasaa tokko qofaan hin hoogganamu!

Qaamni dhimma Oromoo harkaa qaba jedhu kamuu ilaalcha siyaasaa kamiifuu banaa tayuun dirqama!

Dhimma ummata Oromoo ummata Oromoo qofatu murteessa!

Ana malee jechuun ammaa achi ummata Oromoo biratti hin hojjatu!

Ilmaan Abbaa Gadaa warra haqaa tayuun dirqama Keenna!!


Ajandaan midiyaa Keelloo fi OMNniin walqabatee yeroo gargaraatti ka'uu fokkisaa fi waan baayyee nama qaaneessudha. OMN taankii ummannii Oromoo, Impaayera itoophiyaa Wayyaanneedhan tikfamaa ture ittiin lafaan dhayeedha. Baroota 7 oliif Oromoo qofa osoo hin taane saba fi sablammoota biyyatti warra sagalee dhabaniif sagalee taheera. OMN midiyaa laphee ummaata Oromoo keessatti mana feerroodhaan ijaarrate midiyaa dhaloota qubeeti.

Garuu midiyaa Ummanni Oromoo bal'aan kiyya jedhe laphee dhiibee ittiin boonu kana gurmuun tahee fudhatee gandatti lixuu barbaada. Abadan hin tahu sun! OMN jabaatus nu hunda boonsa, laafu ammoo nu hunda miidha. Oromoon kaleessa midiyaa mataasaa dhabuun cabee, seenaan isaa jalaa hatame. Har’a ammoo midiyaaleen Afaan Oromoo dubbatan hedduun dhalachaa jiru. Baayyee Gaariidha. Midiyaaleen kunneen hundi kallattii itti amaneen waan Oromoo dubbataa jira. Rakkoon keenya guddaan kanan ani jedhe malee hin maaliif dubbatuudha.

Keelloon, Midiyaa reefuu dhalate qabsoo ummaata Oromoo jabeessee utubaa jiruudha. Jabeeffamu qaba. Keelloon dogoggoruu danda'a, gorfamee sirreeffamu qaba malee itti duullamuun fafa. Bulchiinsi Keelloo dadhabina qabaachuu danda'a akka foyyeesaan itti himamuutu qajeeladha. OMNnis ergamaa rabbii miti osoo hin dogoggoriin har’a hin geenye. Ciminni OMN ammoo gonkuma dadhabinaa fi dogoggora Keelloottin osoo hin taane hojii isaan qofaan safarama. Kanaafuu warri ofittummaan machooftan tasgabbaa’aa. Dhugaa jiru kanuma hadhaawus liqimsaa.
Orumoon gurmuun moo'a !
injifannoon kan keenna!
👇👇👇
@dhoombirii
@dhoombirii


Репост из: Odaa Tarbii
Yaa saba koo, yaada garagaraa qabaachuun waanuma jiru dha. Deeggaraan, miseensi, qondaalli fi Hogganni ABO fi WBO hundi kabaja guddaa qabu, waan fedhe dhufus kabajaan kun waan jijjiiramu miti. Kan hubatamuu qabu garuu, haalli qabsoo jijjiiramaa oola, haala yeroo kana dhaqabuuf ammoo humni haaraa dirqama fudhachuunis barbaachisaa dha. Kunis, hooggana haala yeroo waliin tarkaanfatee yeroo yerootti toftaa, tarsiimoo fi adeemsa qabsichaa hordofee qajeelchu qabaachuun barbaachisaa dha. Yoo kun raawwate malee bilisummaan hin argamu. Namooti tokko tokko Diasporaa irraa dhimma kana akka wal dhibdeen guddaa fi haaraan tokko har’a dhalateetti fakkeessanii dhiheessani fi afarsaan of sakatta’uu qabu. Namni yaada wal hin fakkaanne qabu elaa fi elaameedhaan wal marihatee qajeelfata. Kello Media elaa fi elaameef karaa saaqe malee waan balleesse hin qabu. Yaada Jaal Goollichaa bilisaan dhiheessuunis sirrii dha, boru ammoo yaada Jaal Gammachuu dhiheessuu malu. Kun rakkoo jiru furuuf gargaara malee, hammeenya fidu hin qabu. Inni guddaan naamusaan walitti haasahuu dandahuu dha. Warri akka Taayyee Danda’aa dhimma kana afarsuutti jirtan tasgabbaahuu qabu. Afarsuuf Taayyeenu ni gaha. Aadaa Oromoo keessatti ’dubbii baha hin dhorkan, galma dhorku malee’ jedhama. Seenaan Gadaa fi dimokraasiis kanuma nu barsiisa. Abbaan haqaa ilaa fi elaamee booda hubatama, obsaan wal hordofuu malee, yaaddahuun hin feesisu. Naamusa Oromummaan wal marihachuutu karaa dha. Kora Guddaa ABO-WBOn gaggeeffate booda WBO gidduu garagarummaan tokkollee hin jiru, WBOn tarkaanfii isaa itti fufaa jira, hojii jajjabduus nutti agarsiisuuf deema. WBO cinaa hiriiruun, caasaa PP bakkaa kaasuun, biyya ofii dhuunfachuu irratti haa fuulleffannu! Haa Jabaannu!
- Odaa Tarbii


Karaan ijoolleen qacaleen irratti wareegamte kunoo har'a nuhiif daandii qajeelaafii daandii qabannee irra deemnu nu ta'eera.
dhiigni isaaniis kan jigee bade osoo hin taanee kan jigee biqilee firii godhateedha.
kana jechuun immoo waa malee miti.
Qaamni ijoollee oromoo nyaataa ture kan har'as nyaataa jiru, kunoo har'a gaabbiidhaan waxalamuu bira darbees wal dhibdeen keessoo isaanii itti hammaatee jira.
kuni immoo kan mul'isu abdi murannaa sirnaa kanaati. karaan warra nama nyaataa hunduu tokkoma. Xurree salphinaafi garba dhoqqee qabu seenanii jiru. Carraan isaan qaban yoo jiraate, akkuma dargii baqachuudha. Kuns
fagoo miti dhihootti arguuf teessan.
👇👇👇
@dhoombirii♥️
@dhoombirii♥️


Odeessa Finfinnee irraa amma dhufe!!

General Biraanuu Juulaa dabalatee ajajoonni waraa*na Ethiopia 🇪🇹 Tarsiimoo (Strategy) lolaa irratti wal dhabuun walii galtee hojjachuun isaan gidduu akka hin jirree odeessi miliq**ee dhufe ni addeessa! Sirni tokko yeroo kuf*uuf deemu mallattaan inni argisiisu keessa tokko isa kanaadha.
@dhoombirii♥️
Dhoombirii♥️


Chaanaala kana join gochuun oduulee waqtaawoo, dhaamsa hayyootaa, garsaafi wantoota hedduu irraa fayyadamaa.

Chaanaala keessan #join qofa godhaa
👇👇
@dhoombirii♥️
@dhoombirii♥️


dhaamsa ummata oromoo maraaf, akkuma argaa jirru yeroon kun yeroo qabsoon oromoon godhaa jiru roga hundaan cimaa jiruufii humna jabeeffatee ariitiidhaan gara milkiitti dhiyaataa jiruudha.
kanaaf ummata keennarraa kan eeggamu immoo kallattii danda'een dhiibbaa sirna nama nyaataa kana irratti godhuufii WBO cinaa hiriiruun deeggarsa barbaachisu gochuufiidha.
JABAA UFII ABBAATU JABEEFFATA GAACHANA KEE WBO JABEEFFADHU OROMOO
#join 👇👇
@loombirii
@loombiii


Hidhattoonni Amaharaa Godina Wallagga baha Aanaa waayyuu Tuqaa keessa jiraattu ergamtoota pp waliin ta'uun hawwaasa keenya naannoo sana jiraatan darara jirti.akkasumas jirattota Wallagga baha Aanaa leeqa dullacha daanga aanicha giddu buufachun hawwaasni akka magaala nakamteetti hin qaxxaamurre dhorka jiraachuun beekamera. Hawwasni naannoo sana jiru Marti WBO tumsuun ergamtoota pp fi ilmaan nafxanyaa achi jirtu kaasu qabaan erga keenya cimaadha.!!!!


Oromiyaa boochisuun ni gaha! Ilmaan ishee abdii borii ta’an karaattii hambisuun in gaha! Oromiyaan nu waamti, waliin haa oowwaannu! Bakka jirrutti waan dandeenyuu haa goonu!
👇👇
@loombirii ♥️
@loombirii♥️


Hagayya 30 guyyaa gootichi Oromoo falmaa sabaa Eebbisaa Addunyaa itti wareegame.
Eebbisaan onnee dhaloota har’aa qofa miti Onnee dhaloota boruu keessas ni jiraata.
Turus bulus kaayyoon gootaa rarraatee hin haftu!

Join gochuun nu hordofaa
👇👇
@loombirii
@loombirii

Показано 20 последних публикаций.

82

подписчиков
Статистика канала