Qeerroo Oromootiif
Saffisaan waliif dabarsaa
Godinaalee Arsii lamaan, Harargee fi Baaletti shira hamaatu xaxamaa jira.
Ajjeechaa Hacaaluu booda qabeenyi baay'een akka barbadaa'u kan taasifames shira siyaasaatiini.
Kana sababsatanii qabsoo oromoo maqaa balleessuuf itti yaadamee gochi sun raawwatame. Erga raawwatamee boodas dhimmi lubbuu namaa dagatamee guutumaan guututti shira ofiii hojjatan kana miidiyaalee afaan Amaaraa dubbatan hundaan hafarsaa jiru.
Har'aa fi kaleessas xalayaan '"namootni Kiristaana taatan saffisaan biyya keenya gad lakkisaa'" jettu baay'inaan godinoota Afran maqaa dhahe kana keessa bittinnaa'aa jira. Kana kan godhaa jiru Qeerroo osoo hin taane qaamolee mootummaa fi nafxanyaa keessaa walitti qindaa'anii maqaa Oromooo xureessuuf hojjataniidha. Oromoo amantaan wal nyaachisuuf kana hojjatu. Xalayaa kana erga bittinneessan boodas manneenii fi qabeenya namoota Amantii Kiristaanaa hordofaniirratti tarkaanfii fudhatanii barbadeessuun Qeerrootu kana godhe jedhanii maqaa seera kabajchiisuutiin sabboontota hanga ummata keessatti hafan funaananii hidhii ykn ajjeesuufi. Kanaafuu of eeggannoo cimaa taaasisaa!
@Qeerroohaaromsaaharmee