Rakkoon keenya madda hin qabuu?
Ani waan baay'ee hin beeku. Waan naaf hin galle keessa galuu waanan hin feeneef, yeroo hedduu dhimma uummata kanaa callisuun filadha. Callisuu kana keessatti immoo waan hedduun arga. Yoo Oromoon Oromummaa akka waraqaa gandaatti waliif kennuufi walirraa fudhatu, yoo Oromoon waltajjii irratti tokkummaa faarsaa oolee galgala immoo gandaaf dursa laatu, yoo namuma har'a faarsinu borummoo gantuu ykn Orma goonee arrabsoon dhukkee irraa kaasnu, yoo ilmaan haadha takkaa paartii siyaasaa jalatti qindaa'anii obboleessa isaaniin wal ajjeesan, gaafa obboloonni kiyya bosoona jiran obbolaa kiyya mana mootummaa keessa jiraniin wal ajjeesanii dhaadatan (Inni tokke shanee jedhee, kan biraan immoo humna diinaa ykn ergamtuu jedhee)", Yoo jaallan kaleessa waliin bosona keessatti qabsoof jecha dhagaa boraafatanii, firii mukaa nyaachaa, corroqa waliin dhugaa turan deebi'anii 'gantuu.....bitamtuu waliin" jedhan, Yeroo nama kaleessa waliin qabsoofne irratti qabsoofnu, yeroo nama jabaa Oromoo akka inni mataa ol hin qabanne garee wayiin olola irratti gaggeessinu, gaafa Oromoon paartii tokko keessa jiru paartiin kiyya qulqulluudha hin qeeqamu jedhu, gaafa Oromoon "Namni ganda akkasii qabsaa'aa, kan ganda akkanaa immoo gantuudha" jedhu, gaafa dhaabbanni Oromoo marti shira gandaafi amantiin xaxamee galma gahuun dhabamu, gaafa namni nuti hayyuudha jennee jala yaanu, suuraa 'cover' isaa Oromummaa godhatee, suuraa 'profile' Isaammoo gandummaafi amantii irra kaayyatu, gaafa dhaloonni kana argee abdiin keessatti coolagu, gaafa warri biyya bulchina ofiin jedhus, warri mootummaa mormus miiratti uummata naqee akka barbaadetti gulufsiisu, gaafa dabballeen paartii hundaa gadi yaatee, "Paartiinkoo waaqarraa uummata Oromoof laatame, gageessaan akka abaluu addunyaarra hin jiru." Jettee sababa malee dibbee dhaantu, gaafa uummanni keenya T-shirt hundumaafuu uffatee, hundumaafuu eeboofi gaachana laatu, gaafa paartiin akka baakteeriyaa wal hortee uummata tokkoof karaa kuma tokkoon qabsoofna jettu, gaafa uummanni warra wal ajjeessuuf ilkaan walitti qaratu lamaaniifuu farda, eeboofi gaachana kennu, gaafa namni keenya eeboo sanaan wal waraanuu eegalummoo kan namni keenya du'a gartuu tokkoo ililchaa, kan biroo immoo boo'uu................kana hundaa yoo callistee ilaalte rakkoo guddaa akka qabnuufi akka farda arfaniin laaqii seenee, rakkoo jabaa keessatti dhidhimuu keenya argita.
Wanti kana caalaa nama saalfachiisu immoo namni dhugaa uummata kanaa bifa madaalaa ta'een qabatee, paartii hunda gaafa dogoggoran qeequ, gaafa gaarii dalagan immoo deeggaree jajjabeessu hin jiru. Namni tokkollee hin jiru. (Kana jala sararaa amanaa! Namni mormituus, mootummaas qeeqaa ture, Hacaaluu Hundeessaa qofan arge. Isammoo dabballeen mootummaas, kan mormituus qixuma itti duulanii, erga inni du'ees qixuma boo'aa jiru! Daldala siyaasaaf!)
Kana yoon jedhu warra qabsaa'anii har'aan nu gahan xiqqeessuuf miti. Hundaafuu hanga beekumsa kiyyaa xiqqoo tanatti iddoo isaaniif malu nan qabaafi. Warri uummata kanaaf uumurii isaa guutuu of kenneefi lubbuu isaa qabsiisee uummata kanaaf qabsaa'aa tureef kabajaa guddaan qabaafi.
Garuu maaliif hayyuu gandaafi paartii malee hayyuu Oromoo kan gaafa namni dhuunfaan qabsoo keessatti yoo waldhabeefi paartiin lama yoo walitti bu'e, dhugaa jiru beekee mataa walitti qabu maaliif dhabnee? Gaafa dura bu'aan paartii X fi itti aanaan yoo wal dhaban gaafa paartiin biroon fottoqee bixxilamu nama isa tokko qabsaa'aa godhee, kan biraa immoo bitamaa godhu malee, nama mufaatuufi wal dhabdee sana hiikee walitti araarsu maaliif dhabamee?
Kana qofaa miti, namni waggaa 30 ykn 40 qabsoo keessatti umurii isaa wareegee akkamiin deebi'ee uummata qabsaa'eef gurgurate jennee afaan guunnee 'fb' tanarraa wacnaa? Yoo namni hundi akkanatti nu gurgura ta'e warra har'a qabsoon deemaa jirus akkamitti amannaa? Nama paartii ganda takkaa qabatee deemu hoo akkam goonaa?
Itti fufa...