بسم الله الرحمن الرحيم
=======≠======≠==≈≈≈≈
الأضحية(UDIHIYYAA)...‼️
====================≈
||
✔️Udihiyyaan Ibaadaalee gabroottan ittiin rabbii isaanii gabbara keessaa ibaadaa Akkaan guddaa ta'eedha. Gabroottan gaafa Rabbi isaanii gabbaran Ulaagaalee ibaadaa sanaaf guutui qaban kan yoo isii guutuu baatan ibaadaan sun him qeebalamnetu jira. Innis:-
✔️الإخلاص
✔️المتابعة
✔️Ikhlaasa:-Udihiyyaa qalan sana Rabbumaaf jecha qaluu fi
✔️Hordoffii:-Udihiyyaan gaafa qalamu Akkaataa Rasuulli(Aleyhissalaam)qalanitti qaluudha.
◼️ULAAGAALEE UDIHIYYAADHAAF GUUTAMUU QABAN
||
(1)Wanti qalamu sun Gaala,Horii,Re'ee fi Hoolaa ta'uu qaba.
(2)Waggaan isaanii waggaa shari'aan kaa'e ta'uu qaba.
✔Gaala waggaa ⑤ guutuu qaba
✔Horii waggaa ② guutuu qaba
Re'ee waggaa ① guutuu qabdi.
✔Hoolaa Ji'a ⑥ guutuu qaba.
③Aybii(miidhaa)irraa qulqulluu ta'uu qabdi.
④Beeyladi Udihiyyaaf qalamu sun qabeenya sbbaa qaluu sana ta'uu qaba.
⑤Yeroo isiidhaaf godhame keessatti qalamuu qaba.
✔Yeroon udihiyyaan itti qalamu Sa'aatii salaata Iidii Irraa raawwatame irraa eegalee hamma ji'a Zulhijjaa guyyaa 13ffaatti kan godhamuudha. gaafa Aduun guyyaa 13ffaa seenti irraa eegalee qalmi qalamu Sadaqaatti lakkaa'ama.
https://telegram.me/Abdurrahmanabuabdallah