waggaa 17 booda bara 1983 Ji’a caamsaa bultii 20tti abbaan irree afrikaa irratti sodaatamu kufuun carraan Qabsoon dhoksaa fi ummata bira hin gahin ummata bira gahuu dnda’eera, gahuuqofaa osoo hintaane ija ummataa banuuf barnoonni siyaasaa fi Qubee afaan oromoo Qayyabachuu carraa argameen karaa Dhaaba Qabsoo Bilsummaafeoromoo[OLF] ummata bal’aa oromootti himamuuf carraan argamuu isaatiin dhaloonni lammafaan QABSOOTTI hirmaachuuf ulaan banuu danda’uun ji’oota sagaliif namuu bilisummaaf karaa nagaatiinsagaleefi fedhii ummataatiin ijaarrachuuf fiigichi godhamu illee ilmaan Agaazii kan sanyiin Arabaa Ezaanaa irraa baratan oromoo marsaa itti aanuuf bituuf dursanii dhaaba kittillayoo isaanii ijaaranii turan oromoof filuun OLF akka filannootti hin hirmaanne gochuun chaartera kessaa baasuun kittilayyoota waliin oromiyaa fi oromoo xuuxuuf karaa haarawaa tae banatanii waggaa 27f oromiyaa xuuxu fi saboontota oromoo akkuma abbootii isaanii ajjeesuu fi hidhuu biyyaa baasuun akka itti fufuu taasisaniiru.kanaaf immoo itti gaafatamtoonni akka naannotti Dhaaba kittillayyoo oromoof ijaaran opdo yoo taatu akka addunyaatti mootummoota addunyaa gurguddoo ta’uun beekamaa dha, isaanis Ameerikaa,Ingilizii fi biyyoota olla oromiyaa suudan, keeniyaa,Jibuutii fi Qabalee taatee hundeeffamaa kan turte Ertiraa ta’uu qabaa ture.
Ameerikaa fi Ingilizii
Biyyoonni kuni lamaan keessattuu ingiliziin jaarraa 14 irraa kaaftee ummata oromoo maqaa Pagan jedhu itti mogaasuun karaa Mishinaroota ishee tokkoof kiristaanummaa kennaa isilaamummaa fi waaqefata oromoo immoo balfachaa Humna oromoo cabsuuf hojii isaan hojjachaa tura gochaa gorsaa ergamtoonni isaanii kennaa turan bara 1839 Inesbreg fi Krapf waan barreessan dubbisuun mirkaneeffachuun ni danda’ama. Akaakayuun Hayila Minilik Leellisaa Berekie isaanii gorfamuun loloota gurguddaan oromoo loluun lafoota akka Aangoo lolaa fi bakka Abaabileen isaa Abie giiftii oromoo Ankoo jedhamtu teessuma godhachuun gosa ishee Gibichuu bulchaa turte kan amma Ankobar jedhan fudhaanii maadhefatan keessatti oromoo jabinaan aka miidhanii fi lolaan haadhan haala mijeessaa turuu kitaaba jara kanaa kan GEOGRAPHICAL MIMORY Jechuun maxxanfame irraa ni argina, kanaaf itti fufa kanaati jedhamee kan fudhatamuu danda’u bara 1984gz Pirasdaantonni Ameerkaa fi UK Jimiikaarterii fi Toonii Biiyeer jedhaman oromoon sabni guddaan kuni gaafa afrikaa to’achuuf jira jechuun soda qaban irraa wayyaanee urtubuu fi gorsuun dhhaba oromoo olf irratti dhiibbaa seenaan hin daganne raawwachuun warrana isaa human wayaaneef soda ta’e maqaa filannoo fi mootummaan Qawwee lama qabatee biyyi biyya hin taatu jechuun WBO Qawwee hiikachiisuun moonaa keessatti wayyeeneef walitti qbuun ji’a sagalbooda ifaan ifatti waxabajii irraa eegaliin bara 1984 sana waraanaanhumna oromoo san cabsuun ummata nagaas manaa manatti ajjeessaa turaniiru, yemmuu kana Ameerikaa fi ingiliziin Malasaa zeenaawwiitiif gorsa jajjabina kennuun Dargaggeessa Dimokiraatawaa gaafa afrikaa jechuun yaamaa turan, Ambaasaddar Ameerikaa Herman Cohen illee finfinnee taa’ee shira shiraa turuu seenaan ni ibsa, Nu illee waan arginee fi Dhageenye yeroo sanatti hedduu beekna, kuni immoo maddi isaa seenaa oromoo fi oromoo mataa isaa seeraan hubachuu dhabuu dha jedhanii fudhachuun kan rakkisu ta’u illee beekkumsi isaan oromoof Qaban soda isaanitti uumuun garuu ifaa dha, oromoon of dandawaa ta’ee baanaan gaafa afrikaa irratti iddoo hin qabnu dantaan keenya karaa warra guddaa eeggamuu hindanda’uutii warra bicuu kana aangomsineet isaan duubaan oromiyaas ta’ee afrikaa to’achuun jiraanna jedhaniiti of amansiisan. Jechuun ni danda’ama, kanaaf kana irratti Qabsoon oromoo ammaan booda ifaan ifatti mootummoota gurguddoo adduyaa kanneen ta’an kanneen sodaachisuu akka hin qabnetti caaseffamee fi amansiifamee deemuun dirqama, Ameerikaan Qabeenya oromooirraa akka chaayinaa xuuxxu waan hin barbaanneef fedhiin isaanii Qarqara Galaana Diimaa kana irra taa’anii balaa isaan mudatuuf fala yeroo gabaabatti kennuuf waan filatanii jiraniif oromoon isaaniif Haala kamiinuu soda isaaniif ta’uu hin qabu, Qabeenyaan Ameerikaan