Hammam Beektu.?
1. #Maartiin Luuter Kiing: Dukkanni dukkana hin
balleessu, ifa qofatu balleessuu danda’a. Jibbi
jibba hin
balleessu, jaalala qofaatu balleessuu danda’a.
–Humni guddaan diina ofii ofitti firoomfachuu
nama
dandeessisu jaalaladha.
–Jaalalatti qabamee jiraachuuf murteesseen
jira. Jibbi
ba’aa ulfaataadha.
.
2. #Maahatama Gaandii: Yeroo hundumaa
yaada, dubbii fi
hojii kee guutummaatti tokko gochuu yaali.
Yeroo
hundumaa yaadota kee qulqulleessi, inni kaan
hundinuu
gaarii ta’uuf jiraa.
–Gammachuun, yeroo wanti ati yaaddu,
dubbattuu fi
hojjetu tokko ta’udha.
–Cubbuu jibbi, cubbamaa garuu jaalladhu.
–Eenyummaa koo guutummaatti ibsachuuf
bilisummaa
na barbaachisa.
–Namni dadhabaan dhiifama gochuu hin
danda’u.Kan
dhiifama godhu haala nama jabaadha.
–Qooda ijaa iji haa ba’u kan jedhu,
guutummaa
addunyaa jaamaa godha.
.
3. #Abrahaam Liinken: Dhuma irratti kan siif
lakkaa’amu
waggoota jireenya kee keessa jiran miti.
Jireenya
waggoota kee keessa jirudha!
–Abjuun koo, Amerikaan abdii adduunyaa
kanaa yeroo
taatu arguudha. Miilli kee bakka sirrii
dhaabbchuusaa
mirkaneeffadhu, isa booda qajeelii dhaabadhu.
–Muka kana akkan muru sa’atii ja’a yoo naa
kennitan,
jahan keessaa sa’atii afran qottoo koo
qarachuudhaanan
dabarsa.
–Kan na yaaddessu Waaqayyo nu cina
dhaabachuu isaa
miti; guddaa kan na yaachisu nuti toora
Waaqayyoo irra
dhaabachuu keenyadha, Waaqayyo yeroo
hundumaa
sirriidha waan ta’eef.
–Tooftaan cimaa diina ofii itti balleessan, fira
ofii
godhachuudhaani.
–Yeroo murtaa’eef namoota hundumaa ykn
namoota
muraasa gowwomsuu dandeessa ta’a, garuu
yeroo
hundumaa gowwomsuu hin dandeessu.
–Abbaan abbaa kootii eenyuyyuu yoo ta’e
dhimma koo
miti. Kan na yaachisu ilmi ilma isaa eenyu
ta’uuf akka
jirudha.
.
4. #Maazer Tereezaa: Waaqayyo akka
milkoofnu nurraa
hin eegu, akka nuti milkaa’uu yaallu qofa
nurraa eega.
–Namoota dhibba tokko nyaachisuu yoo
dadhabde,
nama tokko nyaachisi.
–Namoota nurraa fagoo jiran jaallachuun
salphaadha.
Warra nutti dhi’oo jiran jaallachuun garuu
yeroo
hundumaa salphaa miti.
–Wanti guddaan Hammam akka kennine
miti.Waan
kenninetti jaalala hammamii akka daballedha.
–Wanta gaarii ati har’a hojjetu, namoonni bor
ni
irraanfatu ta’a. Waanumairraa hundaafuu, waan
gaarii
hojjedhu!
–Addunyaa keenya daabboo dhabanii
du’aa kanimmoo
jiran hedduudha, jaalala dhabanii du’aa kan
jiran
isaan sana caalu.
–Wanti nuti hojjennu coba galaanaa cawaan
xiqqaadha.
Yoo nuti keessaa hafne garuu galaanichi waan
tokko
dhabeera jechuudha.
.
5. #Niilsen Maandeellaa: Addunyaa kana
jijjiiruuf
meeshaa guddaan, hunda caalaa humna qabu
barnootadha!
–Namoota isaan kaan of durayeroo buusanii ofii
booda ta’anii
hoogganuun gaariidha, keessumaa
injifannoo fi
wantonni gaggaariin nu mudatan. Yeroo
balaan jiru
garuu ofii fuula dura dhaabachuun gaariidha.
Isa booda
namoonni hooggansa keenya ni ajaa’ibsiifatu.
–Namni tokko itti ol ba’uuf gaaronni hedduun
akka isa
hafan kan argu, gaara tokko erga ol ba’ee
boodadha.
–Hamma hojjetanii arganitti yeroo hundumaa
waan hin
danda’amne fakkaata!
–Afaan inni hubachuu danda’uun nama
tokkotti yoo
dubbatte dubbiin kee gara mataa isaa deema.
Afaan
isaatiin yoo itti dubbatte garuubuusuu dubbichi gara
laphee isaa
deema.
–Diina kee waliin nagaa yoo
barbaadde, isa
waliin hojjechuu qabda. Isa booda innuu fira
siif ta’a.
–Namoonni jajjaboon nagaaf jedhanii dhiifama
gochuunagaa
hin sodaatan.
–Lammiileen ishee hamma baratanitti,biyyi
guddachuu
dandeessu hin jirtu.
–Abjuun koo Afrikaa qabdu arguudha.
.
Yoo dubbistee hubatteetta tahe galatoomi…!
@GADAA_BARNOOTAA@GADAA_BARNOOTAA@GADAA_BARNOOTAA