ubbii isaanii hojiin agarsiisan. Gariin isaanii ammaan booda wanti naannoo/killil jedhamu hin jiraatu jedhanii labsu.
Akkasumas baay'een hoji raawwachiftoota sheekolee federaalaa tokkummaa Islaamaa kan mazhabaatiif kan dhaabbatanii miti. Sa'aatii hunda Muslimoota gareetti qoodanii waamu. Wal ga'ii majlisaa kam irrattuu maqaa Muslima jedhu isaanii dubbatuu hin dhageenye. Erga Muslimoota qoodanii xumuranii ofii garee tokko qofaaf dhaabatu. Dhugaa dubbachuuf isaan abukaatoo garee tokkooti malee kan Muslimoota hundaatii miti.
Furmaata barbaachisa.
1. Muslimoonni naannoo Oromiyaafi naannolee biroos bakka bu'aa baay'ina isaanii madaalu majlisa federaalaa irraa qabaachuu qabu. Majlisni kan Naannoo amaaraa qofa ta'uu dhiisee kan Muslimoota Itoophiyaa ta'uu qaba.
2. Ulaagaa tokkoon maleetti pirezdaantiin sun achii ka'uu qabu. Haala kamiinuu Muslimoota Itoophiyaa hogganuuf hin tolan. Akkasumas Ahbaashonni tokkummaa Muslimootaatti hin amanne achii baafamuu qabu.
3. Dambiin isaan bu'aa ofiitiif kaa'atanii mirkaneeffatan sun haqamee kan Sharaatan sun hojiirra ooluu qaba.
Akkuma kaleessa isiniif gabaase hoji raawachiiftuun federaalaa nama kudha tokkotu jiru; isaan keessaa saddeet naannoo Amaaraati. Oromiyaan nama tokkicha malee bakka bu'aa isaan keessaa hin qabu. Baay'inni Muslimoota Itoophiyaa immoo 51.6% Oromiyaa keessa jiru. Bakka bu'aa immoo 10% federaala keessaa hin qaban. Gumii dhimma Islaama federaalaa keessatti naannoon Oromiyaa kootaa baay'ina Muslimoota isaatiin wal madaalu argachuu qaba. Kun dirqama Muslimni kamuu hubachuu qabuudha. Akka majlisa Oromiyaatti amma yeroo gabaabaatti furmaanni nuuf kennamee Oromiyaan bakka isii fakkaatu Federaala keessaa akka qabaattu barbaanna.
Majlisa Oromiyaa carraa argatan hundaan maqaa balleessuuf socho'u. Fkn MM fi ministeera nageenyaa bira deemanii maqaa akka balleessaa turan odeeffannoo sirriitti argannee jirra. Ibsi reediyoo Jarmaniitiin isaan kennan immoo lola Oromiyaafi naannolee biroo irratti banuu ture. Oromiyaa biyya nagaan jirtu akka waan jeequmsi guddaan jiruutti irratti odeessu. Namni Oromiyaa irraa bakka bu'ee achi jiru tokkicha. Tokkoon sunuu Afaan Amaaraa waan hin beekneef namni Oromiyaa irraa deebisu tokkollee keessa hin jiru.
Walumaa galatti Oromiyaa diina godhatanii akkamitti naannoofi godina ijaarame diignaaf socho'u. Godinaalee hunda irraa majlisa duraan Muslimoota nyaataa ture walitti qabanii akka Oromiyaa himatan godhu. Achii ka'anii osoo bakka tokkollee deemanii dogoggora Oromiyaa hin mirkaneeffatin akka Oromiyaan Suufiyyaa miidhe dubbatu. Bakka tokkollee deemanii hin mirkaneeffanne. Walumaa galatti isaan waan saba tokkoofi garee tokko qofaaf dhaabataniif Oromiyaa wanta tokko hojjachiisuu dhorgaa jiru. Naannolee biroo tokkollee ijaaruu dhiisanii taa'anii kan Oromiyaa qofa dubbatu. Dhugaadha majlisni Oromiyaa dogoggora yoo qabaate qaamni dhugaa eegu gadi bu'ee ilaalee mirkaneeffatee tarkaanfii barbaachisu fudhachuun barbaachisaadha.
Federaalli, keessumaa hogganaan aalimootaa sirna federaalaa amma jirutti hin amanan. Kanaafuu kallattiidhaan dhimma naannoo keessa seenu. Hanga masjidaa gadi bu'anii murtii ofii barbaadan kennuu fedhu. Fedhiin ummataas isaan biratti gatii tokkollee hin qabu. Oromiyaa immoo hanga danda'aniin godinaalee ijaarame diiguuf halkaniifi guyyaa socho'u. Imaamni masjidaallee akka Ahbaasha ta'uu godinaafi aanaatti bilbilanii qama mootummaa ajaju.
Garuu wanti namatti tolu Oromiyaan filannoo aanaafi ganda hundaa waliin ga'eera. Isaan xalayaa dhaabaa jedhu barreessanis homaa gurra itti hin kennine.
Kun odeeffannoofi yaada ana bira jiru. Federaala sirreessuu dhiiftan jettanii akka nu hin komanneef odeeffannoo ana bira jiru isiniin ga'eera.