Imimmaan qullubbii fi Imimmaan Jaalalaa😭
Jaalalleenkoo amma naaf bilbiltee "Waa'een heerumakoo haa hafu, akkamitti waa'ee fuudhakee dagatta?" naan jette. Bita na gallaan nan callise. "Dubbadhu jazbaa! Hawwiinkee gara fulduraa maalidha?" naan jette. "Hawwiinkoo gara fulduraa biyya nagaa keessa jiraachuudha..." jedhee utuu ani hin fixiin "Nagaa dhabi jaanja'aa. Baqqaa na wajjin jiraachuu hin hawwitu jechuudhaa?" jette. "Nan hawwa bareedduukoo!" jedheen. "Dhuguma natti himi. Na wajjin jiraachuu hammam hawwita?" naan jennaan "Na amantaa? Amma uummanni keenya nagaa hawwu caalaan si hawwa" jennaan bilbila narratti cufte.
Beela'een bakka taa'uu ka'ee qullubbii hamma dhagaa koobilii ga'u tokko kukkutuu akkuman jalqabeen imimmaan maddiikoo irra 'kol kol' jedhee yaa'e. Nama qullubbii kukkutaa boo'u utuun taane nama firri jalaa duunaan boo'un fakkaadha. Kanuma gidduutti ammas deebitee naaf bilbilte, jaalalleenkoo. "Dammakoo! Dhufaan jira, mana bira ga'eera" naan jette. Nan rifadhe. Lafan jiru utaalee ka'ee itti ba'uuf jennaan dhuftee balbala bira geesseetti. Dafeen qullubbii sana dhokse.
Akkuma seenteen imimmaankoo argitee baayyee rifatte😳 "Maal na jalaa taate gooftaakoo!" naan jette. "Lakki homaan taane giiftiikoo! Situ hin beeku malee ani baayyeen si yaada. Ammayyuu si obsuu dadhabeen taa'ee boo'aa tureem!" ittiin jedhe. Homaa utuu natti hin dubbatiin ijakoo keessa na ilaalaa imimmaan harcaasuu jalqabde😢 Kunoo amma lamaan keenya wal qabannee boo'aa jirra. Anaan qullubbiitu boossisa, ishee jaalalatu boossisa. Imimmaan qullubbii fi imimmaan jaalalaa😂
✍ @wakumafekadu
JOIN👉 @waaqooF