Репост из: Riyaad Raayyaa Official
Agartuun saba bal’aa
Qaroon keenya jameeree?
Dungoon aartii Oromoo
Akka tasaa dhaameeree?
Duuti garaa jabaatee
Adeeroo nu saameeree?
Anoo abjuun se'aara
Natti himimee namana
Du'a Adeeroo keenyaa
Akkamittan amana?
Ija ummatasaa duraa
Akka tasaa maqeeree?
Dhugaa garaa jabaatee
Biyya-n galle dhaqeeree?
Uff......
Gadda gaddarra caalu
Madaa hin qoorre, cabakoo
Jecha kamiin ibsadhu?
Maal jedhuree sabakoo?
Guca aartii Oromoo
Faajjii tokkummaa keenyaa
Tiriikaa gaaf rakkoo
Ifaan nuuf ta'e beenyaa
Goota bara dukkanaa
Of ta'uu nu barsiisee
Maandisa qabsoo sabaa
Karaa nutti agarsiise
Goota sagalee ol kaasee
Oromummaa lallabee
Aarsaa guddaa itti baasee
Boquu keenya ol qabe
Gameessa rafee-n bulle
Galmaan ga'uudhaaf irbuu
Goota Oromummaan boonee
Qomasaa dhiibee sirbu
Hayyuu dubbiin afaansaa
Hawaasa bal’aaf sifu
Guca aartii Oromoo
Baroota kumaaf ifu
Egaa.. Abbaa keenya qaalii
Har'a du’aan dhabneerra
Madaa yoomuu hin qoorre
Gaddaan onnee cabneerra
Abbaan dhaloota qubee
Of ta'uu irraa barre
Nujalaa sokkaniiru
Taaddee’f Haacaaluu tarree
Biyyi lafaa ergisa
Duuti nama-n seeratu
Gootnis hojiin jiraata
Male, umrii hin dheeratuu
Doktar sabaaf jiraachuun
Nuuf baasaniiru aarsaa
Yoomuun dagatamanu
Seenaatu isaan faarsaa
Bara baraan jiraatu
Hin duune Alii Birraa
Galfata nurraa qabu
Imaanaan naafi sirraa
Egaa....
Murtii uumaasaa didee
Uumamni hin himatuu
Rabbiin Adeeroo keenya
Jennataan haa simatu!
https://vm.tiktok.com/ZMFyk9BMV/
✍️...... Riyaad Raayyaa
Qaroon keenya jameeree?
Dungoon aartii Oromoo
Akka tasaa dhaameeree?
Duuti garaa jabaatee
Adeeroo nu saameeree?
Anoo abjuun se'aara
Natti himimee namana
Du'a Adeeroo keenyaa
Akkamittan amana?
Ija ummatasaa duraa
Akka tasaa maqeeree?
Dhugaa garaa jabaatee
Biyya-n galle dhaqeeree?
Uff......
Gadda gaddarra caalu
Madaa hin qoorre, cabakoo
Jecha kamiin ibsadhu?
Maal jedhuree sabakoo?
Guca aartii Oromoo
Faajjii tokkummaa keenyaa
Tiriikaa gaaf rakkoo
Ifaan nuuf ta'e beenyaa
Goota bara dukkanaa
Of ta'uu nu barsiisee
Maandisa qabsoo sabaa
Karaa nutti agarsiise
Goota sagalee ol kaasee
Oromummaa lallabee
Aarsaa guddaa itti baasee
Boquu keenya ol qabe
Gameessa rafee-n bulle
Galmaan ga'uudhaaf irbuu
Goota Oromummaan boonee
Qomasaa dhiibee sirbu
Hayyuu dubbiin afaansaa
Hawaasa bal’aaf sifu
Guca aartii Oromoo
Baroota kumaaf ifu
Egaa.. Abbaa keenya qaalii
Har'a du’aan dhabneerra
Madaa yoomuu hin qoorre
Gaddaan onnee cabneerra
Abbaan dhaloota qubee
Of ta'uu irraa barre
Nujalaa sokkaniiru
Taaddee’f Haacaaluu tarree
Biyyi lafaa ergisa
Duuti nama-n seeratu
Gootnis hojiin jiraata
Male, umrii hin dheeratuu
Doktar sabaaf jiraachuun
Nuuf baasaniiru aarsaa
Yoomuun dagatamanu
Seenaatu isaan faarsaa
Bara baraan jiraatu
Hin duune Alii Birraa
Galfata nurraa qabu
Imaanaan naafi sirraa
Egaa....
Murtii uumaasaa didee
Uumamni hin himatuu
Rabbiin Adeeroo keenya
Jennataan haa simatu!
https://vm.tiktok.com/ZMFyk9BMV/
✍️...... Riyaad Raayyaa