#JAALALA
▬▬▬▬▬
➥ Mandara tokko keessa Abbaa manaa, haadha manaa fi mucaa isaanii tokkotu jiraata ture.
➥ Galgala tokko balballi maatii kana rurrukutama. Haati manaas balbalicha yeroo bantu jaarsolii mataan isaanii haarrii baay'ee babbareedan 3 balbala irra dhaabbatan argite.
Isheenis "maal isin gargaaru koottaa seenaa" jetten. Jaarsolin kunis deebisanii "lakki hin seennu. Jalqaba Ofii keenya si barsiisna" jedhani ofii isaanii barsiisuu jalqaban.
➥ Inni 1ffaan" ani Milkaa'inan jedhama ani mana kee yoon seene abjuun kee hundi galma
siif ga'a" jedhen.
➥ Inni 2ffaan "Maallaqan jedhama ani mana kee yoon seene rakkinaa fi Hiyyummaa kan jedhamu tokkallee hin argitu" jedheen.
➥ Inni 3ffaan "Ani Jaalalan jedhama jaalalaaf immoo ibsi hin barbaachisu" jedheen.
➥ Sana booda Haati manaas "altakka na eegaa abbaa manaa koon mariisisa" jetteen.
Gara manaattis olgaltee abbaa manaa isheetti waa'ee jaraa yeroo himtu baay'ee dinqisiifatee, "yaa haadha manaa koo kun carraa hin
argamnee dha maallaqa argachuf jedhee kunoo halkaniif guyyaan hojjedha garuu akkan yaade hin taane hiyyummaa keessaa ba'uu hin
dandeenye. Amma immoo Maallaqni ani dafqaafii ture balbala keenya irra dhaabbatee nu kadhachaa jira. Amma ariifadhuutii warra kaan dhiisitii Maallaqicha ol nuuf seensisi" jedhen.
➥ Haati manaas Yaadasaa kanatti walii galtee maallaqa ol galchuuf yeroo deemtu mucaan
ishee "Haadha koo Maallaqa ol seensistee abbaan koo akkuma amala isaa sireebaa
jiraachuu kee irra guyyaa hundumaa lola isaaf
jettee dhiphachaa jiraachuu kee irra JAALALA ol galchitee nagaa dhaan jiraachuu siif hin wayyuu?" Jedheen.
➥ Isheenis takka dhaabattee itti yaaddetu dhuguma jette yaa ilma koo nagaa naaf wayya
boqochuun qaba" jettee yaada mucaa isheetti gammaddee, abbaa manaa isheetin," jaalalli ol galuu qaba" jettee wal mormii baay'ee booddee
jaalalli akka olseenu murteessan.
➥ Gara Jaarsolii kanaas dhufanii" JAALALA kan jedhamtu koottuu seeni" jedhaniin. Jaalallis isaan hordofee gara manaatti olseene.
👉 GALATOOMA