wal dhabdee qaama koo
waldhabdee qaama koo eenyumaa araarsaa
mataaf miila kiyyaa bahee wal arrabsaa
miilli mataa baatee komiisaa dhiheessaa
gurri,ijaaf,funyaan deeggartoota isaa
harki manguddummaan walitti araarsaa*2
qoma,garaaf,mudhiin deeggartoota isaa
miilli akkas jedhee jalqabe haasaa
sii na gubbaa taa'ee
natti gad hasaasa
silaa deemaan ooluu
ergaa tee na kaasaa
erga na tuffattee
narraa dhisi dhaamsaa*2
maali jettan isin
namni addaan baase
jara lamaan keessa
eenyu itti balleesse
furmaanni ni dhufaa
yoonin addaan baase*2
akkas tokkos jidduun
dubbi muree
garaan rakko qaba
gaafan achi turee
karaa mataas deeme keessan qaxxaamuree
oftuuluusan arge
gaafan bira taree
dubbi suuta laala
osoon hin jarjarree*2
dhugaadha yaa aboo
eenyu inni kunii
namtokko nan fedhe
maqaan koo udaanii
jennaan manguddummaa
keessa na baasanii*2
kuunis itti aanaa
hoggaa kuni taree
waa meeqa dubbachuun
anis na dararee
dubbadhu nan ja'aa
ijji waan agaree
anuu nin miidhame
kan na miidhe garee*2
anaatu dubbataaf
gurras waan dhagahee
funyaan na dubbataaf
shurufkaa na gahee
dhan dhama inninuu
hin beeku dandahee
anaa quubse tanaaf
jarri akkas tahee;*2
harkifaan manguddoo
hinta'u kasaaree
isaatu na miidhe
waa meeqa na guuree
an himachuu dhiifnaan
miila faa gargaaree
inni bar ifiifuu ablee
meeqa qaree
dubbiin saa nan taatu
loogummadha baree*2
warri irraa fagoo
rifeensaa fi qeensaa
wanta isaan jedhan boodaan sii odeessaa
erga waliin gallee
beellamaan dabarsaa
duugdiis akka dhufu
dhaamsa naa dabarsaa
handa dubbiin dhumtuu
namuu na caqasaa*2
GALATOOMAA!!!!
waldhabdee qaama koo eenyumaa araarsaa
mataaf miila kiyyaa bahee wal arrabsaa
miilli mataa baatee komiisaa dhiheessaa
gurri,ijaaf,funyaan deeggartoota isaa
harki manguddummaan walitti araarsaa*2
qoma,garaaf,mudhiin deeggartoota isaa
miilli akkas jedhee jalqabe haasaa
sii na gubbaa taa'ee
natti gad hasaasa
silaa deemaan ooluu
ergaa tee na kaasaa
erga na tuffattee
narraa dhisi dhaamsaa*2
maali jettan isin
namni addaan baase
jara lamaan keessa
eenyu itti balleesse
furmaanni ni dhufaa
yoonin addaan baase*2
akkas tokkos jidduun
dubbi muree
garaan rakko qaba
gaafan achi turee
karaa mataas deeme keessan qaxxaamuree
oftuuluusan arge
gaafan bira taree
dubbi suuta laala
osoon hin jarjarree*2
dhugaadha yaa aboo
eenyu inni kunii
namtokko nan fedhe
maqaan koo udaanii
jennaan manguddummaa
keessa na baasanii*2
kuunis itti aanaa
hoggaa kuni taree
waa meeqa dubbachuun
anis na dararee
dubbadhu nan ja'aa
ijji waan agaree
anuu nin miidhame
kan na miidhe garee*2
anaatu dubbataaf
gurras waan dhagahee
funyaan na dubbataaf
shurufkaa na gahee
dhan dhama inninuu
hin beeku dandahee
anaa quubse tanaaf
jarri akkas tahee;*2
harkifaan manguddoo
hinta'u kasaaree
isaatu na miidhe
waa meeqa na guuree
an himachuu dhiifnaan
miila faa gargaaree
inni bar ifiifuu ablee
meeqa qaree
dubbiin saa nan taatu
loogummadha baree*2
warri irraa fagoo
rifeensaa fi qeensaa
wanta isaan jedhan boodaan sii odeessaa
erga waliin gallee
beellamaan dabarsaa
duugdiis akka dhufu
dhaamsa naa dabarsaa
handa dubbiin dhumtuu
namuu na caqasaa*2
GALATOOMAA!!!!