🎧:
Guyyaa Arafaa
Guyyaan Arafaa guyyaa 9ffaa baatii zulhijjaati. Guyyaan 10ffaan immoo guyyaa iida Arafaati. Guyyaan arafaa waggaa kanaa Sabtii irra oola. Guyyaan iidaa immoo Alhada irra oola.
Guyyaan arafaa guyyaa saglaffaan guyyaa gaafa itti hajjaajotni sirna hajjii isaanii xumuruuf iddoo Arafaa jedhamu irratti yaa'anii dha. Iddoo kana irratti guddinaa fii qulqullina Rabbii isaanii itti agarsiisanii dha. Guyyaa kana warra hajjii irra jiraniif soomaan dabarsuun hin jaalatamu.
Muslimtootni sirna hajjii irra hin jirre guyyaa arafaa guyyaa saglaffaa kana soomaan dabarsuun jaalatamaa dha. Hadiisa sahiiha taheen Ergamaan Rabbii Nabi Muhammad s.a.w sadarkaan sooma guyyaa arafaa soomuun qabdu tan cubbuu waggaa lamaa nama irraa dhiqtu tahu dubbataniiru. Cubbuu waggaa dabreetii fii tan waggaa itti aantu. Mindaa guddaa! Subhaanallah!
Rabbiin hajjaajota keenya irraa hajjii isaanii haa qeebalu.
Rabbiin nagahaanis gara qe'ee isaanitti isaan haa galchu.
Muslimtoota hajjii hin deemne immoo warra guyyaa arafaa soomaan dabarseetiin irraa fayyadamu nu haa taasisu! Aamiin
https://telegram.me/Aburufeeydah