لله ثم للتاريخ
Rabbiif jecha; akkasumas itti gaafatama seenaa jalaa ba'uuf jecha
( Gali Ababor )
★★★★★★★★★★★★★★★★
Dhimma majlisaa hibboo natti ta'ee jiru kana ummataafis qoodee itti gaafatama seenaa jalaa ba'uun barbaade. Mee obsaan Hanga dhumaatti naaf dubbisaa.
Akkuma beekamu sababa qabsoo yeroo dheeraa godhameen, namoonni baay'een aarsaa hanga lubbuullee itti kafalaniin sadarkaa amma jirru kanarra geenyeerra. "Garuu jijjiirama argame kana irraa ruubiidhuma aarsaa kafallee sana fayyadamnee jirraa?" kan jedhu gaaffii Muslima hundaati. Yeroo dheeraa watwaataa turreeti Koreen nama sagal qabu Dr.Abiyyiin hundeeffamuu ni yaadanna. Koreen sun koree xixiqqoo sadii of jalatti hundeesse. Koreen tokko kan Ahmaddiin Jabaliin hogganamu yoo ta'u dambii bulmaata majlisaa qopheesse. Koreen Ulamaa kan Dr.Jeylaaniifi Muftiin hogganamu sanadii tokkummaa ulamaa qopheessan. Koreen Ustaaz kaamil Shamsuutiin hogganamu immoo majlisa labsiin mirkaneessuu irratti hojjataa ture. Warri kunis kufaa ka'aa hanga danda'an hojjatanii majlisa ce'umsaa ummata waamanii hundeessaniiru.
Majlisni guyyaa san hundeeffame caasaa lama qaba ture. Isaanis aalimoota (beektota amantii Islaamaa) nama 26 fi hayyoota bulchiinsaaf ta'an 7 hammate. Warri kun majlisa duraan dirqamaan ummata irratti fe'ame irraa amaanaa ummata Muslimaa fuudhaniiru. Waadaas seenanii ummata Muslimaa walqixaan tajaajiluuf amaanaa fuudhaniiru.
Hojiin ijoon majlisa ce'umsaa kanatti kenname ji'a ja'a keessatti waa afur raawwatee majlisa ummanni filatetti kennuu ture. Isaanis:
1. Dambii Bulmaataafi sanada tokkummaa Ulamootaa qophaa'ee jiru mirkaneessanii hojiirra oolchuu.
2. Majlisa Labsiidhaan mirkaneessuu
3. Tokkummaa Muslimootaa eegsisuufi
4. Hanga masjidaatti caasaa majlisaa diriirsanii filannoo geggeessuu ture.
Rakkoo uumame
1. Ji'a ja'an ce'umsaaf kaa'ame kana keessa majlisni federaalaa dirqama itti kenname afran keessaa tokkollee hin hojjanne. Osoo isaan loliisa suufiifi Salafii, yeroo garii immoo boordiifi ulamaa jedhanii wal lolanii hajjiin ga'e. Dirqama afran sana keessaa tokkollee osoo hin hojjatin hafan.
2. Aalimoonni 26 ummata fuulduratti haa filataman malee hojimaata iftoomina tokkollee hin qabneen namoonni 11 qofti hoji raawwachiiftuu jedhamanii federaalatti hambifamanii warri kaan gara naannootti ergaman. Warra 11 achitti hafe kana eenyu akka filate aalimoonni 26 sun hin beekan. Warri gara naannootti deebifaman hunduu qabatamaan aangoo tokkollee federaala keessaa hin dhaban. Kana hunda caalaa kan nama dhibu ulamoonni 11 hoji raawwachiiftuu jedhamanii achitti hafan kana keessaa namni saddeet kan naannoo Amaaraa irraa dhufaniidha. Naannoo Oromiyaa irraa kan keessatti hirmaate nama tokkicha. Tokko Sumaaleedha; inni tokko immoo naannoo Kibbaati. Kan sabaafi sablammoota biroo bakka bu'u homaatuu hin jiru. Pirezdaantiifi itti aanaas aalimoonni 26 kunis hin filanne. Filatamaadhuma argan.
3. Aalimoonnii 26 filatamaniifi boordiin torban yeroo ce'umsaa isaaniif kenname keessatti guyyaa tokkollee wal ga'ii hin waamamne; wal ga'aniis hin beekan. Bakka bu'oonni muslimoota Itoophiyaa yeroo isaaniif kenname keessatti guyyaa tokkollee wal hin geenye. Yeroon isaanii dhumee ji'a afur booda Dubaayitti wal ga'an. Guyyaa achitti wal ga'anis Dambii ji'a sagal fayyaa itti laffa'ame dhiisanii waan isaaniif ta'u kan biraa tolchanii mirkaneeffatan. Yeroo isaanii kan dhumes ni dheereffatan. Inumaa boodarra Salaam Ministeerii bira dhaqanii wanti filannoo majlisaa jedhamu tokkollee hin jiruu walii galanii ba'an. Sheekoleen Ahbaashaa achi jiran hunduu nuti akka Sinoodoosiitti teenya filannoon homaatuu hin jiru jedhanii labsatan.
3. Aalimoonni ahbaashaa kun Pirezdaantii dabalatee tokkommaa Muslimaatti kallattii kamiinuu hin amanan. Muslimoota Mazhabaanis sabaanis adda qoodu. Wal ga'ii tokko irratti "maaliif Muslimoonni Oromiyaa bakka bu'aa majlisa federaalaa keessaa dhaban?" ani jedhee gaafannaan pirezdaantichi ibsee "majlisni kun kan saba Amaaraati, kan ijaares Amaara" jedhee wal ga'ii irratti dubbate. Qabatamaanis hoji raawwachiiftuu 11 keessaa namoota saddeet naannoo Amaaraa irraa gochuudhaan d