Namoonni qadaan Ramadaanaa irra jiru osoo Ramadaana qadaa hin baasin Shawwaaliib soomuu hin qabu. Dursee qadaa baasee achii ka'ee Shawwaaliin sooma.
Ragaan isaa jecha Ergamaa Rabbii armaan gadiiti:
فعن أبي أيوب الأنصاري رضي الله عنه أن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال: "من صام رمضان ثم أتبعه ستاً من شوال فكأنما صام الدهر كله" رواه مسلم.
Abuu Ayyuub Al-Ansaarii irraa odeeffamee (RA) ni jedhe: Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: "Namni Ramadaana soomee ergasii Shawwaal irraa guyyaa ja'a isa hordofsiise akka waan waggaa guutuu soomee ta'a. Muslimtu gabaase.
Erga Ramadaana soomee Shawwaaliin hordofsiise jedha waan ta'eef Shawwaal Ramadaana dursuu hin qabu.
@glababor