Dhaloota Qubee!


Гео и язык канала: Сомали, Сомалийский
Категория: не указана


Qoqqodamuun,Salphachuudha
Walbittinneessuun,Diigamuudha
Diigamuun immoo,Moo'amuudha
Yaa lammii Too Kan siif Tolu TOKKUMMAADHA.
Yaada fi Odeeffannoo qabdan karaa @sabaaofii_bot nuuf barreessaa. Galatooma!

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Сомали, Сомалийский
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций




Goota jaaladhu,arjaa maxxanfadhu,dubbii haqaa fudhadhu,nama si jaallatu kunuunfadhu,boriin kee har'aa keetiin madaalamaa har'a irra dhaabbadhuu waan boru tahuu feetu murteeffadhu.

Yaaaa
Yoo ufii dhugaa dubbachuu dadhabde,yoo ufii haqahojjachuu hanqatte,yoo ufii sirna namoomaa guutuu hanqatte,isa kallattii sirrii irra jiru sakaaluu irraa harka kee sassaabbadhu.

Yooo
Nama sobu hin amanin,nama hakaksaa oolu sirna irraa hin eegin,nama cubbuu hin sodaannetti hin maxxanin,kan hoo'u si hoo'isu,kan qabbanaahu si diilalleessu,kan ija keessa laalee waan ati feetu qofa sitti agarsiisu,meeshaa fakkii kee sitti mul'isu malee,waan gaariifi haaraa sii fiduu mitii jalaa gori.

Obbolaa
Biyya lafaa tanarra kan jiraattu yeroo gabaabaa qofaa hubadhu,akki itti jiraattu qooda kee qofa liqimsaatii beekii tasgabbaahii,toltuu yaadaa imali.

Yaaaa!
Hoolaan yeroo hunda,yeyyiifi waraabessa ufirraa eegaa jiraatti,dhuma garuu,tiksee isiitiin gabatti baatee gurguramti,yoo sana bira darbe immoo, tiksema isiitiin kitimamtee nyaatamtii uf qusadhu.

Hey
Sammuu hin bilchaatin irra,nyaata hin bilchaatintu summiidha.

©Ustaaz Sufiyaan Usmaan


Репост из: ͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸
• Barachuu qofa miti, shaakali!
• Dubbisuu qofa hin godhin, hubadhu!
• Jijjiiramaa qofa ta'in, jijjiiri!
• Walitti dhufeenya qofa hin godhin, leellisi!
• Waadaa qofa hin seenin, mirkaneessi!
• Qeequu qofa miti, jajjabeessi!
• Yaaduu qofa miti, xiinxali!
• Fudhachuu qofa miti, kenni!
• Arguu qofa miti, yaadatti qabadhu!
• Abjuu qofa hin abjootin, hojjedhu!
• Dhaga'uu qofa miti, dhaggeeffadhu!
• Dubbachuu qofa miti, gochaan argisiisi!
• Himuu qofa miti, argisiisi!
• Argamuu qofa hin miti, jiraadhu!


@seyfal_islam1 🇵🇸✌️
@A4mulaa_jireenyaa 🇵🇸✌️


Репост из: TAFAKKUR/تفكر
☆☆﷽☆☆

صباح الخير☀️🌞
🪵Namni
si faarseef #gaarii namaa hin taatu....
🪵Namni si jibbeef #badaa/ hamaa namaa hin taatu....
🪵wanni ati beekuu qabdu. Yoomuu jechoonni ilma namaa ima si dhaqqaba......
Manatti. Alatti. Deemsa
keessaatti. Taa'umsa
keessatti.
👁hin arginee ilmi namaa yoo waan haasawu dhabe.... kan hojii isaatiin qabamee #qabrii jirurraa haasaya.
🫵Jechoota namaatiif bakka hin kennin... kaayyoo fi fuldura kee ilaali waan hadha dalaguu qabdu borutti hin qaxarsiniin dhaamsa kiyya......
في امنﷲ✌️




Репост из: ͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸
Utuu lammiin kiyya
Nagaa dhabee aaduu
Rakkoon lakkuu taatee
Jireenya isaa waaduu

Utuu haati hiyyeessaa
Akka malee cabduu
Qe'eedhaaf qabeenyaa
Ijoolleeshees dhabduu
~
Utuu Sabni nagaan
Rasaasaan waadamuu
Kolfi naan hin jedhiin
Kolfuun hin yaadamuu!
SALAALEE KOO 😭😭


Репост из: Tayeba Hasen Official
𝗪𝗼𝗹𝗹𝗮𝗮𝗹𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮… 𝗤𝘂𝗯𝗮 𝗤𝗮𝗯𝗮𝗮𝗱𝗵𝘂.❗❗❗

1. Bara namni beekkumsaa fi horii qabataa deemutti, ati muudima namatti qabataa deemuun iyyaalummaa osoo hin taane wallaalummaadha.

2. Fuudhaa fi heeruma sodaataa, sagaagalummaa irratti goota ta’uun wollaalummaadha.

3. Kan nama Uume Kan biraa, Kan nama uunshe Kan biraa ta’uun wallaalummaadha. Kama si uume jala deemi.

4. Xiqqoo obsanii barachuu diddaaf, yeroo dheeraa obsanii wallaalummaa baadhatanii deemuun, wallaalummaadha.

5. Jireenyi hundi akka Fiilmii irratti argan namaaf ta’uu qaba jedhanii yaaduun wallaalummaadha. Warruma viidiyoo irratti wal faarsetu wal abaara, warruma wal arraabe santu walitti tufaa quba qabaadhu.

6. Hojii jiru tuffatanii Hojii malee taa’aa ooluun wallaalummaadha. Digrii qabaattee yoo karaa irra teettee kophee haxoofte wanti sirraa hirdhatu hin jiru. Inumaayyuu waan baratteef hojii San Ol guddisi.

7. Alif Osoo hin jedhin Alif, Laam, Miim dhaqanii Fatwaa Kennuun wallaalummaadha. Bakkuma beekkumsi keenya itti dhaabatutti osoo dhaabannee bareeda.

8. Dubartoota qulqulluu barbaadaa xureessaati, Gaafa fuudhuuf deeman dubartii qulqullummaa qabdu barbaada jechuun wallaalummaadha. Rabbiin waadaa seene hin diigu. Baalageen baalagema fuudha/heerumaa quba qabaadhu.

9. Waan Ofiif jibban nama irratti godhuun wallaalummaadha. Waan ofii jibbanis namaaf kennuun wallaalummaadha.

10. Wallaalaa ta’uu ofii wallaaluunis wallaalummaadha quba qabaadhu.

𝗛𝗶𝗶𝗸𝗮 𝗜𝘁𝘁𝗶 𝗡𝘆𝗮𝗮𝘁𝘁𝗮𝗺𝘂𝘂𝗻 𝗦𝗮𝗹𝗽𝗵𝗮𝗮 𝗧𝗮’𝗲 𝗧𝗮𝗻𝗮 𝗕𝗮𝗿𝗮𝗮 𝗜𝘀𝗵𝗶𝗶

1. 𝖧𝗂𝗂𝗄𝖺 𝖠𝖽𝗎𝗋𝗋𝖾𝖾𝗇 𝖻𝖺𝖺𝗒’𝖺𝗍𝗎𝗍𝗍𝗂 𝖧𝖺𝗇𝗍𝗎𝗎𝗍𝖺 𝗍𝖺𝖺𝗍𝖾𝖾 𝗁𝗂𝗇 𝖺𝗋𝗀𝖺𝗆𝗂𝗇.

2. 𝖧𝗂𝗂𝗄𝖺 𝗐𝖺𝗋𝖺𝖺𝖻𝖾𝗌𝗌𝗂 𝖻𝖺𝖺𝗒’𝖺𝗍𝗎𝗍𝗍𝗂 𝖿𝗈𝗈𝗇 𝗁𝖺𝗋𝗋𝖾𝖾 𝗍𝖺𝖺𝗍𝖾𝖾 𝗁𝗂𝗇 𝖺𝗋𝗀𝖺𝗆𝗂𝗇.

3. 𝖧𝗂𝗂𝗄𝖺 𝗇𝖺𝗆𝗇𝗂 𝗆𝖺𝖼𝗁𝖺𝖺’𝖾 𝖻𝖺𝖺𝗒’𝖺𝗍𝗎𝗍𝗍𝗂 𝖡𝗂𝗋𝗂𝗅𝗅𝖾𝖾 𝗍𝖺𝖺𝗍𝖾𝖾 𝗁𝗂𝗇 𝖺𝗋𝗀𝖺𝗆𝗂𝗇, 𝗆𝗈𝗋𝗆𝖺 𝗌𝗂 𝗊𝖺𝖻𝖺𝖼𝗁𝗎𝗎𝗇 𝗃𝖺𝗋𝖺𝖺 𝗁𝗂𝗇 𝗁𝖺𝖿𝗎.

4. 𝖧𝗂𝗂𝗄𝖺 𝖻𝗈𝗈𝗅𝗅𝗂 𝗊𝗈𝗍𝖺𝗆𝖾 𝖻𝖺𝖺𝗒’𝖺𝗍𝗎𝗍𝗍𝗂 𝗃𝖺𝖺𝗆𝖺𝖺 𝗎𝗅𝖾𝖾 𝗀𝖺𝗍𝖾 𝗍𝖺𝖺𝗍𝖾𝖾 𝗁𝗂𝗇 𝖺𝗋𝗀𝖺𝗆𝗂𝗇. Takka ofii itti badda, takkaa immoo harkisanii itti si darban.

5. 𝖡𝖺𝗄𝗄𝖺 𝗇𝖺𝗆𝗇𝗂 𝖻𝗂𝗋𝗈𝗈 𝗁𝗂𝗇 𝗃𝗂𝗋𝗋𝖾𝗍𝗍𝗂 𝖣𝗁𝗂𝗂𝗋𝖺/𝖽𝗎𝖻𝖺𝗋𝗍𝗂𝗂 𝗐𝖺𝗃𝗃𝗂𝗂𝗇 𝗄𝗈𝗉𝗁𝖺𝖺 𝗁𝗂𝗇 𝖳𝖺𝖺’𝗂𝗇. Jarri kun akka bantoo maagneetii Kaabaa fi Kibbaati, walitti dhihaannaan Wal harkisu waan ta’eef, fageenyumatu gaariidha.  Bakki kun hattootaaf hin tamacha’u.

Bakka hundattuu nyaattamuun kee hin hafuRabbi Si Haa eegu.

©Gaazixeessaa Abdunnaasir tufaa


Репост из: ✎ 𝐂𝐎𝐁𝐀 𝐐𝐀𝐋𝐀𝐌𝐀𝐀 🇵🇸✌️
Yeroo tokko tokko Namni kan Awwaalamu du'ee qofa miti.
Namni otuu lubbuun jiruu Awwaalamus ni jira.

@seyfal_islam1 🇵🇸✌️
@seyfal_islam1 🇵🇸✌️


Репост из: ✎ 𝐂𝐎𝐁𝐀 𝐐𝐀𝐋𝐀𝐌𝐀𝐀 🇵🇸✌️
#Habibi
"Abalu maal na gargaaruu danda'a" jechuu dhiisii "Abaluun maalan gargaaruu danda'a" jedhii yaadi.

@seyfal_islam1 🇵🇸✌️
@seyfal_islam1 🇵🇸✌️








Репост из: Tayeba Hasen Official
✍️ Maaliif namoonni hedduun guyyaa fi daqiiqaadhaan osoo gara fuulduraatti deemanuu…namoonni gariin hanga ammaa duubumatti harkifatan laata.!?

✍️ Warroonni tarkaanfiin isaanii fuulduraa sunniin:
1) Yeroo hundaa keessi isaanii gaarii waan yaaduuf,
2) Waan barbaadan irratti qofa xiyyeeffannaan isaanii,
3) Amantii fi abdii guddaa Rabbii isaanii irraa qaban,
4) Waan beekan kamuu hujitti waan hiikaniif,
5) Ufitti amanamummaa bareeda qabu,
6) Carraan hedduun akka jiru waan amananiif..carraa takkaan qofa uf hin dhiphisan…!
7) Kaayyoo fi galmi isaanii ifa galaadha…!
8) Bu’aa arguudhaaf Baay’ee hin jarjaran,
9) Warroota yaada negative isaaniif kennan hin dhageeffataa,
10) Guyyaa guyyarraa xiqqaatus waa fooyyessaa; milkeessaa oolan…!

Irraa fayyadamaa


Репост из: GAGGEESSUMMAA
☁️ OF SAKATTA'I!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Yeroo tokko tokko nama summii taata..

Yeroo tokko tokko ati nama hamaa, negatiivii, nama ofirraa dhiibuun malu taata.

Yeroo tokko tokko rakkoon sumadha. Sunis akka ati ga'uumsa hir'ifte si godhu.

✅ Guddachuu itti fufi!
✅ Of sakatta'uu itti fufi.
✅ Of kakaasuu itti fufi!

Dogoggorri carraadha. Isaan malee sadarkaa tokkorra gahuun hin jiru. Haala Kam keessattuu, Waan caalu hojjedhu, fooyya'aa ta'i. Ati nama. Homaa miti.

gaggeessummaa.com


Wanti kun akka isn hin darbinee qofa gadi qabdanii turuun isiniif dabala
https://t.me/TronKeeperBot/app?startapp=924073388
🎁 Join TronKeeper for a secure Tron wallet experience and start earning rewards! 💰


Yeroo nama ajaa'ibsiistu, Nama khofalchiistu akkasumas nama rifachiistu kheessa jirra

Yeroo nama hedduu agarru garu namummaa hin agarre kheessa jirra

Yeroo taajirri ilmaan caalaa ruuma hedduu qabu kha miskiinni ammoo ruuma caalaa ilmaan hedduu qabu kheessa jirra

Yeroo telefoonni nama sirraa fagootin walitti si dhiheessee ammoo nama sitti dhihorraa si fageessu kheessa jirra

Yeroo Haati takka ilmaan khudhan jiraachisuu dandeessu garuu ilmaan khudhan haadha takka jiraachisuu hin dandeenye kheessa jirra

Yeroo taajirri nyaata ofirraa daleysiisuuf amna dheertuu deemu garuu miskiinni nyaata barbaaduuf amna dheertuu deemu kheessa jirra

Yeroo dubartiin akka qullaa deemtuuf birriin khafalamtuuf garuu namni biraa waan qaamatti uwwifatu dhabaaf qullaa deemu kheessa jirra

Yeroo namni walitti dhihaannuun haalan hedduu garuu hariiroon cimtuun nu jidduu hin jirre kheessa jirra

Yeroo akka itti maallaqa bareedaa argatan beeynu garuu jireenya bareedaa jiraatuu wallaalle kheessa jirra

Yeroo namni hundi xiqqo malee gatii waa hundaa beekhu garuu maalummaa waan takkaa hin beeyne kheessa jirra

Dhugumatti yeroo ajaa'ibaa kheessa jirra. Rabbiin amrii jabaatte hundaahuu nuuf laaffisu.

Forwarded


Репост из: Tayeba Hasen Official
Hin gumgumiin, uumaa kee galateeffadhu!
Ni danda'ama ta'ee utuu danda'amee
Uumaan kee waa'ee kee utuu gaafatamee
Utuu yaada kennee maaliif akka si uume
Maal dubbata laata deebiinsaa maali mee?
Ani nama kana lafarratti uumuun koo
Hamaattii isa eegee 'sa jiraachisuun koo
Sammuu isaaf kennee nama taasisuun koo
Wanta biraaf miti sababni koo tokko
Walirraa utuu hin kutiin haala kam keessattuu
Ana uumaa isaa akka galateeffatu
Kaayyoo kanaaf ture kan inni jiraatu
Isaaf garuu hin galle dhugaa kanatu
Xinnaafis guddaafis cal jedhee gumguma
Waakkiidhaan dubbata yeroo hundumaa
Jedha jedheen yaada utuu gaafatamee
Akka ati jiraattuuf Waaqni inni si uume!

https://t.me/gaarummaan_siif


Репост из: Tayeba Hasen Official
Nama ta’uuf dhalattee nama ta’i!
Dhaamsan ofiif dhaamu ergaa dhuunfaa kootii
Lubbuu koo ofiin jedhee dubbadhee ofitti
Akka nama biraatti gorsan ofiif kennee
Kun kallattii dha kallattii hin badne
Dhaga'i lubbuu koo lubbuu koo tokkittii
Nama ta'i, nama ta'uuf dhalatteetii
Jireenya jiraachuuf lafarratti uumamtee
Umurii lakkaa'uuf ati erga dhalattee
Wanta waa'ee hin baafneen of hin qisaasessiin
Gowwaa fi tabjii taatee karaan sirkaa hin badiin
....kallattii hin dhabiin!




Репост из: Tayeba Hasen Official
GABRUMMAA SAMMUU.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
📌Namni Sammuun Gabroome Of
      Waliin Wal Loleetu, Orma.
     Jaarsummaa Lakkaaawwata.

📌 Namni Sammuun Gabroome Nadhii Dammaa Gateetu, Gagaa
       Nyaachuuf Olkaawwata.

📌 Namni Sammuun Gabroome Mataa Ofii Hojiin Ala Godhee, Kan Nama Biraan Ergifatee Yaaduu barbaada.

📌 Namni Sammuun Gabroome, harka hojii irra Harka Kadhaaf Beekamtii Kenna.

📌 Namni Sammuun Gabroome, Waanuma isaan jedhan Of Se'a.  Yoo Horii jedhaniin, Falmachuu Dhiisee, Marga Dheeduu Shaakala. Farda Yoo jedhaniin dugdi isaa Akka Kooraaf Baachuuf Tolu ilaala.

📌 Namni Sammuun Gabroome, iddoo Kennaniif Taa'a, Waan Kennaniif Nyaata, Waan itti Fe'an Baata.

📌 Namni Sammuun Gabroome, Nama Ta'uu isaa Namni Biraa Akka Mirkaneessuuf ifaaja.

📌 Namni Sammuun gabroome,  hayyama namaan nyaata, Karaa Nama Biraa irra Kaata, Abbaa  Torbaati Orma lakkaawwata.

📌 Namni Sammuun gabroome, Milkaa'ina Warra  Biraa Tolcha (magic) jedhee Odeessa.

📌 Namni Sammuun Gabroome,  Bara  irratti Hojjechuu Caalaa,  Barruu isaa Raagduun Akka jetteen bula.

📌 Namni Sammuun gabroome Haaraa Ofiif Bitate irra, Moofaa Ormaa Yoo Miiccatee Uffate itti Tola.

📌 Namni Sammuun Gabroome,  Gabrummaa isaa Bilisummaa Se'a.

📌 Namni Sammuun Gabroome, Akka Ofiitti Yaaduu irra Akka Nama Biraatti Yaaduun qarooma jedhee Amana.

📌 Namni Sammuun Gabroome, Warra isaaf Falman irra Warra isatti Falman jaalata.

https://t.me/+paGaIR-O6W0zMGVk

Показано 20 последних публикаций.