#Waxabajjii14
Itoophiyaatti baatii Waxabajjii 14 dhufu kana guyyaa tokko Aduun Lafaa fi Ji'aan waan daaheeffamtuuf guyyaan sa'atii 6f akka dukkanaa'u Inistitiyuutiin Saayinsii hawaa fi Teekinolojii Itoophiyaa beekisise.
• Aduun kun kan daaheffamtuu Itoophiyaa kallaatti Dhihaa haga Kaaba bahaattidha. Haaluma kanaan sababaa Aduun Lafaa fi Ji'aan daaheffamtuun bakka hundaa caalaa Wallaggaa , Gar-tokkoo Goojjamii fi Gondoor, Walloo naannawwaa Laallibalatti guyyaan ni dukkana'a.
• Daheeffamuun (haguugamuun) Aduu kunis kan ta'u akka lakkoofsa Itoophiyaatti Waxabajjii 14 guyyaa Dilbata ganama saatii 12 :45 irraa jalqabee haga guyyaa keessaa saatii 6:33 tura.
• Sababaa daaheffamuu Aduun, gaafa guyyaa kanaa ganama keessaa saatii 3:45 yoo ta'u saakoondii 38 lafti caalaatti ni dukkana'a.
• Dahaachuun(Daheeffamuun) Aduu kan uumamu yeroo Jiini, Aduu fi Lafa jidduu galuun Aduun akka nutti hin mul'anne godhan ta'uudha jedhame.
@HawiTiMES @HawiTiMESOf eeggannoo❗️
Waxabajjii 14/2012 dilbata dhufu Dahaachuun (Daheeffamuun) Aduu waan mul'atuuf of-eeggannoo gochuu qabna!
Manatsirii dhimma kanaaf qophaa'een ala biiftuu golgamte tana ija duwwaadhaan ykn waantota akka fiilmii suuraa, filaash diiskiifi kkfn ilaaluuf yaaluun balaa guddaa hanga qaroo dhabamsiisuutti kan namarraan gahu waan ta'eef ummanni cimsee akka of eegu ogeessonni dhimmamanii gorsaa jiru. #share
@HawiTiMES @HawiTiMES