Karaa mlkaa'inaa


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


Gaaruma Yaadi

Связанные каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций




Gaggeessaan Artist Alii Birraa Finfinnee fi Dirree Dhawaatti raawwatame

(SQ-Sadaasa 8,2022)

Koreen Biyyaalessaa sirna gaggeessaa Alii Birraa qindeessu sagantaan gaggeessaa magaalaa Finfinnee fi Dirree Dhawaatti akka raawwatamu ibsuun isaanii ni yaadatama.

Akka ibsa koree kanaatti jalqaba bakka mana jireenyaasaa magaalaa Bishooftuutti argamu irraa Xiyyaaran gara Finfinnee addababayii Michummaatti geeffame. Achittis miiltoowwaniifi hiriyoonni, Qondaloonni Mootummaa olaanoo hedduun, akkasumas ilmaan Oromoo hedduun argamaniiru.

Sirna kana irratti Seenaansaa karaa Mahaammad Qophee afaan Oromoofi afaan Amaaraan dubbifamee.

Sirni geeggeessa isaa raawwatee booda karaa buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee gara magaalaa dhalootasaa Dirree Dhawaatti gaggeeffama.

Isteediyemii Dirree Dhawaattis erga simannaa ,Saalatniifi geeggeessaan gootaa taasifameefii booda, bakka abbaansaa itti awwaalame Laga Harree-iddoo awwaalcha hordoftoota amantii Islaamaatti akka awwaalaman sadasa 7, 2022 ibsa baherraa hubachuun danda'ameera.

Yeroo gabaasa kana qindeesinetti tartiiba koreen kun ka'een haala ho'aa ta'en sirni geeggeessa isaa magaalaa Finfinneetti geeggeefama jira.

Du'aan boqochuu mootii artii Oromoo Doctoora kabajaa Artist Alii birra ilaalchiisun, imbaasilee akka Ameerikaa, UK, Gamtaa Awurooppaa fi kaan ibsa gaddaa baasun gaddaa isaanii ibsatanii jiru, akkasuma perzedantoota mootummoota naannoolee hunda dabalatee namoonni beebekamoon karaa adda adda gadda isaani ibsata jiru, kana malees hawaasi Oromoo biyyoota addunyaa irra jiran ibsa gaddaa baasun Alii dhabutti heddu gaddu ibsanitti jiru.


Yuunivarsiitii Wallaggaatti Barattoonni Qormaata Fudhachuuf Deeman Nyaata Summeeffame Nyaachuun Miidhamuun Dhagaa'ame.

[SQ Onkoloolessa 8/2022

Guyyaa har'aa jechuunis Onkoloolessa 8/2022 barattootni Oromoo qormaata biyyoolessaa kan kutaa 12ffaa tibbana kennamuuf deemu fudhachuuf gara mooraa Yuunivarsiitii Wallaggaatti ramadaman, nyaata summii qabu nyaachuun gariin du'uu fi kanneen heedduu ta'an ammoo haala yaaddessaa keessatti argamuu maddeen SQ'f yaada ergan ifoomsanii jiru.

Akka odeessii arganne himutti, nyaata kana nyaachuun booda barattoonni heedduun gaggabanii kukkufaa turuu fi kanneen du'anillee jiraachuutu himama. Itti dabaluun namoonni yaada isaanii nuun gahan akka himanitti, "duraan waan dhiphina sammuu (tension) qormaataan hubamanii waan gaggaban seene, boodarra garuu barattoonni danuu ta'an wayita kukkufan arginee summii ta'uu mirkaneefanne" jedhu barattoonni.

Kanneen summii nyaachuun miidhamanis Ambuulaansiin gara Hospitaala Riferaalaa Yuunivarsiitichaatti guuramaa turuullee odeessi arganne ni mul'isa. Namoonni deemanii dhimmicha akka adda hin baafneef, Poolisoonni Federaalaa dhorkuu fi barattoonnillee moorichaa akka gad hin baaneef, keessatti dhorkuun dhagaa'ameera.

Hanga ammaatti balaa mudate kanaan barattoonni hangam akka miidhaman adda baafachuuf yaaliin taasifne hin milkoofne.

Yeroo ammaa guutummaatti waanti barattoota Oromoo qormaata fudhachuuf Yuunivarsiitiilee adda addaatti imalaa jiranii haalasn yaaddessaa ta'uurra darbee, kallattiin kaampii humna waraanaatti galfamaanii adda lolaatti ergamaa akka jedhanillee beekameera.


Ganamaan hidhattee
Kaayyoof jecha kaatee
Galma kee ga'uudhaaf
Bu'aa ba'ii baatee

Ballinaaf gadadoo
Meeqa dhandhamattee
Hundumaa obsitee
Tartee dandamattee

Biiftuu rakkinaatiin
Jiruun haguugamee
Qabeenyiif humni kee
Sirraa daguugamee

Osoo argachuu dandeessuu
Kayyoof jecha dhabdee
Imala daandii dheeraa
Qoqa kee gad qabdee

Hundumaa dandeessee
Imalicha feetee
Tabba meeqa baatee
Laga meeqa ceetee

Kan barataa turte
Inni gamanaaf gamaa
Kan dhama'aa baate
Waggaa kudha lama

Kaayyoon kee tarkaanfatee
Deemee galma ha ga'u
Firiin qormaata keetii
Bareeda ha ta'u

Firiin kee ha mi'aa'u
Hin caaliniin dammuu
Xaariin kee hin ta'in
Bishaanitti nammuu

Siif ha gammadu maatiin
Firrii keetiif sabni
Gufaatii hin qunnamin
Sin argatin cabni

Sammuun kee qaramee
Ha dhaalu beekumsi
Isin faana ha ta'u
Kan Rabbii eegumsi


Warra qormaata Entrance fudhatan maraaf carraa gaariin hawwa!!



✍️... @Sabaa_Ifaa

#JOIN_AND_SHARE

👇👇👇👇👇👇👇👇👇
💎💎💎💎💎💎💎💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎💎💎💎💎💎💎💎


ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!


Madaankee sirra turraan
Maaf jetta fayyuu dide
Qawweedhaan dhabamsiisu
Dhukkuba qawween fide.

Garbummaa jala teessee
Hin karoorsin jiraachuu
Hireekee maaf godhatte
Baraan hambaa ormaa nyaachuu?

Lagaan wal qoqqooduudhaan
Walii keetti alagoomtee
Jaarraa tokkoof walakkaaf
Jiraatteetta garboomtee.

Guddinaaf jabinakee
Dagattee hanga geessu
Si jalatti ormi dhaane
Daa'imaaf haadha deessuu.

Hoomaa girrisaa mannaa
Tokkicha risaa wayya
Hidhannee yoo falmanne
Madaan keenya ni fayya.

Dhiisi afaan wal wallaaltee
Kara karaa hin kaatin!
Biyyakee ijaarradhu atis
Waanjoo garbummaa hin baatin!

Akka biyyoota kaanii
Utuu hidhannoo qabaattee
Qe'ee keerratti hin cabdu
Hireekee ormaaf laattee.

Kan darbe irraa baradhu
Oromookoo dammaqi
Jajjabeekee jabeessii
Imimmaan sabaa haqi!
.....................................
Yadesa MT Gudina




Репост из: Wolaloo amaan nyafaroo
Obsaan eeggadhaa dhufuutti jirraa


➡️JECHOOTA HAYYOOTAA


✅"Meeshaa cimaan addunyaa
ittiin jijjiiran barnoota"
➡️ Neelsan mandeellaa


✅"Barnoonni hundeen saa hadhaawaadha firiin isaa
garuu mi'aawaadha"
➡️ Aristootil

✅"Jechi hin danda'amu jedhu kan
argamuu kuusaa warra goowotaa
keessatti"
➡️ Napolisyoon

✅ "Barnoonni kan ittiin jireenyaaf
qopaa'an osoo hin taane ofii
saatifuu jireenyaadha"
➡️ Joon Deweeyi

✅ Itti fufaa hordofaa

➡️ @karaamilkaainaati


✅"Namni kaarra mana barumsaa banu
kaarra mana hidhaa ni cufa"
➡️ Kan ja'ee anaa miti ➡️ Viktor Hugo

➡️ @karaamilkaainaati


➡️"Choose the best and Leave the rest"

➡️ kana tuqii join_godhi
👇👇
➡️ @karaamilkaainaati




App kun bilbila keessan yeroo barbaaddanatti gara TV  remotitti jijjiiruuf isin fayyada!
》TV feetan waliin fayyadamuu dandeessan.
》Bakka jirtan teessanii chaanaalii jijjiiruu Dandeessu.
》Sagalee olkaasuu, gad buusuu, fuulduratti Darbuuf isin dandeessisa.
》App kana fayyadamnaan remote bituu isin hin barbaachisu.
》wanti isin barbaachisu bilbilaafi app kana qofa!
Maal eegda ree maaf hin buufanne. Link gadii tuqi.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://apk.kanapress.com/app-bayyee-bareeda-kana-buusaa-itti-fayyadama/


Akkatti hin hafuu ni bariitii.


❏ "WALLAALUMMAA qabeenyi namaaf dhokse irra BEEKUMSA hiyyummaan dhokse wayya!"

❏ "Better is KNOWLEDGE hidden by poverty than IGNORANCE hidden by wealth!"

❇️ @Gorsa_Jireenyaa❇️
❇️@Jechoota_Gamnaa❇️
❇️@Jechoota_Gamnaa❇️


Репост из: Tg@chavanii emotions
natti hin tolu!

namaan deemi jechaa
ofii kootii taa'uun
Koo moggatti dhiisee
mandara laakka'uun

natti hin tolu!

dureessa fakkaadhee
bullukkoo uffachuun
ofjabaa fakkeesse
nam-biraa tuffachuun

natti hin tolu!

ofumaa of-hooqee
dirra Koo madeessuun
osoma naa hin galin
naaf-gale fakkeessuun

natti hin tolu!

ofumaa of dhiitee
biyyetti of makuun
dalagaa koo dhiisee
bakka hin malle dhaquun

natti hin tolu!

kijibaan fakkeessee
nama gammachiisuun
namoota dararee
jireenya Koo kiisuun

natti hin tolu!
@forgiveMeallahKanaaTuquunMatiiTa
@forgiveMeallahKanaaTuquunMatiiTa


kana tuqi👉@karaamilkaa'inaa


milkaa'uf waan gaari yaadi waan gaari hoojjadhu.
waan shakkitu hin hojjatin waan hojjattu ammo hin shakkin.
👇@kana-tuqii
👉@karaa-milkaa'inaa


happy New year!!!
baraa haara baga geessaan.
barri kan jaalalaa
kan milkii
kan nageenyaa isiniif haa ta'u.


Репост из: Lencho Dhiba
👉minilik diina oromooti
👉oromoon itiyoophiyaadha
👉kanaafuu minilik diina itiyoophiyaati. yoo soba jette oromoon itiyoophiyaa miti jechuudha ykn minilik diina oromoo miti,
minilik harmaa oromoo hin murre,
gocha gara jabeenyaa oromoo irratti hin raawwanne,
minilik oromoo lafa ykn qe'ee isaarraa hin buqqifne jechuudha. oromoo dabalatee warreen minilik yakkamaa gochuu hin feene dhugaa kanaan soba ykn shekkoodha jedhu. irra caalaan oromoo immoo jecha minilik goota itiyoophiyaati jedhu falleessuuf nuti itiyoophiyaa miti ofiin jedhu. minilik yakkamaa gochuu moo ummata oromootiin ni sobda, minilik kana hin raawwanne jechuutu bu'a qaba ?
isa kamtu biyya kanaaf nageenyaafi tokkummaa fiduu danda'a ?
✓oromoon biyya kana gara barbaadetti ofuu kan danda'u minilik yakkamaa ta'uu saba kaaniif ifa yoo godhe qofa. warri amaara maaliif minilik goota jedhanii faarsu ?. sabni warri kaan hoo ? .
✓ warrii amaara minilik goota jedhanii kan faarsaaniif seena sobaa baroota darban keessa warreen minilik leellisaniin barreeffamee madda seena godhataniitu. warreen seenicha baarressaan immoo seena dhugaa dabsuun wantoota gaggaarii minilik rawwaate qofa lafa kaa'anii darban. gocha hammeenya inni rawwaate ammoo ukkaamsuu filatan. kanaaf ijoolleen warra amaaraa gaafa lafa baatu gootummaafi garummaa minilik dubbisaa guddatti. bifa filmii fi afaaniin seena kana dabarsuurratti waan ummata kaan dursaaniif haluma salphaan dhugaa jiru ukkaamsuu danda'aniiru. ijoolleen jaraa maatiirraallee kanuma dhagayaa guddatti jechuudha.
maaliif yoo jette namni waanuma nyaate haga
✓warri kaan immoo osuma dhugaa jiru beekanii oromoo faallessuuf jecha dhugaa kana har'allee ukkaamsuuf dhagaa isaan hin buqqifne,gaara isaan hin dhiibne hin jiru. kana hambisuuf hojiin gama oromootiin hojjetame hin jiru jechuun ni danda'ama,yoo jiraatees ga'aa miti.
✓saboonni biroon immoo maddeen warra minilik leellisanii ragaa godhachuun nama minilik faallessuu diina godhatu. warreen kaan immoo oromoon nama ajjeessa,nama qala,kan jedhamu sana waan sodaataniif mataa ol qabachuu oromoo hin fedhan. ilaalcha dogongoraa(misconceptions) kanas kan facaase minilikiif warra isa fakkaatanidha. ilaalcha dogongoraa akkasii kana balleessuun eenyummaa oromoo isa dhugaa barsiisun dirqama oromoo hundaati. kanarrattis hojiin hojjetame ga'aa miti. inumaayyu yeroo tokko tokko olola isaan oofan kana yeroo itti mirkanneessiftu mul'ata. kanarratti of eegannoo guddaa nu barbaachisa. ilaalchota akkasii balleessuun garuu waan yeroo gabaabaatti ta'u miti. obsaafi beekumsa gaafata.
✓ ilaaluufi arguun gargari. warra argu qofaaf
✓ ani gama kootiin ijoollee amaaraa waaniin komadhu hin qabu. garuu kanan jara komadhu dhugaa jirtu beekanii faayidaasaniif jecha yoo dhugaa liqimsuu didanidha. maaliif jara hin komattu yoo jette, nuti oromoonniifi isaan madda garagaraa dubbisna waan ta'eef. fakkeenya tokko siniif kennuu laata ? mee da'imnii lama kutaa tokkoffaa garuu daree garagaraa baratu haa jennu. barsiisaadhumti tokko daree tokko keessatti 1+1=2 jedhe barsiise. daree kan biraattimmoo 1+1=3 jedhe barsiise. gaaffiin kun qormaatarra dhufe. barattoonni kun deebii gaaffii kanaarratti waliigalu jettee yaaddaa? hanga barsiisan sun nan dogongore jedhuutti ykn barsiisaan biraan dogongora ta'uu mucaa isa dhabe hubachiisutti waliif hin galan. erga hubateyyuu qabxii dhabuu ykn caalamuu waan hin barbaadneef dhugicha haaluu danda'a. inni 1+1=3 ta'uutti barate sadii jedhe yoo deebise dogongora maal qaba? osoo akkamitti akkas ta'a jettee si loluu danda'a. dhugaa qabas ,inni dogongora maal qabaree,kan dogongore madda odeeffannoo isaati. nuti oromoon madda dhugaa wabii godhannee minilik balaalleffanna. jarri immoo madda sobaa kan maatiin isaaniif warri dura darban haqaaqanii barreessan wabii godhatu. seenichi soba ta'uu akkamitti jara barsiisfna ?
✓hanga warri amaaraa minilik yakkamaa ta'uu hubatannitti ida'amuun hin jiru. nan ida'a yoo jettes shukkaaraaf zayitii waliin makuu ta'a. warri ida'uu yaalanis bu'aa isaa dhamdhamaa jiru.
✍️ Leencoo Dhibbaa
@Natti_Hin_Aarin
@Natti_Hin_Aarin
@Natti_Hin_Aarin

Показано 20 последних публикаций.

74

подписчиков
Статистика канала