Dhaddacha dharaa har'aa irratti yaada Obbo Baqqalaa Garbaa dhiheesse
==========
"Mana Murtii kanaaf ani maammila. Galmuma kana keessatti
iddoodhuman amma taa'aa jiru kana taa'ee waggaan saddeet sababan
nama siyaasaa taheef ragaa sobaatiin natti murtaa'ee fixadheen bahe.
Ammas dhufeen jira. Kuni mana murtiitti garuu uummanni bal'aan fi
hawaasni addunyaa dhimma amma qabattan kana dhimma seeraati
jedhee hin fudhatu. Manni murtii kun meeshaa siyaasaa ta'ee bakka itti
'political show'n hojjetamu tahuutti hubanna.
Haqa hadhaawaan sinitti hima. Ani ogeessa seeraa tahuu baadhus
Labsiin 669/2003 jedhamu kun biyya kanaaf haqa, nagaa, tasgabbii fi
dimokirasii hin fidu. Seerri akkuma seera shororkeessummaa fi seera
sivikii haqamuu ykn fooyya'uu qaba. Sababa seera kanaatiin mirga silaa
himatamaaniyyuu argachuu qabu nuti osoo hin himatamin akka
shakkamaatti dhabne. Mirga dhagahamuu.
Mana murtii kanarraa abdii hin qabnu. Ani muuxannoosaa waanan
qabuuf waan murtaa'uf deemu nan tilmaama. Abukaatonni keenyayyuu
dhama'uu hin qaban jedheen yaada. Garuu ogummaa isaaniitiif kabajan
qabuuf jecha tarii sammuu isaanii gammachiisaa laata jechuurraa
akkasumas seenaadhaafis galmaa'ee akka taa'uuf jecha akka deemsa
isa hundarratti hirmaatan jedha malee furmaatni rakkoo nuu fi warra
aangoorra jiru jidduu jiru dhaddacha kanarraa akka hin argamne
tolcheen beeka."
---
Yaya_Beshir
t.me/GalaanaGaaromsaa