"Intalli koo Hiyyeessatti hin heerumtu"
Dureessi Addunyaa kanaa Bill Gates Intalli Isaa Maaliif nama Hiyyeessatti heerumuu Akka Hin Dandeenye Ibse. Waggoota muraasa dura Ameerikaatti konfiraansii invastimantii fi faayinaansii irratti gaazexeessan tokko gaaffii fi deebii irratti gaaffii nama hunda kolfisiise tokkon isa gaafate.
Gaazexeessaan akkas jedhee gaafate, " Isin sooressa Addunyaa kanaadha, otuu intala keessan dhiirri hiyyeessi ykn qabeenya hin qabne fuudhuuf barbaadee ni eyyaamtuu?" Kan jedhu ture.
Bill Gates akkas jedhe, "Tokkoffaa, qabeenya jechuun herreega baankii hojiin itti baay’atu qabaachuu jechuu akka hin taane hubadhu. Qabeenyi hunda caalaa dandeettii qabeenya uumuudha. Fakkeenyaaf: namni lootarii mo'ate ykn qumaara taphatu, Yoo miliyoona 100 mo'atellee dureessa miti. Hiyyeessa maallaqa guddaa qabuudha, kanaaf miliyeenaroota lootarii waggaa 5 booda %90 deebi'anii hiyyeeyyii ta'u. Dureeyyii maallaqa hin qabnes jiru. Fakkeenyaaf hojii uumtonni (entrepreneurs) dura qarshii dhabanillee, sammuu maallaqaa fi qabeenya sana guddifachaa waan jiraniif gara qabeenyaatti karaa irra jiru.
Gaazexeessaa: "Dureeyyii fi hiyyeessi akkamitti adda adda bahu?"
Bill Gates itti fufee..." Gabaabumatti, Sooressi duroomuuf du'uu danda'a, Hiyyeessi immoo duroomuuf ajjeesuu danda'a. Dargaggeessa leenji'uuf murteesse, waan haaraa baratu, yeroo hunda fooyya'iinsaf yaalu yoo argite, sooressa ta'uu isaa beekuu qabda. Dargaggeessa rakkoon mootummaa keessa jira jedhee yaadee sooressa akka hattuutti yeroo hunda qeequ yoo argite hiyyeessa ta'uu isaa beekuu qabda. Dureeyyiin guddachuuf odeeffannoo fi leenjii qofa akka isaan barbaachisu ni amanu, hiyyeessi namni kaan maallaqa akka isaaniif kennuu qabu yaadu.
Xumura irratti intallikoo nama hiyyeessatti hin heerumtu yeroon jedhu, waa'ee maallaqaa miti. Dandeettii namicha kanaa qabeenya uumuu dubbachaan jira. Dubbiikoof dhiifama, yakkamtoonni baay'een namoota hiyyeeyyiidha. Gaafa qarshii argatan ni maraatu kanaaf hatuu ammas dabalanii hatu. Isaan akkamitti ofuma isaaniitiin maallaqa argachuu akka danda'an waan hin beekneef nama kofalchiisu.
Gaaf tokko eegduun baankii tokko boorsaa maallaqaa tokko argate, boorsaa sana fudhatee hogganaa baankii sanaaf dabarsee kennuuf deeme. Namoonni nama gaarii kana gowwaa jedhanii waamu, dhugaa dubbachuuf garuu namni gaariin kun dureessa maallaqa hin qabne qofa ture.
Waggaa tokko booda baankichi hojii gaggeessaa godhee isa muude, waggaa 3 booda itti gaafatamaa maamiltootaa ta'ee, waggaa 10 booda waajjira naannoo baankii bulchuu ta'e, hojjettoota dhibbaan lakkaa'aman bulchuu fi kaffaltiin waggaatti inni argatu hanga inni hatuu danda'u ol ta'e"
Qabeenyi hunda caalaa haala sammuuti yaa fira koo!
👉 GALATOOMA👈
yaadaf 👉
@aman_royal