AL-RISALA HUMANITY CENTER


Гео и язык канала: Сомали, Сомалийский
Категория: не указана


#Kaayyoo channel Al-RISALA HUMANITY CENTER,
1- #Odeeffannoo waytaawaa kennuu
2- #Da'awaa gabaabaa fi barsiisaa ta'e laachuu
3- #Seenaa babbareedaa
4- #Dhaamsa fayyaa fii kkf
Ergaa fii dhaamsa keenya #Follow #share gochuun nufaana turaa

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Сомали, Сомалийский
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


Fuula Shan Ni gaha Garuu Obsaan Dubbisaa
Haayyicha Islaamaa #Ahmaddin Jabal irraa


Kaayyoon gocha isaanii kun haasaan jibbiinsaa namichaan taasifame, arrabsoofi maqa balleessiin "deebii gaaffii muslimaatiif ykn walbira qabuu amantaa isaaniiti" jechuun wal bira qabuu sobaa (False Analogy) uumuun Muslima himataa osoo hin taane himatamaa godhanii mul'isuuf himannicha deebisanii muslimoota irratti deebisuu (shifting blame) dha.

Tooftaaleen olitti ibsaman miidhaafi duula Muslimotaafi amantaa isaanii irratti siyaasaan, xiinsammuufi piroppoogaandaa ga'u akka mul'isu ifa. Tooftaaleen kunneenis irra deddeebiifi ifatti hojiirra ooluu ilaalleerra. Tooftaaleen kunneen kabaja amantaa busheessuuf, tokkummaa hawaasa keenyaa diiguuf, arrabsoofi haasaa jibbiinsaa to'achuuf yeroof qofa kan oolaniiifi walooma walitti fufiinsa qabuuf garuu rakkoo ta'uun isaanii ifa.

Keessumaa ammoo kanneen pilaatfoormii miidiyaa qabdan, aktivistoonni dhiibbaa uumtonni mariin seera, haalaafi amala, haqa irratti hundaa'eefi walkabajuun guutame biyya keenyaaf haalaan murteessaa ta'uu ni hubattu jedheen yaada. Kun gaafa ta'e mariin keenya sirrii akka ta'e yeroo amanne odeeffannoo waljijjiiruu, waliigaltee dagaagsuu, wal amanuu yoo hin dandeenyellee garaagarummaa keenya waliin walkabajnee jiraachuun dhimma filannoo osoo hin taane dirqama ta'a.

Toltuu nu haa dhageessisu!


Hammeenya dhimmicha beekaa maqaa namichaa kaasanii namoota beekamo "Nutis ebeluudha" jedhan muraasa gara miidiyaatti baasuun hawaasni kaanis akka isaan faana ta'u kaasaniiru.

"Dhimmichi dhimma beetakiristiyaanaati'' suuraalee jedhan uumuun yakkamichi yakka raawwateef akka itti gaafatamu gochuu caalaa irra deebiin akka mul'atu gochuuf yaalaniiru. Walloomaafillee jecha ta'u addaggee balaaleffachuun dhugaa cinaa haa dhaabbannu" jechuun osoo galeefi.

Ta'ullee filannoon isaanii isa arrabse cinaa dhaabbachuu ture. Kanaanis muslimoota seeneffamaafi adeemsa kana balaaleffatan deebisanii himatamaafi balleessaa godhanii dhiheessuu fedhan. Kaayyoo kana milkeessuufis miidiyaalee garaa garaatiin "rakkoo kan uuman Muslimoota" suuraafi hubannoo jedhu uumuuf carraaqaniiru.

13/ Arabba lakkuu, madaala lakkuu
🚻🚻🚻🚻🚻🚻🚻🚻🚻🚻🚻🚻🚻🚻

"Nuti miidiyaa biyyaati" yeroo jedhan, qaamoleen madaalawaa fakkaatanii dhihaachuuf yaalaa turan tibbana haguuggiin fuula isaanii fiixee irra gahee ture guutummaan guutuutti mul'ateera. Madaalli isaanii yeroo kan isaanii asiin, kan biraatiif yeroo ta'u achiin ta'uu nu agarsiisaniiru.

Kan biroo arrabsuun haasaa jibbiinsaa ta'ee osoo jiruu Nabiyyii Muhaammad ﷺ arrabsuun akkamitti amantaa walbira qabuufi mirga yaada bilisaa ta'uu danda'a? Arrabsoon yoo yakka hin taane labsiin haasaa jibbiinsaa ba'uun maaliif barbaachise?

Amantaadhaan hafee seeneffamaaafi dhiyeessii garaagarummaa seenaa Itiyoophiyaa keessatti hin fudhanne ragaadhaan mormuu caalaa "Seeneffama sobaa", "hawaasa walnyaachisuuf kan kaayyeffate", "seeraan dhorkamuu kan qabu", "dhiheeffama tokko hin taasisne" fi kkf jechaa ilaalcha isaan irraa adda ta'e malaasuuf qaamoleen wixxirfataa turan dhimma arrabsamuu Nabiyyii Muhaammad ﷺ irratti meeshaa rukuttaa seenaafillee kaasaa turan faallessuun arraba lakkuufi madaala lakkuu akka qaban nutti agarsiisaniiru. Haguuggiin isaan uffatan buqqa'ee qullaa isaanii hafaniiru.

14/ Amantaa walbira qabuu sobaa (False Analogy)
📺📺📺📺📺📺📺📺📺📺📺📺

Tooftaan kunis dhimmoota lameen walitti hin dhufneefi waliin hin madaalamne jidduutti walbira qabuu dogongorsiisaa ta'e uumuun walfakkaataa gochuuf tattaaffii taasisuudha. Gocha arrabsoofi maqa balleessii miidiyaadhaan kallattiin Nabiyyii Muhaammad ﷺ irratti raawwatame waliin kan walfakkatuu uumuuf sanada garagaggalchuu eegalan.

Kitaabileefi viidiyoolee walbira qabuu amantaa waggoottan dura hojjatamanii turaniifi kan dur cal'isanii bira dabaran kaasuun seeneffama "abbootiin kanneeniis waliin nuuf haa gaafataman" jedhu uumuuf tattaafachuu eegalan. Kanaaf fakkeenya gaarii ta'ee kan isaanitti mul'ate waggoottan 16 dura bara 2001 kan maxxanfame kitaaba koo "Kiristoos eenyu? Gaaffiilee murteessoo 303" jechuudha.

Namni dhugaa jiru hubachuu barbaade kitaaba koo "Kiristoos eenyu? Gaaffiilee murteessoo 303" jedhu piroppoogaandaa namootaa osoo hin taane kitaabichuma mataasaa onlaayinii irraa buusee, waggoottan 15 booda mahabara qidduusaaniin bara darbe deebii kan kenne akka dubbisun affeera.

Bifa kanaan irra deebiin kitaabichaaf xiyyeeffannoon akka kennamu gochuu keessaniif isin galateeffataa, osoo hin maxxanin turuufi maxxansuufillee sooftikooppii waanan hin qabneef kanneen dubbisuu barbaaddan pdf isaa intarneetii irraa waan hin dhabneef barbaaddanii akka dubbistanin affeera. Kitaabichi arrabsoo tokkollee akka hin qabneefi haasaa jibbiinsaafi maqa balleessiillee akka hin qabne, qabiyyeen na gaafachiisu yoo keessa jiraate ammoo seera fuulduratti dhihaadhee falmuuf qophii ta'uu koo ibsuun barbaada.

Kan nama dhibu ammoo walbira qabuun amantaa gama isaaniitiinis kaarikulamiin qophaa'ee sadarkaa koolleejjiitti, kitaabafi mana amantaa keessatti kennamaa osoo jiruu ragaan, sababa qabeessummaan akkasumas adaba itti gaafatamummaan walbira qabuu amantaa dhihaate jibbaan, arrabsoofi tuffiin walqixxeessuuf tattaafachuu isaaniiti.


Adeemsi kun kaayyoowwan lama milkeessuufi. Inni jalqabaa maalis haa ta'u maal hawaasa biratti muslimoonni yeroo hundayyuu finxaaleyyii, gufuu waldanda'uu, sodaa biyyaafi ergamtoota qaamolee alaa godhamanii akka mul'atan gochuu yoo ta'u, kaayyoon inni lammaffaan ammoo muslimoonni tuttuqqii akkanaa cal'isanii akka bira dabarsan dirqisiisuun haasaan jibbiinsaa Islaamummaa irratti raawwatamu akka baratamuufi itti fufu gochuudha.

8/ Akraarummaa waliin walqabsiisuu (Association with Extremists)
🌎🌎🌎🌎🌎🌎🌎🌎🌎🌍🌍🌎🌍🌍

Tooftaan kun Muslimoota "Kabajni Islaamummaa eegamuu qaba" jedhan qaamolee akraarii jedhamanii farrajaman waliin walitti dhufeenya akka qaban godhanii dhiheessuun muslimoota dhimmoota akkanaa irratti sochoo'an gufachiisuudha.

Kun yoo ta'u faana muslimoota kanneenii hordofanii mirga amantaatiif dhaabbachuun sodaachisaa ta'a. Kunis sababa itti funaanuun qaamoleen lamaan walitti dhufeenya akka qaban godhanii dhiheessuun namoonni akka gufatanii of booda akka deebi'aniifi gara ofirraa ittisuutti akka dhufan gochuuf yaadamee kan godhamuudha.

9/ Filannoo walabaa (Selective Neutrality)
🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐

Tooftaan kun maloota garaa garaatiin hojiirra oolaa ture. Gama tokkoon miidiyaaleen muslimoota miidhamtoota ta'an dharaan nama ''Yakkamaa'' fakkaatee dhihaate dhiheessuun isaan walaba fakkaatanii hojii miidiyaa isaanii hojjataa hojjataa kan fakkaachuuf yaalu.

Akka nama dhuunfaattis haa ta'u akka miidiyaa tti dhimmoota biroo itti walaba osoo hin ta'in gabaasa hojjataa, waan ibsa fakkaatu ofii isaaniitiif baasaafi qaama sanaaf yeroo bal'aa kennaa turanii amma dhimma kana irratti garuu "nuti walaba" tapha jedhu taphatu.

Yeroo kan gaafatu dhufu "nuti ilaalchota lameenuu dhiheessineerra" jechuun deebisu. Isaan kaan ammoo "nuti walaba" kan jedhuun dhimmoota gabaasuu hin feene filataa walaba ta'anii mul'achuuf yaalu. Miidiyaaleen tokko tokko immoo "Anis isin waliin osoo hin taane namicha arrabse sana waliini" waan jedhan bifa fakkaatuun waamicha ibsaa fudhachuu dhiisuun bakkichatti hin argamne.

10/ Dhimmoota birootiin dagachiisuu (Distraction with Other Issues)
❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌

Tooftaan kun haalota muslimaan walqabatan kanneen dhimma kana waliin wal hin qabanne biroo, rakkoo biyyaa yookaan wantoota biroo kaasuun dhimma waliin dhahuudha.

"Osoo dhimmoonni jajjaboon hatattamatti xiyyeeffannoo barbaadan akkanaa jiranii gocha nama dhuunfaa hagas mara guddisanii dhiheessuun sirrii miti, gochichi sirrii ta'uu dhabuu nutis ibsineerra, ta'ullee sadarkaa kanatti guddisuufi dheeressuun sirrii miti" dhiheessii jedhu hordofuun dhimmichi xiyyeeffannaa maluuf akka hin arganne ykn akka dagatamu gochuuf yaaluudha.

11/ "Hojiin jara ebeluuhoo?" (whataboutism)
⚽⚽⚽⚽⚽⚽⚽⚽⚽⚽⚽⚽⚽

Tooftaan kun"Amantaan keessan tuqamuun sin irratti hin eegalle, nutis rakkoo heddu dabarsineerra, arrabsamneerra, godaanneerra, yeroo rakkoon sun marti kiristiyaanota irratti raawwatamu isinis cal'isuu hin qabdan ture" fi kkf jechuun dhimmicha xiqqeessuudha.

Osoo gocha namicha Nabiyyii Muhaammad ﷺ arrabsee hin balaaleffatin, ajandicha irrattis gabaasa madaalawa osoo hin hojjatin pilaatfoormii miidiyaa qabaniin walbira qabuu amantii fayyadamaniiru, "waa'ee amantaa keenya maaltu isaan galche?" kan jedhuun xiyyeeffannaa muslimoota amantaa walbira qabuu hojjatanii akka ta'an yaalaniiru.

Gaaffiilee “Hojiin jara ebeluuhoo?” (whataboutism) jedhanitti hirkisuun karaa maqsuu yaalaniiru. Miidiyaalee isaanitiin sagaleen Muslimaa akka ukkaamamuufi kan qaama isaanii akka dhaga'amu gochuuf tattaafataniiru.

Miidiyaaleen muraasnis ibsa majlisniifi gumiin yaa'ii amantiiwwanii baasan gara kanatti hirkisuun "Yakkamtoonni gama lamaanuu jirtan adabadhaa ta'aa" kan jedhu uumuuf tattaafataniiru.

12/ Gahee miidhaafi miidhamaa waljijjiiruu (Reversing the Victim & Aggressor Roles)
🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁

Tooftaan kun namicha Ergamaa Rabbii ﷺ arrabseefi haasaa jibbiinsaa raawwate sana "Muslimoonni ajjeesuufi" seennafamaa sobaa jedhuun namoonni gareen amantii isaa akka isaaf dhaabbatan kakaasuudha.


4/ Haalicha to'achuun gochichi akka hin balaaleffatamne ittisuu (Controlling the Discourse to Avoid Isolation)
📥📥📥📥📥📥📥📥📥📥📥📥📥📥

Tooftaan kun kalattii kamiiniyyuu waan yakkichaan walfakkaatu uumuun miidiyaafi hawaasa biratti ajandummaan darbees ammoo balaaleffannaan dhimmichi kophaa isaatti akka hin balaaleffatamne gochuuf tattaafachuudha

Kun akka milkaa'uuf miiraafi amantaa hawaasaa tuttuquun sarara sana keessa akka seenu gochuun yaadasaa miiraan akka ibsatu gochuun dhimmoota walfakkaatoo irratti qaamoleen dhimmi ilaallatu Yaa'iin Dhaabbilee Amantii, Qaamoleen mootummaa, miidiyaaleefi qaamoleen biroo seeneffama isaanii fudhachuun yakkamaa sana yookaan deeggartoota isaa qeequu irraa akka faga'atan gochuun gama hundaan tattaafachuudha.

Kun yoo ta'u abbootin amantaa Islaamaafi Kiristiyaanaa waliin ba'uun seeneffama qabiyyeen "Yakkamtoonni hunduma keenya bira jiru" jedhuun dhiyaatu qabu akka fudhatan dhiibbaa isaaniif uuma.

Mootummaanis dhiibbaa seeneffama kanaa jala galuun kallattii miidiyaalee isaatiinis haa ta'u karaa qondaalota isaatiin sadarkaan isaa maalis haa ta'u maal gabaasa yookaan haasaa qabiyyeen isaa dhimmichi qaamolee lameenuu akka ilaallatu ibsu kennuutti deema.

5/ Miidhamaa Naanneessuu (Victim Reversal)
↖️↖️↖️↖️↖️↖️↗️↗️↘️↘️↖️↗️

Tooftaan kun qaamolee miidhamtoota akka waan miidhaa raawwatee fakkeessaanii dhiheessuudha. Fakkeenyaaf gocha yakkamaa seeraan adabbii maluuf argachuu qabuu cinaatti dhiisuun haasaa muslimoonni aarii keessa seenuun bifa doorsisa fakkaatuun haasa'an baay'inaan irra deddeebiin walarkaa fuuchuun dhiheessuudhaannm ''Muslimoonni isa ajjeesuuf waan ta'eef lubbuun isaa balaa keessa jira" jechuun namichicha yakka raawwataa osoo hin taane akka waan yakki irratti raawwatamre godhanii tooftaa dhiheessuuti.

Hawaasaan "Goota keessan tikfadhaa" jechuun humna walitti qabaachuuf gabaasaalee miira kakaasu jedhanii yaadan cicciranii fayyadamamuun dhugaa jiru naanneessuuf yeroo wixxirfatan mul'ataniiru.

6/ Ajandaa Jijjiiruu (Agenda Shifting)
💧💧💧💧💧💧💧💧💧💧💧💧💧

Tooftaa haala dhiheessa qabiyyee miidiyaa/uwwisa (Media framing) fayyadamuun xiyyeeffannaa hawaasaa dhimmicha irraa fageessuu yookaan qabiyyee ijoo falmii jijjiiruufis carraaqqiin taasifameera.

Fakkeenyaaf ajandaan tibbanaa ifaan ifatti Eegamaa Rabbii ﷺ miidiyaan arrabsuu ta'uun ni beekama. Ta'ullee dhimmicha irratti kan barrefaman, kan dubbataman, namni yakkicha raawwate qabamee seeratti akak dhihaatuu kan gaafatan yookaan haasaa, barreefamaafi viidiyoowwan muslimoota dhimma iana waliin walqabataniifi gahee qabu jedhanii yaadanii cicciraniifi walitti fufanii dirree sana haala ture irraa gara waan ofiif fedhaniitti jijjiiruuf tattaafataniiru.

Namoota sanaanis ija shakkiin kan ilaalaman, sodaachisaa, ergamaa qaamolee alaa, sabboonaa, diinaafi kkf fakkeessanii dhiheessuuf dhimma duraanii qabbanaa'ee yookiin ajandaan jijjiiramee hawaasni waa'ee namoota kanaa akka yaaduufi isaanis dhimmicha dhiisanii gara ofii isaaniirraa ittisuutti akka deebi'an gochuuf yaalaniiru, yookaan ammoo ajandichi arrabsamuu Nabiyyii Muhaammad ﷺ ta'uun hafee muslimoonnis waamuma akkasii godhaa jiru gara jechuutti akka dhufu gochuufi yaaluudha.

7/ Yaada bilisaan ibsachuu akka gaaddisaatti fayyadamuu (Free Speech Rhetoric)
☀☀☀☀☀☀☀☀☀☀☀☀☀

Kabaja Ergamaa Rabbii ﷺ tuquufi isaan arrabsuun qaama yaada ofii bilisaan ibsachuu akka ta'e godhanii dhiheessuun tooftaa biraa isaan fayyadamaniidha. "Bilisummaan yaadaa kabajamuu qaba" tooftaa jedhuun haasaan jibbiinsaafi arrabsoon akka cal'ifamu gochuuf tattaafataniiru.

Kun ammoo tooftaalee baratamoo yeroo baay'ee muslimoota irratti taasifaman keessaa isa tokko.

Ergamaa Rabbii ﷺ yeroo arrabsaniifi maqaa xureessan dhimmichi mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu ta'a. Yeroo muslimoonni tokko tokko deebii miiraan guutame kennan garuu finxaalessummaa ta'a.


Walqixxummaa barbaacha, imala waggoottan 16
❇❇❇❇❇❇❇❇❇❇❇❇❇❇❇❇
Ahmaddiin Jabaliin
1⃣6⃣1⃣6⃣1⃣6⃣1⃣6⃣

Gochi tibbana ajandaa ta'e bifa duurfamee waan karoorfame fakkaatuun kaayyoo ta'e wayii milkeessuuf miidiyaa hawaasaa irratti Eegamaa Rabbii ﷺ maqaa xureessuuf taasifame muslima hundayyuu dheekkamsiiseera. Namni yakkicha raawwates hatattaaamaan seeratti dhihaachuun adabbii maluuf argachuu qaba.

Tooftaa waraana piroppoogaandaa siyaasaafi xiinsammuu irratti hubannoo hawaasaa to'achuun yakka qaama ofii dhoksuuf, isa kaan himatamaa godhanii dhiheessuuf, miidhamaan miidhaa isaa akka hin dhiheeffanne ukkaamsuuf yookaan hanga deebiifi sadarkaa ho'aa madaaluuf jecha wantoota walitti hin dhufne lama bifa dogongorsiisaa ta'een walfakkeeffamee dhiheeffamuuf tattaaffiiwwan garaa garaatu taasifamu.

Tibbana dhimma kabaja Ergamaa Rabbii ﷺ xureessuu, arrabsuufi dhimma haasawaa jibbiinsaa ilaalchisee namoonni tokko tokko, Aktivistoonniifi miidiyaaleen tooftaa isaan fayyadaman, akkaataa isaan dhimmicha itti xiinxalaniifi kanneen kanaan walqabatan namni kalattii piroppoogaandaa, waraana xiinsammuufi istiraateejii siyaasaatiin ilaalee toftaalee isaan fayyadaman heddu salphaatti hubachuu danda'a. Itti aansuun tooftaalee muraasa haa ilaallu.

1/ Walqixxummaa sobaa uumuu (False Equivalence)
🚼🚼🚼🚼🚼🚼🚼🚼🚼🚼🚼🚼🚼🚼

Tooftaan kun namoonni beekamoon, Aktivistoonniifi miidiyaaleen akkuma tibbana ta'e bifa kabaja isaanii tuquun dhimma arrabsamuu Nabiyyii Muhaammad ﷺ tooftaa amantaa walbira qabuu godhanii ilaaluu gochuudha. Hanga kanatti ''Nabiyyii Muhaammad ﷺ arrabsuun amantaa walbira qabuudha'' tooftaa jedhu uumuuf carraaqqiin taasifameera. Kaayyoon isaan kana godhaniifis garaagarummaan amantaa walbira qabuufi haasawaa jibbiinsaa jidduu jiru akkasuamas arrabsoo jidduu jiru akka dhokatuufi namichi noormaalummaan akka ilaalamu gochuudha.

Dabalataan isaan tokko tokkos walqixxummaa sobaa uumuu kana waliin walqabatee miidiyaalee hawaasaa irratti akka mul'atetti abbaa haasawaa jibbiinsaafi arrabsochaa waliin akka ta'an ibsuuniifi manni amantaa isaanii akkuma majlisaa ibsa akka baasu waamicha kan taasisan yoo ta'u gariin isaanii ammoo ''Yaa'iin dhaabbilee amantaa nu'iifi isaan ija walqixaan ilaaluu osoo qabuu barreessaa olaanaan isaa qeesis taagaay amantaa keenya hordofaa maaliif nurratti ibsa baasa?'' jechuun amantaa namicha gaaffii keessa galchuunmf yeroo wixxirfatan argineerra.

2/ Seenaa wabeeffachuun sirrummaa agarsiisuu (Historical Justification)
✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅

Tooftaan kun dhimma arrabsamuufi tuqamuu kabaja Nabiyyii Muhaammad ﷺ waliin kan wal hin qabanne ragaalee seenaa garaa garaan walitti qaban eeruun sirrummaa gocha qaanfachiisaa kanaa mul'isuuf yaaluudha. ''Kitaaba Kiristoos renyuudha?'' faa dabalatee kanneen biroo eeruun wabeeffachuun dhiheeffatu.

Haasaa jibbiinsaa Nabiyyii Muhaammad ﷺ arrabsuufi maqaa xureessuu gocha amantaa walbira qabuu (comparative religion) ammaatoonni martuu taasisan keessaa kan Muslimaa qofa kophaatti baasuun arrabsoo waliin walfakkaatee akka mulaatuuf sosochii miidiyaas fayyadamaniiru.

Amantaa walbira qabuun kan gaggeffamu dhugaa bira ga'uuf adeemsa bifa gaariin ragaa bu'uura godhachuun kan taasifamu ta'uu osoo brekanuu ta'e jedhanii jibba dhuunfaafi arrabsoo waliin walfakkeessanii dhiheessuuf tattaafataniiru.

3/ Walqixxummaa haamilee uumuu (Moral Equivalence)
🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀

Deebii muslimoonni gocha namichi raawwate kanaan mufatan tokko tokko miiraan kennan walqabsiisuun gocha muslimoonni tokko tokko namicha miidhuuf doorsisuu guddisanii ergaa qabiyyee ''nageenyi keenya rakkoo keessa seeneera'' jedhan facaasaniiru. Haalaan hamma'ataa kna ta'e haasaa jibbiinsaa, arrabsoofi maqa balleessii amantaa walbira qabuun walfakkeessanii dhiheessuun amantaa walbira qabuu akka waan haasaa jibbiinsaatti fudhataniiru.

Hundeen gocha kanaa "Isin waan ebeluun dubbate akka jibbiinsaa, arrabsoofi maqa balleessiitti yoo lakkoofstan nutis gochi keessan walfakkataadhaa kan jedhu uumna" kan jedhuudha. Xumurri isaas "sun badii yoo ta'e kunis badiidha" hubannoo jedhu uumuudha.


🎋Guyyaa 10 Qofatu Hafe .
                6/7/2017 
🔺Alrisaala Humanity Center
👆Ee Al-Risaalaa Dha .
🌈Inni jechaa Miti Gocha .
🌈Karooraa Miti Sochiidha .
🌈Abjuu Miti Milkiidha .
                    🌌🔹 inni
🍡Gorsaa Dha .
🍡Utubaa Dha . 
         🎯isatu Asiin Nu Gahe .
                    🌌🔹 Inni
🎈Fireedha
🎈Hidda
🎈Jirma
🎈Dameedha
🏮Inni Muka Miti Odaadha .
▶️Mukni Odaa Bakkuma Argetti Hin Mul'atu .
  ⛰Gaafa itti Hajaman Garuu
     ↗️Iddoo Araaraati
     ↗️  Gaaddisa .
🔻Gaaddifni Yeroo Fi Karoora Ofii Qaba .
➖ Gaaddisa itti Dhaqan Malee Namattin Dhufu .
➖ Gaaddifni Ajaja Rabbiin Qofaan Socho'a .
➖ Saniif Gaaddisa Jenneen .
🎉isa Dura Mukni Hin jiru Firee Qofa .
📍Isatu Firee Irraa Muka Baase !
💔Har'a Garuu Mukaa Miti
             ❣Inni Bosona .
🔹Gurmuu Qaba Laayyotti hin Kufu.
❤️ Sagantaa Isaa Haftanii Nun Komatinaa !!!!
Surprise 🫢 llee Qabna jedhan
     🔻  Hin Himamu
     🔹  Ni Mul'ifama Malee


*بشرى سارة للباحثين وطلاب العلم في إثيوبيا*


بعد جهد كبير وصلت المكتبة العلمية الشاملة إلى المكتبة العامة الإثيوبية (ABRHOT) التي بجانب جامعة أديس أبابا، التي بناها رئيس الوزراء د أبي أحمد علي، وقد تبرع بها فضيلة الشيخ محمد الإدريسي- من علماء المدينة المنورة - وكان لفضيلة الشيخ الدكتور محمود حسين عبد الله المدير العام لجمعية الدعوة والثقافة الإسلامية ورئيس الجامعة الإسلامية بمنيسوتا فرع إثيوبيا جزاه الله خيرا معفاة من الضرائب .

وتعتبر هذه أولى مكتبة إسلامية باللغة العربية في مكتبة إثيوبية عامة حيث لا يوجد سابقا كتب المراجع والمصادر باللغة العربية إلا عدد قليل لدى الأفراد.

وتحتوي المكتبة على تسعة آلاف عنوان من المراجع الشرعية والعلوم العصرية واللغة العربية، وبعض الكتب فيها تضم أكثر من 30 مجلدا وهذه قائمتها👇👇




“Namni Amantaa Qabu, Amantaa Namaa hin Tuqu”
-————————
‎بسم الله الرحمن الرحيم
‎السلام عليكم ورحمة الله وبركاته

Gurraandhala 30/2017, Ramadaana 9|1446

Tibbana kana namoota beekoofi bebbeekamoo fakkaatanii, doofaa haguuggii Amantaa uffatanii, Maqaa Amantaa diratanii, Amantaa namaa xureessan kan akka Solomon Shiferew(عليه من الله مايستحق ) hedduutu as bahaa jiru.

Namichi kun maqaa isaa dhokfatee maqaa social midia “Effoy” jedhu keessa dhokatee Muslimootaa, Amantaa isaani fi ergama Rabbii kan tahan Nabi Muhammad(صلى الله عليه والسلم) arrabseera.

Kanaan walqabatee Majliini oromiyaa ergaafi Ijjannoo armaan gadii qaba.

1. Namni Amantaa Qabu, Amantaa Namaa hin Tuqu. Kun naggaadee Amantaati waan taheef hojilee gadi deebii akkasi Majlisni keenya cimsee balaaleffata.

2. Dalagaa Isaa kanaaf Seeraanis, heeraanis seenaanis isaafi nama hoji hin malle akkanaa godhan kamiinu ni gaafachiisa. Dhimmi kun dhimma yeroo fudhachuu danda’u ta’uu qofa malee malee akka Mana Marii keenyaatti jala sararree itti gaafatamummaa jalaa akka nama kana hin baasne cimsinee ergaa keenya dabarsinaaf.

3. Biyyi keenya biyya Amantaalee hedduun walkabajee waldanada’ee keessa jiraatu jedhamu sunuu ji’a Soomanaa keessa waan akkanaa gochuu miira hawaasa keenya tuqamu ija kamiinu calisnee kan hin ilaalle ta’u ni beeksifna.

4. Namoonni seeraa fi Dudhaa biyya kanaa cabsanii Amantaa Islaamaa arrabsuu fi Nabiyyicha kabajaa Nagaaniif Rahmanni Rabbii isaan irra haa jiraatu xiqqeessuuf yaalan kamuu kabaji Isaaniis ta’e Amanticha ciminaa fi Ijjannoo malee xiqqeenya akka hin taanee akka hubatu feena.

5. Qaallicha kana godhe Ol’aantummaan seeraa keessattu Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa yeroo gabaabaa keessatti Rakkoo biraa ituu hin Uumamiin to’annoo seeraa jala akka oolchan cimsinee hubachiifna.

6. Hawaasi keenya kabajamaanis, bifa Hariiroo jireenyaafi tasgabbii hin booressinee namicha kana bakka jiru adamsitanii duuka buutanii qaama seeraaf akka dabarsitanii kennitan isin gaafataa yoo haalli mijnaahuu baate illee eeru haala barbaachisaan akka kennitan gaafachaa

7. Dhuma irrattis Manni Marii keenyaatti guyyaa boru irraa kaasee Abukaatoo seeraa itti Ramadee himata banuuf haal duree barbaachisu hunda taassisaa akka jiru isin beeksifna.

Galatoomaa!!


Maal biyyaa godhe?maal saba kanaa buuse?tajaajilli hawaasa kiyyaa godhaa jiru maal faadha? maaltu gama kootiin narraa eeggama jedhi malee, anaaf maal naa godhan?biyyi maal naa godhuuf deemti ?hawwasni kunis maal na fayyadaa jira jettee uf hin dhiphisinii yaada faallaatii dhiisi.

Eeee.
Wanti ati biyya teetiifi saba keetiif gootu liqiidhaa beeki,biyya teetiifi saba kee hawaasa kee,kaffaltii fi liqii tokko malee tajaajiluu dandeennaan,biyyi tee kaffaltii tee guutuufi dhala qulqulluu wajji itti sii dabaltee sii deebistii seenaa abboota keetii irraa waa baradhu.

Yaa
Akaakoleefi abaabolee kee laali,kaleessa irraa jalqabanii,guyyaa tokko biyya ufii irraa waan addaa barbaadanii dabaree eeggatanii hin tajaajillee argi, tajaajila bilisaa kennanii seenaan isaanii hanga guyyaa qiyaa**maatti barraahee irraa baratamaa jiraa xiinxalli.

Jaaloo
Jaalattee osoo hin taane dirqitti liqimsitee kan fudhachuu qabdu,biyya tana keessatti ilmaan kee guddataa jiranii beeki,biyya ati abaaraa komataa keessatti guddatte keessatti ilmi kee eebbifamaa kolfaa mirqaanaa bashannanaa hin guddatuu xiinxalli.

Obbolaa
dirra kee cinaa isaatiin gubachaa cinaa kaaniin uf fayyisaa harka wal qabannee dararaafi gadadoo jalaa bahuuf yoo kutannee hin kaane tahe,har'a dhiisii borus boohichi bohichuma dhaalaa deema malee furmaata hin tahuu hubadhu.

Kana waan taheef rakkoolee keennarratti yeroo dabarsinee gadda walii raabsuu mannaa,madaa rakkoo keennaa adda baafnee xiyyeeffannee furmaatarrati waliin duuluu sirna keenna taasifachuun dirqama keenna.

Ekaa
Bakka caba keennaa fayyisuuf jecharraa hanga gochaatti wal haa utubnu,bakka jirrutti waan hawaasa keenna mataa isaa ol qaburratti haa xiyyeeffannu,rakkoolee xixinnoofi dogongora xixinnoo mul'attufi qabnu, irra walii dabraa deemuun gamnummaa tahuu haa hubannu.

Iccitii qe'ee teennaatiifi nama keennaa hnga silaa tahuu qabuun haa dhokfannu,Ormi dadhabaa ufii jabeessaa jabaa ormaa laaffisaa dhufe,ati jabaa kee laamshessaa laafaa ormaa jabeessaa sochoota taanaan,kufaatii nama keetittif sababni si tahus, dabareen kufaatii keetiitis dhihoo sitti jiraa uf qusadhuu addunyaa tana seera isii baradhu.

Inni sirrii
Kan daangaa bira darbuu hin dandeenye yoo jiraate ,daangaa Rabbii yoo tahe qofaa beeki,kan sanaa achii taanaan waan ilma amaa garii isaa ija irraa qabachuun sirreessuun ni dandahamaa obsa horadhuu,biyyaafi saba kana baraaruu irratti xiyyeeffadhu.

Abbaa!!
Baatii Ramadaanaa kana keessa du'aa'iin ati biyya keetii saba keetii hawwasa keetiifi maatii keetii goote akkaduma kan lubbuu keetii goote maal fakkaata mee uf gaafadhu.


✍️ "Kan #Nuti Rakkanne Manguddoota utuu hin taane dargaggoota Onneen isaa dulloomedha" Ustaaz Abubakar Ahmad

Ergamaa Keenya Kabajamaa lubbuu keenyaa ol jaallannu yeroo tokko qofa utuu hin taane yeroo kuma tokko kan fiidaa isaaf of goonu tuquun Nabiyyii keenya kabajamaa tuquu utuu hin taane, tuffii ummata kanaati. Kanaaf dargaggoonni bakka isin madaalu dhaabbadhaa. Seenaa keessan kaleessatti deebi'aa.

Namoota ergamaa Rabbii irratti daangaa darban kallattii seeraatiin itti deemna. Hordoftoonni Amantaa biroo wonni nuuf hubachuu qabanu nuti gaafa gorsinu gaafa waamnu dirqiidhaan deemnee hin beeknu. Kanas akka goonu amantaa keenya nuuf hin hayyamu. Kanaaf namoota maqaa amantaa baatanii ummata wolitti buusuuf deema harka jaraa qabuun dirqama keenya.

Dargaggoonni carraan qabnu hardha waan ta'eef diinii keessaniif hojjachuuf hardha qophaa'uutu isin irra jiraata. Dargaggoonni irree tokko ta'aa dhaabbadhaa. Diinii keessaniif ga'ee keessan ba'achuuf yeroo kamiyyuu caalaa qophii ta'aa.


🎋Guyyaa 10 Qofatu Hafe .
                6/7/2017 
🔺Alrisaala Humanity Center
👆Ee Al-Risaalaa Dha .
🌈Inni jechaa Miti Gocha .
🌈Karooraa Miti Sochiidha .
🌈Abjuu Miti Milkiidha .
                    🌌🔹 inni
🍡Gorsaa Dha .
🍡Utubaa Dha . 
         🎯isatu Asiin Nu Gahe .
                    🌌🔹 Inni
🎈Fireedha
🎈Hidda
🎈Jirma
🎈Dameedha
🏮Inni Muka Miti Odaadha .
▶️Mukni Odaa Bakkuma Argetti Hin Mul'atu .
  ⛰Gaafa itti Hajaman Garuu
     ↗️Iddoo Araaraati
     ↗️  Gaaddisa .
🔻Gaaddifni Yeroo Fi Karoora Ofii Qaba .
➖ Gaaddisa itti Dhaqan Malee Namattin Dhufu .
➖ Gaaddifni Ajaja Rabbiin Qofaan Socho'a .
➖ Saniif Gaaddisa Jenneen .
🎉isa Dura Mukni Hin jiru Firee Qofa .
📍Isatu Firee Irraa Muka Baase !
💔Har'a Garuu Mukaa Miti
             ❣Inni Bosona .
🔹Gurmuu Qaba Laayyotti hin Kufu.
❤️ Sagantaa Isaa Haftanii Nun Komatinaa !!!!
Surprise 🫢 llee Qabna jedhan
     🔻  Hin Himamu
     🔹  Ni Mul'ifama Malee


🌱Yaada Shororkeessaa !!!?
#Islaamummaaf Maal Gumaachite
♦️ما علمنا الاسلام كما ينبغي.
🧶Dursa Galanni Guddaan Hin ibsamne Kan badhaasa islaamummaati .
🧶Isa dukkana shirkii ifaa islaamummaatiin ibseeti .
🧶Nutis Uumamtoota keessaa kan islaama nu godheeti .
🧶Maal Jenna Alh malee
🧵Filannee , Beeknee hin fudhanne .
🧵Nuu filtes , nu Filtee nuu kennite malee
🧵Cinaa keenna yoo ilaallu galataaf Jecha dhabna .
🧵Afaan Hidhamee Jechi qabama .
♦️Ambi Waan gabbaru irraa dabe Dhoqqee keessatti kufe .
♦️Kalee hindiin Rabbiin isaan gabbaran (Saani) Jalaa duunaan gadda labsatan .
♦️Nu ka Du'aaf jiruu uume si gabbarra Yaa rabbi
Islaamummaan Laaftutti hin arganne .
♦️Cabaaf buqqaa heddutu as baase .
🏓Dhiigaaf Wareegama heddutu mul'ise .
🏓Kalee laaftuu hin turre Ani islaama jechuun
🏓Kalee laaftuu hin turre Koofiyaa Uffachuun
🏓Kalee laaftuu hin turre Qur'aana qabachuun .
🏓Laaftuu hin turre Sunnaa fi sifa Rasuulaatiin Mul'achuun .
🏮Yoo Achi fagaanne Waan Sahaabonni ta'antu nu fudhata .
🏮As of Cinaa yoo ilaalle Waan Dargii fi Miniliktu Mul'ata.
🏮Seenaa waggaa hedduu debree miti ...
🏮jaarra tokko dura Akkas taane .
🏮Beekkumsa irraa nu ugguran .
Diinagdee irraa nu ugguran.
⚱️Hawaasumaa irraa nu ugguran.
⚱️Lafaa fi Nama nu saaman
⚱️Magaalaa Guddoo biyyattii keessa Yoo deemtu
⚱️Kuun goorgis jedhama Kuun Phaawuloos jedhama ....
⚱️Maqaa Waan gabbaranii itti moggaafatu .
⚱️Ta isaaniiti Akka hin jenne Muslima Harka 60 ol Of keessatti Hammatti .
🔮Biyya bal'oo seenaa gaarii islaamumma waliin qabdu dhoksan .
🔮Haqummaa fi Namummaan silaa Biyya muslimni isii keessatti 60% gahu Qoodama Maqaa argachuu qaba ture .
🔮Biyyi keenna Guddinaa fi jabina islaamumma keessaa kanaa Faana seenaa gaarii qabdi .
💎Akki Ta'uun malee Akki Ta'e Wal Adda
💎Silaa ka Ta'uu qabu ...
💎Addabaabaayiin Najjaashii Walakkaa magaalaa jiraachuu qaba ture .
💎Hambaan seenaa bilaaliifi Hoosiftuu rasuulaa ummu Barakaatiin moggauu qaba ture .
♂️Kan seenaa Artististoonni Biyya kanaaf gumaachaniif Maqaan kabajaa kenname .
♂️Daandii fi Maqaan lafa sahaabota Habashaa turanii mogga'uu qaba ture.
♂️Biyya Seenaa Ofii dhoksee Kun keennaa miti yaadni jedhu shororkaa kaasa .
♂️Akka Afrikaatti Faaya seenaa gaarii qabna .
🏺Boru hin beekamu Jijjiirama Haqa keenna makate Hawwina .
🏺Isin Waan feete jettanis Waan Amma Hojjatamaa jiru ni deeggarama .
🏺ka nuu ta'e keessa fudhataa
kan xurreesanii nuu keennan dhiqataa .
🏺Ka nun fakkaanne Of duubatti gataa
🏺Saffisa cimaan Fulla'utu Eegama .
🏮ofii of Ta'uuf hojjataa deemama .
🏮Qaama Har'a Islaama Bakka bu'e irraa Waan baayyeetu eegama .
🏮Biyyaa biyyattii Sagantaa Daaw'aa fi ziyaaraa taasisuu qofa osoon taane hojii dhalootatti dabru barbaanna .
🏮Waan biraa dubbatuuf yaade
isin Chat malee waa Dubbisu kana Baayyee ittin Toltan
⚱️Hundaafuu galatoomaa Baga dubbiftan.
⚱️Waan hafe Itti deebina !!!
#Yaada keessan itti dabalaa
❤️Yaada kennuu kana rabbi isinitti hin beeku


🔻Coming Soon 👇
🔸Al-Risaalaa Humanity Center
🧲Waggaa 12 Qaxxamure
⛰Barsiisee
🏔Leenjisee
⛰Qaree
⛰ Qaroomsee
⛰Gahoomsee
⛰Gahee Ofii BAHE
🌆Ammas WalTajjii [GALAANA  DHOKATE ] jedhu Qopheesse.
🔻Ramadaana Guyyaa 15ffaa
🔹Sa'aatii: 7:00
🔹Iddoon: Galma Abbaa Gaddaa
                  🔵 Bale Robe
😍Yoo Xiqqaate
👆Jabaadhaa Namaan Jechuun Hojii Keyrii Utubuu Irraayi !!!
#Share Godhi Namni 1 Sababa   Yoo Hirmaate Gahee Kee Baatee Jirta.
وأذن في الناس .... يأتوك رجالا ....
Waraqaa Hin Eegin Affeeramtee Jirtaa 👣




#Ramadaana_Akkamitti_simanna ??

#كيف_نستقبل_شهر_رمضان؟؟

١-النية الخالصة.
1⃣ Niyyaa qulqulluun.
Ji'a ramadaanaa haalaa rabbii keenna irratti herreegataa taaneen niyyaa qulqulluun simatuu qabna

٢-الرجوع الى الله.
2⃣ Gama rabbii deebi'uu.
Dilii dalayne hundaa irraa gama rabbii seenooynee gaabbinee deebi'uun xurii ma'asiyaa hunda irraa qulqullaahuun.
Akkasuma ulaagaa Towbaa guutuun
1-Dilii hojjataa jirru dhiisuun
2-Waan dur dalaynee dabarsine irratti seenahuun
3-Itti hin deebi'uu jennee muratuun

٢-بالتعلم احكام رمضان.
3⃣ Seera ramadaanaa baratuun.
Namni muslimaa tokko rabbii isaa akkaataa itti gabbaru baratuu qaba
Akkasuma akkaataa ramadaana itti soomuu waajibaata isaa, wanta sooma nama jalaa balleessu hundaa baratuun dirqama isaati.

٤-العفو للناس.
4⃣ Namaaf irra dabruun.
Ramadaana kana keessa nama itti mufanne, zannii itti banne hundaaf dhiifama goonee laphee teenna nama hundaa haala diriirsaa taaneen simatuu qabna.

٥-العزم والهمة العالية.
5⃣ Murannoofii kaayyoo jabaa.
Murannoo jabaan kaayyoo kaayyeeffannee akkataa ji'a kana keessa boojuu fii badhaasa guddaa rabirraa argannuun kan akka salaataa kan akka Qiraatii qur'aanaa kan akka I'itikaafaa, Sadaqaa, karoorfannee itti seenuu qabna.

٦-شكر نعمة بلوغ رمضان.
6️⃣ Qananii Ramadaana gahuu galatoomfatuu.
Ramadaana dabre soomtee carraa argatte ka baranaatiin wal gahuu keetiif rabbii kee galatoomfadhu, tola sitti oolee waggaa itti si naanneessuu isaatiif, meeqaa kami ka ji'a kabajamaa kana osoo hawwuu lubbuun dabarte atis waggaa dhufu hin deebitaaf hin deebituu kee waan him beeyneef keeyrii keessa dalagadhu obboleeyyan tee si bira godaananis araaramaan yaadadhu.

اللهم بلغنا رمضان...

Yaa rabbi ji'a Ramadaanaa nuun gahi.

By✍🏾Fares Muhammed

Share waliif gochuu hin irraanfatinaa


Guyyaan Borii Sanbata Xiqqaa Soomaan Akka Oollu Mirkanaa'ee Jira .
BREAKING NEWS: The #Ramadan1446 Crescent has been SEEN in Saudi Arabia.
Subsequently,
Saturday, 1st March 2025 is the beginning of the month of Ramadan
"اللهم بلغنا رمضان ونحن في أحسن حال، وأعنّا على الصيام والقيام، وتقبّل منا صالح الأعمال."
"رمضان نورٌ للقلوب، وفرصة للتوبة، فاغتنموه بالطاعات والقربات."
"أهلاً بشهر الخير، نسأل الله أن يجعله شهر بركة ورحمة علينا جميعًا."
https://t.me/Alrisala1

Показано 18 последних публикаций.