Ulamoota Federaalaa 11 keessaa 8 naannoo Amaaraati
★★★★★★★★★★★★★
Akka majlisa Oromiyaatti namni bakka bu'aa Muslimoota naannoo Oromiyaa keessatti na lakkaa'uutu mala. Kanaafuu dhimma kana carraan argadhe hundaanuu Muslimoota Naannoo Oromiyaatiif ibsuun koo dirqama ta'a. Majlisa federaalaa ilaalchisee dhugaan hubatamuu qabu Ulamoota hoji raawwachiiftota federaalaa 11 keessaa saddeet naannoo Amaaraati. Oromiyaan tokkicha qaba; isaanis Dr Jeylaan Kadir. Tokko Sumaalee yoo ta'u inni tokko naannoo Kibbaati. Majlisni kun osoo akka kootii majlisa federaalaa osoo hin taane kan Naannoo Amaaraa ta'uu qaba ture. Muslimoonni Naannoo Oromiyaa 51.6% yoo ta'an bakka bu'aa nama tokkittii achii qabu. Naannoon Amaaraa kan 10% hin caalle bakka bu'aa saddeet qabu. Aangoon jiru hunduu isaaniin to'atame jira. Kanaafuu amma ilaalcha lamaan nutti qabsaa'aa jiru. Isaanis:
Ahbaashaafi Nagxenyaa (ABN). Yaada kana lamaantu wal deeggaranii nutti duulaa jiru. Jalqabumaa majlisni zulmii irratti ijaarame kun haqa dalaga jedhanii eeguun gowwummaadha. Namni yaada kanaan "zarenyaa" jedhus hin dhabamu. Warra kanaaf hiikti zarenyaatuu hin galle. Waanuma hin beekne dubbatu.
Yaada kana guyyaa baay'ee federaalatti kaasee wal dhabne. Ijaarsi majlisaa kun Zulmii hin qabu naan jedhan. Oggas "yoo ijaarsi majlisaa kun zulmii hin taane zulmiin addunyuma irra hin jiru" jedheenii wal lolle.
Maalumaafuu Dr.Jeylaan achi jiraachuun bu'aa mataa isaa ni qaba. Garuu isaan Amaariffa hin beekan. Ahbaashonni sun immoo Arabiffa hin beekan. Kanaafuu mallattoon walii galuu malee furmaanni biraa hin jiru. Dr.Jeylaan murtii Afaan Amaaraa keessatti hirmaachuu hin danda'an. Kanaafuu oromiyaan guutumatti achi keessaa sagalee hin qabu. Majlisni ummata Muslimaa 51.6% hin hammanne eenyuuf hojjata laata?